Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Namoota Miidhaa Saalaa Geessisanirraa Of Eeguu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

Namoota Miidhaa Saalaa Geessisanirraa Of Eeguu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

BOQONNAA 32

Namoota Miidhaa Saalaa Geessisanirraa Of Eeguu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

Waggaa waggaadhaan namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman dirqsiifamanii gudeedamu ykn miidhaan saalaa isaanirra gaʼa; qorannoon akka argisiisutti miidhaa akkasiitiif caalaatti kan saaxilaman ijoolleedha. Fakkeenyaaf, Yuunaayitid Isteetis keessatti namoota gudeedaman keessaa walakkaan isaanii ijoollee umurii waggaa 18 gaditti argaman akka taʼan tilmaamama. Gochi kun waan babalʼateef mata duree kana dubbisuun kee baayʼee barbaachisaadha.

“Utuun hin beekin na qabee lafatti gad na darbate. Ofirraa ittisuuf wantan dandaʼu hundumaa godheera. Wanta nama gubu ija isaatti biifuuf yeroon jedhu harka koorraa darbate. Iyyuuf yaaleera, garuu sagalee dhageessisuu hin dandeenye. Ofirraa darbachuu, dhiituu, rukutuu fi moccoruufan yaale. Achiis cuubeedhaan yeroo na waraanu natti dhagaʼame. Sana booda guutummaattin hadoode.”—Aneet.

YEROO harʼaatti namoonni miidhaa saalaa geessisan baayʼataniiru; yeroo baayʼee namoonni miidhaa kanaaf saaxilamanimmoo ijoolleedha. Dargaggoonni tokko tokko akka Aneet nama hin beeknerraa miidhaan isaanirra gaʼa. Kaanimmoo ollaa isaanirraa miidhaan isaanirra gaʼa. Naataaliin yeroo umuriin ishii waggaa 10 turetti mucaan ollaa isaanii jiraatu miidhaa saalaa ishiirraan geessiseera. “Jalqabarratti baayʼee sodaadhee fi qaanaʼee waanan tureef eenyuttiyyuu hin himne” jetteetti.

Ijoollee hedduun miseensota maatii isaaniirraa miidhaan isaanirra gaʼeera. Dubartiin Kaarman jedhamtu akkana jetteetti: “Abbaan koo yeroon umurii 5 hanga 12 gidduu turetti dirqisiisee na gudeedaa ture. Yeroo umuriin koo waggaa 20 taʼu maaliif akkas akka godhe isa gaafadheen ture. Dhiifama kan na gaafate taʼus jiʼoota muraasa booda manaa na ariʼe.”

Miidhaan saalaa ollaan, hiriyaan ykn miseensi maatii geessisu yeroo ammaatti baayʼee babalʼateera. * Haa taʼu malee, miidhaan ijoolleerra gaʼu haaraa miti. Gochi akkasii bara Kitaabni Qulqulluun barreeffamettis raawwatamaa ture. (Yooʼel 3:3; Maatewos 2:16) Yeroo baayʼee rakkisaa taʼe keessa jiraachaa jirra. Namoonni baayʼeen “jaalala kan hin qabne” taʼaniiru; ijoolleen durbaa (ijoolleen dhiiraallee) miidhaan saalaa isaanirra gaʼa. (2 Ximotewos 3:1-3) Dursitee of eeggachuun nageenya keetiif wabii taʼuu baatus, of eeguuf wantoonni gochuu dandeessu hedduun jiru. Yaadawwan armaan gadii ilaali:

Dammaqaa taʼi. Manaa baatee bakka tokko yeroo deemtu wanta fuuldura kee, duuba kee fi bitaa fi mirga keetti raawwatamaa jiru ilaali. Naannoowwan tokko tokko keessumaa galgala galgala balaa qabu. Hamma siif dandaʼametti naannoo akkasii hin dhaqin ykn nama wajjin deemi.—Fakkeenya 27:12.

Ergaa dogoggoraa hin dabarsin. Kolomsuu ykn uffata fedhii saalaa kakaasu uffachuurraa of qusadhu. Gochi akkasii saalqunnamtii raawwachuu akka barbaaddu ykn akka hin mormine akka yaadan gochuu dandaʼa.—1 Ximotewos 2:9, 10.

