Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Baayʼee Kan Na Dhukkubu Maaliifi?

Baayʼee Kan Na Dhukkubu Maaliifi?

BOQONNAA 8

Baayʼee kan Na Dhukkubu Maaliifi?

“Dargaggummaa keetti rakkinni kan sirra gaʼu sitti hin fakkaatu. Akka tasaa yeroo dhukkubsattu garuu akkas akka hin taane hubatta. Halkanuma tokkotti waan dulloomte sitti fakkaata.”—Jeesan.

JEESAN dhukkuba marʼimaanii Kiroonsi jedhamuu fi humna nama dhabsiisu, akkasumas dhukkubbii cimaa qabuun akka qabame kan beeke umurii isaa waggaa 18​tti ture. Tarii atis dhukkuba ykn hirʼina qaamaatiin dararamaa jirta taʼa. Sochiiwwan namoonni kaan akka salphaatti ilaalan kanneen akka uffata uffachuu, nyaachuu ykn mana barumsaa dhaquu jiran raawwachuun carraaqqii guddaa si gaafata taʼa.

Dhibee fayyaa cimaa yoo qabaatte akkuma waan mana hidhaa keessa jirtuutti bilisummaan kee akka daangeffame sitti dhagaʼama taʼa. Kophummaan sitti dhagaʼamuu dandaʼa. Tariimmoo, ‘Wanta Waaqa gaddisiisu raawwadheeraa laata ykn Waaqayyo amanamummaa koo qoraa jiraa laata?’ jettee yaadda taʼa. Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun, “Waaqayyo wanta hamaadhaan qoramuu hin dandaʼu; ofii isaatiis nama kam iyyuu hin qoru” jedha. (Yaaqoob 1:13) Namoonni hundi dhukkubsachuu dandaʼu, akkasumas “yeroo fi wanti hin eegamne” hunda keenyarrayyuu ni gaʼa.—Lallaba 9:11.

Kan nama gammachiisu garuu, Waaqni keenya Yihowaan addunyaa haaraa akka fiduu fi achi keessatti namni, “Na dhukkuba” jedhu akka hin jirre waadaa galeera. (Isaayyaas 33:24) Namoonni duʼanillee duʼaa kaafamanii carraa addunyaa haaraa keessa jiraachuu argatu. (Yohaannis 5:28, 29) Hamma yeroo sanaatti, haala keessa jirtu karaa hundarra caaluun itti fayyadamuu kan dandeessu akkamitti?

Ilaalcha gaarii qabaachuuf carraaqqii godhi. Kitaabni Qulqulluun, “Garaan gammade qoricha gaarii dha” jedha. (Fakkeenya 17:22) Namoonni tokko tokko namni baayʼee dhukkubsatee jiru tokko kolfee taphachuun isaa sirrii akka hin taane isaanitti dhagaʼama taʼa. Taʼus, namoota wajjin taphachuunii fi yeroo gammachiisaa dabarsuun kee sammuun kee akka haareffamuu fi hawwiin jiraachuuf qabdu akka dagaagu gochuu dandaʼa. Kanaafuu, jireenya kee caalaatti gammachiisaa gochuuf wanta gochuu dandeessurratti yaadi. Gammachuun kennaa Waaqayyoo akka taʼee fi kutaa firii hafuura qulqulluu taʼuu isaa yaadadhu. (Galaatiyaa 5:22) Hafuurri qulqulluun dhukkuba kee gammachuudhaan akka dandamattu si gargaaruu dandaʼa.—Faarfannaa 41:3.

Galmawwan irra gaʼuu dandeessu baafadhu. Kitaabni Qulqulluun, “Ogummaan . . . warra humna isaanii beekan biratti argama” jedha. (Fakkeenya 11:2) Humna kee beekuun dantaa kan hin qabne akka hin taane ykn garmalee akka of hin eegganne si gargaara. Fakkeenyaaf, haalli kee kan siif heyyamu yoo taʼe sochii qaamaa sirrii taʼe gochuun kee miirri gaariin akka sitti dhagaʼamu si gargaaruu dandaʼa. Dhaabbileen fayyaa yeroo baayʼee dargaggoota dhukkubsatan gargaaruuf malawwan yaalii fayyaa qaamni isaanii akka hiikkatu isaan gargaaranitti kan fayyadaman kanaafi. Yeroo baayʼee sochii qaamaa gochuun dhukkubarraa dafanii bayyanachuuf qofa utuu hin taʼin miira gaarii qabaachuufis ni gargaara. Wanti guddaan, haala keessa jirtu haqaan erga qortee booda galmawwan irra gaʼuu dandeessu baafachuudha.

