Geemii Taphachuun Qabaa?
BOQONNAA 30
Geemii Taphachuun Qabaa?
DARGAGGEESSI Biraayan jedhamu akkana jedheera: “Kompiitaraan geemii taphachuun baayʼee nama gammachiisa. Geemiirratti wantoota dhugumaan gochuu hin dandeenye gochuu ni dandeessa; wantoota geemiirratti gootu dhugumaan kan raawwattu utuu taʼee rakkina cimaatu sirra gaʼa.” Shamarreen Dibooraa jedhamtus kompiitaraan geemii taphachuun akka ishii gammachiisu dubbatteetti. Haa taʼu malee, “Yeroo baayʼee gubuu, darbees araada namatti taʼuu dandaʼa” jechuudhaan balaa akka qabus ibsiteetti.
Geemiin nama bashannansiisuu malees faayidaa akka qabu beekamaadha. Dandeettii kee qoruu fi yeroo miira gaarii hin qabaannetti si gargaaruu dandaʼa. Garuu faayidaa biraas qaba. Geemiin dandeettii daftee tarkaanfii fudhachuuf qabdu akka guddifattu si gargaara. Tokko tokkommoo dandeettii herregaa fi dubbisuu fooyyeffachuuf si gargaaruu dandaʼu. Kana malees, mana barumsaatti ijoolleen waaʼee geemii haaraa ni haasaʼu. Kanaafuu, geemii kan taphattu yoo taʼe wanta hiriyoota kee wajjin haasoftu ni qabaatta jechuudha.
Ogummaadhaan yoo filatte geemii gammachiisaa fi fudhatama qabu argachuu dandeessa. Garuu of eeggachuu kan qabdu maaliifi?
Miidhaa Isaa
Kan nama gaddisiisu miidhaa kan hin qabne geemii hunda miti. Geemiiwwan hedduun wanta Kitaabni Qulqulluun “hojiiwwan foonii” jechuudhaan ibsu, jechuunis gochawwan xuraaʼoo Waaqayyo balaaleffatu babalʼisu.—Galaatiyaa 5:19-21.
Dargaggeessi waggaa 18 Adiriyaan jedhamu geemiin baayʼinaan gurguramu tokko, “namoota gareedhaan wal waraanan, namoota qoricha sammuu hadoochu fudhatan, gocha saalqunnamtii wajjin wal qabate, dubbii gadhee, hammina
cimaa fi dhiigni yeroo dhangalaʼu” kan argisiisu akka taʼe dubbateera. Geemiin tokko tokko gocha hafuurota hamoo kan jajjabeessudha. Geemiin haaraan tokko yeroo baʼummoo waan hundumaatiin isa darbe kan caalu taʼa. Geemiiwwan hammina of keessatti qabatan kana keessaa baayʼeen isaanii intarneetiidhaan kallattiidhaan kan taphatamanidha. Namoota wajjin taphachuunimmoo geemiin sun caalaatti akka nama hawwatu godha. Dargaggeessi waggaa 19 Jeemsi jedhamu, “Manuma kee teessee kompiitaraan nama biyya biraa jiraatu wajjin wal morkachuu dandeessa” jedheera.Taatonni geemii sana keessatti mulʼatan eenyufaa akka taʼan sirriitti beekamu. Hirmaattonni nama, bineelda ykn taatoo namas bineeldas taʼe uumuu dandaʼu. Geemiiwwan sanarratti suuqiiwwan, konkolaataawwan, manneen jireenyaa, manneen shubbisaa fi manneen bunaa dabalatee wantoonni addunyaa dhugumaan jiru keessatti argaman hedduun ni mulʼatu. Namoonni geemiiwwan kana taphatan ergaa walii erguudhaan taatonni geemiiwwan sanarratti mulʼatan akka waliin haasaʼan gochuu dandaʼu.
Namoota hamoo geemiiwwan akkasiirratti mulʼatan keessaa tokko tokko kashalabboota, sagaagaltootaa fi dallaalota isaanii, saamtota, gowwoomsitootaa fi namoota nama ajjeesan faʼi. Namoonni geemiiwwan kana taphatan wantoota dhugumaan raawwatanii hin beekne raawwachuu dandaʼu. Namoonni geemii sana taphatan ergaa walii barreessuudhaan waaʼee saalqunnamtii haasaʼaa taatonni geemii sanarratti mulʼatan saalqunnamtii akka raawwatan gochuu dandaʼu. Geemii tokko tokkorratti namoonni geemii sana taphatan taatonni guguddoon taatota ijoollee fakkaatan wajjin saalqunnamtii akka raawwatan gochuu dandaʼu. Namoonni tokko tokko geemiiwwan gocha jibbisiisaa akkasii of keessaa qaban balaaleffachuun isaanii nama hin dinqisiisu.
