Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Jaalallee Qabachuuf Qophaaʼeeraa?

Jaalallee Qabachuuf Qophaaʼeeraa?

BOQONNAA 1

Jaalallee Qabachuuf Qophaaʼeeraa?

“Jaalallee akkan qabadhu kallattii garaa garaatiin dhiibbaan narra gaʼa. Dhiironni babbareedoo taʼan hedduunis jiru.”—Witnii.

“Shamarran tokko tokko jaalallee isaanii akkan taʼu kallattiidhaan na gaafatu; utuun tole jedhee natti tola. Garuu warra koo yoon gaafadhe, deebiin isaanii maal akka taʼu beeka.”—Filiip.

SHAMARREE jaallattuu fi ishiinis miira addaa siif qabdu wajjin taʼuuf fedhii cimaa qabda taʼa; ijoollummaa keettillee fedhii akkasii qabaachuu dandeessa. Jeniifar, “Yeroon waggaa 11 turetti jaalallee qabachuuf hawwuun jalqabe” jetteetti. Biritaaniinis, “Mana barumsaatti jaalallee hin qabdu taanaan rakkina wayii akka qabdu sitti dhagaʼama” jetteetti.

Atoo maal jetta? Jaalallee qabachuuf qophoofteettaa? Deebii gaaffii kanaa ilaaluu keenya dura, gaaffii baayʼee barbaachisaa taʼe tokko kaasuu qabna:

“Jaalallee Qabachuu” Jechuun Maal Jechuudha?

Deebii gaaffilee armaan gadiitiif kenniturratti mallattoo godhi:

Yeroo hunda shamarree takka wajjin yeroo dabarsita. Jaalallee qabatteetta jechuudhaa?

□ Eeyyee

□ Lakki

Atii fi shamarreen takka miira addaa waliif qabdu. Guyyaa keessatti yeroo baayʼee ergaa barreeffamaa walii ergitu ykn bilbilaan haasoftu. Jaalallee qabatteetta jechuudhaa?

□ Eeyyee

□ Lakki

Yommuu hiriyoota kee wajjin yeroo dabarsitu hundumaatti shamarree takka wajjin taata. Jaalallee qabatteetta jechuudhaa?

□ Eeyyee

□ Lakki

Gaaffii isa jalqabaatiif yeruma sana deebii kennita taʼa. Gaaffii isa lammaffaa fi isa sadaffaatiif deebii kennuuf garuu takka yaaduun si barbaachiseera taʼa. Maarree, jaalallee qabachuu jechuun maal jechuudha? Karaan itti wal argitan maaliyyuu yoo taʼe shamarree takkaaf miira addaa yoo qabaattee fi ishiinis miira jaalalaa yoo siif qabaatte hariiroo jaalalaa jalqabdaniittu jechuun ni dandaʼama. Kanaafuu, deebiin gaaffilee olitti ibsaman sadanuu eeyyee kan jedhudha. Atii fi shamarreen takka miira addaa kan waliif qabdanii fi yeroo hunda kan haasoftan yoo taʼe hariiroo jaalalaa jalqabdaniittu jechuudha; tarii kan wal argitan bilbilaan ykn qaamaan, akkasumas ifatti ykn dhoksaatti taʼuu dandaʼa. Maarree, itti gaafatamummaa kana fudhachuuf qophoofteettaa? Gaaffilee gaditti ibsaman sadanirratti yaaduun kee kana beekuuf si gargaara.

Jaalallee Qabachuu kan Barbaadde Maaliifi?

Aadaa hedduu keessatti dhiirri tokkoo fi shamarreen takka caalaatti wal baruuf hariiroo jaalalaa jalqabuun isaanii baramaadha. Haa taʼu malee, jaalallee qabachuun kaayyoo ulfina qabeessa taʼe qaba; innis dhiirri tokkoo fi shamarreen takka gaaʼelaan tokko taʼuu kan barbaadan taʼuu isaanii akka beekan gargaaruudha.

