Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Barataa Cimaa Taʼuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

Barataa Cimaa Taʼuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

BOQONNAA 13

Barataa Cimaa Taʼuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

BOSONA gobbuu fi dukkanaaʼaa taʼe keessa akka jirtu godhii yaadi. Dameewwan mukeetii walitti tuutaʼanii jiraniin kan kaʼe ifni aduu si bira gaʼuu hin dandaʼu. Mukeetii hedduu sitti marsanii jiraniin kan kaʼe bakka jirtuu sochoʼuu hin dandeenye. Bakka sanaa baʼuuf mukeetii si dura jiran gajaraadhaan murtee karaa baafachuu qabda.

Namoonni tokko tokko haalli mana barumsaatti isaan mudatu haala olitti ibsame wajjin akka wal fakkaatu dubbatu. Mana barumsaatti guyyaa guutuu daree keessa erga oolanii booda galgalammoo hoji manee hojjechuudhaan saʼaatii hedduu dabarsu. Atoo akkas sitti dhagaʼamaa? Gosa barnootaa baayʼee sitti ulfaatu gaditti barreessi.

․․․․․

Tarii warri kee fi barsiisonni kee gosa barnootaa kana fooyyessuuf caalaatti carraaqqii akka gootu si jajjabeessu taʼa. Taanaan, jireenyi akka sitti ulfaatu gochuuf yaalaa akka jiranitti hin yaadin. Isaan kan barbaadan dandeettii keetti akka fayyadamtudha. Maarree, wanti isaan sirraa eegan yoo abdii si kutachiise maal gochuu dandeessa? Meeshaalee gaarii taʼanitti fayyadamuudhaan karaa itti bosonicha keessaa baatu baafachuu dandeessa. Meeshaaleen kun maalfaʼi?

Meeshaa 1​ffaa: Barumsaaf ilaalcha sirrii qabaachuu. Barumsaaf ilaalcha sirrii hin taane yoo qabaatte fooyyaʼiinsa gochuuf kakaʼuun sitti ulfaata. Kanaafuu, ilaalcha balʼaa qabaachuuf yaali. Phaawulos ergamaan, “Namni qotuu fi namni midhaan siribsiisu qooda isaa akka fudhatu abdatee kana godha” jedheera.—1 Qorontos 9:10.

Gosa barnootaa tokko tokkorratti fooyyaʼiinsa gochuuf dhamaʼuun faayidaan isaa sitti hin mulʼatu taʼa. Maaliif? Barumsi barattu tokko tokko yeroo ammaatti kan si fayyadu fakkaachuu dhiisuu dandaʼa. Taʼus, gosa barnootaa adda addaa barachuun kee addunyaa naannoo kee jiru akka gaariitti hubachuuf si gargaara. Dandeettii namoota akkaataa guddinaa garaagaraa qaban haasofsiisuu waan qabaattuuf, “akaakuu namootaa hundumaatiif waan hundumaa” taʼuuf si gargaara. (1 Qorontos 9:22) Yoo xinnaate dandeettii yaaduu kee siif guddisa; dandeettiin kunimmoo gara fuulduraattis baayʼee si fayyada.

Meeshaa 2​ffaa: Dandeettii keetiif ilaalcha sirrii qabaachuu. Manni barumsaa dandeettii dhokataa qabdu beekuuf si gargaara. Phaawulos, ‘Kennaa Waaqayyoo sii kenname akka ibiddaatti qabsiisi’ jedhee Ximotewosiif barreesseera. (2 Ximotewos 1:6) Ximotewos gumii Kiristiyaanaa keessatti tajaajila adda taʼe tokkoof muudamee akka ture haala isaarraa hubachuun ni dandaʼama. Haa taʼu malee, ‘kennaan’ Waaqayyorraa argate kun lafatti akka hin banneef guddifachuun isa barbaachisa ture. Dandeettiin barumsaa kallattiidhaan Waaqayyorraa kan siif kennamu akka hin taane beekamaadha. Taʼus, dandeettiiwwan warra kaanirraa adda si taasisan qabda. Manni barumsaa dandeettiiwwan qabaachuu kee hin beekne hubachuu fi guddifachuuf si gargaaruu dandaʼa.

