Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Saalqunnamtiin Caalaatti Walitti Nu Dhiheessaa Laata?

Saalqunnamtiin Caalaatti Walitti Nu Dhiheessaa Laata?

BOQONNAA 24

Saalqunnamtiin Caalaatti Walitti Nu Dhiheessaa Laata?

Heezarii fi Maayik erga wal baranii jiʼa lama qofadha; taʼus Heezar yeroo dheeraadhaaf akka isa beektu ishiitti dhagaʼama. Yeroo hunda walii barreessu, bilbilaan saʼaatii dheeraa haasaʼu, akkasumas baayʼee walii galu. Amma garuu konkolaataa keessa taaʼanii utuu jiranii Maayik haasaa caalaa wanta kan biraa barbaade.

Jiʼoottan lamaan darban keessatti Maayikii fi Heezar harka wal qabachuu fi nagaa wal gaafachuuf wal dhungachuu caalaa wanta kan biraa hin goone. Heezar kanarra darbuu hin barbaaddu. Taʼus Maayikiin dhabuu hin barbaaddu. Baayʼee akka bareedduu fi adda akka taate akka ishiitti dhagaʼamu kan godhu isa qofadha. Kana malees, ‘Anii fi Maayik erga wal jaallannee rakkina maalii qaba?’ ofiin jetti.

HAALLI kun garamitti akka geessu tilmaamuu dandeessa. Haa taʼu malee, saalqunnamtii raawwachuun jireenya isaanii hammam akka jijjiiru hin hubattu taʼa. Mee yaada armaan gadiirratti yaadi:

Seera fiiziksii kan akka harkisa lafaa yoo eeguu baatte miidhaan sirra gaʼuun isaa hin oolu. Haaluma wal fakkaatuun, seera naamusaa kan akka seera “Halalummaa irraa fagaadhaa” jedhu yoo eeguu baatte miidhaan sirra gaʼa. (1 Tasalonqee 4:3) Seera kanaaf ajajamuu dhiisuun miidhaa akkamii qaba? Kitaabni Qulqulluun, “Namni halalummaa raawwachuu amaleeffate . . . qaama ofii isaa irratti cubbuu hojjeta” jedha. (1 Qorontos 6:18) Kun dhugaadhaa? Miidhaa gaaʼela dura saalqunnamtii raawwachuun geessisu sadi barreessi.

1 ․․․․․

2 ․․․․․

3 ․․․․․

Mee wanta barreessite irra deebiʼii ilaali. Dhukkuba saalqunnamtiidhaan daddarbu, ulfa hin barbaadamne ykn Waaqayyo biratti fudhatama dhabuu jetteettaa? Nama seera Waaqayyo halalummaa ilaalchisee baase cabse kamirrayyuu miidhaan akkasii ni gaʼa.

Taʼus, ammayyuu ni qoramta taʼa. ‘Homtuu narra hin gaʼu. Nama hundatu saalqunnamtii raawwata mitii?’ jettee yaadda taʼa. Mana barumsaatti ijoolleen si wajjin baratan saalqunnamtii akka raawwatan of jajuudhaan dubbatu; waan miidhamanis hin fakkaatu. Tarii atis akkuma Heezar ishii olitti ibsamtee saalqunnamtii raawwachuun jaalallee kee wajjin caalaatti akka walitti si dhiheessu sitti dhagaʼama taʼa. ‘Durba taʼuu kootiin akka natti qoosamu hin barbaadu. Kanaafuu, saalqunnamtii yoon raawwadhe wayyaa laata?’ jettee yaadda taʼa.

Mee takka dhaabbadhuu yaadi. Tokkoffaa, saalqunnamtii kan raawwatu nama hunda miti. Gabaasa dargaggoonni hedduun saalqunnamtii akka raawwatan ibsu dubbisteetta taʼa. Fakkeenyaaf, qorannaan Yuunaayitid Isteetis keessatti godhame dargaggoota biyyattii 3 keessaa 2 barumsa sadarkaa lammaffaa xumuruu isaanii dura saalqunnamtii akka raawwatan argisiisa. Kana jechuun dargaggoota 3 keessaa 1 saalqunnamtii hin raawwanne jechuudha; kun lakkoofsa xinnaa miti. Dargaggoonni saalqunnamtii raawwatan maaltu isaan mudate? Dargaggoonni hedduun muudannoowwan gaddisiisoo gaditti ibsaman keessaa tokko ykn lama akka isaan qunnaman qorattoonni hubataniiru.

MUUDANNOO GADDISIISAA 1FFAA DHIPHINA. Dargaggoonni gaaʼela dura saalqunnamtii raawwatan hedduun boodarra akka gaabban dubbataniiru.

MUUDANNOO GADDISIISAA 2FFAA SHAKKII. Saalqunnamtii erga raawwatanii booda lamaan isaaniiyyuu, ‘Ana malee eenyu wajjin saalqunnamtii raawwate ykn raawwatte laata?’ jedhanii yaadu?

MUUDANNOO GADDISIISAA 3FFAA BURJAAJAʼUU. Shamarran hedduun nama isaanitti fayyadamu utuu hin taʼin nama eegumsa isaaniif godhu barbaadu. Dhiironni hedduunis shamarreen yaada isaanii fudhachuudhaan isaan wajjin saalqunnamtii raawwatte sana booda baayʼee isaan hin hawwattu.

Kana malees, dhiironni hedduun shamarree isaan wajjin saalqunnamtii raawwatte fuudhuu akka hin barbaanne dubbataniiru. Maaliif? Shamarree qulqullummaa ishii eeggatte waan barbaadaniifi.