Tarii hiriyoonni kee tokko tokko jaalallee qabachuu salphisanii ilaalu taʼa. Wanta gaaʼela jedhamuyyuu utuu hin yaadin shamarree isaan hawwattu tokko wajjin taʼuun isaanitti tola taʼa. Tokko tokkommoo jaalallee qabachuu kan barbaadan warra kaan biratti akka barbaadaman argisiisuuf ykn jaalallee qabatanii mulʼachuu waan barbaadaniif taʼuu dandaʼa. Yeroo baayʼee garuu hariiroon miira akkasiitiin jalqabamu kan turu yeroo muraasaaf qofadha. Shamarreen Hiizar jedhamtu akkana jetteetti: “Dargaggoonni baayʼeen hariiroo jaalalaa jalqabanii torban tokko ykn lama gidduutti gargar baʼu. Hariiroon akkasii yeroodhaaf qofa kan turu akka taʼetti ilaalu; kunimmoo gaaʼelaaf utuu hin taʼin, wal hiikuudhaaf isaan qopheessa.”

Nama tokko wajjin hariiroo jaalalaa yeroo uumtu miira nama sanaarratti dhiibbaa akka gootu ifadha. Kanaafuu, kaayyoon kee ulfina qabeessa akka taʼe mirkaneeffadhu. Mee kana yaadi: Akkuma ijoolleen ashaangulliitii tokko yeroodhaaf ittiin taphatanii gatan namni tokko miira keetti akka taphatu ni barbaaddaa? Shamarreen Cheelsii jedhamtu akkana jetteetti: “Bashannanuumaaf qofa jaalallee qabachuun utuu dandaʼamee gaariidha jedheen yaada; taʼus namni tokko yeroo hariiroo jaalalaa sanaaf iddoo guddaa kennu inni tokkommoo iddoo hin kennu yoo taʼe kun miidhaa qaba.”

Jaalallee Qabachuuf Umuriin Kee Gaʼeeraa?

Dargaggeessi tokko jaalallee qabachuu kan dandaʼu umurii isaa waggaa meeqatti sitti fakkaata? ․․․․․

Ammammoo abbaa kee fi haadha kee gaaffii kana gaafadhuutii deebii isaan siif kennan guuti. ․․․․․

Umuriin ati barreeffatte kan isaan sitti himanii gadi taʼuu hin oolu. Taʼuu dhiisuus dandaʼa. Dargaggoonni hedduun hamma umurii akka gaariitti of beekanirra gaʼanitti jaalallee qabachuu dhiisuuf murteessaniiru; tarii atis isaan keessaa tokko taʼuu dandeessa. Shamarreen waggaa 17 Daaniyeel jedhamtu akkas gochuuf murteessiteetti. Akkana jetteetti: “Wantin nama jaalallee akka naaf taʼu barbaadurraa eegu isan waggaa lama dura eegaa turerraa baayʼee addadha. Ammayyuu murtoo kana gochuuf ofitti amanannaa hin qabu. Waaʼee jaalallee qabachuu kanan yaadu waggoota muraasaaf miirri koo jijijjiiramuu akka dhiise yoo natti dhagaʼame qofadha.”

Sababii turuun gaarii itti taʼu kan biraanis jira. Kitaabni Qulqulluun yeroo fedhiin saalaa fi miirri jaalalaa itti cimu argisiisuuf yaada “umurii dargaggummaa” jedhutti fayyadama. (1 Qorontos 7:36) Umurii kanarra utuu jirtuu jaalallee qabachuun kee fedhiin kee akka itti caalu gochuudhaan dogoggora akka raawwattu si taasisuu dandaʼa. Dhugaadha, dhimmi kun hiriyoota kee hin yaaddessu taʼa. Baayʼeen isaanii saalqunnamtii raawwachuun maal akka fakkaatu beekuuf baayʼee hawwu. Ati garuu ilaalcha akkasii injifachuu dandeessa. (Roomaa 12:2) Kitaabni Qulqulluunis ‘halalummaa irraa akka baqattu’ gorsa siif kenna. (1 Qorontos 6:18) Yeroon umurii dargaggummaa jedhame hanga darbutti turuudhaan “wantoota nama miidhan” irraa of eeguu dandeessa.—Lallaba 11:10.

