Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Kutaa Dabalataa—Gaaffilee Warri Gaafatan

Kutaa Dabalataa—Gaaffilee Warri Gaafatan

KUTAA DABALATAA

Gaaffilee Warri Gaafatan

“Mucaan koo akka na haasofsiisu gochuu kanan dandaʼu akkamitti?”

“Saʼaatii itti ijoolleen koo manatti deebiʼan murteessuun qabaa?”

“Intalli tiyya soorataaf ilaalcha madaalamaa akka qabaattu gargaaruu kanan dandaʼu akkamitti?”

Gaaffileen kun gaaffilee Kutaa Dabalataa kana keessatti deebii argatan 17 keessaa muraasa isaaniiti. Mata dureen kun kutaa jaʼatti hihirameera; boqonnaawwan kitaaba Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname Jildii 1​ffaa fi Jildii 2​ffaa keessatti argamanirratti kan hundaaʼedha.

Mata duree kana dubbisi. Dandaʼamnaan hiriyaa gaaʼelaa kee wajjin irratti mariʼadhaa. Achiis gorsa argattan ijoollee keessan gargaaruuf itti fayyadamaa. Deebii mata duree kana keessatti argattanitti amanamuu dandeessu. Ogummaa namootaa isa mudaa qaburratti utuu hin taʼin Dubbii Waaqayyoorratti kan hundaaʼedha.—2 Ximotewos 3:16, 17.

290  Waliin Haasaʼuu

297  Seerota

302  Bilisummaa

307  Saalqunnamtii fi Wal Qorachuu

311  Miira

315  Waaqeffannaa

 WALIIN HAASAʼUU

Hiriyaa gaaʼelaa koo wajjinis taʼe ijoollee koo wajjin wal falmuun miidhaa qabaa?

Gaaʼela keessatti walitti buʼuun waan hin oolledha. Haalli akkasii yeroo uumamu akkaataan itti qabdan garuu filannaa keessanirratti kan hundaaʼedha. Warri wal falmuun isaanii dargaggootarratti dhiibbaa guddaa godha. Gaaʼelli keessan gaaʼela ijoolleen keessan gara fuulduraatti dhaabbatanirratti dhiibbaa guddaa waan qabuuf dhimmi kun si yaaddessuu qaba. Wanti irratti walii hin galle yeroo uumamu karaa buʼa qabeessa taʼeen walitti buʼiinsa furuun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼe argisiisuuf carraa kanatti maaliif hin fayyadamtan? Wantoota armaan gadii gochuuf yaali:

Dhaggeeffadhu. Kitaabni Qulqulluun “dhaggeeffachuuf ariifataa, dubbachuuf suuta jedhaa, dheekkamuufis suuta jedhaa” akka taanu nu gorsa. (Yaaqoob 1:19) ‘Hamaa hamaadhaan deebisuudhaan’ haalli isaa caalaatti akka hammaatu hin godhin. (Roomaa 12:17) Hiriyaan gaaʼelaa kee dhaggeeffachuu kan hin barbaanne yoo taʼellee ati akkas gochuu dandeessa.

Qeequu mannaa dhimmicha ibsuuf carraaqi. Tasgabbiidhaan amalli hiriyaa gaaʼelaa keetii dhiibbaa akkamii akka sirratti godhu dubbadhu. (Fakkeenyaaf, “. . . yeroo gootu baayʼee natti dhagaʼama” jechuu dandeessa.) Hiriyaa gaaʼelaa kee himachuu fi qeequurraa of qusadhu. (Fakkeenyaaf, “Homaa naaf hin yaaddu.” “Matumaa na hin dhageessu” hin jedhin.)

Dhimmicha yeroodhaaf dhiisi. Yeroo tokko tokko dhimmicha yeroodhaaf dhiisanii erga tasgabbaaʼanii booda kaasuun gaariidha. Kitaabni Qulqulluun, “Lola kaasuun akkuma hidha bishaanii cabsuu ti; lolli kaʼuu isaa dura bakka sanaa deemi” jedha.—Fakkeenya 17:14.

Dhiifama wal gaafadhaa, barbaachisaa taanaan ijoollee keessanis dhiifama gaafadhaa. Shamarreen waggaa 14 Biriyaan jedhamtu akkana jetteetti: “Yeroo tokko tokko warri koo erga wal falmanii booda anaa fi obboleessa koo angafaa dhiifama gaafatu; wal falmuun isaanii hammam dhiibbaa akka nurratti godhu beeku.” Barumsi guddaan ijoollee kee barsiistu tokko gad of qabuudhaan dhiifama gaafachuudha.

Haa taʼu malee, kan wal falmite ijoollee kee wajjin yoo taʼe hoo? Utuu hin beekin haalli isaa caalaatti akka hammaatu gooteetta yoo taʼe irratti yaadi. Fakkeenyaaf, haala Boqonnaa 2​ffaa kitaaba kanaa fuula 15 irratti ibsame ilaali. Wantoota haati Reechal gootee fi falmii sanaaf gumaacha godhan tokko tokko adda baafachuu dandeessaa? Ijoollee kee wajjin wal falmuurraa of qusachuu kan dandeessu akkamitti? Wantoota armaan gadii gochuuf yaali:

● Jechoota akka “Ati yeroo hundumaa . . . ” ykn “Ati matumaa . . . ” jedhan dubbachuurraa of qusadhu. Jechoonni akkasii deebii gaarii hin taane akka kennan gochuu dandaʼa. Dubbiin akkasii akka arbeessite kan argisiisudha, mucaan kees kana beeka. Akkasitti kan dubbattu balleessaa guddaa waan raawwateef utuu hin taʼin waan aarteef akka taʼes beekuun isaa hin oolu.

● Jechoota akka “ati” jedhanitti fayyadamuudhaan kallattiidhaan isarratti xiyyeeffachuu mannaa amalli isaa hammam akka si gaddisiise ibsuuf yaali. Fakkeenyaaf, “Yeroo . . .  gootu . . . natti dhagaʼama” jechuu dandeessa. Amantus amanuu baattus miirri sitti dhagaʼamu mucaa kee ni yaaddessa. Miira sitti dhagaʼame mucaa keetiif ibsuun kee si wajjin walii galuuf isa kakaasuu dandaʼa. *

● Ulfaataa taʼuu dandaʼus, hamma aariin kee sirraa galutti obsi. (Fakkeenya 29:22) Dhimmi irratti wal falmitan hojii mana keessaa hojjechuu yoo taʼe mucaa kee wajjin irratti mariʼadhaa. Wanta isarraa eegamu adda baasii barreessi; barbaachisaa yoo taʼemmoo, wanta sana raawwachuu yoo baate adabbii isa eeggatu ifa godhi. Ilaalchi isaa dogoggora akka taʼe yoo sitti dhagaʼamellee yeroo inni dubbatu obsaan dhaggeeffadhu. Dargaggoonni hedduun nama isaan gorsu caalaa nama isaan dhaggeeffatuuf deebii gaarii kennu.

● Ariifattee mucaan kee fincilaa akka taʼe dubbachuu mannaa wanti isarratti argitu hedduun kutaa jijjiirama umurii dargaggummaarratti isa mudatuu akka taʼe hubachuuf yaali. Mucaan kee kan si falmu guddachaa akka jiru argisiisuuf qofa taʼuu dandaʼa. Isa wajjin falmii keessa galuurraa of qusadhu. Akkaataan wanta si aarsuuf deebii itti kennitu mucaa kee wanta barsiisu akka qabu yaadadhu. Obsa argisiisuudhaan fakkeenya yoo taate fakkeenya kee hordofuun isaa hin oolu.—Galaatiyaa 5:22, 23.

JILDII 1FFAA, BOQONNAA 2 FI JILDII 2FFAA, BOQONNAA 24 ILAALI

Ijoolleen koo waaʼee jireenya koo durii hammam beekuu qabu?

Fakkeenyaaf, abbaa manaa kee, intala keessanii fi michoota keessan tokko tokko wajjin irbaata nyaachaa jirtu haa jennu. Utuma haasoftanii michuun kee tokko waaʼee nama abbaa manaa kee wajjin wal baruu kee dura jaalallee kee ture tokkoo kaaste. Yeroo kanatti intalli keessan naatee, “Nama kan biraa wajjin wal qorachaa turte jechuudhaa?” jette. Kanaan dura waaʼee kanaa intala keetti himtee hin beektu. Amma garuu caalaatti beekuu barbaadde. Maarree maal goota?

Yeroo baayʼee gaaffii ijoolleen kee si gaafataniif deebii kennuun gaariidha. Yeroo isaan gaaffii si gaafatanii fi deebii kee dhaggeeffatan waliin haasoftu; kunimmoo wanta ati baayʼee barbaaddudha.

Garuu ijoolleen kee waaʼee jireenya kee durii hammam beekuu qabu? Wanta si saalfachiisu isaanitti himuu hin barbaaddu taʼa. Taʼus, wantoota wajjin waldhaansoo gochaa turte tokko tokko ijoollee keetti himuun kee isaan gargaaruu dandaʼa. Akkamitti?