Namoota kaan wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaadhu. Namoonni tokko tokko haala keessa jirtu ilaalchisee wanta miira kee miidhu yoo dubbatanoo maal goota? Kitaabni Qulqulluun, “Wanta namoonni dubbatan hundumaatiif xiyyeeffannaa hin kennin” jedha. (Lallaba 7:21) Yeroo tokko tokko namoonni yaada nama miidhu yommuu dubbatan callisanii bira darbuun gaariidha. Yookiinimmoo namoonni yaada akkasii kennuurraa akka of qusatan gochuu dandeessa. Fakkeenyaaf, namoonni wiilchariirra teessee si arguun akka isaan dhiphisu yoo sitti dhagaʼame, wanta dhiphinni isaanii akka hirʼatu godhu gochuuf yaali. Akkana jechuu dandeessa: “Wiilcharii fayyadamuuf kanan dirqame maaliif akka taʼe gaaffiin sitti uumamee taʼuu dandaʼa. Maaliif akka taʼe beekuu barbaaddaa?”

Abdii hin kutatin. Yesuus haala baayʼee rakkisaa taʼe keessa yeroo turetti, Waaqayyotti kadhannaa dhiheesseera, isatti amanameera, akkasumas rakkina isarra gaʼaa jirurratti utuu hin taʼin, gammachuu gara fuulduraatti isa eeggaturratti xiyyeeffateera. (Ibroota 12:2) Rakkina guddaa isarra gaʼerraa barateera. (Ibroota 4:15, 16; 5:7-9) Gargaarsaa fi jajjabina isaaf kenname fudhateera. (Luqaas 22:43) Rakkina isarra gaʼerratti utuu hin taʼin nageenya warra kaaniirratti xiyyeeffateera.—Luqaas 23:39-43; Yohaannis 19:26, 27.

Yihowaan ‘Siif Yaada’

Dhukkubni kee maaliyyuu yoo taʼe Waaqayyo nama gatii hin qabne akka taatetti akka si ilaalu sitti dhagaʼamuu hin qabu. Kanaa mannaa, Yihowaan namoota isa gammachiisuuf carraaqqii godhaniif iddoo guddaa kenna. (Luqaas 12:7) Inni dhuunfaatti ‘siif yaada,’ kana malees, kan dhukkubsattu ykn hirʼina qaamaa kan qabdu taatus tajaajila isaarratti sitti fayyadamuun isa gammachiisa.—1 Pheexiros 5:7.

Kanaafuu, sodaan ykn shakkiin wanta gochuu barbaadduu fi wanta gochuun si barbaachisu gochuurraa duubatti akka jettu akka si taasisu hin heyyamin. Yeroo hundumaa gargaarsa Yihowaa argachuuf carraaqi. Yihowaan wanta si barbaachisuu fi miira kee ni hubata. Kana malees, jabaattee dhaabbachuu akka dandeessu si gargaaruuf ‘humna humna caalu’ sii kennuu dandaʼa. (2 Qorontos 4:7) Yeroon darbaa yommuu deemu atis akkuma dargaggeessa Timootii jedhamuu ilaalcha gaarii qabaachuu dandeessa; dargaggeessi kun umurii isaa waggaa 17​tti dhukkuba kiroonik faatiig sindiram jedhamuu fi humna nama dhabsiisuun qabamee ture. Akkana jedheera: “Akkuma 1 Qorontos 10:13 irratti ibsametti, Yihowaan hamma baachuu dandeenyu caalaa rakkinni akka nurra gaʼu hin heyyamu. Kanaafuu, Uumaan koo qorumsi kun akka narra gaʼu yoo heyyame, ani hin dandaʼu jedhee isa falmuu hin qabu.”

Namni Ati Beektu Tokko yoo Dhukkubsatehoo?