Gaaʼela Dhaabbachuuf Qophoofteettaa?

Gaaffii kanaaf deebii kennuu akka dandeessuuf of qoruun kee gaariidha. Mee qabxiilee armaan gadiirratti yaadi.

Hariiroo. Warra kee fi obbolaa kee akkamitti qabda? Yeroo baayʼee yeroo isaan wajjin haasoftu of toʼachuu dadhabuudhaan jechoota sirrii hin taanetti ni fayyadamtaa? Dhimma kanarratti waaʼee kee maaltu isaanitti dhagaʼama? Akkaataan miseensota maatii kee itti qabdu gara fuulduraatti hiriyaa gaaʼelaa kee akkamitti akka qabdu argisiisa.—Efesoon 4:31 dubbisi.

Ilaalcha. Ilaalcha gaarii qabdaa? Yaada warra kaanii ni fudhattamoo, yeroo hunda wanti tokko karuma ati yaaddeen akka raawwatamu barbaadda? Haala dhiphisaa keessatti tasgabbaaʼuu ni dandeessaa? Obsa qabdaa? Yeroo ammaatti firii hafuura Waaqayyoo horachuun kee hiriyaa gaaʼelaa gaarii taʼuuf si qopheessa.—Galaatiyaa 5:22, 23 dubbisi.

Maallaqa. Akkaataan maallaqa itti fayyadamtu maal fakkaata? Yeroo baayʼee ni liqeeffattaa? Hojii tokkorra turuu ni dandeessaa? Hin dandeessu taanaan maaliifi? Hojichaan kan kaʼedhaa? Hogganaa keetiin kan kaʼedhaa? Moo barsiifanni ykn amalli horachuun si barbaachisu waan jiruufi? Itti fayyadama maallaqaa kee toʼachuun kan si rakkisu yoo taʼe, itti fayyadama maallaqaa maatii tokkoo akkamitti toʼachuu dandeessa?—1 Ximotewos 5:8 dubbisi.

Michummaa Waaqayyoo wajjin qabdu. Dhugaa Baatuu Yihowaa yoo taate michummaa Waaqayyoo wajjin qabdu cimsachuuf maal gochaa jirta? Dubbii Waaqayyoo dubbisuuf, tajaajila baʼuu fi walgaʼiirratti hirmaachuuf carraaqqii ni gootaa? Shamarreen ati fuutu hiriyaan gaaʼelaa karaa hafuuraa cimaa taʼe akka ishii barbaachisu ifadha.—Lallaba 4:9, 10 dubbisi.

Wanta Gochuu Dandeessu

Qophaaʼaa taʼuu kee dura hariiroo jaalalaa akka jalqabdu dhiibbaan sirratti godhamu barumsa akka gaariitti hin baranne akka qoramtu gochuu wajjin tokkodha. Kun sirrii akka hin taane ifadha. Gaaffilee qormaatarratti dhihaataniif deebii kennuu akka dandeessuuf barumsicha qoʼachuuf yeroon si barbaachisa.

Jaalallee qabachuunis akkasuma. Akkuma olitti ilaalle jaalallee qabachuun wanta akka salphaatti ilaalamu miti. Kanaafuu, nama tokkoof xiyyeeffannaa addaa kennuu kee dura, warra kaan wajjin hariiroo gaarii qabaachuun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼe beekuu qabda. Kunis yeroo booda nama siif taʼu yeroo argattu hariiroo cimaa uumuuf si gargaara. Gaaʼela milkaaʼina qabu hundeessuu kan dandaʼan namoota michoota gaarii waliif taʼan lamadha.

Jaalallee utuu hin qabatin turuun kee bilisummaa kan si dhabsiisu miti. Kanaa mannaa, ‘dargaggummaa keetti gammaduuf’ bilisummaa dabalataa akka argattu godha. (Lallaba 11:9) Kana malees, amaloota gaggaarii horachuuf, hunda caalaammoo karaa hafuuraa guddina gochuuf yeroo qabaatta.—Faaruu Ermiyaas 3:27.