Wanta gochuu hin qabnerratti mariʼadhaa. Wal qorachaa jirtu yoo taʼe naamusni sirrii fi sirrii hin taane kan akkamii akka taʼe mariʼadhaa. * Wanta gochuu hin qabnerratti erga walii galtanii booda haala balaadhaaf si saaxilu keessa akka hin galle of eeggadhu.—Fakkeenya 13:10.

Ejjennoo kee ifatti dubbadhu. “Akkas hin godhin!” ykn “Harka kee narraa kaasi!” jettee cimsitee dubbachuun dogoggora hin qabu. Jaalallee koon dhaba jettee sodaachuudhaan akkas gochuurraa duubatti hin jedhin. Sababa kanaan yoo sirraa gargar baʼe nama siif taʼu miti jechuudha. Kan siif malu nama qaama keetiifis taʼe ulaagaalee hordoftuuf kabaja qabudha. *

Intarneetii yeroo fayyadamtu of eeggadhu. Odeeffannoo dhuunfaa ykn suuraa bakka jirtu argisiisu matumaa Intarneetiirratti hin baasin. * Ergaan saalqunnamtii wajjin wal qabatu yoo si gaʼe yeroo baayʼee deebii kennuu dhiisuun gaariidha. Ergaa akkasiitiif deebii kennuu dhiisuun namoota intarneetii fayyadamanii miidhaa saalaa geessisan hedduu humna dhabsiisa.

Tarkaanfiiwwan olitti ibsaman fudhachuun kee carraa balaadhaaf itti saaxilamtu hirʼisuu dandaʼa. (Fakkeenya 22:3) Haa taʼu malee, yeroo hunda haala kee guutummaatti toʼachuu hin dandeessu. Fakkeenyaaf, yeroo hunda nama si wajjin deemu argachuu ykn naannoo balaadhaaf si saaxilanirraa fagaachuu hin dandeessu taʼa. Tariimmoo naannoo balaadhaaf si saaxilu keessa jiraatta taʼa.

Tarii rakkinarraa fagaachuuf carraaqqii utuma gootuu wantoonni gadheen sirra gaʼuu akka dandaʼan muuxannoo keerraa hubatteetta taʼa. Akkuma Aneet ishii olitti ibsamtee utuu ati hin eegin namni tokko humnaan miidhaa sirraan gaʼuu dandaʼa. Yookiinimmoo akkuma Kaarman ijoollummaa keetti yeroo haala isaa toʼachuuf waa gochuu ykn wanta taʼaa jiru guutummaatti hubachuu hin dandeenyetti miidhaan sirra gaʼeera taʼa. Miira balleessaa miidhaa saalaa sirra gaʼeen kan kaʼe sitti dhagaʼamu dandamachuu kan dandeessu akkamitti?

Miira Balleessaa Dandamachuu

Aneet wanta ishiirra gaʼe ilaalchisee miira balleessaa ishiitti dhagaʼamu wajjin ammas waldhaansoo gochaa jirti. Akkana jetteetti: “Anumatu diina ofitti taʼe. Waaʼee galgala sanaa irra deddeebiʼee yaaduu koo ittan fufe. Ofirraa isa dhoowwuuf caalaatti carraaqqii gochuun akka narra ture natti dhagaʼama. Garuu erga na waraanee booda sodaadhaan kan kaʼe hadoodeen ture. Sana booda homaa gochuu kanan hin dandeenye taʼus, waa gochuun akka narra ture natti dhagaʼama.”

Naataaliinis miira balleessaa wajjin waldhaansoo gooti. Akkana jetteetti: “Garmalee nama amanuun narra hin turre. Warri koo anii fi obboleettiin koo alatti yeroo taphannu akka gargar hin baane seera baasanii turan; ani garuu hin ajajamne. Kanaafuu, ollaan keenya sun akka na miidhu carraa kan isaaf kenne anuma akka taʼe natti dhagaʼama. Wanti narra gaʼe maatii koorrattis dhiibbaa godheera; miidhaa guddaa gaʼe kanaaf kan itti gaafatamu ana akka taʼe natti dhagaʼama. Baayʼee kan na dhiphisu miira kanadha.”

