Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Warri Koo Akkan Bashannanu kan Naaf hin Heyyamne Maaliifi?

Warri Koo Akkan Bashannanu kan Naaf hin Heyyamne Maaliifi?

BOQONNAA 37

Warri Koo Akkan Bashannanu kan Naaf hin Heyyamne Maaliifi?

Shamarreen Aliisan jedhamtuu fi Awustiraaliyaa jiraattu yeroo hundumaa Wiixata mana barumsaatti haala nama dhiphisutu ishii mudata.

Akkana jetteetti: “Ijoolleen hundi wanta sanbattanitti raawwatan odeessu. Wanti isaan dubbatan kan nama gammachiisu fakkaata; fakkeenyaaf, paartii hammamiirratti akka argaman, dhiira meeqa akka dhungatanii fi poolisii jalaa akkamitti akka miliqanillee ni haasaʼu . . . Wanti isaan godhan baayʼee nama sodaachisa, garuummoo nama bashannansiisa. Ganama barii saʼaatii kudha tokkotti manatti galu, warri isaaniis homaa isaanitti hin dubbatan. Gara siree koo kanan deemu isaan bashannanuu jalqabuu isaanii duradha.

“Ijoolleen wajjin barannu wanta sanbattanitti raawwatan erga natti himanii booda ‘Atoo maal goote?’ jedhanii na gaafatu. . . . Ani walgaʼiiwwan Kiristiyaanaarratti argameera. Tajaajilarrattis hirmaadheera. Yeroo gaariin akka na darbe natti dhagaʼama. Kanaafuu, yeroo baayʼee homaa akkan hin goonen isaanitti hima. Achiis maaliif akkan isaan wajjin hin deemne na gaafatu.

“Wiixatni erga darbee booda haalli isaa ni salphata jettanii yaaddu taʼa. Garuu akkas miti. Gaafa Kibxataammoo ijoolleen hundi waaʼee sanbattan ittaanuu haasaʼu. Anis yeroo baayʼee taaʼeen isaan dhaggeeffadha. Akkan hin barbaadamne natti dhagaʼama.”

MANA BARUMSAATTI Wiixata ganama haalli akkasii si mudataa? Tarii kutaa keetii ala wanti nama bashannansiisu hedduun akka jiruu fi warri kee garuu akka hin baane balbala akka sitti cufan sitti dhagaʼama taʼa; yookiinimmoo paarkii tokko kan deemte taʼus, paarkii sana seentee bashannanuu akka dhoowwamte sitti dhagaʼama taʼa. Akkas kan sitti dhagaʼamu wanta hiriyoonni kee godhan hunda gochuu waan barbaadduuf miti. Darbee darbee bashannanuu waan barbaadduufi. Fakkeenyaaf, sanbattan ittaanutti wantoota armaan gadii keessaa caalaatti irratti hirmaachuu kan barbaaddu isa kami?

□ shubbisa

□ paartii

□ koonsartii muuziqaa

□ fiilmii ilaaluu

□ kan biraa

Bashannanuun si barbaachisa. Uumaan kees dargaggummaa keetti akka gammaddu barbaada. (Lallaba 3:1, 4) Yeroo tokko tokko kana kan shakkitu taʼus, warri kees akka bashannantu barbaadu. Haa taʼu malee, wanti warra kee yaaddessu lama jira: (1) wanta gootuu fi (2) namoota yeroo wajjin dabarsitu.

Hiriyoonni kee akka isaan wajjin deemtu kan si affeeran taʼus, warri kee garuu deebii akkamii akka siif kennan hin beektu yoo taʼe hoo? Filannoowwan sadan armaan gaditti ibsamanii fi buʼaa isaaniirratti yaadi.

FILANNAA A UTUU HIN GAAFATIN DEEMUU

Kana filachuu kan barbaaddu maaliif taʼuu dandaʼa? Ofiin akka of bulchitu argisiisuudhaan hiriyoota kee ajaaʼibsiisuu barbaadda. Warra kee caalaa akka beektu sitti dhagaʼama ykn murtoo isaaniitiif kabaja hin qabdu.—Fakkeenya 14:18.

Buʼaa isaa: Hiriyoonni kee si ajaaʼibsiifachuu dandaʼu; garuu akka nama gowwoomsitu hubachuun isaanii hin oolu. Warra kee yoo gowwoomsite hiriyoota kees gowwoomsuu dandeessa. Warri kee yoo sirratti beekan gadduu fi akka ganaman isaanitti dhagaʼamuu dandaʼa; akkasumas dhorkaa dabalataa sirra kaaʼuun isaanii hin oolu. Warra keetiif ajajamuu diddee callistee deemuun filannaa gowwummaarratti hundaaʼedha.—Fakkeenya 12:15.