Fakkeenya tokko ilaali. Phaawulos ergamaan waaʼee ofii isaa akkana jechuudhaan ifatti dubbateera: “Wanta sirrii taʼe hojjechuu yommuun barbaadu, wanta gadhee hojjechuuf fedhiin akka na keessa jiru nan hubadha. . . . Ani nama gadadamaa dha!” (Roomaa 7:21-24) Yihowaan yaanni kun geggeessaa hafuuraatiin Kitaaba Qulqulluu keessatti akka barreeffamu kan godhe faayidaa keenyaafi. Hundi keenyayyuu wanta Phaawulos iftoominaan dubbate kanarraa faayidaa guddaa arganna.

Haaluma wal fakkaatuun, filannaawwan gaggaarii ati gootee fi dogoggora raawwatte dhagaʼuun isaanii atis akkuma isaanii akka turte hubachuuf isaan gargaara. Barri keessatti guddattan garaagara akka taʼe ifadha. Haa taʼu malee, yeroon kan jijjiiramu taʼus uumamni namootaas taʼe dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu hin jijjiiramne. (Faarfannaa 119:144) Rakkina si mudate akkamitti akka moote isaan wajjin haasaʼuun kee ijoolleen kee rakkoowwan isaanii dandamachuuf isaan gargaaruu dandaʼa. Dargaggeessi Kaameroon jedhamu, “Warri kee rakkina si mudate wajjin wal fakkaatu akka dabarsan yeroo beektu isaanis namootuma akka keetii akka taʼan hubatta” jedheera. Itti dabaluudhaanis, “Rakkinni tokko yeroo si mudatu ‘Rakkinni akkasii warra koo hoo mudateeraa laata?’ jettee yaadda” jedheera.

Of eeggannoo: Seenaa kee erga dubbattee booda yeroo hunda gorsa kennuun si hin barbaachisu. ‘Ijoolleen koo wantan isaanitti himu dogoggoraan hubachuu ykn balleessaa wal fakkaatu raawwachuun rakkina akka hin qabnetti ilaaluu dandaʼu’ jettee sodaatta taʼa. Taʼus, ijoolleen kee wanta isaanitti himterraa barumsa akkamii akka argatan ibsuu mannaa (fakkeenyaaf, “Isin matumaa . . . gochuu kan hin qabne kanaafi” jechuu mannaa), wanta sitti dhagaʼamu gabaabsii isaanitti himi. (“Amma duubatti deebiʼee yeroon yaadu akkana utuun gochuu baadhee natti tola ture; sababiin isaas . . . ” jechuu dandeessa) Ijoolleen kee gorsi isaaniif kennamaa akka jiru utuu isaanitti hin dhagaʼamin muuxannoo keerraa barumsa gaarii argachuu dandaʼu.—Efesoon 6:4.

JILDII 1FFAA, BOQONNAA 1 ILAALI

Mucaan koo akka na haasofsiisu gochuu kanan dandaʼu akkamitti?

Ijoolleen kee xinnummaa isaaniitti waan hundumaa sitti himu turan. Gaaffii yoo isaan gaafatte mamii tokko malee siif deebisu. Yeroo baayʼee gaaffii gaafachuuniyyuu si hin barbaachisu; ofuma isaaniitiin wanta hunda sitti himu. Faallaa kanaatiin ijoolleen kee umurii dargaggummaarra yeroo gaʼan akka si haasofsiisan gochuun akkuma boolla gogaa jiru keessaa bishaan waraabuu carraaqqii gaafata. ‘Hiriyoota isaa ni haasofsiisa. Ana haasofsiisuu kan hin barbaanne maaliifi?’ jettee yaadda taʼa.

Kan callisan waan si tuffataniif ykn jireenya isaanii keessa akka hin seenne waan barbaadaniif akka taʼe sitti hin dhagaʼamin. Dhugaa dubbachuuf yeroo kamiyyuu caalaa amma isaan barbaachista. Kan nama gammachiisummoo dargaggoonni hedduun gorsa hiriyoota isaanii ykn miidiyaaleerraa argatan caalaa gorsa warra isaaniitiif iddoo guddaa akka kennan qorannoon tokko tokko ni argisiisa.

Maarree, wanta isaanitti dhagaʼamu sitti himuurraa duubatti kan jedhan maaliifi? Dargaggoonni tokko tokko warra isaanii haasofsiisuurraa duubatti kan jedhan maaliif akka taʼe ilaalchisee maal akka jedhan ilaali. Achiis gaaffilee ittaananii jiran of gaafadhu, caqasoota kennamanis dubbisi.

“Abbaan koo bakka hojiittis taʼe gumii keessatti wanta hojjetu baayʼee waan qabuuf isa haasofsiisuun natti ulfaata. Isa haasofsiisuuf yeroon mijataan waan jiru natti hin fakkaatu.”—Andiriwu.

‘Utuun hin beekin ijoollee koo haasofsiisuuf yeroo akkan hin qabne argisiisaan jiraa? Taanaan, caalaatti kan itti dhihaatamu taʼuu kanan dandaʼu akkamitti? Yeroo dhaabbataa ijoollee koo itti haasofsiisu ramaduuf maal gochuun dandaʼa?’—Keessa Deebii 6:7.

“Mana barumsaatti ijoollee wajjin akka wal lolle imimmaan dhangalaasaa haadha kootti himeen ture. Akka na jajjabeessitu barbaadeen ture; ishiin garuu natti dheekkamte. Yeroo sanaa kaasee wanta na yaaddessu ishiitti himee hin beeku.”—Keenjii.

‘Ijoolleen koo rakkina isaan mudate yeroo natti himan deebii kanan kennu akkamitti? Sirreeffama isaaniif kennuun yeroo na barbaachisuttillee gorsa kennuu koo dura takka dhaabbadhee akkan isaan hubadhu karaa argisiisuun nan dhaggeeffadhaa?’—Yaaqoob 1:19.

“Warri ijoollee isaanii haasofsiisuu akka barbaadanii fi akka hin dheekkamne yeroo baayʼee kan dubbatan taʼus yeroo haasaʼan ni aaru. Ijoolleen isaaniis akka ganaman isaanitti dhagaʼama.”—Reechal.

‘Mucaan koo wanta nama aarsu yoo natti hime miira koo toʼachuu kanan dandaʼu akkamitti?’—Fakkeenya 10:19.

“Yeroo baayʼee haadha kootti iccitii koo yeroon himadhu yeruma sana hiriyoota ishiitti himti. Kunis yeroo dheeraadhaaf amantii akkan ishiirratti dhabu godheera.”—Chaanteel.

‘Iccitii ijoolleen koo natti himatan warra kaanitti himuu dhiisuudhaan miira isaaniitiif akkan yaadu nan argisiisaa?’—Fakkeenya 25:9.

“Wantan warra kootti himuu barbaadu baayʼeen qaba. Taʼus marii sana jalqabuuf gargaarsi isaanii na barbaachisa.”—Koortinii.

‘Ijoollee koo haasofsiisuuf dursa nan fudhadhaa? Yeroon waliin haasaʼuuf mijataa taʼe yoomi?’—Lallaba 3:7.

Warra waan taataniif ijoollee keessan haasofsiisuuf haala mijeessuu ni dandeessu. Mee muuxannoo shamarree waggaa 17 Jaankoo jedhamtuu fi Jaappaan jiraattuu haa ilaallu. Akkana jetteetti: “Yeroo tokko obboloota gumii keessa jiran caalaa ijoolleen wajjin baradhutti dhihaachuun akka natti salphatu haadha kootti himeen ture. Guyyaa ittaanutti haati koo xalayaa barreessitee minjaala koorra keesse. Xalayaa sanarratti ishiinis gumii keessatti hiriyoota argachuun ishiitti ulfaatee akka ture natti himte. Namoota Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsamanii fi namni isaan jajjabeessu utuu hin jiraatin Waaqayyoon tajaajilaa turan tokko tokko na yaadachiiste. Carraaqqiin hiriyoota gaarii argachuuf godheefis na galateeffatte. Rakkinni kun kan mudatu ana qofa akka hin taane yeroon beeku baayʼee na ajaaʼibe. Haadha koos rakkinni akkasii mudatee ture; kana yeroon beeku baayʼee waanan gammadeef nan booʼe. Wanti haati koo natti himte baayʼee na jajjabeesse, wanta sirrii taʼe gochuufis cimina naaf kenneera.”

Akkuma haati Jaankoo hubatte dargaggoonni warri isaanii yaadaa fi miira isaanii yeroo ibsan akka isaanitti hin qoosne ykn akka isaan hin qeeqne yeroo hubatan wanta isaanitti dhagaʼamu isaanitti himuun isaaniif salphata. Haa taʼu malee, ijoolleen kee yeroo si haasofsiisan kan aaran ykn kan dheekkaman yoo taʼe maal gochuu dandeessa? Atis hin dheekkamin. (Roomaa 12:21; 1 Pheexiros 2:23) Kanaa mannaa, ulfaataa yoo taʼellee, dubbii fi amala keetiin fakkeenya taʼuudhaan wanta ijoolleen kee akka godhan barbaaddu godhi.

