Nama Fakkeenya Taʼu—Dubartii Hiyyeettii Abbaan Manaa Irraa Duʼe
Nama Fakkeenya Taʼu—Dubartii Hiyyeettii Abbaan Manaa Irraa Duʼe
Yesuus namoonni sooreyyiin saanduqa buusii mana qulqullummaa keessatti buusii yeroo godhan ilaalaa jira. Namoota hedduu sana keessaa dubartii hiyyeettiin abbaan manaa irraa duʼe tokko “saantima xixinnoo gatii gad aanaa qaban lama” yeroo buusii gootu arge. (Luqaas 21:2) Yesuus arjummaa ishiin argisiisteef ishii jajateera. Maaliif? Sababiin isaas, warri kaan “wanta isaan irraa hafe buusan; ishiin garuu hiyyeettii taatus wanta qabdu hundumaa, jechuunis wanta ittiin jiraattu hundumaa buuste.”—Maarqos 12:44.
Atoo akkuma dubartii tanaa wanta dursi kennamuufii qabuuf dursa ni kennitaa? Yeroo kee fi maallaqa kee Waaqayyoon tajaajiluuf itti fayyadamuu ni dandeessaa? Akkuma dubartii hiyyeettii abbaan manaa irraa duʼe sanaa atis iddoowwan waaqeffannaa suphuuf akka ooluuf buusii gochuu dandeessa. Warri kaan waaʼee Yihowaa akka baratan gargaaruufis yeroo fi maallaqa keetti fayyadamuu dandeessa. Yihowaan buusii xinnoo dubartiin abbaan manaa irraa duʼe sun hojii isaa deeggaruuf goote ilaaleera, akkasumas dinqisiifateera. Waaqayyo wanta hundumaa caalaa fedhii isaa raawwachuuf dursa yoo kennite siinis si dinqisiifata, akkasumas si gargaara.—Maatewos 6:33.