Waaʼee Hiriyummaa Mana Barumsaa Maal Beekuun Qaba?
BOQONNAA 17
Waaʼee Hiriyummaa Mana Barumsaa Maal Beekuun Qaba?
“Dargaggoonni muraasni waliin taʼanii yeroon argu, ‘Hiriyoota gaariidha jechuudha. Anis hiriyoota akkasii utuun qabaadhee natti tola’ jedheen yaada.”—Joo.
“Mana barumsaatti hiriyoota horachuun natti hin ulfaatu. Baayʼee salphaadha. Kunimmoo rakkina natti fideera.”—Maariyaa.
Yohaannis 15:15) Yeroo Yesuus muka dhiphinaarratti fannifamee turetti hiriyaa isaa baayʼee itti dhihaatu kan taʼe Yohaannis “inni Yesuus jaallatu” isa bira jira ture. (Yohaannis 19:25-27; 21:20) Siinis hiriyoonni yeroo gammachuuttis taʼe yeroo rakkinaatti sitti maxxanan si barbaachisu.
NAMNI hundi hiriyaan yeroo gaarii wajjin dabarsuu fi yeroo rakkinaatti isa gargaaru isa barbaachisa. Yesuusiyyuu hiriyoota qaba ture; isaan wajjin yeroo dabarsuunis isa gammachiisa ture. (Tarii mana barumsaatti hiriyoota akkasii argachuu akka dandeessu sitti dhagaʼama taʼa; ijoollee daree keetii sitti tolan keessaa tokko ykn lama yaaddeetta taʼa. Fedhiin keessan wal fakkaata, waliin haasaʼuunis isin gammachiisa. Ijoollee kanatti dhihaachuun “hiriyummaa gadhee” uumuu akka taʼe sitti hin dhagaʼamu. (1 Qorontos 15:33) Shamarreen Aan jedhamtu akkana jetteetti: “Ijoollee kana wajjin guyyaa guyyaadhaan wal argita. Kanaafuu, isaan wajjin taʼuun sitti tola. Yeroo obboloota gumii faana taatu garuu yeroo tokko tokko wanta gootu ilaalchisee of eeggachuun akka si barbaachisu sitti dhagaʼama. Mana barumsaatti akka barbaadde taʼuu dandeessa.” Kana malees, akka Loyiis sitti dhagaʼama taʼa; akkana jetteetti: “Mana barumsaatti hiriyoota kootti Dhugaa Baatonni Yihowaa akka namoonni baayʼeen yaadanitti namoota kaanirraa adda kan taʼan utuu hin taʼin, akkuma namoota kaanii akka taʼan argisiisuu barbaadeen ture.” Haa taʼu malee, kun ijoollee si wajjin baratan hiriyoota itti dhihaattu godhachuuf sababii quubsaa taʼuu dandaʼaa?
Of Eeggachuu kan Qabdu Maaliifi?
Mee wanta Maariyaa ishii olitti ibsamterra gaʼe haa ilaallu. Salphaatti kan namatti dhihaattu taʼuun ishii hiriyoota hedduu
kan ishiidhaaf argamsiise taʼus, hiriyummaan sirriin kan akkamii akka taʼe adda baafachuun ulfaataa akka ishiitti taʼu godheera. Akkana jetteetti: “Dhiironnis taʼan shamarran na jaallachuun isaanii natti tola ture. Kanaan kan kaʼes, dhoqqee addunyaa kanaa keessa lixuun jalqabe.” Loyiisis haalli akkasii ishii mudateera. Akkana jetteetti: “Ilaalchi hiriyoota kootii dhiibbaa narratti godhe. Kanaafuu, wantuma isaan godhan gochuun jalqabe.”Kun taʼuun isaa nama hin dinqisiisu. Nama tokko hiriyaa itti dhihaattu godhachuuf, wanta inni jaallatuu fi iddoo guddaa kennuuf atis jaallachuu fi iddoo guddaa kennuufii qabda. Namoota barumsaa fi ulaagaalee Kitaaba Qulqulluu ati hordoftu hin hordofne wajjin hiriyummaa cimaa yoo uumte hiriyummaan akkasii amala keerratti dhiibbaa gochuun isaa hin oolu. (Fakkeenya 13:20) Phaawulos ergamaan, “Warra hin amannee wajjin gita malee walitti hin camadaminaa” kan jedhe kanaafi.—2 Qorontos 6:14.
Maal Gochuu Dandeessa?
