Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Haala Dhiphisaa Mana Barumsaatti Na Mudatu Dandamachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

Haala Dhiphisaa Mana Barumsaatti Na Mudatu Dandamachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

BOQONNAA 18

Haala Dhiphisaa Mana Barumsaatti Na Mudatu Dandamachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

“Mana barumsaatti dhiibbaa hedduun waan narra gaʼuuf yeroo baayʼee booʼi booʼi ykn iyyi iyyi naan jedha.”—Shaaron.

“Yeroo guddachaa deemtu sababii isaatu jijjiirama malee dhiibbaan mana barumsaatti sirra gaʼu hin hirʼatu.”—Jeemsi.

MANA BARUMSAATTI dhiibbaan hammamii akka sirra gaʼaa jiru warri kee akka siif hin hubanne sitti dhagaʼamaa? Tarii warri kee ‘Ati kiraa manaa hin kaffaltu, qallabni si hin yaaddessu, hogganaan kee si hin rakkisu, dhimma maalii qabda?’ siin jedhu taʼa. Haa taʼu malee, dhiibbaan mana barumsaatti sirra gaʼu rakkina maatii keerra akka caalu sitti dhagaʼama taʼa.

Gara mana barumsaa deemuu fi deebiʼuuniyyuu si dhiphisuu dandaʼa. Taaraa ishiin Yuunaayitid Isteetis jiraattu akkana jetteetti: “Konkolaataa ittiin mana barumsaa deemnu keessatti yeroo baayʼee lolli ni kaʼa. Achiis konkolaachisaan ni dhaaba, hundi keenyayyuu gadi buuna. Kanaafuu, daqiiqaa soddoma yookiin isaa ol barfanna.”

Erga mana barumsaa geessee booda hoo dhiphinni sirra gaʼu ni dhaabbataa? Matumaa. Tarii wantoonni armaan gadii si mudachuu dandaʼu.

Barsiisonni kee si dhiphisu.

“Barsiisonni koo warra kaan akkan caaluu fi qabxii olaanaa akkan galmeessisu barbaadu. Isaan gammachiisuuf carraaqqii gochuun na dhiphisa.”Saandiraa.

“Keessumaa barattoonni dandeettii tokko tokko yoo qabaatan barsiisonni qabxii olaanaa akka fidan dhiibbaa isaanirratti godhu.”Eppiriil.

“Jireenya kee keessatti galma kan qabdu taʼus, barsiisonni tokko tokko galma barumsaa isaan yaadan hin qabdu taanaan gatii akka hin qabne akka sitti dhagaʼamu godhu.” *Naaʼomii.

Barsiisonni kee kan si dhiphisan akkamitti?

․․․․․

Hiriyoonni kee si dhiphisu.

“Mana barumsaa sadarkaa lammaffaatti ijoolleen bilisummaa dabalataa waan argataniif caalaatti rakkisoo taʼu. Wanta isaan godhan hin gootu taanaan duubatti hafaa akka taatetti yaadu.”Keevan.

“Dhugaatii alkoolii akkan dhuguu fi saalqunnamtii akkan raawwadhu guyyaa guyyaadhaan qorumsi narra gaʼa. Yeroo tokko tokko dhiibbaa kana dandamachuun ulfaataadha.”Aaron.

“Umuriin koo waggaa 12 dha, jaalallee akkan qabadhu dhiibbaa guddaatu narra gaʼa. Mana barumsaatti ijoolleen hundi ‘Hamma yoomiitti kophaa kee jiraatta?’ naan jedhu.”—Aleksaandariyaa.

“Mucaa tokko jaalallee akkan godhadhu dhiibbaa narratti godhamee ture. Yeroon isaan didu leezbiyaanii akkan taʼe dubbatan. Yeroo sanatti waggaa kudhanin ture!”Kiristaa.

Hiriyoonni kee kan si dhiphisan akkamitti?

․․․․․

Wantoota si dhiphisan kan biroo. Wanta caalaatti si dhiphisu tokko biratti mallattoogodhi ykn barreessi.

