Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Mana Barumsaatti Miidhaarraa Of Eeguu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

Mana Barumsaatti Miidhaarraa Of Eeguu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

BOQONNAA 14

Mana Barumsaatti Miidhaarraa Of Eeguu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

Himoota armaan gadii dhugaa ykn soba jedhii deebisi:

1. Ijoolleen abbaa humnaa taʼan miidhaa kan geessisan karaa qaamaa qofadha.

□ Dhugaa

□ Soba

2. Miidhaan saalaa yeroo hunda tuttuqqii qaamaa dabalata.

□ Dhugaa

□ Soba

3. Shamarranis namatti roorrisuu fi miidhaa saalaa geessisuu dandaʼu.

□ Dhugaa

□ Soba

4. Ijoolleen yoo sitti roorrisan ykn miidhaan saalaa yoo sirra gaʼe homaa gochuu hin dandeessu.

□ Dhugaa

□ Soba

IJOOLLEEN miliyoonaan lakkaaʼaman guyyaa guyyaadhaan mana barumsaatti waan doorsifamaniif baayʼee dhiphatu. Dargaggeessi Raayaan jedhamu akkana jedheera: “Ijoolleen abbaa humnaa taʼan dubbiidhaan na miidhuurra darbanii miidhaa qaamaa narraan geessisuu waan jalqabaniif imalli daqiiqaa 15 atoobisiidhaan gara mana barumsaatti goonu saʼaatii hedduu waan fudhatu natti fakkaata.” Dargaggoonni kaanimmoo miidhaan saalaa isaanirra gaʼa. Shamarreen Aniitaa jedhamtu akkana jetteetti: “Gurbaan beekamaa taʼe tokko kooriidariirratti natti dhufee na tuttuquu jalqabe. Harka isaa akka sassaabbatu suuta jedhee kanan itti hime taʼus na dhagaʼuu dide. Garaadhaa dubbachaa akkan jiru isatti hin dhagaʼamne.”

Dargaggoonni tokko tokkommoo intarneetii yeroo fayyadaman ijoollee daree isaaniirraa miidhaan isaanirra gaʼa. Atoo miidhaan sirra gaʼee beekaa? Taanaan, maal gochuu dandeessa? Wanti gochuu dandeessu baayʼeen jira. Jalqaba garuu himoota seensa boqonnaa kanaarratti ibsaman qoruudhaan dhugaa jiru yaada dogoggoraarraa adda haa baafannu.

1. Soba. Ijoolleen abbaa humnaa taʼan hedduun abootteetti utuu hin taʼin arraba isaaniitti fayyadamu. Doorsisa, arrabsoo, dubbii ciigoo fi qoosaatti fayyadamuu dandaʼu.

2. Soba. Karaa fedhii saalaa kakaasuun nama tokko dinqisiifachuun ykn ilaaluun, akkasumas qoosaa jibbisiisaa dubbachuun miidhaa saalaa akka taʼetti ilaalamuu dandaʼa.

3. Dhugaa. Dhiironnis taʼan dubartoonni warra kaanitti roorrisuu fi miidhaa saalaa geessisuu dandaʼu.

4. Soba. Miidhaan sirra gaʼu akka dhaabbatuuf tarkaanfii fudhachuu ni dandeessa. Kana gochuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe mee haa ilaallu.

Aboottee Utuu hin Fayyadamin Abbaa Humnaa Moʼuu kan Dandeessu Akkamitti?

Ijoolleen abbaa humnaa taʼan tokko tokko deebii akkamii akka kennitu ilaaluuf qofa si aarsuu barbaadu. Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun gorsa gaarii, “Aariidhaaf hin ariifatin” jedhu kenna. (Lallaba 7:9) ‘Hamaa hamaadhaan deebisuun’ haalli isaa caalaatti akka hammaatu gochuu fi rakkina dabalataa geessisuu dandaʼa. (Roomaa 12:17) Maarree, aboottee utuu hin fayyadamin abbaa humnaa moʼuu kan dandeessu akkamitti?