Filannaan Kee Jijjiirama Fida
Namoonni geemii hamminaa fi saalqunnamtii wajjin wal qabate akkasii taphatan, “Eenyuyyuu hin miidhamu. Wanta dhugumaan taʼaa jiru miti. Taphumaafi” jedhu taʼa. Garuu akkas jettee yaaduudhaan of hin gowwoomsin.
Kitaabni Qulqulluun, “Mucaan tokko illee amalli isaa qulqulluu fi sirrii taʼuun isaa gocha isaatiin ni beekama” jedha. (Fakkeenya 20:11) Geemii hamminaa fi addaggummaa argisiisu kan taphattu yoo taʼe amala qulqulluu fi sirrii taʼe qabda jechuun ni dandaʼamaa? Qorannoowwan hedduun akka argisiisanitti namni bashannana hammina of keessaa qabu ilaalu lola kan jaallatu taʼa. Hayyoonni tokko tokko akka jedhanitti namoonni wanta geemiirratti mulʼaturratti waan hirmaataniif geemiin televizyinii caalaa dhiibbaa guddaa geessisa.
Geemii hammina ykn addaggummaa of keessatti qabate taphachuun keemikaala summaaʼaadhaan taphachuu wajjin tokkodha; miidhaan isaa yeruma sana mulʼachuu dhiisuu kan dandaʼu taʼus si miidhuun isaa hin oolu. Garuu kan si miidhu akkamitti? Keemikaala akkasiitiif saaxilamuun yeroo booda dhukkubarra si buusuu dandaʼa. Haaluma wal fakkaatuun, geemiiwwan saalqunnamtii fi hammeenya wajjin wal Efesoon 4:19; Galaatiyaa 6:7, 8.
qabataniif saaxilamuun kee ‘miira naamusaa’ kee waan mancaasuuf fedhiin foonii si keessatti guddachuudhaan salphaatti yaadaa fi gocha kee toʼata.—Geemii Akkamiin Filachuu Qaba?
Warri kee geemii akka taphattu siif heyyamaniiru yoo taʼe geemii akkamii akka filattuu fi taphachuudhaan yeroo hammamii akka dabarsitu murteessuu kan dandeessu akkamitti? Gaaffilee armaan gadii of gaafadhu:
Filannaan koo ilaalcha Yihowaan naaf qabu kan tuqu akkamitti? Faarfannaan 11:5, “Yihowaan isa qajeelaas taʼe isa hamaa ni qora; inni isa hammina jaallatu kam iyyuu ni jibba” jedha. Namoota gochawwan hafuurota hamoorratti hirmaatan ilaalchisee Dubbiin Waaqayyoo, “Namni wantoota kana raawwatu kam iyyuu Yihowaa duratti jibbisiisaa dha” jedha. (Keessa Deebii 18:10-12) Michuu Waaqayyoo taʼuu yoo barbaadde gorsa, “Wanta hamaa jibbaa” jedhuu fi Faarfannaa 97:10 irratti argamu hordofuu qabda.
1 Qorontos 6:18) Geemiin fakkii ykn dubbii fedhii saalaa kakaasuuf akka saaxilamtu godhu sammuun kee wanta qajeelaa, wanta qulqulluu fi wanta gaarii taʼerratti akka xiyyeeffatu gochuun akka sitti ulfaatu godha.—Filiphisiyus 4:8.
Geemiin kun ilaalcha koorratti dhiibbaa akkamii godha? ‘Geemii kana taphachuun koo “halalummaa irraa baqachuun” akka naaf salphatumoo akka natti ulfaatu godha?’ jedhii of gaafadhu. (Geemii kana taphachuudhaan yeroo hammamiin dabarsa? Geemiin miidhaa hin qabnellee yeroo kee si jalaa gubuu dandaʼa. Kanaafuu, geemii taphachuudhaan saʼaatii hammamii akka dabarsitu galmeessi. Yeroo wantoota caalaatti barbaachisoo taʼaniif si barbaachisu si jalaa fudhachaa jiraa? Saʼaatii taphachuudhaan dabarsitu galmeessuun kee wantoota caalaatti barbaachisoo taʼaniif dursa kennuuf si gargaara.—Efesoon 5:16.