Ati fayya buleessa taatus, namni ati beektu tokko yoo dhukkubsate ykn qaama miidhamaa yoo taʼehoo maal goota? Nama kana akkamitti gargaaruu dandeessa? Wanti guddaan ‘miira isaa hubachuu’ fi ‘gara laafina qabaachuu’ dha. (1 Pheexiros 3:8) Haala namni sun keessa jiru bakka isaa of kaaʼuudhaan hubachuuf yaali. Niinaa ishiin dhukkuba ispaayinaa befiidaa jedhamu wajjin dhalatte akkana jetteetti: “Qaamni koo xinnoo waan taʼee fi wiilcharii waanan fayyadamuuf namoonni tokko tokko akka ijoolleetti na haasofsiisu; kunimmoo abdii na kutachiisa. Namoonni kaan garuu ija koo keessa ilaalaa na haasofsiisuu akka dandaʼaniif taaʼanii na haasofsiisuuf carraaqqii godhu. Akkas gochuun isaanii baayʼee na gammachiisa.”

Dhibee fayyaa isaan qabanirra darbitee yoo yaadde isaanis akkuma kee akka taʼan hubatta. Wanta isaan jajjabeessu dubbachuudhaan isaaniif ‘kennaa hafuuraa kennuu’ ni dandeessa. Akkas yommuu gootu, lamaan keessaniyyuu waan ‘wal jajjabeessitaniif’ atis ni fayyadamta.—Roomaa 1:11, 12.

WAAʼEE KANAA IBSA BALʼAA ARGACHUUF JILDII 1FFAARRAA BOQONNAA 13 DUBBISI

CAQASA IJOO

“Yeroo sanatti . . . jiraattota biyyattii keessaa tokko illee, ‘Na dhukkuba’ hin jedhu.”—Isaayyaas 33:23, 24.

GORSA GAARII

Beekumsi wanta dhufuuf jedhu akka hin sodaanne si gargaara. Kanaafuu, haala keessa jirtu caalaatti beekuuf yaali. Dhimmoota tokko tokko ilaalchisee gaaffii yoo qabaatte doktara gaafadhu.

KANA BEEKTAA?

Dhibee fayyaa ykn hirʼina qaamaa qabaachuun kee Waaqayyo si adabaa akka jiru kan argisiisu miti. Kanaa mannaa, cubbuu hundi keenya Addaamirraa dhaalleen kan kaʼe kan dhufedha.—Roomaa 5:12.

WANTAN GOCHUU YAADE

Dhukkuba koo ykn hirʼina qaamaa koo ilaalchisee ilaalcha gaarii qabaachuuf akkanan godha ․․․․․

Galman baafachuu dandaʼu tokko ․․․․․

Namni tokko haalan keessa jiru ilaalchisee wanta gaarii hin taane yoo dubbate haala koo isaaf ibsuuf akkanan jedhaan ․․․․․

Dhimma kana ilaalchisee wantan warra koo gaafachuu barbaadu ․․․․․

MAAL SITTI FAKKAATA?

Nama hirʼina qaamaa ykn dhibee fayyaa cimaa qabu tokko gargaaruuf gorsa boqonnaa kana keessatti kennametti fayyadamuu kan dandeessu akkamitti?

Dhibee fayyaa cimaa yoo qabaatte haala keessa jirtu dandamachuuf wantoota gaggaarii akkamiirratti xiinxaluu dandeessa?

Dhibee fayyaa qabaachuun kee mallattoo Waaqayyo biratti fudhatama dhabuu kee argisiisu akka hin taane akkamitti beekta?

[Saanduqa/Fakkii fuula 75​rra jiru]

DASTIIN, 22

“Wiilchariidhaan deemuuf akkan jedhu yeroon dhagaʼu haati koo na hammattee yeroon booʼu nan yaadadha. Yeroo sana waggaa saddeetin ture.

Dhukkuba maashaalee laaffisun qaba. Uffata uffachuuf, qaama koo dhiqachuu fi nyaata nyaachuuf gargaarsi warra kaanii na barbaachisa. Harka koo ol kaasuu hin dandaʼu. Taʼus, jireenyi koo hojiidhaan kan guutamee fi gammachiisaadha; wantoota galateeffachuuf na kakaasan baayʼees qaba. Yeroo hunda tajaajila nan baʼa, gumii keessattis tajaajilaa gumii taʼeen tajaajila. Jireenyi koo waldhaansoodhaan akka guutameyyuu natti hin dhagaʼamu. Yihowaa yeroo tajaajiltu yeroo hunda wanti hojjettuu fi hawwiidhaan eeggattu hin dhabamu. Addunyaa haaraa Waaqayyo fidu keessatti yeroon itti ‘akkuma gadamsaatti utaalu’ hawwii guddaadhaanan eeggadha.”—Isaayyaas 35:6.