Dhimmicha salphistee ilaaluuf yaali. Namni tokko kan si arrabse taphumaaf qofa jedhee yoo taʼe mufachuu mannaa, kolfitee bira darbuuf yaali. Dargaggeessi Eliwuu jedhamu, “Yeroo tokko tokko wanta isaan dubbatan salphisanii ilaaluun gaariidha” jedheera. Abbaan humnaa tokko dubbiin isaa dhiibbaa akka sirratti hin goone yeroo hubatu gocha isaa kana dhaabuun isaa hin oolu.

Dubbii laafaatti fayyadami. Kitaabni Qulqulluun, “Deebii laafaan aarii qabbaneessa” jedha. (Fakkeenya 15:1) Ijoolleen abbaa humnaa taʼan deebii laafaa waan hin eegneef, deebiin akkasii haala isaa qabbaneessuu dandaʼa. Dhugaadha, yeroo miidhaan namarra gaʼu tasgabbaaʼuun of toʼachuu gaafata. Taʼus, akkas gochuun yeroo hunda gaariidha. Fakkeenyi 29:11, “Namni gowwaan miira isaa hundumaa gad baasa, namni ogeessi garuu tasgabbiidhaan miira isaa qora” jedha. Dubbii laafaatti fayyadamuun mallattoo ciminaati. Namni dubbii laafaa dubbatu salphaatti madaallii isaa hin dhabu; ijoolleen abbaa humnaa taʼan garuu yeroo baayʼee tasgabbiin isaanitti hin dhagaʼamu, dafanii aaru, akkasumas abdii kutatu. Kitaabni Qulqulluun, ‘namni dafee hin aarre nama jabaa irra akka wayyu’ kan dubbatu kanaafi.—Fakkeenya 16:32.

Of eegi. Haalli isaa toʼannaadhaa ala akka taʼe yoo sitti dhagaʼame bakka sanaa deemuun kee gaariidha. Fakkeenyi 17:14, “Lolli kaʼuu isaa dura bakka sanaa deemi” jedha. Kanaafuu, lolli kaʼuuf akka jedhu yoo hubatte bakka sanaa deemi, barbaachisaa taanaanimmoo fiigi. Deemuu hin dandeessu taanaanimmoo lola keessa akka hin seenne of eeguuf wanta dandeessu hunda godhi.

Dubbadhu. Warri kee wanta taʼe beekuuf mirga qabu. Gorsa si fayyadus sii kennuu dandaʼu. Fakkeenyaaf, itti gaafatamaa mana barumsaa tokko akka haasofsiistu yaada sii kennuu dandaʼu. Warri kee fi itti gaafatamtoonni mana barumsaa rakkinni dabalataa utuu sirra hin gaʼin dhimmicha ogummaadhaan akka furan mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa.

Wanti xiyyeeffannaa keessa galchuu qabdu inni guddaan maalidha? Ijoolleen abbaa humnaa taʼan deebii isaan eegan hin kennituuf taanaan dhiibbaa sirratti gochuu isaanii itti fufuu hin dandaʼan. Kanaafuu, akka si aarsan hin heyyamin. Kanaa mannaa, yaadawwan olitti ibsaman hojiirra oolchuudhaan haala isaa toʼadhu.

Miidhaa Saalaa Dandamachuu

Miidhaan saalaa yoo sirra gaʼe aaruun kee nama hin dinqisiisu. Wanti inni guddaan, ‘Tarkaanfii akkamii fudhatta?’ kan jedhudha. Tarkaanfiin fudhachuu dandeessu hedduun jiru. Mee muraasa isaanii haa ilaallu.

