Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Namuma Argan Wajjin Saalqunnamtii Raawwachuun Rakkina Qabaa?

Namuma Argan Wajjin Saalqunnamtii Raawwachuun Rakkina Qabaa?

BOQONNAA 26

Namuma Argan Wajjin Saalqunnamtii Raawwachuun Rakkina Qabaa?

“Ijoolleen tokko tokko sadarkaa saalqunnamtii raawwachuurra gaʼuu akka dandaʼan ilaaluuf, akkasumas nama hammamii wajjin saalqunnamtii raawwachuu akka dandaʼan beekuuf waliin taʼu.”—Peenii.

“Ijoolleen dhiiraa tokko tokko waaʼee kanaa ifatti dubbatu. Jaalallee kan qaban taʼus shamarran hedduu wajjin saalqunnamtii akka raawwatan of jajuudhaan dubbatu.”—Eedwaardi.

DARGAGGOONNI hedduun miira jaalalaa utuu hin qabaatin namuma argan wajjin saalqunnamtii akka raawwatan of jajuudhaan dubbatu. Tokko tokkommoo jaalallee qabaachuun utuu isaan hin barbaachisin namoota yeroo saalqunnamtii raawwachuu barbaadan bira dhaqan qabu.

Atis wanti akkasii kan si qoru yoo taʼe kun si ajaaʼibsiisuu hin qabu. (Ermiyaas 17:9) Eedwaardi inni olitti ibsame akkana jedheera: “Shamarran hedduun saalqunnamtii akkan isaan wajjin raawwadhu na affeeru; qorumsa Kiristiyaana taʼuu kootiin narra gaʼu keessaa hunda caalaa dandamachuun kan natti ulfaate kanadha. ‘Hin barbaadu’ jechuun baayʼee ulfaataadha.” Namni tokko isa wajjin saalqunnamtii akka raawwattu yoo si affeere qajeelfamoonni Kitaaba Qulqulluu sammuutti qabachuu qabdu kamfaʼi?

Namuma Argan Wajjin Saalqunnamtii Raawwachuun Dogoggora kan Taʼe Maaliif Akka Taʼe Beeki

Halalummaan cubbuu cimaa waan taʼeef namoonni gocha kana raawwatan “Mootummaa Waaqayyoo hin dhaalan.” (1 Qorontos 6:9, 10) Namoonni lama wal jaallataniis taʼe utuu miira jaalalaa waliif hin qabaatin gaaʼela dura saalqunnamtii yoo raawwatan kun cubbuu cimaadha. Haala lamaanuu keessatti qorumsa dandamachuuf ilaalcha Yihowaan halalummaadhaaf qabu qabaachuu qabda.

“Qajeelfamni Yihowaan nuuf kennu hundumaarra akka wayyu cimseen amana.”—Kaaran, Kaanaadaa.

“Qorumsa tokkoof yoo mooʼamte warra kee, michoota kee fi obboloota gumii keessa jiran hunda akka gaddisiistu yaadadhu.”—Piitar, Biritaaniyaa.

Ilaalcha Yihowaan halalummaadhaaf qabu qabaachuudhaan wanta hamaa foon kee hawwatullee jibbuu ni dandeessa.—Faarfannaa 97:10.

Uumama 39:7-9 dubbisi. Tarkaanfii Yoseef yeroo qorumsi isarra gaʼetti ija jabinaan fudhatee fi qorumsa kana dandamachuuf wanta isa gargaare hubadhu.

Wanta Itti Amantutti Booni

Dargaggoonni baayʼeen wanta itti amananitti hin boonan. Ati garuu amala keetiin ulaagaalee Waaqayyoo deggaruuf mirga argatteetta. Ilaalcha saalqunnamtii gaaʼela dura raawwatamuuf qabdutti hin qaanaʼin.

“Qajeelfama naamusaa hordoftu akka qabdu dursii ifatti dubbadhu.”—Alan, Jarman.

“Dargaggoonni mana barumsa sadarkaa lammaffaatti wajjin barachaa turre akka gaariitti na beeku; carraaqqiin isaan na qoruuf godhan gatii akka hin qabnes beeku.”—Viikii, Yuunaayitid Isteetis.

Wanta itti amantuuf ija jabinaan dhaabbachuun kee Kiristiyaana bilchaataa akka taate argisiisa.—1 Qorontos 14:20.

Fakkeenya 27:11 dubbisi. Tarkaanfii sirrii fudhachuun kee garaa Yihowaa akka gammachiisu hubadhu.

Kutannoo Qabaadhu

Lakki jechuun barbaachisaadha. Namoonni tokko tokko garuu utuma barbaadduu kan didde isaanitti fakkaachuu dandaʼa.