[Saanduqa/Fakkii fuula 75​rra jiru]

TOMOOKOO, 21

“Yeroo umuriin koo waggaa afur turetti doktarri, ‘Jireenya kee guutuu marfee dhukkuba sukkaaraa waraannachuu qabda’ naan jedhe.

Nama dhukkuba sukkaaraa qabu tokkoof sukkaara dhiiga keessa jiru toʼachuun ulfaataadha. Yeroo baayʼee, yeroon barbaadutti nyaachuu hin dandaʼu; yeroon hin barbaannettimmoo nyaachuun na barbaachisa. Hanga ammaatti marfee gara 25,000 waraannadheera; kanaan kan kaʼes irreen koo fi tafni koo hadoodeera. Taʼus, warri koo haalan keessa jirutti akka gaariitti fayyadamuu akkan dandaʼu na gargaaraniiru. Yeroo hunda gammachuu fi ilaalcha gaarii qabu, akkasumas wantoota hafuuraatiif dinqisiifannaa akkan qabaadhu godhanii na guddisaniiru. Yihowaanis gaarummaa natti argisiiseera. Haalli fayyaa koo yeroo naaf heyyamutti tajaajila yeroo guutuu keessa galuudhaan dinqisiifannaa koo argisiisuufan murteesse.”

[Saanduqa/Fakkii fuula 76​rra jiru]

JEEMSI, 18

“Namoonni nama baayʼee adda taʼe yeroo argan waan jedhan wallaalu; animmoo nama akkasiiti.

Gosa dinkummaa baayʼee baramaa hin taanen qaba. Namoonni kan xiyyeeffatan bifarrattidha; kanaafuu, yeroo hunda mucaa xinnoo sagalee furdaa qabu akkan hin taane namootaaf ibsuufan yaala. Namoota kaanirraa adda taʼuu kootiin kan kaʼe dhiphachuu mannaa eenyummaa koorratti xiyyeeffachuufan yaala. Jireenya kootti nan gammada. Kitaaba Qulqulluu nan qoʼadha, Yihowaan akka na gargaarus nan kadhadha. Maatiin koos yeroo hunda na jajjabeessu. Yeroo itti Waaqayyo dhibee hundumaa balleessu hawwiidhaanan eeggadha. Hammasitti hirʼina qaamaa koo wajjinan jiraadha, jireenya koo akka toʼatu garuu hin heyyamu.”

[Saanduqa/Fakkii fuula 76​rra jiru]

DAANITIRIYAA, 16

“Burcuqqoo bishaanii tokko lafaa kaasuunillee yeroo baayʼee natti ulfaatetti rakkina wayii akkan qabu beekeen ture.

Faayibiromayaljiyaan dhibee ulfaataa fi baayʼee nama dhukkubsudha. Umurii waggoota kurnanii keessa waanan jiruuf hiriyoota koo fakkaachuun barbaada; garuu wanti hundi isa kanaan duraa caalaa natti ulfaachaa deeme. Hamma hirriibni na fudhatuttillee saʼaatii dheeraa eeguun na barbaachisa. Taʼus, gargaarsa Yihowaatiin rakkinni koo utuma jiruu wantoota tokko tokko hojjechuu baradheera. Qajeelchaa gargaaraa taʼuudhaan yeroo dabalataa tajaajilarratti dabarsuullee dandaʼeera. Ulfaataa taʼus naaf milkaaʼeera. Wantan dandaʼe hunda gochuufan yaala. Humni koo daangaa akka qabu amanee fudhachuun na barbaachisa. Yoon irraanfadhemmoo haati koo yeroo hunda na yaadachiisti.”

[Saanduqa/Fakkii fuula 77​rra jiru]

ELIISIYAA, 20

“Barattuu cimtuun ture. Amma garuu hima salphaa tokkollee dubbisuun na rakkisa; kanaan kan kaʼes yeroo tokko tokko dhiphina cimaatu natti dhagaʼama.