Akkuma Aneet ykn Naataalii sitti dhagaʼama yoo taʼe miira balleessaa sitti dhagaʼamu dandamachuu kan dandeessu akkamitti? Tokkoffaa, dirqisiifamtee gudeedamteetta taanaan fedhii keetiin akka hin taane yaadadhu. Namoonni tokko tokko, kun amaluma dhiirotaa akka taʼee fi balleessaan isaa kan warra gudeedamanii akka taʼe dubbachuudhaan dhimmicha salphisanii ilaalu. Haa taʼu malee, namni kamiyyuu dirqamaan gudeedamuu hin qabu. Gochi hamminaa kun sirratti raawwatameera yoo taʼe, kan itti gaafatamu si miti.

Kana amanuun garuu akka dubbisuu salphaa miti. Namoonni tokko tokko wanta uumame dhoksuudhaan, miira balleessaa fi miira dogoggoraa kan biraatiin dararamu. Haa taʼu malee, callisuun kee si fayyada moo nama si miidhe sana fayyada? Tarkaanfii armaan gadii fudhachuun kee si fayyada.

Wanta Sirra Gaʼe Dubbadhu

Kitaabni Qulqulluun Iyyoob inni nama qajeelaa taʼe yeroo miirri isaa baayʼee miidhamee turetti akkana akka jedhe dubbata: “Gadda koo nan dhangalaasa. Dhiphina koo isa hadhaaʼaa irraa kan kaʼes nan dubbadha!” (Iyyoob 10:1) Atis akkas gochuun kee si fayyada. Wanta sirra gaʼe nama amantu tokkotti himuun kee yeroo booda haala isaa amantee fudhachuu fi miira si dhiphisurraa boqonnaa argachuuf si gargaara.

Kiristiyaana yoo taatemmoo wanta sirra gaʼe jaarsolii gumiitti himuun kee barbaachisaadha. Jajjabinni jaarsoliin jaalalaan kakaʼanii siif kennan cubbuun nama kan biraa akka si xureesse sitti dhagaʼamuu akka hin qabne siif mirkaneessa. Aneet kana hubatteetti. Akkana jetteetti: “Michuu baayʼee natti dhihaattu takkattin hime; ishiinis jaarsolii gumii akkan haasofsiisu na jajjabeessite. Akkas gochuu kootti gammadeera. Isaanis yeroo garaagaraatti na haasofsiisaniiru; akkasumas wanta dhagaʼuun na barbaachisu, jechuunis balleessaan isaa kan koo akka hin taane natti himaniiru. Ani balleessaa tokkollee hin qabu.”

Wanta sirra gaʼe warra kaanitti himuunii fi miira kee ibsuun kee aarii fi haaloodhaan dararamuurraa si eega. (Faarfannaa 37:8) Tariimmoo boqonnaa waggoota hedduudhaaf argattee hin beekne argachuuf si gargaara taʼa. Naataaliin wanta ishiirra gaʼe warra ishiitti erga himtee booda boqonnaa argatteetti. Akkana jetteetti: “Baayʼee na gargaaraniiru. Waaʼee dhimmichaa akkan dubbadhu na jajjabeessan; kunimmoo keessa kootti baayʼee akkan hin gaddinee fi hin aarre na gargaareera.” Naataaliin kadhachuun ishiis ishii jajjabeesseera. Akkana jetteetti: “Keessumaa yeroo miira koo namatti himuun natti ulfaate sanatti Waaqayyoon haasofsiisuun koo baayʼee na gargaareera. Yeroon kadhadhu miira koo bilisummaadhaanan ibsa. Kunis nagaa fi tasgabbii dhugaa naaf argamsiiseera.” *

Atis ‘fayyuun yeroo akka qabu’ hubachuu dandeessa. (Lallaba 3:3) Gargaarsa michoonni dhugaan kan akka jaarsolii siif godhanitti amanamuu dandeessa; jaarsoliin ‘bakka bubbee jalaa itti dhokatanii fi bakka bokkaa yandoo jalaa dahoo itti argatanidha.’ (Isaayyaas 32:2) Karaa qaamaas taʼe karaa miiraa of kunuunsi. Boqonnaa gaʼaa argadhu. Hunda caalaammoo Yihowaa isa Waaqa jajjabina hundaa taʼee fi dhiheenyatti addunyaa haaraa fidutti amanami; addunyaa haaraan yeroo dhufu “namoonni hamoon ni badu, warri Yihowaa abdatan garuu lafa ni dhaalu.”—Faarfannaa 37:9.

[Miiljaleewwan]

^ Shamarran tokko tokkommoo nama wajjin wal qorachaa jiraniin humnaan ykn of wallaalchisuudhaan gudeedamuu dandaʼu.

