Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Warra Koo Haasofsiisuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

Warra Koo Haasofsiisuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

BOQONNAA 1

Warra Koo Haasofsiisuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

“Wanta natti dhagaʼamu warra kootti himuuf carraaqqii guddaa godheera; garuu naaf hin milkoofne; addaan na kutu. Miira koo ibsuun ija jabina guddaa na gaafata; garuu homaa naaf hin milkaaʼu.”—Roozaa.

XINNUMMAA keetti gorsa yeroo barbaaddu jalqaba kan fiigdu gara warra keetti ture. Xinnaas taʼe guddaa wanta akkamiiyyuu isaanitti himta. Yaada kee fi miira kee bilisummaadhaan isaaniif ibsita, gorsa siif kennanittis ni amanamta turte.

Amma garuu warri kee miira kee siif hubachuu akka hin dandeenye sitti dhagaʼama taʼa. Shamarreen Eedii jedhamtu, “Gaaf tokko galgala irbaata utuu nyaannuu booʼuun jalqabe; miira koo hundumaa baaseen dubbadhe. Warri koo na dhaggeeffataniiru; garuu waan na hubatan hin fakkaatu” jetteetti. Maarree sana booda maaltu taʼe? “Kutaa koo seeneen caalaatti booʼuu jalqabe” jetteetti.

Yeroo tokko tokkommoo, miira sitti dhagaʼamu warra keetti himuu dhiisuuf filatta taʼa. Dargaggeessi Kiristoofar jedhamu, “Wanta baayʼee warra kootti nan hima. Yeroo tokko tokko garuu wantan yaadu hundumaa utuu beekuu baatanii natti tola” jedheera.

Wanta tokko tokko dubbachuu dhiisuun kee dogoggoraa? Dubbachuu kan dhiiste gowwoomsuu yaaddee hamma hin taanetti dogoggora miti. (Fakkeenya 3:32) Warri kee miira kee akka siif hin hubanne kan sitti dhagaʼamu ykn dubbachuurraa duubatti kan jettu taʼuyyuu wanti dagachuu hin qabne tokko jira: Warra kee haasofsiisuun si barbaachisa; isaanis wanta ati dubbattu dhaggeeffachuun isaan barbaachisa.

Dubbachuu hin Dhiisin!

Karaawwan tokko tokkoon, warra kee haasofsiisuun konkolaataa oofuu wajjin wal fakkaata. Daandiin irra deemtu yoo cufames deemuu kee hin dhiistu; kanaa mannaa daandii kan biraa barbaaddatta. Mee fakkeenya lama haa ilaallu.

DAANDII CUFAMAA 1FFAA Warra kee haasofsiisuun si barbaachisa, garuu isaan waan si dhaggeeffatan hin fakkaatu. Shamarreen Liyaa jedhamtu akkana jetteetti: “Abbaa koo wajjin haasaʼuun na rakkisa. Yeroo tokko tokko yeroo muraasaaf ergan dubbadhee booda, ‘Dhiifama, na haasofsiisaa turtee?’ naan jedha.”

GAAFFII: Liyaan dhuguma abbaa ishii haasofsiisuun ishii barbaachisa taanaan maal gochuu qabdi? Yoo xinnaate filannoo sadii qabdi.

Filannaa A

Abbaa ishiitti iyyuu. Liyaan, “Wanta baayʼee barbaachisaa taʼedhaam, na dhagaʼuu qabda!” jettee iyyiti.

Filannaa B

Abbaa ishii haasofsiisuu dhiisuu. Liyaan waaʼee rakkina ishii dubbachuuf yaalii gochuu dhiisti.

Filannaa C

Yeroo mijaaʼaa taʼe eegdee dhimmicha irra deebitee kaasuu. Liyaan yeroo booda abbaa ishii haasofsiisti ykn rakkina ishii ilaalchisee xalayaa isaaf barreessiti.

Liyaan isa kam filachuu waan qabdu sitti fakkaata? ․․․․․

Mee filannoowwan kun buʼaan isaanii maal taʼuu akka dandaʼu ilaaluuf tokko tokkoon haa qorru.

Abbaan Liyaa xiyyeeffannaan isaa waan hihirameef wanta ishii yaaddesse hin hubanne. Kanaafuu, Liyaan Filannaa A yoo filatte, abbaan ishii maaliif akka isatti iyyite ishiidhaaf hubachuu dhiisuu dandaʼa. Filannaan kun tarii abbaan Liyaa wanta ishiin dubbattuuf deebii akka hin kennine isa taasisuu dandaʼa; kana malees abbaa ishiitiif kabaja akka hin qabne kan argisiisu taʼuu dandaʼa. (Efesoon 6:2) Filannaan kun buʼaa barbaadamu akka hin argamsiisne ifadha.