Phaawulos ijoollee daree keerraa fagaachuu fi koʼeessa taʼuu akka qabdu dubbachaa jiraa? Lakki. Kiristiyaanonni ajaja, ‘Namoota barattoota godhaa’ jedhu raawwachuuf namoota sanyii, amantaa fi aadaa garaagaraa qaban wajjin haasaʼuun isaan barbaachisa.—Maatewos 28:19.
Phaawulos ergamaan gama kanaan fakkeenya gaarii nuuf taʼa. Wanta isaan itti amananirratti 1 Qorontos 9:22, 23) Atis fakkeenya isaa hordofuu dandeessa. Nama salphaatti itti dhihaatamu taʼi. Hiriyoota kee wajjin akka gaariitti haasaʼuu baradhu. Haa taʼu malee, dubbii fi amalli kee kan ijoollee daree keetii akka hin fakkaanne of eeggadhu. Kanaa mannaa, ulaagaalee Kitaaba Qulqulluutiin geggeeffamuuf kan filatte maaliif akka taʼe dafiitii kabajaan isaaniif ibsi.—2 Ximotewos 2:25.
walii galuu baatus “akaakuu namootaa hundumaa” wajjin akkamitti akka walii galu beeka ture. (Hiriyoota keerraa adda taatee mulʼachuun kee hin oolu; kunimmoo wanta salphaa miti. (Yohaannis 15:19) Garuu dhimmichaaf ilaalcha armaan gadii qabaachuuf maaliif hin yaaltu? Fakkeenyaaf, doonii lubbuu baraarurra taatee namoota bishaaniin liqimfamaa jiran utuu argitee isaan gargaaruuf maal goota? Doonii sanarraa utaaltee bishaanicha keessa lixxaa? Akkas akka hin goone beekamaadha.
Haaluma wal fakkaatuun, ijoolleen wajjin barattu eegumsa michuu Yihowaa taʼuudhaan argamu hin qaban. (Faarfannaa 121:2-8) Ijoollee daree keetti dhihaachuuf jettee ulaagaalee Yihowaa yoo dhiiste karaa hafuuraa balaadhaaf of saaxiluu fi gammachuu dhabuu dandeessa. (Efesoon 4:14, 15; Yaaqoob 4:4) Kanaa mannaa, akkamitti Yihowaa tajaajiluu akka dandaʼan isaanitti himuudhaan ijoolleen daree kee akka fakkeenyaatti doonii lubbuu baraarurra akka baʼan gargaaruu dandeessa. Karaa kanaan hiriyaa dhugaa taʼuu kee argisiisuu dandeessa.
CAQASA IJOO
“Misiraachicha namoota kaaniin gaʼuuf, misiraachichaaf jedhee waan hundumaa nan godha.”—1 Qorontos 9:23.
GORSA GAARII
Ijoolleen daree keetii tokko tokko wantoota itti amantu beekuu yoo barbaadan ilaalcha isaanii akka dubbatan isaaniif heyyami. Garaadhaa isaan dhaggeeffadhu. Yeroo dubbattus “garraamummaa fi ulfina guddaadhaan” yaada kee ibsi.—1 Pheexiros 3:15.
KANA BEEKTAA?
Tajaajiltoonni Waaqayyoo ijoollee daree isaanii ija jabinaan waaʼee amantii isaanii dubbatanirraa dhugaa baratan hedduun jiru.
WANTAN GOCHUU YAADE
Nama na wajjin baratu tokkotti garmalee yoon dhihaadhe akkanan godha ․․․․․
Namni na wajjin baratu tokko amantii kootiin kan kaʼe yoo natti qoose akkanan godha ․․․․․
Dhimma kana ilaalchisee wantan warra koo gaafachuu barbaadu ․․․․․
MAAL SITTI FAKKAATA?
● Gumii keessatti hiriyoota horachuu caalaa mana barumsaatti hiriyoota horachuun salphaa fakkaachuu kan dandaʼu maaliif sitti fakkaata?
● Nama si wajjin baratuu fi Yihowaa hin waaqeffanne wajjin saʼaatii barumsaatiin alatti yeroo dabarsuun balaa akkamii qaba?
● Ijoolleen si wajjin baratan Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuu kee akka beekan gochuun faayidaa akkamii qaba?
[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 143rra jiru]
“Mana barumsaatti akkuma ijoollee kaanii waanan taʼuuf hiriyoota horachuun anaaf salphaa ture. Garuu dogoggora koorraa baradheera. Amma gumii keessaa hiriyootan amanu qaba.”—Daaniʼel
[Fakkii fuula 146rra jiru]
Nama bishaaniin liqimfamaa jiru tokko kan gargaartu, utaaltee bishaanichatti lixuudhaani moo wanta lubbuu isaa isaaf oolchu isaaf kennuudhaani?