Hammasitti saala faallaa wajjin hariiroo gaarii qabaachuu ni dandeessa. Kana gochuu kan dandeessu akkamitti? Namoota garaa garaa wajjin gareedhaan yeroo dabarsi. Shamarreen Taamii jedhamtu, “Karaa kanaan yeroo dabarsuun namatti tola. Hiriyoota hedduu qabaachuun gaariidha” jetteetti. Moonikaanis yaada kanarratti walii galti. Akkana jetteetti: “Gareedhaan namoota wajjin yeroo dabarsuun baayʼee gaariidha; namoota amala garaa garaa qaban wajjin wal argita.”

Faallaa kanaatiin, nama tokko qofarratti kan xiyyeeffattu yoo taʼe garuu, rakkinaaf of saaxilta. Kanaafuu, hin ariifatin. Kanaa mannaa, yeroo amma qabdu michoota horachuu fi hariiroo warra kaanii wajjin qabdu cimsachuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe barachuuf itti fayyadami. Boodas, jaalallee qabachuuf yoo filatte eenyummaa kees taʼe amaloota hiriyaa gaaʼelaa keerraa barbaaddu akka gaariitti beekta.

WAAʼEE KANAA IBSA BALʼAA ARGACHUUF JILDII 1FFAARRAA BOQONNAA 29 FI 30 DUBBISI

BOQONNAA ITTI AANURRATTI

Warri kee utuu sirratti hin beekin jaalallee qabachuuf yaadaa jirtaa? Dhoksaatti jaalallee qabachuun isa yaaddu caalaa miidhaa guddaa qaba.

CAQASA IJOO

Namni abshaalli . . . tarkaanfii isaa hundumaa irratti xiinxala.Fakkeenya 14:15.

GORSA GAARII

Jaalallee qabachuu fi gaaʼelaaf qophaaʼuuf akka si gargaaruuf 2 Pheexiros 1:5-7 dubbisiitii amala fooyyessuu qabdu tokko filadhu. Jiʼa tokko keessatti waaʼee amala sanaa hammam akka barattee fi hammam fooyyaʼiinsa akka goote ilaali.

KANA BEEKTAA?

Qorannoowwan hedduun akka argisiisanitti hiriyoonni gaaʼelaa umurii isaanii waggaa 20 gaditti gaaʼela dhaabbatan, yeroo baayʼee waggaa shan keessatti wal hiikuu dandaʼu.

WANTAN GOCHUU YAADE

Gaaʼelaaf qophaaʼuuf amaloota armaan gadii fooyyessuun qaba: ․․․․․

Amaloota kana fooyyessuuf akkanan godha ․․․․․

Dhimma kana ilaalchisee wantan warra koo gaafachuu barbaadu ․․․․․

MAAL SITTI FAKKAATA?

Saala faallaa wajjin gareedhaan yeroo dabarsuu kan dandeessu akkamitti?

Obboleessa ykn obboleettii kee umuriin isaanii utuu hin gaʼin jaalallee qabachuu barbaadan akkamitti gargaarta?

Gaaʼela dhaabbachuu utuu hin yaadin jaalallee yoo qabatte, miira jaalallee keerratti dhiibbaa akkamii geessisuu dandeessa?

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 18rra jiru]

“Nama tokko wajjin hariiroo jaalalaa jalqabuu kan qabdan nama sanaaf iddoo guddaa kan kennitanii fi gara fuulduraatti jireenya gammachiisaa wajjin jiraachuu akka dandeessan kan isinitti dhagaʼamu yoo taʼe qofadha jedheen yaada. Jaalallee qabachuu qofa utuu hin taʼin, nama sanaafis ni yaaddu.”—Ambar

[Fakkii fuula 16, 17rra jiru]

Gaaʼela dhaabbachuuf utuu hin yaadin jaalallee kan qabattu yoo taʼe, akkuma daaʼima ashaangulliitii haaraa tokkoon taphatee gatuu taʼaa jirta