FILANNAA B UTUU HIN GAAFATIN HAFUU

Kana filachuu kan barbaaddu maaliif taʼuu dandaʼa? Erga irratti yaaddee booda wanti irratti affeeramte sun qajeelfamoota ati hordoftu wajjin akka wal faallessu ykn namoonni achitti affeeraman tokko tokko hiriyoota gaarii akka hin taane sitti dhagaʼame. (1 Qorontos 15:33; Filiphisiyus 4:8) Karaa biraatiin immoo deemuu kan barbaadde taʼus warra kee gaafachuuf ija jabina dhabde.

Buʼaa isaa: Bakka sana deemuun gaarii akka hin taane beektee yoo hafte, hiriyoota keetiif yeroo deebii kennitu caalaatti ofitti amanannaa qabaatta. Haa taʼu malee, warra kee gaafachuuf ija jabina dhabdee yoo hafte kophaa kee mana teessee waa akka si darbe yaadaa ooluu dandeessa.

FILANNAA C GAAFATTEE ILAALUU

Kana filachuu kan barbaaddu maaliif taʼuu dandaʼa? Aangoo warra keetii ni fudhatta, murtoo isaaniis ni kabajja. (Qolosaayis 3:20) Warra kee waan jaallattuuf dhokattee hiriyoota kee wajjin deemuudhaan isaan gaddisiisuu hin barbaaddu. (Fakkeenya 10:1) Haala kee isaaniif ibsuufis carraa ni argatta.

Buʼaa isaa: Warri kee akka isaan jaallattuu fi akka isaan kabajju isaanitti dhagaʼama. Gaaffiin kee sirrii akka taʼe yoo isaanitti dhagaʼamemmoo tole siin jechuu dandaʼu.

Warri kan Didan Maaliif Taʼuu Dandaʼa?

Warri kee yoo didan hoo? Kun si aarsuu dandaʼa. Haa taʼu malee, ilaalcha isaanii hubachuun kee daangaan isaan sirra kaaʼan akka sitti hin ulfaanne si gargaaruu dandaʼa. Fakkeenyaaf, sababiiwwan armaan gaditti ibsamaniin kan kaʼe diduu dandaʼu.

Beekumsaa fi muuxannoodhaan waan si caalaniif. Utuu carraa argattee bakka lubbu baraartonni jiranitti bishaan daakuu akka filattu beekamaadha. Maaliif? Sababiin isaas bishaan daakaa yeroo bashannantu wanta balaadhaaf si saaxilu hubachuu dhiisuu dandeessa. Lubbu baraartonni garuu bakka ol kaʼaa balaa arguuf isaan dandeessisu taaʼu.

Haaluma wal fakkaatuun, warri kees beekumsaa fi muuxannoodhaan waan si caalaniif balaa sitti hin mulʼanne arguu ni dandaʼu. Warri kee akkuma lubbu baraartota kanaa kaayyoon isaanii akka hin bashannanne si jeequu utuu hin taʼin, balaa gammachuu si dhabsiisurraa akka fagaattu si gargaaruudha.

Waan si jaallataniif. Warri kee balaarraa si eeguuf fedhii guddaa qabu. Yeroo dandaʼanitti tole jechuuf, yeroo diduu qabanittimmoo diduuf kan isaan kakaasu jaalala. Waa gochuuf yeroo heyyama isaan gaafattu, ‘Heyyamuufii dandeenyaa? Buʼaan isaa hoo maali?’ jedhanii yaadu. Kan siif heyyaman balaa akka sirraan hin geessisne yoo itti amanan qofadha.

Warri Kee Akka Siif Heyyaman Maal Gochuu Dandeessa?

Wantoonni gaʼee guddaa qaban afur jiru.

Amanamummaa: Jalqaba akkana jettee haqaan of gaafachuu qabda: ‘Deemuu kanan barbaade maaliifi? Wanti sun waan na gammachiisuufi moo hiriyoota koo fakkaachuu waanan barbaaduufi? Namni na hawwatu tokko achitti waan argamuufii?’ Achiis warra keetti dhugaa isaa himi. Isaanis dargaggoota turan, akkasumas akka gaariitti si beeku. Kanaafuu, wanti dhugumaan si kakaase maal akka taʼe beekuun isaanii hin oolu. Amanamummaa keetiif iddoo guddaa kennu; atis ogummaa isaaniirraa ni fayyadamta. (Fakkeenya 7:1, 2) Dhugaa isaa yoo dubbachuu baatte garuu akka isaan si hin amanne goota, carraan heyyama isaanii argachuuf qabdus ni xiqqaata.