Filannaa B hordofuun salphaa taʼus, tarkaanfii ogummaarratti hundaaʼe miti. Maaliif? Sababiin isaas, “mariin hin jiru taanaan karoorri hin milkaaʼu.” (Fakkeenya 15:22) Liyaan rakkina ishiitiif furmaata argachuuf abbaa ishii haasofsiisuun ishii barbaachisa; abbaan ishiis ishii gargaaruu kan dandaʼu wanta jireenya ishii keessatti ishii mudachaa jiru yoo hubatedha. Dubbachuu dhiisuun buʼaa argamsiisu hin qabu.

Filannaa C yoo filatte garuu, Liyaan daandii cufamaan ishii mudate abbaa ishii haasofsiisuu akka dhiistu akka ishii taasisu hin heyyamtu. Kanaa mannaa, dhimmicha yeroo biraa kaasuuf yaalti. Tariimmoo abbaa ishiitiif xalayaa barreessuu yoo filatte, yeruma sana miirri gaariin ishiitti dhagaʼamuu dandaʼa. Xalayaa barreessuun ishii wanta jechuu barbaadde akka gaariitti ibsuufis ishii gargaara. Abbaan Liyaa xalayaa sana yeroo dubbisu, wanta ishiin isatti himuuf yaalaa turte ni hubata; kunimmoo rakkina ishii mudate caalaatti hubachuuf isa gargaara. Kanaafuu, Filannaan C Liyaas taʼe abbaa ishii ni fayyada.

Liyaan filannoowwan kan biroo akkamii qabdi? Filannaa yaadde tokko gaditti barreessi. Achiis filannaan sun buʼaan isaa maal taʼuu akka dandaʼu barreessi.

․․․․․

DAANDII CUFAMAA 2FFAA Warri kee akka isaan haasofsiistu kan barbaadan taʼus, ati garuu hin barbaaddu. Shamarreen Saaraa jedhamtu akkana jetteetti: “Mana barumsaatti guyyaa rakkisaa taʼe dabarsee akkuman galeen gaaffiidhaan yeroo na muddan natti hin tolu. Ani waaʼee mana barumsaa irraanfachuun barbaada; warri koo garuu yeruma sana, ‘Oolmaan akkam ture? Rakkinni si mudate jiraa?’ jedhanii na gaafachuu jalqabu.” Warri Saaraa gaaffii akkasii kan ishii gaafatan ishiidhaaf yaadanii akka taʼe ifadha. Taʼus Saaraan, “Yeroon dadhabuu fi dhiphadhu waaʼee mana barumsaa dubbachuun natti ulfaata” jetteetti.

GAAFFII: Saaraan haala akkasii keessatti maal gochuu dandeessi? Akkuma fakkeenya oliirratti ibsame, ishiinis yoo xinnaate filannoo sadii qabdi.

Filannaa A

Dubbachuu dhiisuu. Saaraan, “Maaloo na dhiisaa. Amma dubbachuu hin barbaadu!” jetti.

Filannaa B

Calluma jettee dubbachuu. Saaraan kan dhiphatte taʼus, haasaʼuuf fedhii utuu hin qabaatin gaaffii warri ishii ishii gaafataniif deebii kenniti.

Filannaa C

Yeroodhaaf waaʼee mana barumsaa haasaʼuu dhiistee waaʼee wanta biraa haasaʼuu itti fufuu. Saaraan waaʼee mana barumsaa yeroo biraa, yeroo dhimmicharratti haasaʼuuf sammuun ishii qophaaʼu akka haasaʼan yaada dhiheessiti. Achiis, “Oolmaan keessan akkam ture? Isiniif milkaaʼeeraa?” jettee garaadhaa isaan gaafatti.

Saaraan isa kam filachuu waan qabdu sitti fakkaata? ․․․․․

Mee ammas filannoowwan kun buʼaan isaanii maal taʼuu akka dandaʼu ilaaluuf tokko tokkoon haa qorru.

Saaraan waan dhiphatteef haasaʼuu hin barbaaddu. Filannaa A yoo filatte dhiphinni ishii itti fufa, warra ishiitti waan iyyiteef sammuun ishiis ishii ceephaʼa.—Fakkeenya 29:11.

Kana malees, warri Saaraa miira ishii toʼachuu dadhabuu ishiittis taʼe dallanuu ishiitti gadduu dandaʼu. Tarii wanti isaan dhoksite tokko akka jiru shakkuu dandaʼu. Akkasumas miira ishii akka ibsitu caalaatti dhiibbaa ishiirratti godhu taʼa; kunimmoo caalaatti ishii aarsuu dandaʼa. Filannaan kun buʼaa barbaadamu hin argamsiisu.

Filannaan B filannaa A irra akka wayyu ifadha. Yoo xinnaate Saaraa fi warri ishii waliin haasaʼaniiru. Taʼus mariin isaanii garaadhaa kan madde waan hin taaneef, Saaraanis taate warri ishii wanta barbaadan argachuu, jechuunis dhiphina malee iftoominaan waliin haasaʼuu hin dandaʼan.