Kana yaadadhu: Dargaggoonni gara gaʼeessummaatti yeroo guddatan jijjiiramni baayʼeen isaan mudata. Hayyoonni akka hubatanitti dargaggoonni yeroo kanatti amalli isaanii ni jijijjiirama; yeroo tokko tokko akka nama guddaa taʼu, yeroo tokko tokkommoo akka daaʼimaa taʼu. Ijoollee keerratti amala akkasii yeroo argitu, keessumaa akka daaʼimaa yeroo taʼan maal gochuu dandeessa?

Isaan qeequu ykn falmii keessa seenuurraa of qusadhu. Kanaa mannaa, akka nama guddaatti isaan haasofsiisuuf yaali. (1 Qorontos 13:11) Fakkeenyaaf, mucaan kee “Maaliif na hin dhiistu?” jechuudhaan amala daaʼimaa yoo argisiise aariidhaan deebii kennuuf qoramta taʼa. Haa taʼu malee, akkas yoo goote atis falmii keessa seenuu fi akkuma daaʼimaa taʼuu dandeessa. Salphumatti akkana jechuu dandeessa: “Baayʼee waan aarte fakkaata. Erga tasgabbooftee booda dhimma kanarratti maaliif hin haasofnu?” Kana gochuudhaan haala isaa toʼachuu dandeessa. Sana booda wal falmuu mannaa bilisummaadhaan waliin haasaʼuu dandeessu.

JILDII 1FFAA, BOQONNAA 1 FI 2 ILAALI

 SEEROTA

Saʼaatii itti ijoolleen koo manatti deebiʼan murteessuun qabaa?

Gaaffii kanaaf deebii kennuuf haala armaan gadii keessa akka jirtu godhii yaadi: Mucaan kee daqiiqaa 30 dabarsee dhufe; balballi suuta yeroo banamu dhageesse. ‘Waanan rafe itti fakkaate’ jettee yaadde. Ati garuu hin rafne. Saʼaatii itti mucaan kee manatti akka deebiʼu isaaf murteessitee kaastee balbala bira teessee jirta. Mucaan kee balbala yeroo banu si arge. Yeroo kanatti maal jetta? Maal goota?

Filannaa garaagaraa qabda. Dhimmicha salphistee ilaaluu dandeessa. ‘Kun amaluma ijoolleeti’ jettee yaadda taʼa. Yookiinimmoo “Kana booda manaa hin baatu” isaan jetta taʼa. Ariitiidhaan tarkaanfii fudhachuu mannaa jalqaba isa dhaggeeffadhu; sababii gaʼaa itti barfate qabaachuu dandaʼa. Achiis carraa kanatti fayyadamtee mucaa kee barumsa guddaa barsiisuu dandeessa. Akkamitti?

Yaada: Boru dhimmicharratti akka mariʼattan mucaa keetti himi. Achiis yeroo mijataa taʼetti, tarkaanfii akkamii akka fudhattu irratti mariʼadhaa. Warri tokko tokko akkana godhu: Mucaan isaanii saʼaatii manatti akka deebiʼu isaaf murteeffame yoo dabarse yeroo ittaanutti daqiiqaa 30 dursee akka galu godhu. Mucaan kee yeroo hunda yeroo isaaf murteeffametti manatti deebiʼuudhaan amanamaa akka taʼe yoo argisiisemmoo bilisummaa dabalataa isaaf kennuuf yaadda taʼa; tarii darbee darbee saʼaatii itti manatti galu isaaf dheeressuu dandeessa. Mucaan kee saʼaatii itti manatti galuu qabuu fi yoo akkas gochuu baate adabbii isa eeggatu sirriitti beekuun isaa barbaachisaadha. Atis seera kana yoo cabse isa adabuurraa duubatti jechuu hin qabdu.

Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun, “Yaada ofiitti kan hin cichine taʼuun keessan . . . kan beekame haa taʼu” akka jedhu hubadhu. (Filiphisiyus 4:5) Kanaafuu, saʼaatii itti mucaan kee manatti galu murteessuu kee dura isa wajjin mariʼachuu barbaadda taʼa; saʼaatii meeqatti manatti deebiʼuu akka barbaaduu fi sababiin isaa maal akka taʼe akka dubbatu isaaf heyyami. Yaada isaa kanas tilmaama keessa galchi. Mucaan kee itti gaafatamummaan akka isatti dhagaʼamu yoo argisiisee fi sababiin isaa amansiisaa yoo taʼe yaada isaa fudhachuu dandeessa taʼa.

Saʼaatii kabajuun baayʼee barbaachisaadha. Saʼaatii itti mucaan kee manatti galu murteessuun mucaa kee rakkinarraa eeguu qofa utuu hin taʼin, dandeettii yeroo of dandaʼee jiraatu isa barbaachisu akka horatus isa gargaara.—Fakkeenya 22:6.

JILDII 1FFAA, BOQONNAA 3 FI JILDII 2FFAA, BOQONNAA 22 ILAALI

Ijoollee koo wajjin uffannaarratti yeroo walii galuu dadhabnu maal gochuun qaba?

Haala fuula 77​ffaa kitaaba kanaarratti ibsame ilaali. Heezar intala kee akka taate godhii yaadi. Uffanni ishii garmalee qaama kan mulʼisu akka taʼe hubatteetta. Miirri kee yeruma sana jijjiirame. Achiis “Na dhageessaa intalaa, uffata kana jijjiiruu baannaan mana kanaa baʼuu hin dandeessu!” ishiidhaan jette. Tarkaanfiin akkasii buʼaa barbaadame argamsiisuu dandaʼa. Intalli kees ajajamuu malee filannaa kan biraa hin qabdu. Garuu uffata ishii qofa utuu hin taʼin ilaalcha ishiis akka jijjiirtu gargaaruu kan dandeessu akkamitti?

● Tokkoffaa, kana yaadadhu: Miidhaan uffata seera hin qabne uffachuun geessisu akkuma kee ykn si caalaa ijoollee kee ni yaaddessa. Ijoolleen kee gowwaa fakkaachuu ykn xiyyeeffannaa hin barbaachisne ofitti harkisuu hin barbaadan. Uffanni seera hin qabne kan namatti hin tolle maaliif akka taʼe obsaan ishiidhaaf ibsi. * Uffata akkamii uffachuu akka dandeessu yaada dhiheessiif.

● Lammaffaa, ilaalcha madaalamaa qabaadhu. ‘Uffanni kun qajeelfama Kitaaba Qulqulluu wajjin wal faallessaa? Moo anatti waan hin tolleefi?’ jedhii of gaafadhu. (2 Qorontos 1:24; 1 Ximotewos 2:9, 10) Waan sitti hin tolleef qofa yoo taʼe uffata sana akka uffattu ishiidhaaf heyyamuu dandeessaa?

● Sadaffaa, uffannaan seera qabeessa hin taane kan akkamii akka taʼe ijoollee keetti himuu qofa utuu hin taʼin uffata seera qabeessa taʼe akka argatanis isaan gargaari. Waaʼee dhimma kanaa ijoollee kee wajjin mariʼachuuf gilgaala fuula 82 fi 83​rra jirutti fayyadamuu dandeessa. Akkas gochuuf yeroo ramaduu fi carraaqqii gochuun kee baayʼee barbaachisaadha.

JILDII 1FFAA, BOQONNAA 11 ILAALI

Mucaan koo geemii akka taphatu isaaf heyyamuun qabaa?

Yeroo ati ijoollee turtee kaasee geemiin ijoolleen taphatan baayʼee jijjiirameera. Maarree, mucaan kee balaa isaa akka hubatuu fi akka irraa of eegu gargaaruu kan dandeessu akkamitti?

Warra geemii qopheessan komachuun ykn geemiin yeroo akka gubu dubbachuun faayidaa hin qabu. Geemiin hundi gadhee akka hin taane yaadadhu. Taʼus araada namatti taʼuu dandaʼa. Kanaafuu, mucaan kee geemii taphachuudhaan saʼaatii hammamii akka dabarsu yaadi. Gosti geemii mucaa kee hawwatu isa kam akka taʼes yaadi. Gaaffilee akka armaan gadiis isa gaafachuu dandeessa:

● Ijoollee daree kee biratti geemiin baayʼee beekamaa taʼe isa kami?

● Geemii sanarratti maaltu raawwatama?

● Geemiin kun baayʼee beekamaa kan taʼe maaliif sitti fakkaata?

Mucaan kee hamma ati yaadde caalaa waaʼee geemii akka beeku hubachuun kee hin oolu. Tariimmoo geemii sirrii akka hin taane sitti dhagaʼamu taphatee beeka taʼa. Taʼus hin aarin. Carraa kanatti fayyadamtee mucaan kee dandeettii hubannaa isaa akka guddifatu gargaaruu dandeessa.—Ibroota 5:14.

Gaaffilee geemiin sirrii hin taane kan isa hawwatu maaliif akka taʼe hubachuuf isa gargaaran gaafadhu. Fakkeenyaaf, akkana jettee gaafachuu dandeessa:

● Geemii sana akka taphattu waan siif hin heyyamamneef waa akka sitti hafe sitti dhagaʼamaa?

Ijoolleen tokko tokko geemii tokko kan taphatan wanta hiriyoota isaanii wajjin irratti haasaʼan argachuuf jedhaniiti. Haalli mucaa keetiis akkas akka taʼe beekuun kee akkaataa itti dhimmicha furturratti jijjiirama fida; geemiin hammina ykn saalqunnamtii wajjin wal qabatu yoo isa hawwate karaa kanarraa adda taʼeen dhimmicha akka furtu beekamaadha.—Qolosaayis 4:6.

