Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Hiriyaan Koo Kan Na Miidhe Maaliifi?

Hiriyaan Koo Kan Na Miidhe Maaliifi?

BOQONNAA 10

Hiriyaan Koo kan Na Miidhe Maaliifi?

“Keeriin hiriyaa gaarii turte. Ishiin konkolaataa waan hin qabneef hojii booda yeroo hundan konkolaataa kootiin manatti ishii deebisa. Yeroo dhihoodhaa asitti garuu natti fayyadamaa akka jirtu natti dhagaʼamuu jalqabeera.

“Gara konkolaataatti kan seentu bilbila haasaʼuudhaan ykn ergaa barreeffamaa barreessuudhaan qabamteeti. Na galateeffattee hin beektu, gatii bobaʼaas na gargaaruu dhiisteetti. Wanti ishiin haasoftus namatti hin tolu. Yeroo dheeraa hammanaatiif ishiidhaaf obsuu kootti nan aare.

“Gaaf tokko kana booda hojiidhaa ishii fudhachuu akkan hin dandeenyen gaarummaadhaan ishiidhaaf ibse. Sana booda ana wajjin taʼuu hin barbaanne; kunis hiriyummaa koo kan barbaaddu faayidaa ishiitiif qofa akka taʼe caalaatti naaf mirkaneesse. Kunimmoo baayʼee nama miidha.”—Niikool.

HAALLI akkasii hiriyoota baayʼee wal jaallatan gidduuttis uumamuu dandaʼa. Namoonni gargar baʼuu kan hin dandeenye fakkaatan akkuma tasaa wal dubbisuullee ni dhaabu. Hiriyummaan akka nadhii dammaa miʼaawu akkuma tasaa gara hadhooftuutti jijjiiramuu kan dandaʼu akkamitti?

● Jeremiin yeroo hiriyaan isaa baayʼee gaarii taʼe tokko gara naannoo isarraa kiilomeetira 1600 fagaatu dhaqetti jireenyi isaa ni jijjiirame. Jeremiin, “Erga deemee booda naaf bilbilee hin beeku; kunimmoo baayʼee na miidhe” jedheera.

● Kaaran shamarreen waggaa shaniif hiriyaa ishii turte eenyummaan ishii jijjiiramaa akka jiru hubatte. Akkana jetteetti: “Ilaalchi ishii fi akkaataan dubbii ishii baayʼee na yaaddessee ture. Waaʼee wantootan iddoo guddaa kennuufii yeroo haasofnu qeequu jalqabdi. Ishii haasofsiisuudhaan dhimmicha furuuf yeroon yaalu, garmalee qajeelaa akkan of godhuu fi amanamtuu akkan hin taanetti na qeequudhaan hiriyummaan keenya homaa akka ishii hin fayyadne dubbatti.”

● Gilooriyaan hiriyaan ishii baayʼee itti dhihaattu ishiirraa gargar kan baate akeekkachiisa tokko malee ture. Gilooriyaan akkana jetteetti: “Jalqabarratti baayʼee walii galla turre; akkuma obboleettii ishiitti akka na ilaaltus natti himteetti. Achiis akkuma tasaa na wajjin waa gochuu dhiiste; kanaafis wanta sababii taʼuu hin dandeenye dhiheessiti.”

● Laawuraa fi Daariyaa gidduutti rakkinni kan uumame yeroo Daariyaan jaalallee Laawuraa jalaa fudhattettidha. Laawuraan akkana jetteetti: “Anii fi inni wal qorachaa kan jirru taʼus saʼaatii dheeraadhaaf bilbilaan isa faana haasofti. Hiriyaan koo baayʼee itti dhihaadhuu fi namnin itti heerumuuf jedhu takkaatti na ganan.”

Rakkinni Isaa Maalidha?

Namni hin dogoggorre hin jiru. Kanaafuu, oolee bulee hiriyaan kee wanta si miidhu dubbachuu ykn raawwachuun isaa hin oolu. Dhugaa isaa dubbachuuf, yeroon atis warra kaan itti miite akka jiru yaadachuun kee hin oolu. (Lallaba 7:22) Shamarreen Liisaa jedhamtu, “Hundi keenyayyuu mudaa waan qabnuuf, darbee darbee wal gaddisiisuun keenya hin oolu” jetteetti. Yeroo baayʼee walitti buʼiinsi dogoggoraan wal hubachuudhaan uumame waliin haasaʼuudhaan salphaatti furamuu dandaʼa.