Dhukkubni kiroonik faatiig sindiram jedhamu wantoota sasalphaa hojjechuunillee akka sitti ulfaatu godha. Yeroo baayʼee sireerraa kaʼuunillee baayʼee natti ulfaata. Taʼus, dhukkubni koo jireenya koo akka toʼatu matumaa heyyamee hin beeku. Guyyaa guyyaadhaan Kitaaba Qulqulluu nan dubbisa; kanan dubbisu caqasoota muraasa qofa taʼuu dandaʼa ykn kan naaf dubbisu miseensa maatii koo tokko taʼuu dandaʼa. Maatii koo baayʼeen galateeffadha. Abbaan koo walgaʼii guddaa tokkorratti akkan argamu na gargaaruuf jecha mirga dhiiseyyuu qaba. Matumaa gungumee hin beeku. Mirgi maatii isaa kunuunsuu caalu akka hin jirre dubbata.”

[Saanduqa/Fakkii fuula 77​rra jiru]

KAASUTOOSHII, 20

“Akkuma tasaa naasuudhaan iyyuu fi hollachuun jalqaba; wantoota naannoo koo jiran daddarbachuu fi caccabsuullee nan dandaʼa.

Umurii koo waggaa shanii kaasee gaggabdoon qaba. Jiʼa keessatti siʼa torbafaa natti kaʼa. Guyyaa guyyaadhaan qoricha waanan fudhadhuuf salphaattan dadhaba. Taʼus, waaʼee koo qofa utuu hin taʼin waaʼee warra kaanii yaaduufan yaala. Tajaajiltoonni yeroo guutuu umurii koorratti argamanii fi gumii keenya jiran lama baayʼee na gargaaraniiru. Barumsa yeroon xumuru tajaajilarratti caalaatti hirmaachuun jalqabe. Guyyaa guyyaadhaan gaggabdoo wajjin waldhaansoon godha. Taʼus yeroon dhiphadhu nan boqodha. Guyyaa itti aanuttis miira gaariin qabaadha.”

[Saanduqa/Fakkii fuula 78​rra jiru]

MAATIWU, 19

“Akkuma namoota kaanii yoo taʼuu baatte hiriyoota kee biratti kabaja argachuun ulfaataadha.

Tapha ispoortiirratti hirmaachuu nan jaalladha, garuu akkas gochuu hin dandaʼu. Dhukkuba serebiraal paalzii jedhamu waanan qabuuf miilaan deemuunillee natti ulfaata. Taʼus, wantan gochuu hin dandeenyerratti hin xiyyeeffadhu. Wantootan gochuu dandaʼu raawwachuudhaan, fakkeenyaaf dubbisuudhaan yeroo dheeraan dabarsa. Galma Walgaʼiitti namoonni ilaalcha akkamii naaf qabaatu laata jedhee hin yaaddaʼu. Yihowaan keessa koo ilaaluudhaan akka na jaallatu beekuun koos na jajjabeessa. Nama hirʼina qaamaa qabu akkan taʼettiyyuu of hin ilaalu. Kanaa mannaa, nama haala rakkisaa dandamachuuf carraaqaa jiru akkan taʼettan yaada.”

[Saanduqa/Fakkii fuula 78​rra jiru]

MIIKII, 25

“Tapha ispoortiirratti hirmaachuu nan dandaʼan ture. Achiis umurii waggoota kurnanii keessa utuun jiruu akka tasaa akkuma nama dulloomeen taʼe.

Yeroon dhaladhu rakkina onneen qaba ture. Umurii waggoota kurnanii keessa yeroon galu mallattoon isaa ifatti mulʼachuu jalqabe. Yaaliin baqaqsanii hodhuu naaf godhameera; taʼus waggaa jaʼa boodallee salphaattan dadhaba, akkasumas dhukkubbii mataa cimaa taʼen qaba. Kanaafuu, galmawwan yeroo gabaabaatti irra gaʼuu dandaʼun baafadhe. Fakkeenyaaf, tajaajila yeroo guutuurratti hirmaachuu dandaʼeera; yeroo baayʼee xalayaa fi bilbilaanan tajaajila. Kana malees, dhukkubni koo amalootan kanaan dura hin qabne, fakkeenyaaf obsaa fi humna ofii beekuu horachuuf na gargaareera.”

[Fakkii fuula 74​rra jiru]

Dhibee fayyaa cimaa yoo qabaatte akkuma waan mana hidhaa keessa jirtuutti sitti dhagaʼama taʼa; Kitaabni Qulqulluun garuu gara fuulduraatti bilisa akka baatu abdii kenna