“Akkaataan uffannaa kee, akkaataan itti dubbattu, namoonni wajjin haasoftuu fi akkaataan namoota itti haasofsiistu akka hin barbaanne ifatti kan mulʼisu taʼuu qaba.”—Jooyi, Naayijeeriyaa.

“Matumaa wanta akkasii akka hin raawwanne ifatti argisiisuu qabda. Kennaa dhiironni si barbaadan sii kennan fudhachuu hin qabdu. Kennaa isaanii kan fudhattu yoo taʼe wanta isaan barbaadan akka gootu sirraa eegu.”—Laaraa, Biritaaniyaa.

Kutannoo akka qabdu yoo argisiiste Yihowaan si gargaara. Daawit faarfatichi muuxannoo isaarraa kaʼuudhaan Yihowaadhaan “Nama amanamaa taʼeef amanamaa ni taata” jedheera.—Faarfannaa 18:25.

Seenaa Baraa Lammaffaa 16:9 dubbisi. Yihowaan namoota wanta sirrii raawwachuu barbaadan gargaaruuf fedhii guddaa akka qabu hubadhu.

Dursii Yaadi

Kitaabni Qulqulluun, “Namni abshaalli balaa ni arga, jalaas ni dhokata” jedha. (Fakkeenya 22:3) Yaada kana hojiirra oolchuu kan dandeessu akkamitti? Dursitee yaaduudhaani.

“Hamma siif dandaʼametti namoota wanta akkasii dubbatanirraa fagaadhu.”—Naaʼomii, Jaappaan.

“Odeeffannoo dhuunfaa kan akka teessoo fi lakkoofsa bilbilaa kee hin kennin.”—Diyaanaa, Biritaaniyaa.

Dubbii kee, amala kee, namoota waliin dabarsituu fi naannoo yeroo baayʼee dhaqxu gamaaggami. Achiis ‘Utuu natti hin beekamin namoonni saalqunnamtii akkan isaan wajjin raawwadhu akka na gaafatan affeeraan jiraa?’ jedhii of gaafadhu.

Uumama 34:1, 2 dubbisi. Shamarreen Diinaa jedhamtu bakka sirrii hin taanetti argamuun ishii miidhaa akkamii akka ishiirraan geessise hubadhu.

Yihowaan namuma argan wajjin saalqunnamtii raawwachuu salphisee akka hin ilaalle yaadadhu; atis salphistee ilaaluu hin qabdu. Wanta sirrii taʼe ilaalchisee ejjennoo cimaa qabaachuudhaan Waaqayyo duratti qalbii qulqulluu qabaachuu fi kabaja ofiif qabdu eeggachuu ni dandeessa. Shamarreen Kaarlii jedhamtu yaada kana yeroo ibsitu akkana jetteetti: “Namni tokko fedhii isaa guuttachuuf akka sitti fayyadamu maaliif heyyamta? Ejjennoo qulqulluu Yihowaa duratti qabduu fi carraaqqii guddaa gochuudhaan argatte eeggadhu.”

BOQONNAA ITTI AANURRATTI

Dhiironni shamarree akkamiitu isaan hawwata? Deebiin isaa si ajaaʼibsiisuu dandaʼa.

CAQASA IJOO

“Dhuma irratti [Waaqayyo] duratti xurii fi mudaa kan hin qabne taatanii nagaadhaan argamuuf wanta isiniif dandaʼame hunda godhaa.”—2 Pheexiros 3:14.

GORSA GAARII

Amaloota kee fooyyessuuf carraaqqii godhi. (1 Pheexiros 3:3, 4) Eenyummaa gaarii yoo qabaatte nama eenyummaa gaarii qabu hawwatta.

KANA BEEKTAA?

Yihowaan yaaddoo, sodaa fi gaabbii halalummaan geessisu utuu hin qabaatin gaaʼela keessatti saalqunnamtiitti akka gammaddu barbaada.

WANTAN GOCHUU YAADE

Karaa naamusaa qulqulluu taʼuurratti fakkeenya Yoseef hordofuuf akkanan godha ․․․․․

Dogoggora Diinaan raawwatterraa of eeguuf akkanan godha ․․․․․

Dhimma kana ilaalchisee wantan warra koo gaafachuu barbaadu ․․․․․

MAAL SITTI FAKKAATA?

● Saalqunnamtiin seeraan alaa foon cubbamaa taʼe kan hawwatu taʼus dogoggora kan taʼe maaliifi?

● Namni tokko isa wajjin saalqunnamtii akka raawwattu yoo si gaafate maal goota?

Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 185rra jiru]

“Ejjennoo cimaa qabaadhu. Yeroo dargaggeessi tokko waa barbaadee natti sissiqu ‘Harka kee narraa kaasin’ jedheen; achiis dafeen biraa deeme.”—Elan

[Fakkii fuula 187rra jiru]

Namuma argite wajjin saalqunnamtii yoo raawwatte of salphista