^ Odeeffannoo dabalataa argachuuf, Jildii 2​ffaarraa Boqonnaa 4 ilaali.

^ Gorsi kun dhiira shamarreen saalqunnamtii akka ishii wajjin raawwatu dhiibbaa irratti gootuufis ni hojjeta.

^ Odeeffannoo dabalataa argachuuf, Jildii 2​ffaarraa Boqonnaa 11 ilaali.

^ Yeroo tokko tokko namoonni miidhaan saalaa isaanirra gaʼe dhiphina sammuutiif saaxilamu. Yeroo akkasiitti ogeessa fayyaa mariisisuun gaariidha. Dhiphina dandamachuu ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf, Boqonnaa 13​ffaa fi 14​ffaa kitaaba kanaa ilaali.

CAQASA IJOO

‘Guyyoota dhumaatti yeroon addaa baayʼee rakkisaa taʼe ni dhufa. Sababiin isaas, namoonni kan of jaallatan, jaalala kan hin qabne, kan of hin toʼanne, gara jabeeyyii fi wanta gaarii kan hin jaallanne taʼu.’—2 Ximotewos 3:1-3.

GORSA GAARII

Miidhaan saalaa sirra gaʼeera yoo taʼe caqasoota si jajjabeessan barreeffadhu. Tarii Faarfannaa 37:28; 46:1; 118:5-9; Fakkeenya 17:17 fi Filiphisiyus 4:6, 7 barreeffachuu dandeessa.

KANA BEEKTAA?

Yuunaayitid Isteetis keessatti ijoollee miidhaan saalaa isaanirra gaʼe keessaa dhibbeentaa 90 ol kan taʼan nama miidhaa isaanirraan gaʼe beeku.

WANTAN GOCHUU YAADE

Wanta uumame ilaalchisee miirri balleessaa yoo natti dhagaʼame akkanan godha ․․․․․

Dhimma kana ilaalchisee wantan warra koo gaafachuu barbaadu ․․․․․

MAAL SITTI FAKKAATA?

● Waaʼee miidhaa sirra gaʼee dubbachuun faayidaa akkamii qaba?

● Callisuun kee sirrattis taʼe warra kaanirratti dhiibbaa akkamii geessisuu dandaʼa?

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 232rra jiru]

“Miidhaa sirra gaʼe dubbachuun baayʼee ulfaataa taʼus, akkas gochuun kee si fayyada. Gaddaa fi aarii sitti dhagaʼamurraa boqochuuf, akkasumas humna kee haareffachuuf si gargaara.”—Naataalii

[Saanduqa fuula 230rra jiru]

“Utuu Na Jaallattee . . . ”

Namoonni miidhaa saalaa geessisan tokko tokko shamarran dirqisiisuu mannaa malaan isaan sossobu. Akkamitti? Fakkeenyaaf, “Nama hundatu saalqunnamtii raawwata,” “Eenyuyyuu nurratti hin beeku” ykn akkuma Boqonnaa 24 irratti ibsame, “Utuu na jaallattee tole jetta turte” jechuudhaan isaan sossobuuf yaalu. Nama saalqunnamtiin ibsa jaalalaa akka taʼe si amansiisuuf yaaluun hin gowwoomfamin. Namni akkasitti yaadu nama fedhii isaa guuttachuu qofa barbaadudha. Waaʼeen kees taʼe nageenyi kee homaa isa hin yaaddessu. Namni naamusa gaarii qabu garuu faayidaa isaa caalaa faayidaa keetiif dursa kenna; ulaagaalee naamusaa Waaqayyoo hordofuufis cimina akka qabu argisiisa. (1 Qorontos 10:24) Namni akkasii fedhii saalaa isaa guuttachuuf shamarranitti fayyadamuu hin barbaadu. Kanaa mannaa, “dubartoota umurii dargaggummaa irra jiran akka obboleettotaatti qulqullummaa hundumaatiin” isaan qaba.—1 Ximotewos 5:1, 2.

[Fakkii fuula 233rra jiru]

Miirri miidhaa sirra gaʼeen kan kaʼe sitti dhagaʼamu baayʼee ulfaataa waan taʼeef kophaa kee baachuu hin dandeessu. Nama tokkotti himuudhaan maaliif gargaarsa hin gaafattu?