Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Meeshaalee Eleektiroonikii Fayyadamuun Araada Natti Taʼeeraa?

Meeshaalee Eleektiroonikii Fayyadamuun Araada Natti Taʼeeraa?

BOQONNAA 36

Meeshaalee Eleektiroonikii Fayyadamuun Araada Natti Taʼeeraa?

“Ergaa barreessuu baayʼeen jaalladha. Wanta baayʼee namatti toludha jedheen yaada. Jireenya koo toʼateera jechuun ni dandaʼama.”—Aalan.

YEROO warri kee umurii waggoota kurnanii keessa turanitti meeshaan eleektiroonikii isaan beekan televizyinii fi raadiyoo qofa ture. Yeroo sana bilbilli isaan fayyadaman kan wadaroodhaan hojjetuu fi sagalee qofa dabarsu ture. Bilbilli akkasii duubatti hafaa akka taʼe sitti dhagaʼamaa? Shamarreen Aanaa jedhamtu akkas itti dhagaʼama. Akkana jetteetti: “Warri koo kan guddatan yeroo teknooloojiin ammayyaa hin jirrettidha. Qabiyyee moobaayilii isaaniirra jiru tokko tokko akkamitti akka fayyadaman reefu baraa jiru.”

Yeroo harʼaa bilbila bilbiluuf, muuziqaa dhaggeeffachuuf, viidiyoo ilaaluuf, geemii taphachuuf, hiriyoota keetiif ergaa erguuf, suuraa kaasuuf, akkasumas intarneetii fayyadamuuf moobaayilii kiisiitti baattee deemtutti fayyadamuu dandeessa. Ati kompiitara, moobaayilii, televizyinii fi intarneetii argaa waan guddatteef meeshaalee kana yeroo hunda fayyadamuun rakkina akka qabu sitti hin dhagaʼamu. Warri kee garuu araada akka sitti taʼe isaanitti dhagaʼamuu dandaʼa. Akka isaan yaaddesse yoo sitti himan yaanni isaanii dhugaa jiru wajjin kan wal faallessu akka taʼetti hin ilaalin. Mootii ogeessa kan taʼe Solomoon, “Namni kam iyyuu odeeffannoo jiru dhagaʼuu isaa dura dhimma tokkoof deebii yoo kenne, gowwummaa fi salphina isatti taʼa” jedheera.—Fakkeenya 18:13.

‘Warri koo kan yaaddaʼan maaliifi laata?’ jettee yaaddaa? Meeshaalee eleektiroonikii tokko tokko fayyadamuun araada sitti taʼuu fi dhiisuu isaa beekuuf gaaffilee armaan gadiitiif deebii kenni.

Of Qori—‘Araada Natti Taʼeeraa?’

Insaayikilooppiidiyaan tokko araadni “barsiifata cimaa namatti deddeebiʼuu fi namni tokko miidhaa isaa utuma beekuu dhiisuu hin dandeenye ykn hin barbaanne” akka taʼe ibseera. Mee jechoota olitti ibsaman hihirree haa ilaallu. Yaada dargaggoonni kennan dubbisiitii atis wanta wal fakkaatu dubbattee ykn raawwattee beekta yoo taʼe ilaali. Achiis deebii kee barreessi.

Barsiifata cimaa. “Geemii taphachuudhaan saʼaatii hedduun dabarsa. Hirriiba koo na dhabsiisa, wantin warra kaan wajjin haasaʼuu barbaadus kanuma. Maatii koorraa adda of baasee addunyaan ofii uume keessan gale.”—Andiriwu.

Akka ilaalcha keetti meeshaalee eleektiroonikii fayyadamuudhaan guyyaatti yeroo hammamii dabarsuu qabda? ․․․․․

Warri kee hoo yeroo hammamii akka dabarsitu barbaadu? ․․․․․

Ergaa barreessuu, televizyinii ilaaluu, weebsaayitiirratti suuraa feʼuu fi yaada barreessuu, geemii taphachuu fi wantoota k.k.f. gochuudhaan walumaa galatti guyyaatti yeroo hammamii dabarsita? ․․․․․

Deebii olitti barreessite erga ilaaltee booda meeshaalee eleektiroonikii fayyadamuun barsiifata cimaa akka sitti taʼe sitti dhagaʼamaa?