Haa taʼu malee, mucaan kee geemiin sirrii hin taane yoo isa hawwate hoo? Ijoolleen tokko tokko geemiin hamminaa dhiibbaa akka isaanirratti hin goone dubbatu taʼa. ‘Geemiirratti akkas waanan godheef qofa jireenya koo keessatti wanta sana nan raawwadha jechuu miti’ jedhu. Mucaan kees akkas isatti dhagaʼama yoo taʼe yaada Faarfannaa 11:5 irra jiru isatti argisiisi. Caqasichi ifatti akkuma dubbatu Waaqayyo nama hammina raawwatu qofa utuu hin taʼin nama hammina jaallatus ni jibba. Halalummaa ykn gocha Dubbii Waaqayyoo wajjin wal faallessu kan biraa wajjin haala wal qabateenis qajeelfamni kun ni hojjeta.—Faarfannaa 97:10.

Geemiin mucaa keerratti rakkina uumaa jira yoo taʼe wantoota armaan gadii gochuuf yaali:

● Yeroo kophaa taʼutti fakkeenyaaf, kutaa ciisichaa isaatti akka taphatu isaaf hin heyyamin.

● Seera tokko tokko baasi; fakkeenyaaf, hojii manaa, irbaata ykn hojii barbaachisaa taʼe kan biraa xumuruu isaa dura geemii taphachuun akka hin dandaʼamne itti himi.

● Wantoota sochii qaamaa gaafatanirratti hirmaachuun faayidaa akka qabu ibsi.

● Ijoolleen kee yeroo geemii taphatan ilaali ykn immoo yeroo tokko tokko wajjin taphadhu.

Qabiyyee geemii tokkoo ilaalchisee bilisummaadhaan ijoollee kee gorsuu akka dandeessuuf gama kanaan fakkeenya taʼuu qabda. Kanaafuu, ‘Sagantaan televizyinii fi fiilmiin ani ilaalu kan akkamiiti?’ jedhii of gaafadhu. Gama kanaan dogoggora akka hin raawwanne of eeggadhu; seera garaagaraa lama yoo qabaatte ijoolleen kee kana beekuun isaanii hin oolu.

JILDII 2FFAA, BOQONNAA 30 ILAALI

Mucaan koo moobaayiliin, kompiitarri ykn meeshaan eleektiroonikii kan biraan araada yoo isatti hoo?

Mucaan kee Intarneetii fayyadamuudhaan, ergaa barreessuu fi dubbisuudhaan yeroo dheeraa dabarsaa? Yeroo isin wajjin dabarsu caalaa muuziqaa dhaggeeffachuudhaan dabarsaa? Taanaan maal gochuu dandeessa?

Meeshaa eleektiroonikii sana irraa fuudhuu dandeessa. Garuu meeshaan eleektiroonikii hundi gadhee akka taʼetti hin yaadin. Atis meeshaalee eleektiroonikii warri kee fayyadamanii hin beekne tokko tokkotti ni fayyadamta. Kanaafuu, wanti akkas gochuuf si dirqisiisu hamma hin jiraannetti, meeshaa eleektiroonikii sana irraa fuudhuu mannaa carraa kanatti fayyadamtee mucaan kee meeshaalee eleektiroonikiitti ogummaadhaan akka fayyadamu leenjisuu dandeessa. Kana gochuu kan dandeessu akkamitti?

Mucaa kee wajjin taaʼiitii dhimmicharratti mariʼadhaa. Tokkoffaa, wanta si yaaddesse ibsi. Lammaffaa, yeroo inni dubbatu dhaggeeffadhu. (Fakkeenya 18:13) Sadaffaa, furmaata gaarii argachuuf carraaqqii godhi. Dhorkaa tokko tokko kaaʼuurraa duubatti hin jedhin; garuu sababa qabeessa taʼi. Shamarreen Elan jedhamtu akkana jetteetti: “Warri koo ergaa walii barreessuurratti rakkina akkan qabu yeroo argan moobaayilii koo narraa fudhachuu mannaa qajeelfama tokko tokko baasan. Akkana gochuun isaanii yeroo isaan na hin toʼannettillee ergaa walii barreessuurratti madaallii koo akkan eeggadhu na gargaareera.”

Mucaan kee kan si falmu yoo taʼe hoo? Mucaan kee gorsa kee akka tuffate hin yaadin. Kanaa mannaa, obsi, akkasumas dhimmicharratti akka yaadu yeroo isaaf kenni. Tarii yaada keerratti walii galeera taʼa, sirreeffama barbaachisu gochuufis kakaʼuu dandaʼa. Dargaggoonni hedduun akkuma shamarree Haayilii jedhamtuu isaanitti dhagaʼama; akkana jetteetti: “Warri koo kompiitarri koo araada akka natti taʼe yeroo natti himan jalqabarratti aareen ture. Booda garuu yeroon irratti yaadu sirrii akka taʼanin hubadhe.”

JILDII 1FFAA, BOQONNAA 36 ILAALI

 BILISUMMAA

Mucaa kootiif bilisummaa hammamiin kennuu qaba?

Waaʼee bilisummaa yeroo yaaddu gaaffiin kun ulfaataa fakkaachuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, mucaan kee balbala cufatee kutaa isaa keessa kophaa isaa jira haa jennu. Balbala utuu hin rurukkutin calluma jettee seenuu qabdaa? Yookiinimmoo intalli kee mana barumsaa deemuuf utuu ariifattuu moobaayilii ishii irraanfattee yoo deemte hoo? Ergaa ishiin namoota wajjin walii barreessite ilaaluu qabdaa?

Gaaffilee kana deebisuun salphaa miti. Wanta mucaa kee mudachaa jiru beekuuf mirga qabda; eegumsa isaaf gochuufis itti gaafatamummaa qabda. Taʼus yeroo hunda wanta mucaan kee godhu hundumaa toʼachuu hin dandeessu. Maarree madaallii kee eeggachuu kan dandeessu akkamitti?

Tokkoffaa, mucaan kee kophaa taʼuu barbaada jechuun yeroo hunda wanta dogoggora taʼe hojjechaa jira jechuu miti. Kun yeroo baayʼee wanta ijoolleen yeroo guddachaa deeman godhanidha. Dargaggoonni kophaa taʼuun isaanii ofuma isaaniitii michummaa uumuu fi “dandeettii yaaduu” isaaniitti fayyadamanii rakkina isaanii furuu akka dandaʼan of qoruuf isaan gargaara. (Roomaa 12:1, 2) Kana malees, dargaggoonni dandeettii yaaduu horachuuf isaan gargaara; dandeettiin kunimmoo nama gaʼeessa itti gaafatamummaan itti dhagaʼamu taʼuuf barbaachisaadha. Akkasumas murtoo gochuu isaanii dura ykn gaaffii ulfaataa taʼeef deebii kennuu isaanii dura akka irratti xiinxalan carraa isaaniif bana.—Fakkeenya 15:28.

Lammaffaa, jireenya mucaa keetii tokko tokkoon hordofuuf kan yaaltu yoo taʼe haaloo sitti qabachuu fi finciluu akka dandaʼu yaadadhu. (Efesoon 6:4; Qolosaayis 3:21) Kana jechuun matumaa isa hordofuu hin qabdu jechuudhaa? Lakki, akkas jechuu miti. Haa taʼu malee, galmi kee mucaan kee qalbii leenjiʼe akka qabaatu gargaaruudha. (Keessa Deebii 6:6, 7; Fakkeenya 22:6) Isa hordofuu mannaa qajeelfama isaaf kennuun buʼaa gaarii argamsiisa.

Sadaffaa, mucaa kee wajjin dhimmicharratti mariʼadhaa. Wanta isa yaaddesse yeroo sitti himu dhaggeeffadhu. Tarii yeroo tokko tokko yaada isaa fudhachuu ni dandeessaa? Mucaan keetiif bilisummaa kan isaaf kennitu amanamaa hamma taʼetti akka taʼe isaaf ibsi. Ajajamuu diduun adabbii akkamii akka isatti fidu itti himi; barbaachisaa yeroo taʼuttis isa adabi. Itti gaafatamummaa kee utuu hin dagatin bilisummaa tokko tokko mucaa keetiif kennuu dandeessa.

JILDII 1FFAA, BOQONNAA 3 FI 15 ILAALI

Mucaan koo hamma kutaa meeqaatti barachuu qaba?

“Barsiisonni koo nama nuffisiisu.” “Hojiin manaa natti baayʼateera.” “Qabxii darbuuf na barbaachisu argachuunillee waldhaansoo na gaafata, maarree maaliifan dhamaʼa?” Dargaggoonni tokko tokko sababiiwwan kanaan kan kaʼe dandeettii hojii argachuuf isaan barbaachisu utuu hin argatin barumsa addaan kutuuf qoramu. Mucaan kees barumsa addaan kutuu yoo barbaade maal gochuu dandeessa? Wantoota armaan gadii gochuuf yaali:

Ilaalcha barumsaaf qabdu qori. Mana barumsaa dhaquun yeroo gubuu akka taʼee fi mana hidhaa hamma galma barbaachisaa tokkorra geessutti keessa turtu akka taʼe sitti dhagaʼamaa? Taanaan, ilaalchi barumsaaf qabdu ijoollee keerratti dhiibbaa godhee taʼuu dandaʼa. Dhugaa dubbachuuf barumsa gaarii argachuun isaanii “ogummaa fi dandeettii yaaduu” akka argatan isaan gargaara; kunimmoo galma isaaniirra gaʼuuf isaan barbaachisa.—Fakkeenya 3:21.

