Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Galma Koorra Gaʼuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

Galma Koorra Gaʼuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

BOQONNAA 39

Galma Koorra Gaʼuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

Wantoota armaan gadii keessaa isa kam utuu qabaattee sitti tola?

□ Ofitti amanannaa dabalataa

□ Hiriyoota dabalataa

□ Gammachuu dabalataa

SADAN isaaniiyyuu qabaachuu ni dandeessa. Akkamitti? Galma baafachuu fi irra gaʼuudhaani. Mee haa ilaallu.

Ofitti amanannaa dabalataa. Galmawwan xixinnoo baafattee yeroo irra geessu galmawwan guguddaa baafachuuf ofitti amanannaa qabaatta. Kana malees, dhiibbaa hiriyaa dabalatee rakkina guyyaa guyyaadhaan si mudatu dandamachuuf caalaatti ofitti amanannaa qabaatta.

Hiriyoota dabalataa. Namoota galma bira gaʼuu dandaʼan baafatan, wanta barbaadan beekanii fi wanta sana argachuuf carraaqqii godhan wajjin taʼuun nu gammachiisa.

Gammachuu dabalataa. Dhugaa dubbachuuf wanti hundi yoo si nuffisiisee fi akkasumatti teessee yeroo gammachiisaan akka dhufu yoo eegde gammachuu qabaachuu hin dandeessu. Galma baafattee yeroo irra geessu garuu waa akka raawwatte waan sitti dhagaʼamuuf ni gammadda. Maarree jalqabuuf qophoofteettaa? Fuulawwan ittaanan si gargaaru. *

✔ 1 ADDA BAAFADHU

1. Galma baafachuu dandeessurratti yaadi. Kanarratti dhiphachuun si hin barbaachisu. Calluma jedhii yaada sii dhufe hundumaa barreessi. Yoo xinnaate galma 10 barreessuuf yaali.

2. Wanta barreessite gamaaggami. Caalaatti kan si gammachiisu isa kami? Ulfaataa kan taʼe hoo isa kami? Irra gaʼuuf caalaatti kan hawwitu hoo isa kami? Yeroo baayʼee caalaatti kan siif salphatu galma iddoo guddaa kennituuf irra gaʼuu akka taʼe yaadadhu.

3. Duraa duubaan kaaʼi. Galmawwan kee duraa duuba irra gaʼuu barbaadduun lakkoofsa kenniif.

✔ 2 KAROORA BAAFADHU

Galmawwan filatte hundarra gaʼuuf akkana godhi:

Galma kee barreessi

Gara Baahirdaar deemuu waanan barbaaduuf Amaariffa barachuu

Yeroo irra gaʼuu qabdu barreessi. Taʼuu baannaan galmi kee abjuu qofa taʼee hafa.

Adoolessa 1

Tarkaanfii akkamii akka fudhattu karoorfadhu.

Tarkaanfiiwwan fudhachuu dandaʼu

1. Kitaaba Amaariffa barachuuf gargaaru argachuu.

2. Torban torbaniin jechoota haaraa kudhan barachuu.

3. Namoota Amaariffa dubbatan dhaggeeffachuu.

4. Namni tokko seerlugaa fi loqoda koo akka na sirreessu gaafachuu.

Gufuuwwan si mudatan tilmaami. Achiis akkamitti akka mootu yaadi.

Gufuuwwan na mudachuu dandaʼan

Namni Amaariffa dubbatu na bira hin jiru

Waadaa ofiif gali. Galma kee kanarra gaʼuuf wanta dandeessu hundumaa akka gootu waadaa ofiif gali. Achiis guyyaa isaa barreessiitii mallatteessi.

Karaan mooʼuu itti dandaʼu

Weebsaayitii jw.org irraa wantoota Amaariffaan sagaleedhaan qophaaʼan dhaggeeffachuu.

․․․․․ ․․․․․

Mallattoo Guyyaa

✔ 3 TARKAANFII FUDHADHU!