□ Eeyyee □ Lakki

Dhiisuu kan hin dandeenye ykn kan hin barbaanne. “Warri koo yeroo hundumaa ergaa yeroon barreessu waan na arganiif akkan baayʼise natti himu. Ijoollee umurii koorratti argaman wajjin yeroo wal bira qabamu garuu ani ergaa hin barreessu jechuun ni dandaʼama. Warra koo wajjin yeroo wal bira qabamu isaan caalaa nan barreessa. Kun garuu akkuma poomii burtukaana wajjin wal bira qabuuti; isaan waggaa 40, animmoo 15.”—Aalan.

Warri kee ykn hiriyoonni kee meeshaalee eleektiroonikii fayyadamuudhaan yeroo dheeraa akka dabarsitu sitti himaniiruu?

□ Eeyyee □ Lakki

Yeroo meeshaa eleektiroonikii sana fayyadamuudhaan dabarsitu daangessuu hin barbaadduu ykn hin dandeessuu?

□ Eeyyee □ Lakki

Miidhaa isaa. “Hiriyoonni koo yeroo hundumaa, yeroo konkolaachisanillee ergaa barreessu. Kun balaa guddaa qaba.”—Juulii.

“Jalqaba yeroo moobaayiliin naaf bitamu yeroo hunda nama tokkoof nan bilbila ykn ergaa nan barreessan ture. Yeroo hundumaa akkasuman godha ture. Kunimmoo walitti dhufeenyan warra koo fi hiriyoota koo tokko tokko wajjin qabu na jalaa balleesseera. Amma hiriyoota koo wajjin yeroon haasaʼu yeroo hunda addaan na kutanii, ‘Dhiifama. Ergaa kana deebisuun qaba’ jedhu. Sababiin hiriyoota koo kanatti baayʼee itti hin dhihaanne tokko kanadha.”—Shiirlii.

Utuu konkolaachistuu ykn daree keessa ykn walgaʼii Kiristiyaanaarra utuu jirtuu ergaa dubbistee ykn barreessitee beektaa?

□ Eeyyee □ Lakki

Maatii ykn hiriyoota kee wajjin yeroo haasoftu iimeelii ykn ergaa deebisuuf ykn bilbila kaasuuf jettee yeroo hunda addaan isaan kuttaa?

□ Eeyyee □ Lakki

Akkaataan itti meeshaalee eleektiroonikiitti fayyadamtu akka gaariitti akka hin rafne ykn yeroo qoʼattu yaanni kee akka hihiramu gochaa jiraa?

□ Eeyyee □ Lakki

Jijjiirama tokko tokko gochuun akka si barbaachisu sitti dhagaʼamaa? Taanaan, yaadawwan armaan gadii ilaali.

Madaallii Eeggachuun kan Dandaʼamu Akkamitti?

Meeshaan eleektiroonikii fayyadamtu kompiitaras taʼe moobaayilii ykn meeshaa kan biraa gaaffilee arfan armaan gaditti argaman of gaafadhu. Gorsa Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼee fi qajeelfamoota kennaman tokko tokko hordofuun nageenya kee eeggachuu fi of toʼachuuf si gargaara.

Qabiyyeen isaa maalidha? “Wanta dhugaa taʼe hunda, wanta ulfina qabu hunda, wanta qajeelaa taʼe hunda, wanta qulqulluu taʼe hunda, wanta jaallatamaa taʼe hunda, wanta maqaa gaarii qabu hunda, wanta gaarii taʼe hundaa fi wanta galateeffamu hunda, eeyyee, wantoota kana yaaduu keessan itti fufaa.”—Filiphisiyus 4:8.

✔ Hiriyoota kee fi maatii kee wajjin wal arguudhaan odeeffannoo fi yaada nama jajjabeessu isaaniif hiri.—Fakkeenya 25:25; Efesoon 4:29.

✘ Hamii hin babalʼisin, ergaawwanii fi fakkiiwwan naamusaan ala taʼan hin ergin ykn viidiyoo fi sagantaa naamusaan ala taʼe hin ilaalin.—Qolosaayis 3:5; 1 Pheexiros 4:15.

Yooman fayyadamaa jira? “Wanti hundi yeroo isaaf murteeffame qaba.”—Lallaba 3:1.

✔ Yeroo bilbilaan haasaʼuudhaan, ergaa barreessuu fi dubbisuudhaan, viidiyoo ilaaluudhaan ykn geemii taphachuudhaan dabarsitu daangessi.