Shamarree yoo taate kun si ajaaʼibsiisaa? Yookiinimmoo si aarsaa? Taanaan kana yaadadhu: Saalqunnamtiin gaaʼela dura raawwatamu isa fiilmii ykn televizyiniirratti mulʼaturraa baayʼee addadha. Industiriin bashannanaa saalqunnamtiin ijoollee umurii waggoota kurnanii keessatti argaman gidduutti raawwatamu kan nama gammachiisu akka taʼetti dhiheessa; akkasumas miidhaa kan hin qabne, darbees jaalala dhugaa kan argisiisu fakkeessee dhiheessa. Garuu hin gowwoomin. Namoonni gaaʼela dura saalqunnamtii akka raawwattu si jajjabeessan faayidaa isaanii qofa yaadu. (1 Qorontos 13:4, 5) Namni garaadhaa si jaallatu wanta karaa qaamaa fi miiraa balaadhaaf si saaxilu akka gootu si gaafataa? (Fakkeenya 5:3, 4) Namni garaadhaa siif yaadu wanta walitti dhufeenya Waaqayyo wajjin qabdu balaadhaaf saaxilu akka gootu si qoraa?—Ibroota 13:4.

Dargaggeessa yoo taatee fi shamarree takka wajjin wal qorachaa jirtu yoo taʼe qabxiileen boqonnaa kana keessatti ibsaman walitti dhufeenya keessanirratti yaaduuf si kakaasee taʼuu qaba. ‘Jaalallee kootiif garaadhaa nan yaadaa?’ jedhii of gaafadhu. Deebiin kee ‘Eeyyee’ yoo taʼe, kana argisiisuu kan dandeessu akkamitti? Cimina seera Waaqayyoo eeguuf si dandeessisu, ogummaa qorumsarraa fagaachuuf si gargaaruu fi jaalala fedhii ishii dursuuf si dandeessisu qabaachuudhaani. Amaloota kana yoo qabaatte jaalalleen kee akkuma Shulaamittii ishii karaa naamusaa qulqullummaa ishii eeggattee fi “Jaalalleen koo kan koo ti, anis kan isaa ti” jettee ishiitti dhagaʼamuun isaa hin oolu. (Weedduu Weedduu Caalu 2:16) Baayʼee sitti boonti.

Dhiiras taate durba qorumsaaf harka laattee gaaʼela dura saalqunnamtii yoo raawwatte wanta gatii guddaa qabu dabarsitee kennuudhaan of salphista. (Roomaa 1:24) Dargaggoonni hedduun akkuma waan kutaan qaama isaanii gatii guddaa qabu tokko akka hatamu heyyamaniitti, sana booda gatii akka hin qabne isaanitti dhagaʼamuun isaa nama hin dinqisiisu. Haalli gaddisiisaan akkasii akka sirra gaʼu hin heyyamin. Namni tokko “Utuu na jaallattee tole jetta turte” jechuudhaan saalqunnamtii akka raawwattu si sossobuuf yoo yaale, “Atis utuu na jaallatta taʼee kana na hin gaafattu turte” jedhii cimsii isaaf deebisi.

Qaamni kee wanta gatii guddaa qabudha. Seera Waaqayyo halalummaarraa akka fagaannu kenneef ajajamuuf akka kutatte argisiisi. Yeroo booda gaaʼela yeroo dhaabbattu saalqunnamtii raawwachuu ni dandeessa. Namoota gaaʼela dura saalqunnamtii raawwatanirraa haala adda taʼeen, yaaddoo, gaabbii fi sodaa tokko malee saalqunnamtiitti guutummaatti gammaduu dandeessa.—Fakkeenya 7:22, 23; 1 Qorontos 7:3.

WAAʼEE KANAA IBSA BALʼAA ARGACHUUF JILDII 2FFAARRAA BOQONNAA 4 FI 5 DUBBISI

BOQONNAA ITTI AANURRATTI

Maastarbeeshiniin miidhaa qabaa?

CAQASA IJOO

“Halalummaa irraa baqadhaa! . . . Namni halalummaa raawwachuu amaleeffate . . . qaama ofii isaa irratti cubbuu hojjeta.”—1 Qorontos 6:18.

GORSA GAARII

Walitti dhufeenya saala faallaa wajjin qabdu ilaalchisee seera gaarii kana hordofi: Wanta warri kee yeroo gootu akka argan hin barbaanne hin godhin.

KANA BEEKTAA?

Yeroo baayʼee dhiirri tokko jaalallee isaa wajjin saalqunnamtii erga raawwatee booda ishii dhiisee jaalallee kan biraa barbaaddata.

WANTAN GOCHUU YAADE

Saala faallaa wajjin yeroon taʼu wantoonnin irraa of eeguu qabu ․․․․․

Namni saala kan koorraa adda taʼe qabu dhoksaatti akka wal arginu yoo barbaade akkanan jedhaan ․․․․․

Dhimma kana ilaalchisee wantan warra koo gaafachuu barbaadu ․․․․․

MAAL SITTI FAKKAATA?

● Saalqunnamtiin gaaʼela dura raawwatamu kan nama gammachiisu fakkaatus dogoggora kan jettu maaliifi?

● Namni tokko isa wajjin saalqunnamtii akka raawwattu yoo si gaafate maal goota?

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 176rra jiru]

“Kiristiyaana waan taateef amaloota warra kaan hawwatan qabda. Kanaafuu, wanta naamusaan ala taʼe akka raawwattu yoo gaafatamte daftee irraa fagaachuu qabda. Amaloota kanaaf iddoo guddaa kenni. Matumaa salphistee hin ilaalin.”—Jooshuwaa

[Fakkii fuula 176, 177rra jiru]

Gaaʼela dura saalqunnamtii raawwachuun fakkii bareedaa taʼe balbalarra kaaʼanii kophee ittiin haxaaʼachuu wajjin wal fakkaata