Hiriyummaa
KUTAA 3
Hiriyummaa
Hiriyoota qabaachuun hammam barbaachisaadha jettee yaadda?
□ Barbaachisaa miti
□ Hamma tokko barbaachisaadha
□ Baayʼee barbaachisaadha
Hiriyoota horachuun sitti salphataa?
□ Eeyyee
□ Lakki
Hiriyaa baayʼee itti dhihaattu qabdaa?
□ Eeyyee
□ Lakki
Amalli hiriyaan kee hunda caalaa akka qabaatu barbaaddu maalidha? ․․․․․
Kitaabni Qulqulluun, “Michuu dhugaan yeroo hundumaa jaalala argisiisa, inni obboleessa yeroo dhiphinaatiif dhalate dha” jedha. (Fakkeenya 17:17) Michuu akkasiitu si barbaachisa. Taʼus hiriyoota horachuun salphaa miti, hiriyummaan akka itti fufu gochuunimmoo caalaatti ulfaata. Hiriyoota gaggaarii horachuu fi hiriyummaan keessan akka itti fufu gochuu kan dandeessu akkamitti? Boqonnaan 9-12 gaaffilee kanaaf deebii argachuuf si gargaara.
[Fakkii guutuu fuula 84, 85rra jiru]