✘ Meeshaaleen eleektiroonikii yeroo hiriyootaa fi maatii kee wajjin dabarsuuf, qoʼachuuf ykn sochiiwwan hafuuraarratti hirmaachuuf ramadde akka si jalaa fudhatu hin heyyamin.—Efesoon 5:15-17; Filiphisiyus 2:4.

Eenyufaa wajjinan wal argaa jira? “Hin dogoggorinaa. Hiriyummaa gadheen amala gaarii mancaasa.”—1 Qorontos 15:33.

✔ Meeshaa eleektiroonikii kee michummaa namoota barsiifata gaarii akka horattu si jajjabeessan wajjin qabdu cimsachuuf itti fayyadami.—Fakkeenya 22:17.

✘ Of hin gowwoomsin; ulaagaa, dubbii fi ilaalcha namoota karaa iimeelii, ergaa gabaabaa, televizyinii, viidiyoo ykn Intarneetii argattuu hordofuun kee hin oolu.—Fakkeenya 13:20.

Yeroo hammamiin dabarsaa jira? “Wantoota caalaatti barbaachisoo taʼan adda [baasaa beekaa].”—Filiphisiyus 1:10.

✔ Meeshaalee eleektiroonikii fayyadamuudhaan yeroo hammamii akka dabarsitu galmeessi.

✘ Hiriyoonni kee ykn warri kee meeshaa eleektiroonikii fayyadamuudhaan yeroo dheeraa dabarsaa akka jirtu yoo sitti himan yaada isaanii hin tuffatin.—Fakkeenya 26:12.

Andiriwu inni olitti ibsame meeshaalee eleektiroonikii karaa madaallii isaa eegeen fayyadamuu ilaalchisee akkana jedheera: “Meeshaaleen eleektiroonikii nama bashannansiisu, garuu yeroo muraasaaf qofa fayyadamuu qabna. Teknooloojiin maatii koo fi hiriyoota koorraa akka na fageessu heyyamuu akkan hin qabne baradheera.”

WAAʼEE KANAA IBSA BALʼAA ARGACHUUF JILDII 2FFAARRAA BOQONNAA 30 DUBBISI

BOQONNAA ITTI AANURRATTI

Warri kee akka bashannantu akka siif heyyaman isaan amansiisuu kan dandeessu akkamitti?

CAQASA IJOO

“Ogeessa akka taatetti of hin ilaalin. Yihowaa sodaadhu, wanta hamaa irraas fagaadhu.”—Fakkeenya 3:7.

GORSA GAARII

Akkaataa itti moobaayilii kee fayyadamtu toʼachuuf akka si gargaaruuf yeroon itti ergaa ykn iimeelii hin deebisne ykn bilbila hin kaasne akka jiru hiriyoonni kee akka beekan godhi.

KANA BEEKTAA?

Suuraa ykn yaada weebsaayitiirratti amma baaste kamiyyuu waggoota hedduu booda namni si qacaruu fi namoonni kan biroon argachuu dandaʼu.

WANTAN GOCHUU YAADE

Akkaataan ․․․․․itti fayyadamu toʼachuun yoo na rakkise torbanitti meeshaa kana fayyadamuurratti saʼaatii․․․․․qofa dabarsuufan murteessa.

Dhimma kana ilaalchisee wantan warra koo gaafachuu barbaadu ․․․․․

MAAL SITTI FAKKAATA?

● Meeshaa eleektiroonikii tokko tokko fayyadamuun araada akka sitti taʼe beekuun si rakkisuu kan dandaʼu maaliifi?

● Akkaataa itti meeshaalee eleektiroonikii fayyadamtu toʼachuu yoo dadhabde maaltu sirra gaʼuu dandaʼa?

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 262rra jiru]

“Araada televizyinii ilaaluu injifachuuf wantoonni garaagaraa na gargaaraniiru. Yeroon ilaaluudhaan dabarsu daangessuuf of dirqisiiseera. Waaʼee rakkina koo kanaa haadha koo yeroo hundan haasofsiisa. Akkasumas baayʼee kadhadheera.”—Kaatiliin

[Fakkii fuula 263rra jiru]

Meeshaalee eleektiroonikii kee situ toʼata moo isaantu si toʼachaa jira?