Fooyyaʼiinsa gochuu akka hin dandeenye yaaduudhaan ilaalchi kee barumsa keerratti dhiibbaa akka godhu hin heyyamin. Ilaalcha dogoggoraa dandeettii kee ilaalchisee qabdu ilaalcha sirriidhaan bakka buusuuf yaali. Fakkeenyaaf, Phaawulos yeroo namoonni karaa sirrii hin taaneen dandeettii dubbachuu isaa qeeqanitti akkana jedheera: “Ani nama akka gaariitti dubbatu taʼuu baadhus, beekumsa akkan qabu garuu mirkanaaʼaa dha.” (2 Qorontos 10:10; 11:6) Phaawulos dadhabina isaa hubatee ture. Garuu cimina isaas beeka.

Atoo? Ciminni kee maalfaʼi? Cimina kee beekuun yoo si rakkise nama guddaa amantu tokko maaliif hin gaafattu? Namni sun cimina kee akka adda baafattuu fi akka gaariitti akka itti fayyadamtu si gargaaruu dandaʼa.

Meeshaa 3​ffaa: Barsiifata qoʼannaa gaarii qabaachuu. Barumsa keerratti milkaaʼina argachuuf karaan qaxxaamuraa hin jiru. Dirqama qoʼachuu qabda. Yaanni qoʼachuu jedhuyyuu sitti toluu dhiisuu dandaʼa. Taʼus qoʼachuun faayidaa qaba. Carraaqqii muraasa gochuudhaan qoʼachuun akka si gammachiisu gochuu ni dandeessa.

Barsiifata qoʼannaa gaarii qabaachuuf garuu yeroo keetti akka gaariitti fayyadamuu qabda. Barataa hamma taatetti qoʼannaadhaaf dursa kennuu akka qabdu hin dagatin. Dhugaadha, Kitaabni Qulqulluun, ‘Kolfuun yeroo qaba, shubbisuunis yeroo qaba’ jedha. (Lallaba 3:1, 4; 11:9) Kanaafuu, akkuma dargaggoota kaanii bashannanaaf yeroo muraasa ramaduu barbaadda taʼa. a Taʼus Lallabni 11:4 akeekkachiisa, “Namni bubbee eeggatu sanyii hin facaasu; namni duumessa ilaalus hin haammatu” jedhu kenna. Kanarraa maal baratta? Jalqaba qoʼadhu, sana booda taphadhu. Lamaaniifuu yeroo argachuu waan dandeessuuf hin yaaddaʼin.

Yeroo Hoji Maneen Sitti Baayʼatu

Hoji maneen kan sitti baayʼatu yoo taʼehoo? Tarii akkuma shamarree waggaa 17 Saandiriin jedhamtuu sitti dhagaʼama taʼa. Akkana jetteetti: “Yeroo hundumaa galgala galgala hoji manee hojjechuudhaan saʼaatii lamaa hanga sadiin dabarsa, dhuma torbaniittis nan hojjedha.” Maarree, haala isaa dandamachuu kan dandeessu akkamitti? Yaadawwan fuula 119 irratti ibsaman hojiirra oolchuuf yaali.

Karaa Baasuu

Phaawulos guddina hafuuraa gochuu ilaalchisee Ximotewosiin yeroo gorsu akkana jedheera: “Guddinni kee namoota hundumaatti ifatti akka mulʼatuuf, wantoota kana irratti xiinxali, xiyyeeffannaa guddaas isaaniif kenni.” (1 Ximotewos 4:15) Atis barumsa keerratti carraaqqii cimaa yoo goote milkaaʼina argachuu ni dandeessa.

Fakkeenya seensa boqonnaa kanaarratti ibsame yaadi. Bosona gobbuu keessatti karaa baafachuuf meeshaa sirrii taʼetti, jechuunis gajaraatti fayyadamuu qabda. Barumsa kee wajjin haala wal qabateenis akkasuma gochuu qabda. Wanta warri kee fi barsiisonni kee sirraa eeganiin kan kaʼe abdii kutachuu mannaa, meeshaalee boqonnaa kana keessatti ibsamanii fi barumsa keerratti milkaaʼina argachuuf si gargaaran sadanitti fayyadami. Dandeettiin kee fooyyaʼaa yeroo deemu akkas gochuu keetti ni gammadda.