Yeroo: Warri kee akkuma hojiidhaa galaniin ykn dhimma biraarratti xiyyeeffatanii yeroo jiranitti gaaffiidhaan isaan hin muddin. Yeroo si dhaggeeffachuu dandaʼanitti isaan haasofsiisi. Haa taʼu malee, hamma saʼaatii dhumaatti turtee akka siif heyyaman dhiibbaa isaanirratti gochuuf hin yaalin. Warri kee ariitiidhaan murtoo gochuu hin barbaadan. Akka irratti yaadaniif dursii isaan gaafadhu; warri kee akka isaaniif yaaddu argisiisuu kee ni dinqisiifatu.

Qabiyyee: Wanta isaan beekuu qaban hin dhoksin. Wanta gochuu barbaaddu sirriitti isaaniif ibsi. Warri kee keessumaa, “Eenyufaatu achitti argama?” “Namni guddaan achitti ni argamaa? ykn “Qophiin sun saʼaatii meeqatti xumurama?” jedhanii yeroo si gaafatan “Hin beeku” yoo jette isaanitti hin tolu.

Ilaalcha: Warra kee akka diinaatti hin ilaalin. Kanaa mannaa, akka miseensa garee keetti isaan ilaali; yoo irratti yaadde wanti isaan godhan hundi kun dhugaa akka taʼe argisiisa. Akka miseensa garee keetti kan isaan ilaaltu yoo taʼe yeroo isaan haasofsiistu hin dheekkamtu; kunimmoo akka siif heyyaman isaan kakaasuu dandaʼa. “Na hin amantan jechuudha,” “Nama hundatu deema” ykn “Warri hiriyoota kootii isaaniif heyyamu” jechuurraa of qusadhu. Murtoo isaanii fudhachuu fi kabajuudhaan bilchina akka qabdu argisiisi. Akkas yoo goote isaanis si kabaju. Yeroo ittaanutti yeroo isaan gaafattu tole jechuuf fedhii qabaachuu dandaʼu.

WAAʼEE KANAA IBSA BALʼAA ARGACHUUF JILDII 2FFAARRAA BOQONNAA 32 DUBBISI

CAQASA IJOO

“Yaa ilma koo, ogeessa taʼi, garaa koos gammachiisi.”—Fakkeenya 27:11.

GORSA GAARII

Affeerraa tokkorratti yoo argamte haalli isaa gaarii miti taanaan maal akka gootu dursii yaadi. Wanta sammuu kee jeequ utuu hin raawwatin achii deemuu akka dandeessuuf wanta gootu ykn wanta dubbattu dursii irratti yaadi.

KANA BEEKTAA?

Warri jaalala qabeeyyii taʼan rakkinni gaʼuu isaa dura of eeggachuu barbaadu. Wanti gaafattu yoo isaaniif hin galle ykn odeeffannoo guutuu akka isaaniif hin kennine yoo isaanitti dhagaʼame siif heyyamuu dhiisuu dandaʼu.

WANTAN GOCHUU YAADE

Fiilmii tokko utuu ilaalluu ykn affeerraa tokkorra utuun jiruu wanta sammuu koo jeequ yoon arge ykn yoon dhagaʼe akkanan godha ․․․․․

Dhimma kana ilaalchisee wantan warra koo gaafachuu barbaadu ․․․․․

MAAL SITTI FAKKAATA?

● Odeeffannoo guutuu warri kee murtoo gochuuf isaan barbaachisu isaaniif kennuurraa duubatti kan jettu maaliif taʼuu dandaʼa?

● Odeeffannoo barbaachisaa taʼe dhoksuudhaan warri kee akka siif heyyaman gochuun buʼaan isaa maal taʼuu dandaʼa?

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 268rra jiru]

“Ijoollummaa kootti gowwaan ture. Wantoonnin bashannanuuf gochaa ture tokko tokko yeroo booda baayʼee akka nama hin bashannansiisnen hubadhe. Wanta facaaste haammachuun kee hin oolu. Warra koo dhagaʼuu dhiisuu kootti nan gaabba.”—Biraayan

[Fakkii fuula 269rra jiru]

Akkuma lubbu baraartotaa warri kees haala balaa arguuf isaan dandeessisurra jiru