Karaa kan biraatiin garuu, hiriyummaan keessan kan addaan citu, wantuma siʼa tokko uumameen utuu hin taʼin, suutuma suuta akka kanaan duraa akka waliif hin taane yeroo yaaduu jalqabdanittidha. Yeroo guddachaa deemtu fedhiin kees taʼe kan hiriyaa keetii jijjiiramaa akka deemu yaadadhu. Atii fi hiriyaan kee walirraa fagaachaa akka jirtan yoo sitti dhagaʼame maal gochuu dandeessa?

Hiriyummaa Keessan Haaressuu kan Dandeessu Akkamitti?

Uffanni jaallattu tokko si jalaa tarsaʼee beekaa? Yeroo sanatti maal goote? Ni gattemoo ni suphite? Murtoon gama kanaan gootu uffatichi hammam akka miidhamee fi hammam akka uffaticha jaallattu kan argisiisudha. Uffaticha dhuguma ni jaallatta taanaan karaa suphuu itti dandeessu barbaaddatta. Haalli kun hiriyummaa haaressuu ilaalchisees ni hojjeta. Kun caalaatti wanta isin gidduutti uumamee fi iddoo hiriyummaa keessaniif kenniturratti kan hundaaʼedha. a

Fakkeenyaaf, namni tokko dubbii ykn gocha isaatiin si miidheera taanaan, gorsa Faarfannaa 4:4 isa, “Wanta dubbattan siree keessan irra utuu jirtanii garaa keessanitti dubbadhaa; calluma jedhaas” jedhu hordofuudhaan balleessaa isaa bira darbuufii dandeessa. Kanaafuu, hiriyummaan keessan akka addaan citu gochuu kee dura of eeggannoodhaan irratti yaadi. Akkas kan godhe taʼe jedheetii? Mirkanaaʼaa taʼuu hin dandeessu taanaan, hiriyaan kee akkas kan godhe si miidhuu barbaadee akka hin taane yaaduuf maaliif hin yaaltu? Haala hedduu keessatti ‘jaalalli cubbuu hedduu akka haguugu’ gochuu ni dandeessa.—1 Pheexiros 4:8.

Atis rakkinichaaf gumaacha gootetta yoo taʼe irratti yaaduu dandeessa. Fakkeenyaaf, hiriyaan kee iccitii kee baaseera taanaan, dhimma sana ilaalchisee iccitii itti himuun keeyyuu sirrii hin turree laata? Gaaffiin irratti yaaduu qabdu kan biraanimmoo, garmalee dubbachuudhaan ykn dubbii gowwummaa dubbachuudhaan of tuffachiisteettaa laata? (Fakkeenya 15:2) Taanaan, ‘Hiriyaan koo caalaatti akka na kabajuuf jijjiirama gochuun na barbaachisaa?’ jedhii of gaafadhu.

“Wanta Uumamerratti Haasaʼuu Dandeenyaa?”

Haa taʼu malee, dhimmicha salphaatti irraanfachuu akka hin dandeenye yoo sitti dhagaʼamehoo? Haala akkasii keessatti hiriyaa kee haasofsiisuun kee gaariidha. Garuu yeroo aartee jirtutti akkas akka hin goone of eeggadhu. Kitaabni Qulqulluun, “Namni dafee dheekkamu walitti buʼiinsa kakaasa, namni dafee hin aarre garuu lola qabbaneessa” jedha. (Fakkeenya 15:18) Kanaafuu, dhimmichaaf furmaata kennuuf kaʼuu kee dura of tasgabbeessi.