Dafii jalqabi. ‘Galma koorra gaʼuuf harʼa maal gochuun dandaʼa?’ jedhii of gaafadhu. Wantoota galma keerra gaʼuuf si gargaaran hunda barreessuu dhiisuu dandeessa; kun garuu jalqabuu akka si dhoowwu hin heyyamin. Kitaabni Qulqulluun, “Namni bubbee eeggatu sanyii hin facaasu; namni duumessa ilaalus hin haammatu” jedha. (Lallaba 11:4) Xinnoo yoo taʼellee wanta harʼa gochuu dandeessurratti yaadi, achiis wanta sana godhi.

Galmawwan kee guyyaa guyyaadhaan gamaaggami. Galmawwan baafatte hundi barbaachisoo kan taʼan maaliif akka taʼe of yaadachiisi. Tarkaanfiiwwan galma keerra gaʼuuf fudhatte biratti mallattoo ✔ gochuudhaan (ykn guyyaa itti xumurte barreessuudhaan) fooyyaʼiinsa goote hordofi.

Dandeettii yaadaan ilaaluu keetti fayyadami. Galma keerra yeroo geessu yaadaan ilaali. Yeroo sanatti miirri akkamii akka sitti dhagaʼamu tilmaami. Achiis duubatti deebiʼiitii tarkaanfiiwwan galma keerra gaʼuuf si gargaaran tokko tokkoon irratti yaadi. Dhumarratti immoo tarkaanfiiwwan hundumaa fudhattee yeroo galma keerra geessu sitti haa mulʼatu. Amma jalqabi!

[Miiljalee]

^ Yaadawwan as keessatti ibsaman galma yeroo gabaabaarratti kan xiyyeeffatan taʼus, gorsi kenname galmawwan yeroo dheeraatiifis ni hojjeta.

CAQASA IJOO

“Karoorri nama dhimmee hojjetuu gara milkaaʼinaatti geessa.”—Fakkeenya 21:5.

GORSA GAARII

Wantin karoorfadhe hundi akkuman yaade taʼuu qaba jettee of hin dhiphisin. Galma keerra gaʼuuf sirreeffama barbaachisu godhi.

KANA BEEKTAA?

Galmi baafatte tokko guddaa yoo taʼe erga irra geessee booda gammachuu guddaatu sitti dhagaʼama.

MAAL SITTI FAKKAATA?

● Takkaatti galma hedduu qabaachuun ni dandaʼamaa?—Filiphisiyus 1:10.

● Galma baafachuu jechuun wanta jireenya kee keessatti gootu hunda tokko tokkoon karoorsuu jechuudhaa?—Filiphisiyus 4:5.

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 283rra jiru]

“Wanti irratti xiyyeeffattu ykn hawwiidhaan eeggattu yoo jiraachuu baate salphaatti abdii kutatta. Galma baafattee yeroo irra geessu garuu waaʼee ofii kee miira gaariitu sitti dhagaʼama.”—Riid

[Saanduqa/Fakkii fuula 283rra jiru]

Galmawwan Baafachuu Dandeessu

Michummaa Nama umuriidhaan hiriyaa koo hin taane tokko michuu godhachuu. Nama duraan michuu koo turetti dhihaachuu.

Fayyaa Torbanitti yoo xinnaate daqiiqaa 90f ispoortii hojjechuu. Guyyaa guyyaadhaan saʼaatii saddeetiif rafuu.

Barumsa Qabxii herregaa koo fooyyessuu. Wanta dogoggora taʼe akkan raawwadhu yeroo dhiibbaan narra gaʼu wanta sirrii raawwachuu.

Hariiroo Yihowaa wajjin qabdu Guyyaa guyyaadhaan daqiiqaa 15f Kitaaba Qulqulluu dubbisuu. Torban kana keessa nama na wajjin baratu tokkotti waaʼee amantii kootii himuu.

[Fakkii fuula 284, 285rra jiru]

Galmi akkuma pilaaniiti; dhugoomsuun carraaqqii gaafata