□ Qormaata

□ Hojii manaa

□ Wanta warri kee sirraa eegan

□ Wanta ofirraa eegdu

□ Ijoollee abbaa humnaa ykn miidhaa saalaa

□ Kan biraa ․․․․․

Tarkaanfiiwwan Dhiphina Hirʼisan Afur

Dhiphina tokko malee barumsa kee xumuruu akka hin dandeenye beekamaadha. Dhiibbaan baayʼachuun isaa nama dhiphisuu dandaʼa. Solomoon Mootichi inni nama ogeessa taʼe, “Hacuuccaan nama ogeessa maraachuu dandaʼa” jedhee barreesseera. (Lallaba 7:7) Haa taʼu malee, wanti akkasii akka sirra gaʼu heyyamuu hin qabdu. Dhiibbaa sirra gaʼu dandamachuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe barachuun si gargaaruu dandaʼa.

Dhiphina sirra gaʼu dandamachuun ulfaatina kaasuu wajjin wal fakkaata. Namni ulfaatina kaasu tokko buʼa qabeessa taʼuuf dursee of qopheessuun isa barbaachisa. Ulfaatina humna isaatii ol taʼe kaasuu hin qabu. Yeroo ol kaasus karaa sirrii taʼeen kaasuu qaba. Tarkaanfiiwwan kana kan fudhatu yoo taʼe qaama isaarratti utuu miidhaa hin geessisin maashaalee isaa jabeessuu dandaʼa; taʼuu baannaan garuu maashaaleen isaa miidhamuu ykn lafeen isaa cabuu dandaʼa.

Haaluma walfakkaatuun atis dhiphina si mudatu toʼachuu fi hojii kee utuu of hin miidhin karaa milkaaʼina qabuun hojjechuu dandeessa. Akkamitti? Tarkaanfiiwwan armaan gadii fudhadhu:

1. Sababa isaa adda baafadhu. Kitaabni Qulqulluun, “Namni abshaalli balaa ni arga, jalaas ni dhokata, namni muuxannoo hin qabne garuu ittuma deema, miidhaanis isa irra gaʼa” jedha. (Fakkeenya 22:3) Dhiphina jalaa dhokachuu kan dandeessu garuu sababa isaa dursitee yoo hubattedha. Kanaafuu, wanta mallattoo ✔ biratti goote deebiʼii ilaali. Yeroo ammaatti wanti caalaatti si dhiphisu maalidha?

2. Qorannoo godhi. Fakkeenyaaf, hojiin manaa ulfaataa taʼe tokko yoo si dhiphise yaadawwan boqonnaa 13​ffaa jildii 2​ffaarratti argamanirratti qorannaa godhi. Nama waliin barattu tokko wajjin saalqunnamtii akka raawwattu dhiibbaan sirra gaʼaa jira taanaan, gorsi boqonnaa 2​ffaa, 5​ffaa fi 15​ffaa jildii 2​ffaarratti argamu si gargaaruu dandaʼa.

3. Harʼa boru hin jedhin. Rakkoowwan baayʼeen calluma jettee kan bira darbitu yoo taʼe caalaatti hammaatu, kunimmoo dhiphinni kee akka dabalu godha. Wanta si dhiphise tokkoof akkamitti furmaata akka kennitu murteessiteetta taanaan dafii tarkaanfii fudhadhu. Fakkeenyaaf, Dhugaa Baatuu Yihowaa yoo taatee fi ulaagaa naamusaa Kitaaba Qulqulluu hordofuuf carraaqqii gochaa jirta taanaan, hamma siif dandaʼame dafii Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuu kee beeksisi. Akkas gochuun kee dhiphina kee siif hirʼisa. Shamarreen waggaa 20 Maarshaa jedhamtu akkana jetteetti: “Waggaa waggaadhaan akkuma barumsa jalqabneen mata dureewwan waaʼee ulaagaalee Kitaaba Qulqulluu ittiin geggeeffamnuu ibsuuf na gargaaran tokko tokko kaaseen marii jalqaba. Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuu koo dafee hin beeksisu taanaan akkas gochuun caalaatti natti ulfaachaa deema. Waggaa guutuu waaʼee amantii kootii dubbachuun koo fi wantan dubbadhe wajjin karaa walsimuun jiraachuun koo baayʼee na fayyadeera.”