Yeroo hiriyaa kee haasofsiistu kaayyoon kee ‘hamaa hamaadhaan deebisuu’ akka hin taane yaadadhu. (Roomaa 12:17) Kaayyoon kee rakkinichaaf furmaata kennuudhaan hiriyummaa keessan haaressuudha. (Faarfannaa 34:14) Kanaafuu, garaadhaa dubbadhu. Tarii, “Yeroo muraasaaf hiriyummaadhaan dabarsineerra. Wanta uumamerratti haasaʼuu dandeenyaa?” isaan jechuu dandeessa. Sababiin rakkinichaa maal akka taʼe yoo beekte, hiriyummaa keessan haaressuun sitti hin ulfaatu. Hiriyaan kee rakkinicharratti haasaʼuuf fedhii hin qabu yoo taʼellee, nagaa uumuuf yaaluu keetti ni gammadda.

“Hiriyoonni wal balleessuuf qophaaʼan” kan jiran taʼus, “michuun obboleessa caalaa namatti maxxanu” akka jirus mirkanaaʼaa taʼi. (Fakkeenya 18:24) Hiriyoonni baayʼee wal jaallatanillee yeroon itti wal dhaban jiraachuu dandaʼa. Yeroo haalli akkasii uumamutti, hariiroo keessan haaressuuf wanta dandeessu hunda godhi. Walitti buʼiinsa uumame furuuf fedhii qabaachuun kee gara bilchinaatti guddachaa akka jirtu argisiisa.

WAAʼEE KANAA IBSA BALʼAA ARGACHUUF JILDII 1FFAARRAA BOQONNAA 8 DUBBISI

BOQONNAA ITTI AANURRATTI

Hiriyoonni kee tokko tokko karaa intarneetii haasaʼuudhaan saʼaatii hedduu dabarsu. Akkas gochuuf kan qoraman maaliifi?

[Miiljalee]

a Namoota tokko tokko wajjin baayʼee walitti dhihaachuu hin barbaaddu taʼa. Keessumaa amala Kiristiyaanonni argisiisuu hin qabne kan argisiisan taanaan akkas gochuun kee sirriidha.—1 Qorontos 5:11; 15:33.

CAQASA IJOO

“Hamma isiniif dandaʼametti karaa keessan namoota hundumaa wajjin nagaadhaan jiraadhaa.”—Roomaa 12:18.

GORSA GAARII

Xumura tokkorra gaʼuu kee dura, miira hiriyaa keetii hubachuuf yaali.—Fakkeenya 18:13.

KANA BEEKTAA?

Namoonni hiriyaa gaarii taʼan hiriyoonni isaanii bilisummaa akka qabaatan godhu. (Fakkeenya 25:17) Faallaa kanaatiin, yeroo fi xiyyeeffannaa hiriyaa keetii argachuuf garmalee carraaqxa taanaan hariiroon keessan addaan cituu dandaʼa.

WANTAN GOCHUU YAADE

Balleessaa narratti raawwate tokko hiriyaa kootiif kaasuun yoo na barbaachise, akkana jedheen jalqaba ․․․․․

Wanta hiriyaan koo godhetti yeroon aaruttillee, nagaa buusuuf akkana gochuufan yaala ․․․․․

Dhimma kana ilaalchisee wantan warra koo gaafachuu barbaadu ․․․․․

MAAL SITTI FAKKAATA?

Hiriyoonni yeroo tokko tokko kan walirraa fagaatan maaliifi?

Walitti buʼiinsi ofiin furuu dandeessu kan akkamiiti? Walitti buʼiinsi hiriyaa kee wajjin irratti haasaʼuun si barbaachisuhoo kan akkamiiti?

Miidhaa hiriyaan kee sirraan geessiserraa barumsa akkamii argachuu dandeessa?

Carraa hiriyaa keetiin itti miidhamtu hirʼisuuf of eeggannoo akkamii gochuu dandeessa?

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 95rra jiru]

“Deebiʼee carraa isaa argachuu utuun dandaʼee, hariiroon keenya mudaa kan hin qabne akka taʼu hin eegun ture. Dogoggora isaa arbeessee ilaaluu mannaa isa deeggaruufan yaala ture. Hiriyummaan tokko akka milkaaʼu kan godhu qorumsaa fi rakkina mudatu furuuf carraaqqii gochuudhaan akka taʼe amma naaf galeera.”—Kiinan

[Fakkii fuula 94​rra jiru]

Walitti buʼiinsi hiriyoota gidduutti uumamu akkuma uffata tarsaʼeeti; taʼus lamaanuu suphamuu dandaʼa