Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Nama Fakkeenya Taʼu​—Ibroota Sadan

Nama Fakkeenya Taʼu​—Ibroota Sadan

Nama Fakkeenya Taʼu​—Ibroota Sadan

Hanaaniyaa, Mishaaʼelii fi Azaariyaan dirree Duuraa naannoo Baabilonitti argamurra dhaabbataniiru. Namoonni naannoo isaanii jiran hundi siidaa guddaa isaan dura jiruuf sagadaniiru. Dargaggoonni kun dhiibbaan hiriyaa jiraatus, akkasumas mootichi isaan doorsisus ejjennoo isaanii hin laaffisne. Yihowaa tajaajiluu isaanii akka hin dhiisne kabajaan, garuummoo ejjennoo cimaadhaan Nebukadnezaariif ibsaniiru.—Daaniʼel 1:6; 3:17, 18.

Namoonni kun boojuudhaan gara Baabilonitti yeroo geeffaman dargaggoota turan. Dargaggummaa isaaniitti amanamoo taʼuudhaan nyaata tarii Seerri Waaqayyoo dhoowwu nyaachuu diduun isaanii, qorumsa sanarra hammaatu akka dandamataniif isaan qopheesseera. (Daaniʼel 1:6-20) Yihowaadhaaf ajajamuun ogummaa akka taʼe muuxannoo isaaniirraa barataniiru. Atoo hiriyoonni kee dhiibbaa kan sirratti godhan taʼus ulaagaalee Waaqayyoo eeguu kee itti fufuuf kutatteettaa? Dargaggummaa keetti wantoota xixinnoo fakkaatanirratti Yihowaadhaaf ajajamuun kee, gara fuulduraatti jireenya kee keessatti rakkoowwan ciccimoon yoo si mudatan amanamummaa kee eeguuf si qopheessa.—Fakkeenya 3:5, 6; Luqaas 16:10.