4. Gargaarsa gaafadhu. Namni baayʼee cimaa taʼellee ulfaatina humna isaatii ol taʼe kaasuu hin dandaʼu. Atis humni kee daangeffamaadha. Taʼus, baʼaa kee kophaa kee baachuun si hin barbaachisu. (Galaatiyaa 6:2) Warra kee ykn Kiristiyaana bilchina qabu tokko maaliif hin haasofsiistu? Deebii olitti kennite isaanitti argisiisi. Achiis yaada akka siif kennan isaan gaafadhu.

Dhiphinni Faayidaa Qabaa?

Kana amanuun sitti ulfaachuu dandaʼus, yeroo tokko tokko dhiphachuun kee faayidaa qaba. Maaliif? Dhiphachuun kee jabaattee akka hojjettuu fi qalbiin kee haala gaariirra akka jiru waan argisiisuufi. Kitaabni Qulqulluun nama matumaa dhiphachuu hin barbaanne ilaalchisee maal akka jedhu ilaali: “Yaa dhibaaʼaa nana, hamma yoomiitti achi ciista? Hirriba kee irraa hoo yoom dammaqxa? Xinnuman ciisa, xinnuman muga, boqochuufis xinnuman harka maradhee taaʼa yoo jette, hiyyummaan akkuma saamtuutti, deegnis akkuma nama meeshaa waraanaa hidhatetti sitti dhufa.”—Fakkeenya 6:9-11.

Shamarreen waggaa 16 Haayidii jedhamtu akkana jetteetti: “Manni barumsaa iddoo gaarii hin taane sitti fakkaachuu dandaʼus, dhiibbaan achitti sirra gaʼu dhiibbaa yeroo hojii argattu sirra gaʼu wajjin walfakkaata.” Dhiphina dandamachuun salphaa akka hin taane beekamaadha. Haa taʼu malee, yoo toʼatte si miidhuu hin dandaʼu. Nama cimaa akka taatu si gargaaruu dandaʼa.

BOQONNAA ITTI AANURRATTI

Barumsa addaan kutuun rakkoowwan si mudataniif furmaata ni taʼaa?

[Miiljaleewwan]

^ Odeeffannoo dabalataa argachuuf, Boqonnaa 20​ffaa kitaaba kanaa ilaali.

CAQASA IJOO

“Inni isiniif waan yaaduuf, yaaddoo keessan hundumaa [Waaqayyo] irratti gataa.”—1 Pheexiros 5:7.

GORSA GAARII

Rakkoowwan akka dhiphattu si taasisan, toʼachuu kanan dandaʼuu fi toʼachuu kan hin dandeenye jedhii bakka lamatti hiri. Jalqaba rakkoowwan toʼachuu dandeessu furuuf yaali. Rakkoowwan kana erga furtee booda, rakkoowwan furuu hin dandeenyerratti xiyyeeffachuu dandeessa.

KANA BEEKTAA?

Guyyaa guyyaadhaan yoo xinnaate saʼaatii saddeetiif rafuun kee dhiphina dandamachuuf qofa utuu hin taʼin, dandeettii waa yaadachuuf qabdu sii fooyyessuu dandaʼa.

WANTAN GOCHUU YAADE

Dhiphina koo dandamachuuf hamma naaf dandaʼametti

saʼaatii․․․․․tti rafuuf murteesseera

Dhimma kana ilaalchisee wantan warra koo gaafachuu barbaadu․․․․․

MAAL SITTI FAKKAATA?

● Humna keetii ol ofirraa eeguun kee caalaatti akka dhiphattu gochuu malee faayidaa hin qabu kan jennu maaliifi?

● Dhiphinaan yoo liqimfamte eenyu mariisisuu dandeessa?

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 132rra jiru]

“Abbaan koo yeroo hundumaa yeroo gara mana barumsaa na geessu na wajjin kadhata. Kunimmoo nageenyi akka natti dhagaʼamu godha.”—Liiz

[Fakkii fuula 131​rra jiru]

Karaa madaallii isaa eegeen ulfaatina kaasuun akkuma maashaalee cimsu, dhiphina dandamachuun karaa miiraa cimaa akka taatu godha