Gargaarsa isaaf godhi. Ijoolleen tokko tokko akkamitti akka qoʼatan utuu beekanii ykn haala qoʼachuuf mijataa taʼe utuu qabaatanii qabxii gaarii argachuu dandaʼu. Bakki qoʼannaadhaaf gaarii taʼe kutaa minjaala mijataa qabu, ifa gaʼaa argatuu fi meeshaalee qorannoo qabu dabalachuu dandaʼa. Mucaa keetiif bakka mijataa yaada haaraarratti xiinxaluuf isa dandeessisu qopheessuudhaan barumsa isaarrattis taʼe karaa hafuuraa guddina akka godhu gargaaruu dandeessa.—1 Ximotewos 4:15 wajjin wal bira qabii ilaali.

Gaʼee kee raawwadhu. Barsiisota isaa akka diina keetti utuu hin taʼin akka miseensota garee keetti ilaali. Isaan wajjin wal bari. Maqaa isaaniis gaafadhu. Galma mucaa kee fi wantoota isa rakkisan ilaalchisee isaan wajjin mariʼadhu. Mucaan kee qabxiin isaa gaarii miti taanaan sababa isaa beekuuf yaali. Fakkeenyaaf, mucaan kee warra kaan yoo caale ijoolleen akka isa rakkisan isatti dhagaʼamaa? Barsiisaa isaa tokko wajjin walitti buʼeeraa? Barumsi hoo isatti ulfaateeraa? Imaammanni barnootaa cimaa kan deemu mucaan kee dandeettii isaa akka fooyyeffatu gargaaruuf malee akka dhiphatu gochuuf miti. Wanti gufuu isatti taʼe kan biraanimmoo hirʼina taʼe tokko qabaachuu isaatii? Fakkeenyaaf, sirriitti arguu waan hin dandeenyeef ykn barumsi waan isaaf hin galleefii?

Barumsarrattis taʼe karaa hafuuraa mucaa kee leenjisuurratti gaʼee kee yoo raawwatte caalaatti milkaaʼina argachuun isaa hin oolu.—Faarfannaa 127:4, 5.

JILDII 1FFAA, BOQONNAA 19 ILAALI

Mucaan koo of dandaʼee jiraachuuf qophaaʼaa akka taʼe beekuu kanan dandaʼu akkamitti?

Seeriinaan ishiin Boqonnaa 7​ffaa kitaaba kanaa keessatti ibsamte of dandeessee jiraachuun ishii sodaachisee ture. Sababni ishii tokko maalidha? Akkana jetteetti: “Yeroon maallaqa kootiin waa bituu barbaadullee abbaan koo naaf hin heyyamu. Kun itti gaafatamummaa isaa akka taʼe dubbata. Kanaafuu baasii kootiif maallaqa kaffaluu yaaduunillee na sodaachisa.” Abbaan Seeriinaa akkas kan godhu ishiidhaaf yaadee taʼus intalli isaa of dandeessee jiraachuuf akka qophooftu gargaaraa waan jiru sitti fakkaataa?—Fakkeenya 31:10, 18, 27.

Ijoollee kee garmalee qananiisuu keetiin kan kaʼe jireenya mataa isaanii jiraachuuf akka hin qophoofne gochaa jirtaa laata? Kana beekuu kan dandeessu akkamitti? Mee dandeettiiwwan arfan armaan gaditti ibsaman ilaalchisee itti gaafatamummaan warraa maal akka taʼe haa ilaallu; qabxiileen kun Boqonnaa 7​ffaa mata duree xinnaa “Qophaaʼeeraa?” jedhu jalatti ibsamaniiru.

Maallaqa gaʼaa qabaachuu. Ijoolleen kee warri guguddaan nyaataaf, kiraa manaatiif, akkasumas wantoota buʼuuraa maatichaaf barbaachisaniif maallaqni hammamii akka barbaachisu beekuu? (Roomaa 13:7) Liqiidhaan waa bituu ilaalchisee itti gaafatamummaan isaanii maal akka taʼe beekuu? (Fakkeenya 22:7) Baajata baafachuu fi galii isaaniitiin jiraachuu ni dandaʼuu? (Luqaas 14:28-30) Wanta maallaqa ofii argataniin bitanitti ni gammaduu? Gammachuu guddaa yeroo fi qabeenya isaanii warra kaan gargaaruuf itti fayyadamuudhaan argamu argatanii beekuu?—Hojii Ergamootaa 20:35.

Akkaataa mana itti qaban. Ijoolleen durbaas taʼe ijoolleen dhiiraa kee nyaata bilcheessuu beekuu? Uffata miiccuu fi tokkosuu isaan barsiisteettaa? Konkolaataa kan oofan yoo taʼe hojii sasalphaa kan akka fiyuuzii, zayitii ykn gommaa jijjiiruu ni dandaʼuu?

Jireenya hawaasummaa. Ijoolleen kee warri guguddaan yeroo walitti buʼan yeroo hunda gidduu galtee furmaata isaaniif kennitaa? Moo nagaadhaan rakkina sana erga furanii booda akka sitti himan isaan leenjisteetta?—Maatewos 5:23-25.

Sochiiwwan hafuuraa. Ijoollee keetti wanta itti amanuu qaban himta moo isaan amansiista? (2 Ximotewos 3:14, 15) Yeroo hunda gaaffilee amantaa fi naamusa ilaalchisee gaafataniif deebii kennita moo “dandeettii yaaduu” akka horatan isaan barsiista? (Fakkeenya 1:4) Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu dhuunfaa ilaalchisee akkuma kee akka godhan barbaadda moo wanta kan keerra wayyu akka godhan barbaadda? *

Kallattiiwwan olitti ibsamaniin ijoollee kee leenjisuun yeroo fi carraaqqii guddaa akka gaafatu beekamaadha. Gaafa ijoolleen kee of dandaʼanii manaa baʼan garuu carraaqqii gootetti ni gammadda.

JILDII 1FFAA, BOQONNAA 7 ILAALI

 SAALQUNNAMTII FI WAL QORACHUU

Mucaa koo wajjin waaʼee saalqunnamtii haasaʼuun qabaa?

Ijoolleen waaʼee saalqunnamtii kan dhagaʼan xinnummaa isaaniitti. Kitaabni Qulqulluun yeroo dheeraa dura “guyyoota dhumaatti yeroon addaa baayʼee rakkisaa taʼe akka dhufu,” namoonni “kan of hin toʼanne,” akkasumas “Waaqa jaallachuu mannaa wanta isaan gammachiisu kan jaallatan” akka taʼan dubbateera. (2 Ximotewos 3:1, 3, 4) Namoonni baayʼeen namuma argatan wajjin saalqunnamtii raawwachuun isaanii raajiin kun dhugaa taʼuu isaa mirkaneessa.

Addunyaan harʼa jiru isa ati keessatti guddatterraa baayʼee addadha. Karaa tokko tokkoon garuu wal fakkaata. Kanaafuu, dhiibbaa gadheen ijoollee keetti marsee jiru garmalee si sodaachisuu hin qabu. Kanaa mannaa, gorsa Phaawulos ergamaan gara waggaa 2000 dura Kiristiyaanotaaf kenne kana hojiirra akka oolchan isaan gargaaruuf murteessi: “Malawwan haxxummaa Diyaabilos mormitanii dhaabbachuu akka dandeessaniif, meeshaa waraanaa guutuu isa Waaqayyo biraa argamu uffadhaa.” (Efesoon 6:11) Dargaggoonni Kiristiyaanota taʼan hedduun dhiibbaa gadheedhaan marfamanii kan jiran taʼus wanta sirrii gochuuf carraaqqii gochuun isaanii isaan galateeffachiisa. Ijoolleen keessanis akkas akka godhan gargaaruu kan dandeessan akkamitti?

Karaan kana gochuu itti dandeessan tokko Kutaa 4​ffaa kitaaba kanaa fi Jildii 2​ffaarraa Kutaa 1 fi 7 keessaa boqonnaawwan tokko tokko filachuudhaan ifatti mariʼachuudha. Boqonnaawwan kun caqasoota hojiidhaaf nama kakaasan qabataniiru. Caqasoonni tokko tokko seenaa namoota wanta sirrii taʼe cinaa dhaabbachuudhaan eebba argatanii fi namoota seera Waaqayyoo cabsuudhaan miidhaan isaanirra gaʼee ibsu. Kaanimmoo ijoolleen kee seera Waaqayyoo wajjin wal simanii jiraachuun mirga guddaa akka taʼe hubachuuf isaan gargaaru. Dhiheenyatti wantoota kanarratti isaan wajjin mariʼachuuf maaliif karoora hin baafattu?

