Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Maallaqa

Maallaqa

KUTAA 5

Maallaqa

Gammachuu qabaachuuf maallaqni hammam si barbaachisa?

□ Na hin barbaachisu

□ Hamma tokko na barbaachisa

□ Baayʼee barbaachisaadha

Waaʼee maallaqaa fi waaʼee wanta maallaqni bituu hammam haasofta?

□ Darbee darbee

□ Yeroo tokko tokko

□ Yeroo baayʼee

Tarii warri kee yeroo baayʼee maallaqni salphaatti akka hin argamne sitti himu taʼa. Dhugaa isaaniiti. Maallaqatti ogummaadhaan fayyadamuun kan si barbaachisu kanaafi. Maallaqni faayidaa guddaa kan qabu taʼus, dhiphina sitti fiduu, walitti dhufeenya warra kaan wajjin qabdu mancaasuu, akkasumas hariiroo Waaqayyo wajjin qabdu si jalaa balleessuu dandaʼa. Kanaafuu, ilaalchi maallaqaaf qabdu dhiibbaa guddaa sirratti godha. Boqonnaan 18-20 maallaqaaf ilaalcha madaalamaa qabaachuuf si gargaara.

[Fakkii guutuu fuula 148, 149rra jiru]