WAAʼEE KANAA IBSA BALʼAA ARGACHUUF JILDII 1FFAARRAA BOQONNAA 18 DUBBISI

BOQONNAA ITTI AANURRATTI

Mana barumsaatti haala rakkisaa barumsa wajjin wal qabatee si mudatuun alattis ijoolleen si doorsisu taʼa. Maarree, maal gochuu dandeessa?

[Miiljalee]

a Bashannana ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf Kutaa 8​ffaa kitaaba kanaa ilaali.

CAQASA IJOO

Namni bubbee eeggatu sanyii hin facaasu; namni duumessa ilaalus hin haammatu.Lallaba 11:4.

GORSA GAARII

Yeroo qoʼattu yaada walii galaa isaa hubachuuf jalqaba qabiyyee barreeffamichaa ilaali. Itti aansuudhaan mata dureewwan ijoorratti hundaaʼuudhaan gaaffilee qopheessi. Achiis deebii isaa argachuuf barreeffamicha dubbisi. Dhumarrattis wanta dubbiste yaadachuuf yaali.

KANA BEEKTAA?

Qormaata hatuun warri kaan amantaa akka sirratti dhaban gochuu fi barumsa keetti gufuu taʼuu dandaʼa. Hundumaa caalaammoo hariiroo Waaqayyo wajjin qabdu si jalaa balleessa.—Fakkeenya 11:1.

WANTAN GOCHUU YAADE

Yeroo itti aanutti gosa barnootaa ․․․․․ irratti qabxiin galmeessisuu barbaadu ․․․․․

Gosa barnootaa kanarratti qabxii koo fooyyessuuf akkanan godha ․․․․․

Dhimma kana ilaalchisee wantan warra koo gaafachuu barbaadu ․․․․․

MAAL SITTI FAKKAATA?

● Barumsa kee dhimmitee qoʼachuu kan qabdu maaliifi?

● Qoʼachuu fi hoji manee kee hojjechuuf yeroon siif mijataa taʼe yoomi?

● Iddoon hoji manee kee hojjechuu fi qoʼachuuf mijataa taʼe eessa?

● Bashannanni qabxii keerratti gufuu akka hin taane gochuu kan dandeessu akkamitti?

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 117rra jiru]

“Dargaggoonni umurii koorratti argaman kaanis akkuma kooti. Barsiifanni qoʼannaa mana barumsaatti qabanii fi barsiifanni wantoota hafuuraa qoʼachuurratti qaban wal fakkaata. Ijoolleen barumsa isaanii qoʼachuuf fedhii hin qabne Kitaaba Qulqulluu qoʼachuufis fedhii hin qabaatan.”—Siilvii

[Saanduqa/Fakkii fuula 119​rra jiru]

Iddoo itti qoʼattu barbaaddadhu. Wanti si jeequ jiraachuu hin qabu. Kan dandaʼamu yoo taʼe minjaalatti fayyadami. Televizyinii cufi.

Wantoota barbaachisoo taʼaniif dursa kenni. Barumsi kee barbaachisaa waan taʼeef hamma hoji manee kee hojjettee xumurtutti televizyinii hin banin.

Harʼa boru hin jedhin. Hoji manee kee hojjechuuf sagantaa dhaabbataa qabaadhu; sagantaa baafattes hordofi.

Karoora qabaadhu. Wanta hojjechuu barbaaddu tartiibaan kaaʼi. Achiis waraqaarratti barreessiitii yeroo itti hojjettee xumurtu murteessi. Akkuma hojjettee xumurteen isa xumurterratti mallattoo godhi.

Gidduutti boqodhu. Wanta hojjetturratti xiyyeeffachuun yoo sitti ulfaate takka boqodhu. Achiis utuu baayʼee hin turin gara hoji manee keetti deebiʼi.

Ofitti amanannaa qabaadhu. Barataa cimaa fi dadhabaa taʼuu kee kan murteessu dandeettii uumamaan qabdu utuu hin taʼin, dhimmitee hojjechuu keeti. Barumsa keerratti milkaaʼina argachuu ni dandeessa. Carraaqqii yoo goote buʼaa gaarii ni argatta.

[Fakkii fuula 116​rra jiru]

Jireenyi mana barumsaa bosona gobbuu keessatti karaa baafachuu wajjin wal fakkaata; meeshaa sirrii taʼetti fayyadamuudhaan lamaanuu milkeessuun ni dandaʼama