Ejjennoo cimaa qabaadhu. Tarii namoonni dhiibbaa sirratti godhan akka hin barbaanne yoo kallattiidhaan dubbatte malee garaa hirameen lakki yoo jette tole akka jettetti ykn yaada kee jijjiiruu akka dandeessutti yaaduu dandaʼu. Kanaafuu, deebiin kee “‘Lakki’ yoo taʼe lakki haa taʼu.” (Maatewos 5:37) Kokkolfaa ykn qaqqaanaʼaa akka hin barbaanne yoo dubbattellee yaada isaaniirratti akka walii galtetti yaaduu dandaʼu. Kallattiidhaan ifatti dubbadhu. Karaan gaariin miidhaa saalaa ofirraa ittisuu itti dandeessu inni guddaan kanadha.

Ejjennoon kee ifatti akka mulʼatu godhi. Shamarreen Aniitaa jedhamtu nama miidhaa saalaa ishiirraan geessisaa ture tokko ilaalchisee, “Akka na hin tuqne sagalee koo ol kaasee itti himuudhaanan hiriyoota isaa duratti isa qaanesse” jetteetti. Buʼaan isaa maal taʼeree? Akkana jetteetti: “Hiriyoonni isaa hundi isatti kolfan. Jalqabarratti mufatee kan ture taʼus guyyoota muraasa booda garuu dhiifama na gaafate; namni kan biraan na rakkisuuf yeroo yaalettillee narraa dhowweera.”

Yoo si dhagaʼuu didan dhiisii deemi. Yeroo tokko tokko baqachuun gaarii taʼuu dandaʼa. Baqachuu hin dandeessu yoo taʼemmoo miidhaa saalaa ofirraa ittisuuf mirga qabda. (Keessa Deebii 22:25-27) Shamarreen Kiristiyaana taate takka, “Gurbaan tokko na qabuuf yeroo yaaletti hamman dandaʼe isa rukuteen fiige” jetteetti.

Nama tokkotti himi. Shamarreen waggaa 16 Adiriin jedhamtu akkana jetteetti: “Dhumarratti wanti gochuun na barbaachise kana ture. Gurbaan ani hiriyaa gaarii akka taʼetti yaadu tokko miira jaalalaa natti argisiisuu isaa yeroo itti fufetti warra koon mariisise. Akka na dhiisu yeroon isatti himu na dhagaʼuu dide; akkuma waan tapharra jirruu caalaatti dorgommii keessa gale.” Warri Adiriin gorsa gaarii rakkinicha dandamachuuf ishii gargaaru ishiidhaaf kennaniiru. Warri kees si gargaaruu akka dandaʼan hin shakkisiisu.

Ijoollee abbaa humnaa taʼan ykn miidhaa saalaa dandamachuun salphaa miti. Garuu yeroo hunda kana yaadadhu: Dargaggoonni Kiristiyaanota taʼan ijoolleen abbaa humnaa taʼan akka isaanitti roorrisan heyyamuu ykn namni tokko miidhaa saalaa isaanirraan gaʼuuf yeroo yaalu callisuu hin qaban. Tarkaanfiiwwan olitti ibsaman fudhachuudhaan rakkoowwan kana dandamachuu ni dandeessa.

WAAʼEE KANAA IBSA BALʼAA ARGACHUUF JILDII 1FFAARRAA BOQONNAA 18 DUBBISI

BOQONNAA ITTI AANURRATTI

Dhiibbaan hiriyaa haalawwan rakkisoo dandamachuun si barbaachisu keessaa tokkodha. Ofitti amanannaadhaan dandamachuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe baradhu.

CAQASA IJOO

Hamma isiniif dandaʼametti karaa keessan namoota hundumaa wajjin nagaadhaan jiraadhaa.Roomaa 12:18.

GORSA GAARII

Ijoolleen abbaa humnaa taʼan kan sitti roorrisan yoo taʼe ija jabeessa taʼi, garuu hin aarin. Wanta gochaa jiran akka dhaaban cimsii itti himi. Achiis tasgabbiidhaan bakka sanaa deemi. Yoo dhaabuu didan nama tokkotti himi.