JILDII 1FFAA, BOQONNAA 23, 25 FI 32, AKKASUMAS JILDII 2FFAA, BOQONNAA 4-6, 28 FI 29 ILAALI

Mucaan koo jaalallee akka qabatu isaaf heyyamuun qabaa?

Ijoolleen kee dhiheenyattis taʼe yeroo booda jaalallee akka qabatan dhiibbaan isaanirra gaʼuun isaa hin oolu. Filiippi akkana jedheera: “Waa gochuunillee na hin barbaachisu. Shamarran yeroo na gaafatan takka dhaabbadheen ‘Amma maal gochuun qaba?’ jedheen yaada. Tokko tokko baayʼee waan bareedaniif isaan diduun salphaa miti.”

Jildii 2​ffaarraa Boqonnaa 1​tti fayyadamtee waaʼee jaalallee qabachuu mucaa kee wajjin mariʼachuun kee gaariidha. Mucaan kee haala rakkisaa mana barumsaatti, tariimmoo gumii Kiristiyaanaa keessatti isa mudatu ilaalchisee wanta isatti dhagaʼamu hubachuuf yaali. Yeroo tokko tokko ‘yommuu mana kee keessa teessuu fi yommuu karaa irra deemtu’ wantoota kanarratti mariʼachuu dandeessu. (Keessa Deebii 6:6, 7) Bakki itti mariʼattan eessayyuu yoo taʼe “dhaggeeffachuuf ariifataa, dubbachuuf suuta jedhaa” taʼuu akka qabdu yaadadhu.—Yaaqoob 1:19.

Mucaan kee shamarree takka akka jaallate ykn intalli kee gurbaa tokko akka jaallatte yoo sitti himan hin jeeqamin. Shamarreen takka akkana jetteetti: “Abbaan koo jaalallee akkan qabu yeroo beeku baayʼee aare. Gaaʼelaaf qophaaʼuu koo ilaalchisee gaaffii hedduu na gaafachuudhaan na sossodaachisuuf yaale; kunimmoo dargaggoonni warri isaanii akka dogoggoran argisiisuuf hariiroo jaalalaa jalqaban akka itti fufan isaan kakaasuu dandaʼa.”

Mucaan kee waaʼee jaalallee qabachuu haasaʼuullee akka ati hin barbaanne yoo beeke wanti nama gaddisiisu taʼuu dandaʼa; iccitiidhaan jaalallee qabachuu dandaʼa. Shamarreen takka akkana jetteetti: “Warri dheekkamuun isaanii ijoolleen hariiroo jaalalaa jalqaban akka dhoksan isaan kakaasuu malee faayidaa hin qabu. Hariiroo isaanii addaan hin kutan. Dhoksaadhaan akkas gochuu isaanii itti fufu.”

Ifatti waliin mariʼachuun buʼaa gaarii argamsiisa. Shamarreen waggaa 20 Biritaanii jedhamtu akkana jetteetti: “Jaalallee qabachuu ilaalchisee warra koo wajjin yeroo hundumaa ifatti haasofna. Nama na hawwate tokko beekuun isaan barbaachisa, kunimmoo gaariidha jedheen yaada. Abbaan koo nama sana ni haasofsiisa. Warri koo wanti isaan yaaddesse yoo jiraate natti himu. Yeroo baayʼee namni tokko naaf taʼuu fi dhiisuu isaa kanan murteessu nama sana wajjin wal qorachuu jalqabuu keenya duradha.”

Jildii 2​ffaarraa Boqonnaa 2 erga dubbistee booda garuu ‘Mucaan koo utuun hin beekin jaalallee qabateeraa laata?’ jettee yaadda taʼa. Ijoolleen tokko tokko dhoksaatti jaalallee qabachuuf kan qoraman maaliif akka taʼe ilaalchisee wanta dargaggoonni dubbatan hubadhu; achiis gaaffilee ittaananii jiranirratti yaadi.

“Ijoolleen tokko tokko mana keessatti nama isaan jajjabeessu hin qaban; kanaafuu jajjabina argachuuf jaalallee qabatu.”—Weendii.

Ijoolleen kee wanta karaa miiraa isaan barbaachisu argachuu isaanii mirkaneeffachuu kan dandeessu akkamitti? Gama kanaan fooyyaʼiinsa gochuun si barbaachisaa? Taanaan wantoonni fooyyessuu qabdu maalfaʼi?

“Yeroon waggaa 14 turetti barataan biyya biraatii dhufe tokko jaalallee isaa akkan taʼu na gaafate. Anis tolen isaan jedhe. Gurbaa na hammatu argachuun gaarii akka taʼe natti dhagaʼamee ture.”—Diyaan.

Diyaan intala kee utuu taatee dhimma kanarratti kan ishii haasofsiistu akkamitti?

“Moobaayiliin dhoksaatti jaalallee qabachuun salphaa akka taʼu godheera. Warri wanta taʼaa jiru hin beekan.”—Aneet.

Akkaataa ijoolleen kee moobaayiliitti fayyadaman ilaalchisee dursitee of eeggannoo akkamii gochuu dandeessa?

“Warri wanta ijoolleen isaanii godhanii fi eenyufaa wajjin akka taʼan hin hordofan taanaan dhoksaatti jaalallee qabachuun caalaatti salphata.”—Toomaas.

Mucaa kee bilisummaa isaaf malu utuu isa hin dhoowwatin caalaatti isatti dhihaachuu kan dandeessu akkamitti?

“Yeroo baayʼee yeroo ijoolleen mana taʼan warri manatti hin argaman. Yookiinimmoo warri ijoolleen isaanii namoota kan biroo wajjin bakka barbaadan akka deeman isaaniif heyyamu.”—Niikolaas.

Namoonni mucaa keetti dhihaatan eenyufaa akka taʼan yaadi. Yeroo waliin taʼan maal akka godhan beektaa?

“Warri ijoollee isaanii garmalee kan toʼatan yoo taʼe ijoolleen dhoksaatti jaalallee qabachuu dandaʼu.”—Pool.

Seerotaa fi dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu utuu hin cabsin ‘yaada ofiitti kan hin cichine taʼuun kee akka beekamu’ gochuu kan dandeessu akkamitti?—Filiphisiyus 4:5.

“Jalqaba umurii waggoota kurnanii keessa yeroon turetti ofitti amanannaa waanan hin qabneef xiyyeeffannaa argachuuf baayʼeen hawwa ture. Gurbaa gumii ollaatti argamu tokkoof iimeelii barreessuun jalqabe, achiis jaalalli na qabe. Inni miirri addaa akka natti dhagaʼamu godha ture.”—Liindaa.

Liindaan manuma keessatti wanta ishii barbaachisu argachuu kan dandeessu akkamitti sitti fakkaata?

Dhimma kanarratti ilma kee ykn intala kee wajjin mariʼachuuf Jildii 2​ffaarraa Boqonnaa 2 fi Kutaa Dabalataa keessaa kutaa kanatti fayyadamuu dandeessa. Dhimma akkasiirratti karaa garaadhaa maddeen ifatti waliin haasaʼuun faayidaa guddaa qaba.—Fakkeenya 20:5.

JILDII 2FFAA, BOQONNAA 1-3 ILAALI

 MIIRA

Mucaan koo waaʼee of ajjeesuu kan dubbatu yoo taʼe deebii akkamii kennuun qaba?

Biyyoota tokko tokkotti lakkoofsi dargaggoota of ajjeesanii baayʼee dabaleera. Fakkeenyaaf, Yuunaayitid Isteetis keessatti sababiiwwan dargaggoonni umurii waggaa 15 hanga 25 gidduutti argaman itti duʼan keessaa isa sadaffaadha; waggoota digdamman darbanitti lakkoofsi ijoollee umurii 10 hanga 14 gidduutti argamanii fi of ajjeesanii dachaadhaan dabaleera. Isaan keessaa baayʼeen isaanii ijoollee dhukkuba sammuu qaban, miseensi maatii isaanii of ajjeesee fi kanaan dura of ajjeesuuf yaalanidha. Mallattoowwan mucaan tokko of ajjeesuuf yaadaa akka jiru argisiisan tokko tokko armaan gaditti ibsamaniiru:

● Maatii fi hiriyootarraa adda of baasuu

● Barsiifanni nyaataa fi hirribaa isaa jijjiiramuu

● Sochiiwwan kanaan dura isa gammachiisaniif fedhii dhabuu

● Amalli isaa baayʼee jijjiiramuu

● Qoricha sammuu hadoochu fudhachuu ykn dhugaatii alkoolii garmalee dhuguu

● Qabeenya isaa gatii guddaa qabu namaaf kennuu

● Waaʼee duʼaa haasaʼuu ykn dhimmoota duʼa wajjin wal qabatanirratti xiyyeeffachuu

Warri mallattoowwan akeekkachiisaa kanaaf xiyyeeffannaa kennuu dhiisuudhaan dogoggora guddaa raawwachuu dandaʼu. Mallattoowwan kana hundaaf xiyyeeffannaa kenni. Ariifattee mucaan kee jijjiirama taʼe tokko keessa darbaa akka jiru hin yaadin.