Filannaa C yoo filatte garuu waaʼee mana barumsaa haasaʼuu yeroodhaaf waan dhiisaniif Saaraatti miirri gaariin ni dhagaʼama. Warri ishii carraaqqii isaan wajjin haasaʼuuf gootu ni hubatu; kanaafuu, isaanis ni gammadu. Ishiinis taate warri ishii qajeelfama Filiphisiyus 2:4 irra jiruu fi “Faayidaa warra kaaniis yaadaa malee, faayidaa ofii keessanii qofa hin yaadinaa” jedhu waan hordofaniif filannaan kun caalaatti milkaaʼina argamsiisa.

Ergaa Ifa hin Taane hin Dabarsin

Wanti ati dubbattuu fi ergaan warra kee bira gaʼu yeroo hunda wal fakkaataa taʼuu akka hin dandeenye yaadadhu. Fakkeenyaaf, warri kee miirri kee gaarii kan hin taane maaliif akka taʼe si gaafatu. Atimmoo, “Waaʼee kanaa dubbachuu hin barbaadu” jettee isaaniif deebista. Ergaan warra kee bira gaʼu garuu, “Waanan isin hin amanneef rakkina koo isinitti hin himadhu. Rakkina koo kanan himadhu hiriyoota kootti malee isinitti miti” kan jedhudha. Deebii kee barreessuudhaan gilgaala kana hojjechuuf yaali. Rakkinni cimaan akka si mudatee fi warri kee si gargaaruuf of dhiheessanii akka jiranitti yaadi.

Akkana yoo jette: “Hin dhiphatinaa. Rakkina koo ofuma kootiin furuu nan dandaʼa.”

Tarii ergaan warra kee bira gaʼu: ․․․․․

Deebii gaariin ati kennuu dandeessu: ․․․․․

Wanti guddaan yaadachuu qabdu maalidha? Jechoota itti fayyadamtu of eeggannoodhaan filadhu. Sagaleen kees kabaja akka qabdu kan argisiisu taʼuu qaba. (Qolosaayis 4:6) Warra kee akka diinota keetti utuu hin taʼin, namoota si deggeran akka taʼanitti ilaali. Rakkina si mudatu moʼuurratti milkaaʼina argachuuf gargaarsi akka si barbaachisu beekta.

BOQONNAA ITTI AANURRATTI

Warra kee haasofsiisuun si hin rakkisu; garuu yeroo waliin haasoftan hundumaatti wal falmitu yoo taʼe hoo?

CAQASA IJOO

“Dubbiin koo qajeelummaa garaa kootii ni labsa, afaan koos wantan beeku qulqullummaadhaan ni hima.”—Iyyoob 33:3.

GORSA GAARII

Warra kee wajjin teessee rakkina tokkorratti haasaʼuun kan sitti ulfaatu yoo taʼe, miilaan ykn konkolaataadhaan yeroo deemtan ykn yeroo gabaa baatan dhimmicharratti haasaʼaa.

KANA BEEKTAA?

Dhimma cimaa tokkorratti warra kee wajjin haasaʼuun akkuma sitti ulfaachuu dandaʼu, isaanis dhimma sanarratti si wajjin haasaʼuun isaanitti ulfaachuu fi gaʼumsa akka hin qabne isaanitti dhagaʼamuu dandaʼa.

WANTAN GOCHUU YAADE

Yeroo ittaanutti warra koo haasofsiisuuf fedhii akkan hin qabne yeroo natti dhagaʼamu, akkanan godha ․․․․․

Warri koo wantan dubbachuu hin barbaanne akkan dubbadhu yoo dhiibbaa narratti godhan, akkanan jedha ․․․․․

Dhimma kana ilaalchisee wantan warra koo gaafachuu barbaadu ․․․․․

MAAL SITTI FAKKAATA?

● Wanta tokko dubbachuuf yeroon filannu walitti dhufeenya keenyarratti dhiibbaa kan godhu akkamitti?—Fakkeenya 25:11.

● Warra kee haasofsiisuuf carraaqqii gochuu kan qabdu maaliifi?—Iyyoob 12:12.

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 10rra jiru]

“Warra kee wajjin haasaʼuun yeroo hunda salphaa miti; taʼus iftoominaan miira kee yeroo isaaniif ibsitu baʼaa guddaan akka sirraa buʼe sitti dhagaʼama.”—Devanii

[Fakkii fuula 8rra jiru]

Daandiin tokko yoo sitti cufame daandii kan biraa barbaaddatta; warra kee haasofsiisuun rakkisaa yoo sitti taʼes carraa itti isaan haasofsiistu kan biraa barbaaddadhu!