KANA BEEKTAA?

Uffata halluuwwan ykn mallattoolee kashalabbootaa qaban tokko tokko uffachuun balaadhaaf si saaxiluu dandaʼa. Namni miseensa garee kashalabbootaa ture tokko akkana jedheera: “Namni tokko akka keenyatti uffatee miseensa keenya yoo taʼuu baate xiyyeeffannaa keenya keessa galuun isaa hin oolu. Yookiin garee keenyatti makamuu qaba; yoo dide garuu miidhaatu isarra gaʼa.”

WANTAN GOCHUU YAADE

Namni tokko na arrabsuuf ykn na aarsuuf yoo yaale akkanan godha ․․․․․

Wantoota balaadhaaf na saaxilanirraa fagaachuuf akkanan godha ․․․․․

Dhimma kana ilaalchisee wantan warra koo gaafachuu barbaadu ․․․․․

MAAL SITTI FAKKAATA?

● Caalaatti ofitti amanannaa argisiisuu fi tasgabbaaʼuun kee miidhaa ijoolleen abbaa humnaa sirraan gaʼuu dandaʼan hirʼisuuf kan gargaaru akkamitti?

● Miidhaan saalaa yoo sirra gaʼe maal gochuu dandeessa? (Haala baramaa si mudachuu dandaʼuu fi deebii akkamii kennuu akka dandeessu yaadi.)

● Miidhaa saalaa salphistee ilaaluu kan hin qabne maaliifi?

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 123rra jiru]

“Lolli kaʼuuf akka jedhu yoo hubatte dhimma namootaa keessa seenuu dhiistee gara manaatti galuu qabda. Ijoolleen tokko tokko haala isaa ilaaluuf yeroo yaalan rakkina keessa galu.”—Haayiroo

[Saanduqa fuula 125​rra jiru]

Miidhaa Saalaarraa Of Eeguun kan Dandaʼamu Akkamitti?

Hin kolomsin. Kolomsuun miidhaa saalaatiif si saaxila. Kitaabni Qulqulluun, “Namni ibidda qoma isaatti baatee uffanni isaa hin gubanne jiraa?” jedha. (Fakkeenya 6:27) Kolomsuun akkuma ibiddaan taphachuuti.

Hiriyoota kee of eeggannoodhaan filadhu. Hiriyoonni kee naamusni kee kan isaanii wajjin akka wal fakkaatu yaaduu dandaʼu. Shamarreen Kaarlaa jedhamtu akkana jetteetti: “Namoota dinqisiifannaa ykn xiyyeeffannaa warra kaanii argachuun isaan gammachiisu wajjin yeroo kan dabarsitu yoo taʼe miidhaan saalaa sirra gaʼuu dandaʼa.”—1 Qorontos 15:33.

Akkaataa uffannaa keetiif of eeggannoo godhi. Uffannaan seera qabeessa hin taane xiyyeeffannaa saala faallaa argachuuf baayʼee akka hawwitu argisiisuu dandaʼa; akkaataa uffannaa keetiif of hin eeggattu taanaan namoonni xiyyeeffannaa akkasii sii kennuu dandaʼu.—Galaatiyaa 6:7.

Kiristiyaana taʼuu kee hin dhoksin. Kan dhoksitu yoo taʼe, namni kamiyyuu ulaagaalee Kiristiyaanaa akka hordoftu sirraa hin eegu.—Maatewos 5:15, 16.

[Fakkii fuula 124​rra jiru]

Abbaan humnaa tokko yeroo si arrabsu aariidhaan deebii kennuun akkuma ibiddatti bobaʼaa dabaluuti

[Fakkii fuula 127​rra jiru]

Namni miidhaa saalaa geessisuuf yaalu sun akka sirraa deemu itti himi!