Kana malees, mucaan kee ykn intalli kee dhiphina sammuu cimaa taʼeen yoo qabaman gargaarsa gaafachuun si qaanessuu hin qabu. Mucaan kee waaʼee of ajjeesuu yaadaa akka jiru yoo shakkite waaʼee kanaa isa gaafadhu. Waaʼee of ajjeesuu haasaʼuun mucaan tokko akka of ajjeesu isa kakaasa jedhanii yaaduun sirrii miti. Dargaggoonni hedduun yeroo warri isaanii dhimmicha kaasan haasaʼuuf fedhii ni qabaatu. Kanaafuu, mucaan kee of ajjeesuuf akka yaade yoo amane akkamitti of ajjeesuuf akka karoorfate gadi fageenyaan beekuuf yaali. Maal akka godhu gadi fageenyaan irratti yaadeera taanaan daftee tarkaanfii fudhachuu qabda.

Dhiphinni sammuu ofuma isaatiin ni bada jettee hin yaadin. Waan bade yoo fakkaatellee rakkinicha furameera jettee hin yaadin. Kun balaa guddaa qabaachuu dandaʼa. Maaliif? Dargaggeessi tokko dhiphina cimaa keessa yeroo jirutti of ajjeesuuf humna dhabuu dandaʼa. Yeroo miirri dhiphinaa sun isa dhiisuu fi humna argatu garuu wanta yaade raawwachuuf jabina qabaachuu dandaʼa.

Dargaggoonni tokko tokko abdii kutachuu isaaniitiin kan kaʼe waaʼee of ajjeesuu yaaduun isaanii nama gaddisiisa. Warris taʼan namoonni bilchina qaban kan biroon mallattoowwan kanaaf xiyyeeffannaa kennuu fi tarkaanfii fudhachuudhaan dargaggoota ‘dhiphatan jajjabeessuu’ fi dahoo isaaniif taʼuu dandaʼu.—1 Tasalonqee 5:14.

JILDII 1FFAA, BOQONNAA 13 FI 14, AKKASUMAS JILDII 2FFAA, BOQONNAA 26 ILAALI

Gadda koo ijoollee koo jalaa dhoksuun qabaa?

Hiriyaa gaaʼelaa duʼaan dhabuun gadda guddaa geessisa. Taʼus yeroon itti mucaan kee gargaarsa kee barbaadu jira. Maarree utuu of hin dagatin mucaan kee gadda isaa akka dandamatu gargaaruu kan dandeessu akkamitti? * Wantoota armaan gadii gochuuf yaali:

Miira kee hin ukkaamsin. Mucaan kee jireenya isaa keessatti barumsa guguddaa kan argate si ilaaluudhaani. Gadda dandamachuun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼe kan baratus si ilaaluudhaani. Kanaafuu, gadda kee hundumaa dhoksuudhaan mucaa kee duratti cimaa fakkaattee mulʼachuu akka qabdu sitti hin dhagaʼamin. Akkas gochuun mucaan kees akkasuma akka godhu isa barsiisuu malee faayidaa hin qabu. Miira kee yeroo ibsitu garuu miira ofii ukkaamsuu mannaa ibsuun gaarii akka taʼe, akkasumas yeroo akkasiitti gadduun ykn aaruunillee waanuma jiru akka taʼe barata.

Mucaan kee akka dubbatu jajjabeessi. Dhiibbaa akka isarratti goote akka isatti dhagaʼamu utuu hin godhin mucaan kee wanta isatti dhagaʼamu akka sitti himu isa jajjabeessi. Dubbachuurraa duubatti kan jedhu yoo taʼe Boqonnaa 16​ffaa kitaaba kanaarratti maaliif hin mariʼattan? Waaʼee yeroo gammachiisaa hiriyaa gaaʼelaa kee duʼe wajjin dabarsitaniis dubbadhu. Hiriyaa gaaʼelaa kee dhabdee jiraachuun hammam akka sitti ulfaatu itti himi. Mucaan kee yeroo miira kee ibsitu dhagaʼuun isaa miira isaa akkamitti ibsuu akka dandaʼu beekuuf isa gargaara.

Hanqina kee hubadhu. Yeroo rakkisaa kanatti mucaa kee gargaaruu akka barbaaddu beekamaadha. Garuu hiriyaa gaaʼelaa kee jaallattu dhabuun kee baayʼee akka si miidhe yaadadhu. Karaa miiraa, karaa sammuu fi karaa qaamaa yeroodhaaf hamma tokko cimina dhabuu dandeessa. (Fakkeenya 24:10) Kanaafuu, miseensota maatii ykn michuu bilchina qabu kan biraa gargaarsa gaafachuun si barbaachisuu dandaʼa. Gargaarsa gaafachuun mallattoo bilchinaati. Fakkeenyi 11:2, “Ogummaan . . . warra humna isaanii beekan biratti argama” jedha.

Hundumaa caalaa si gargaaruu kan dandaʼu Yihowaadha; innis tajaajiltoota isaatiif waadaa akkana jedhu galeera: “Ani Waaqni kee Yihowaan, isa harka kee mirgaa qabee, ‘Hin sodaatin. Ani sin gargaara’ siin jedhu sana dha.”—Isaayyaas 41:13.

JILDII 1FFAA, BOQONNAA 16 ILAALI

Intalli tiyya soorataaf ilaalcha madaalamaa akka qabaattu gargaaruu kanan dandaʼu akkamitti?

Intalli kee akka gaariitti hin nyaattu yoo taʼe maal gochuu dandeessa? * Jalqaba sababa isaa hubachuuf yaali.

Namoonni gama soorataatiin barsiifata madaalamaa hin qabne ofiif ilaalcha gadaanaa akka qabanii fi mudaa kan hin qabne taʼuu akka barbaadan hubatameera; kunimmoo wanta bira gaʼuun hin dandaʼamnedha. Intalli kee amala akkasii akka qabaattu gumaacha akka hin goone of eeggadhu. Ilaalcha gaarii akka ofiif qabaattu gargaari.—1 Tasalonqee 5:11.

Ilaalcha soorataa fi furdinaaf qabdurrattis yaadi. Dubbii keetiinis taʼe gocha keetiin utuu hin beekin dhimma kana ni arbeessitaa? Dargaggoonni bifti isaanii baayʼee akka isaan yaaddessu yaadadhu. Intalli kee furdoo akka taate ykn umurii dargaggummaarratti dheerinnii fi ulfaatinni ishii akka tasaa dabaluu isaa ilaalchisee wanti qoosaadhaan dubbattullee sammuu ishiirratti dhiibbaa gochuu dandaʼa.

Dhimmicha ilaalchisee erga kadhattee booda intala kee wajjin ifatti haasaʼaa. Wantoota armaan gadii gochuuf yaali:

● Wanta dubbattuu fi yoom akka dubbattu of eeggannoodhaan irratti yaadi.

● Wanta si yaaddessee fi ishii gargaaruu akka barbaaddu ibsiif.

● Jalqaba yoo si mormite kun si hin ajaaʼibsiisin.

● Obsaan dhaggeeffadhu.

Hunda caalaammoo carraaqqii intalli kee barsiifata ishii sirreessuuf gooturratti ishii gargaari. Ishii gargaaruuf maatiidhaan waliin hojjedhaa.

JILDII 1FFAA, BOQONNAA 10 FI JILDII 2FFAA, BOQONNAA 7 ILAALI

  WAAQEFFANNAA

Ijoolleen koo umurii dargaggummaarra erga gaʼanii booda wantoota hafuuraa isaan barsiisuu koo itti fufuu kanan dandaʼu akkamitti?

Kitaabni Qulqulluun Ximotewos ‘daaʼimummaa isaatii jalqabee’ karaa hafuuraa leenjii akka argate dubbata; atis ijoollee keetiif akkas gootee taʼuu qaba. (2 Ximotewos 3:15) Ijoolleen kee umurii dargaggummaarra yeroo gaʼan garuu akkaataa itti isaan leenjistu jijjiiruun si barbaachisuu dandaʼa. Ijoolleen kee guddachaa yeroo deeman wantoota wal xaxoo fi ulfaatoo daaʼimummaa isaaniitti guutummaatti hubachuu hin dandeenye hubachuu jalqabu. Amma yeroo kamiyyuu caalaa “dandeettii yaaduu” isaaniitti akka fayyadaman gargaaruu qabda.—Roomaa 12:1.

Phaawulos xalayaa Ximotewosiif barreesserratti wantoota Ximotewos ‘baratee fi itti amane’ caqaseera. (2 Ximotewos 3:14) Ijoolleen kee umurii dargaggummaarra jiranis amma dhugaawwan Kitaaba Qulqulluu daaʼimummaa isaaniitii kaasanii baratanitti akka ‘amanan’ gargaarsi isaan barbaachisuu dandaʼa. Garaa isaanii tuquuf wanta gochuu qaban ykn wanta itti amanuu qaban itti himuun qofti gaʼaa miti. Ofuma isaaniitii barachuu qabu. Maarree isaan gargaaruu kan dandeessu akkamitti? Gaaffilee armaan gadiirratti akka yaadanii fi akka haasaʼan carraa isaaniif kennuudhaan jalqabuu dandeessa:

● Waaqayyo akka jiru kan na amansiise maalidha?—Roomaa 1:20.

● Wanti warri koo Kitaaba Qulqulluurraa na barsiisan dhugaa taʼuu isaa akkamittan beeka?—Hojii Ergamootaa 17:11.