Kitaabni Qulqulluun yeroo hundumaa qoʼachaa ykn hojii mana keessaa hojjechaa akka ooltu hin ajaju. Kanaa mannaa, Lallaba 3:4, miiljalee) Haa taʼu malee, yaanni “burraaquu” jedhu akkasumatti taphachuu qofa utuu hin taʼin, sochii qaamaas akka argisiisu hubachuun barbaachisaadha. Kanaafuu, yeroo boqonnaa kee geemii taphachuudhaan qofa dabarsuu mannaa, taphawwan sochii qaamaa dabalatanirratti maaliif hin hirmaattu?
‘Kolfuun yeroo qaba; burraaquunis yeroo qaba’ jedha. (Ogummaadhaan Filadhu
Geemii taphachuun, keessumaa sirriitti taphachuu dandeessa yoo taʼe akka si bashannansiisu beekamaadha. Sababii guddaan geemii taphattu ogummaadhaan filachuun itti si barbaachisus kanadha. ‘Gosti barnootaa ani sirriitti dandaʼu isa kami’ jedhii of gaafadhu. Barnoota isa jaallattudha mitii? Yeroo baayʼee gosa barnootaa jaallattu salphaatti yaadatta. Kanaafuu, ‘Geemiin caalaatti na gammachiisu isa kami? Geemiin kun karaa naamusaa maal na barsiisaa jira?’ jedhii of gaafadhu.
Geemii tokko hiriyoonni kee waan jaallataniif qofa taphachuu mannaa, maalummaa isaa beekuudhaan murtoo mataa keetii godhi. Hunda caalaammoo gorsa Kitaaba Qulqulluu, “Yeroo hundumaa wanta Gooftaa biratti fudhatama qabu qoraa mirkaneeffadhaa” jedhu hordofi.—Efesoon 5:10.
Muuziqaa ni jaallatta; kunimmoo rakkina hin qabu. Garuu muuziqaadhaaf garboomteettaa?
CAQASA IJOO
“Isin warri Yihowaa jaallattan, wanta hamaa jibbaa.”—Faarfannaa 97:10.
GORSA GAARII
Geemii taphachuu barbaaddu hunda, kaayyoo geemii sanaa fi geemiin sun kaayyoo sana galmaan gaʼuuf malawwan akkamiitti akka fayyadamu barreessi. Wanta barreessite qajeelfamoota Kitaaba Qulqulluu boqonnaa kana keessatti ibsaman wajjin wal bira qabii ilaali; achiis geemiin sun sirrii taʼuu fi dhiisuu isaa murteessi.
KANA BEEKTAA?
Bara 2006tti kilinikni namoonni geemii taphachuun araada isaanitti taʼe qofti itti walʼaanaman yeroo jalqabaatiif Amistardaam Neezarlaandi keessatti banameera.
WANTAN GOCHUU YAADE
Hiriyaan koo tokko geemii hammina ykn addaggummaa of keessatti qabate akkan taphadhu yoo na gaafate akkanan jedhaan ․․․․․
Geemii taphachuudhaan torbanitti saʼaatii ․․․․․ qofan dabarsa; murtoo koo kanatti cimuuf akkanan godha ․․․․․
Dhimma kana ilaalchisee wantan warra koo gaafachuu barbaadu ․․․․․
MAAL SITTI FAKKAATA?
● Geemiin ilaalchaa fi miira nama tokkoorratti dhiibbaa akkamii gochuu dandaʼa?
● Geemii tokko yeroo filannu ulaagaalee naamusaa Yihowaan baase tilmaama keessa galchuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?
● Obboleessa ykn obboleettii kee quxusuu geemii gadhee taphachuun araada itti taʼe gargaaruu kan dandeessu akkamitti?
[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 249rra jiru]
“Geemii hedduun hamminni, dubbii gadheenii fi gochi naamusaan ala taʼe yeroo raawwatamu homaa akka sitti hin fakkaanne godha; kunimmoo qorumsa kan biraatiifis salphaatti akka mooʼamtu si taasisuu dandaʼa. Geemii taphattu of eeggannoodhaan filachuu qabda.”—Eemii
[Fakkii fuula 250rra jiru]
Geemii hammina ykn addaggummaa of keessatti qabate taphachuun keemikaala summaaʼaadhaan taphachuu wajjin tokkodha; miidhaan isaa yeruma sana mulʼachuu dhiisuu kan dandaʼu taʼus si miidhuun isaa hin oolu