● Ulaagaaleen Kitaaba Qulqulluu akka na fayyadan maaltu na amansiise?—Isaayyaas 48:17, 18.

● Raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu akka raawwataman akkamittan beeka?—Iyyaasuu 23:14.

● Wanti addunyaa kana keessa jiru kamiyyuu “beekumsa Kiristoos Yesuus . . . isa hunda caalaa gatii guddaa qabu” wajjin wal gituu akka hin dandeenye maaltu na amansiise?—Filiphisiyus 3:8.

● Aarsaan furii Kiristoos anaaf hiika maalii qaba?—2 Qorontos 5:14, 15; Galaatiyaa 2:20.

Ijoolleen kee gaaffilee kanaaf deebii kennuu akka hin dandeenye sodaachuudhaan akka irratti yaadan gochuurraa duubatti jetta taʼa. Akkas gochuun garuu bobaʼaan konkolaataa akka dhume argisiisuu dandaʼa jettee sodaachuudhaan mallattoo hamma bobaʼaa argisiisu ilaaluurraa duubatti jechuu wajjin tokkodha. Bobaʼaan sun dhumuu isaa dura hammam akka hafe beekuun kee gaariidha. Haaluma wal fakkaatuun ijoolleen kee gaaffilee isaaniirratti qorannoo akka godhanii fi akka ‘amanan’ isaan gargaaruu kan dandeessu amma yeroo si wajjin jiraatanittidha. *

Mucaan kee “Kanatti kanan amanu maaliifi?” jedhee gaafachuun isaa dogoggora akka hin taane yaadadhu. Shamarreen waggaa 22 Diyaan jedhamtu umurii waggoota kurnanii keessa yeroo turtetti gaaffii kana gaafattee akka turte ni yaadatti. Akkana jetteetti: “Wantan itti amanu ilaalchisee shakkii qabaachuu hin barbaadu. Deebii ifaa fi amansiisaa argachuun koo Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuu kootti akkan boonu na taasiseera. Wantan hin goone tokko ilaalchisee yeroon gaafatamu hundatti ‘Amantaan koo waan naaf hin heyyamneefi’ jechuu mannaa ‘Sirrii akka hin taane waanan amanuufi’ jedheen deebisa. Jecha kan biraatiin barumsi Kitaaba Qulqulluu ilaalcha koo akka taʼu godheera.”

Yaada: Ijoolleen kee dandeettii yaaduu isaaniitti fayyadamanii murtoo ulaagaalee Kitaaba Qulqulluu wajjin wal simu akka godhan gargaaruuf akka warraatti akka yaadan godhi. Fakkeenyaaf, intalli kee paartii gaarii akka hin taane ati (tarii ishiinis) beektu tokkorratti argamuuf heyyama si gaafatte haa jennu. Calluma jettee diduu mannaa akkana ishiidhaan jechuu dandeessa: ‘Ati bakka koo utuu taatee maal goota turte? Waaʼee paartii irratti argamuu barbaadde sanaa yaadi, qorannoo tokko tokko godhi (tarii Boqonnaa 37​ffaa kitaaba kanaa fi Jildii 2​ffaarraa Boqonnaa 32 fayyadamuu dandeessa), achii boru deebiʼii na haasofsiisi. Ani bakka kee buʼeen paartii kanarratti argamuuf akka naaf heyyamtun si gaafadha, atis bakka koo buutee paartii kanarratti argamuun gaarii taʼuu fi dhiisuu isaa naaf ibsita.’

JILDII 1FFAA, BOQONNAA 38 FI JILDII 2FFAA, BOQONNAA 34-36 ILAALI

Mucaan keenya wantoota hafuuraatiif fedhii dhabeera. Maal gochuu dandeenya?

Mucaan keenya amantaa keenya hin barbaadu jettanii daftanii hin murteessinaa. Yeroo baayʼee sababa qabaachuu dandaʼa. Fakkeenyaaf,

● Dhiibbaan hiriyaa isarra gaʼaa jira taʼa, akkasumas qajeelfamoota Kitaaba Qulqulluu hordofuudhaan warra kaanirraa adda taʼee mulʼachuun isa sodaachisee taʼuu dandaʼa

● Dargaggoonni kan biroon (obbolaan isaallee) karaa hafuuraa akka isa caalanii fi fakkeenya isaanii hordofuun humna isaatii ol akka taʼe isatti dhagaʼamee taʼuu dandaʼa

● Hiriyoota argachuu kan barbaadu taʼus kophummaan isatti dhagaʼamee ykn gumii keessaa hiriyoota argachuu akka hin dandeenye isatti dhagaʼamee taʼuu dandaʼa

● Dargaggoonni Kiristiyaanota akka taʼan dubbatan jireenya bifa lama qabu yeroo jiraatan waan argeef taʼuu dandaʼa

● Eenyummaa mataa isaa qabaachuuf carraaqqii gochaa waan jiruuf ulaagaalee isin iddoo guddaa kennitaniif ilaalchisee gaaffiin waan isatti uumameef taʼuu dandaʼa

● Barattoonni daree isaa bilisummaadhaan wanta sirrii hin taane kan godhan taʼus miidhaan kan isaanirra hin geenye fakkaatanii waan mulʼataniif taʼuu dandaʼa

● Abbaa ykn haadha isaa hin amanne gammachiisuuf yaalaa jira taʼa

Dhimmoonni akkasii barumsa amantaa keessanii akka shakke kan argisiisan akka hin taane hubadhaa. Kanaa mannaa, wantoonni amantaa kana hordofuun akka isatti ulfaatu godhan waan isa mudataniifi. Maarree, mucaa keessan jajjabeessuuf maal gochuu dandeessu?

Ejjennoo keessan utuu hin laaffisin sirreeffama godhaa. Wanta mucaa keessan abdii kutachiisu hubachuuf yaalaa, achiis sirreeffama karaa hafuuraa guddina gochuuf isa dandeessisu godhaa. (Fakkeenya 16:20) Fakkeenyaaf, saanduqni “Dhiibbaa Hiriyaa Dandamachuuf” jedhuu fi fuula 132 fi 133 Jildii 2​ffaarratti argamu mucaan keessan ijoollee isa wajjin baratan akka hin sodaanne ofitti amanannaa qabaachuuf isa gargaaruu dandaʼa. Mucaan keessan kophummaan yoo isatti dhagaʼamemmoo hiriyoota gaarii akka argatu gargaaruuf tarkaanfii fudhachuun isin barbaachisuu dandaʼa.

Nama isa gargaaru barbaadaa. Yeroo tokko tokko dargaggoonni namni guddaan miseensa maatii isaanii hin taane yeroo isaan jajjabeessu jijjiirama gochuuf kakaʼu. Nama ilaalcha hafuuraa qabuu fi mucaa keessan jajjabeessuu dandaʼu beektuu? Mucaa keessan wajjin yeroo akka dabarsu maaliif qophii hin gootan? Kaayyoon keessan itti gaafatamummaa keessan dhiisuu miti. Mee waaʼee Ximotewos yaadaa. Fakkeenyi Phaawulos baayʼee isa fayyadeera, Phaawulosis Ximotewos michuu isaa taʼuu isaatti faayidaa guddaa argateera.—Filiphisiyus 2:20, 22.

Mucaan keessan hamma isin wajjin jiraatetti waaqeffannaa keessanirratti akka hirmaatu isarraa eeguuf mirga qabdu. Haa taʼu malee, kaayyoon keessan mucaan keessan wanta tokko akkasumaan akka raawwatu gochuu utuu hin taʼin Waaqayyoof jaalala akka qabaatu gargaaruudha. Mucaan keessan amantaa dhugaa akka fudhatu gargaaruuf fakkeenya gaarii isaaf taʼaa. Wanta humna isaatii ol taʼe isarraa hin eeginaa. Michoota isa jajjabeessan akka argatu gargaaraa. Tarii mucaan keessan gaaf tokko akkuma faarfatichaa, “Yihowaan kattaa koo, dahoo koo fi isa na oolchu dha” jechuu dandaʼa.—Faarfannaa 18:2.

JILDII 1FFAA, BOQONNAA 39 FI JILDII 2FFAA, BOQONNAA 37 FI 38 ILAALI

[Miiljaleewwan]

^ Taʼus mucaan kee akka si wajjin walii galu gochuuf isa hin ceephaʼin.

^ Dargaggoonni waaʼeen qaama isaanii baayʼee waan isaan yaaddessuuf wanta qaamni isaanii hanqina akka qabu argisiisu akka hin dubbanne of eeggadhu.

^  Fuula 315-318 ilaali.

^ Barreessuuf akka salphatuuf mucaa dhiiraa akka fakkeenyaatti fayyadamneerra. Gorsi kenname garuu saala lamaaniifuu ni hojjeta.

^ Barreessuuf akka salphatuuf shamarran akka fakkeenyaatti fayyadamneerra. Gorsi kenname garuu saala lamaaniifuu ni hojjeta.

^ Jildii 2​ffaarraa Boqonnaan 36 dargaggoonni Waaqayyo akka jiru amanuuf dandeettii yaaduu isaanitti akka fayyadaman isaan gargaaruu dandaʼa.