Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Namni Kun Nama Naaf Taʼudhaa?

Namni Kun Nama Naaf Taʼudhaa?

BOQONNAA 3

Namni Kun Nama Naaf Taʼudhaa?

Yeroo fudhadhuutii gaaffilee armaan gadiirratti yaadi:

Akka ilaalcha amma qabduutti namni itti heerumuu barbaaddu amaloota kamfaa qabaachuu qaba? Amaloota armaan gadii keessaa warra caalaatti barbaachisoo akka taʼanitti yaaddu afur biratti mallattoo ✔ godhi.

□ Miidhagaa □ Nama hafuuraa

□ Nama wajjin kan walii galu □ Amanamaa

□ Beekamaa □ Naamusa gaarii kan qabu

□ Nama tapha beeku □ Galma kan qabu

Ijoollummaa keetti namni si hawwatee ture jiraa? Amaloota armaan olii keessaa amala yeroo sanatti namni sun caalaatti akka si hawwatu taasise tokko biratti mallattoo ✘ godhi.

AMALOOTA kana keessaa tokkollee dogoggora miti. Hundi isaaniiyyuu karaa itti nama hawwatan qabu. Taʼus, ijoollummaa keetti yeroo namni tokko si hawwatee turetti caalaatti kan xiyyeeffatte amaloota alaan mulʼatan kanneen akka kallattii bitaatiin argamanirrattidha yoo jedhame irratti walii hin galtuu?

Haa taʼu malee, bilchaachaa yeroo deemtu dandeettii yaaduu keetti fayyadamtee amaloota caalaatti barbaachisoo taʼan kanneen akka kallattii mirgaatiin jiranirratti xiyyeeffachuu jalqabde. Fakkeenyaaf, dargaggeessi tokko shamarree bareedduun ollaa isaanii amanamtuu akka hin taane hubata ykn shamarreen takka dargaggeessi daree isaanii keessatti beekamaa taʼe naamusa gaarii akka hin qabne hubatti. Umurii dargaggummaa fedhiin saalaa itti cimurra darbiteetta taanaan gaaffii, “Namni kun nama naaf taʼudhaa?” jedhuuf deebii yeroo kennitu caalaatti kan xiyyeeffattu amaloota alaan mulʼatanirratti miti.

Jalqaba Of Beeki

Namni siif taʼu eenyu akka taʼe irratti yaaduu kee dura akka gaariitti of beekuun kee barbaachisaadha. Caalaatti of beekuuf akka si gargaaruuf gaaffilee armaan gadiitiif deebii kenni:

Ciminni koo maalidha? ․․․․․

Dadhabinni koo maalidha? ․․․․․

Karaa miiraa fi karaa hafuuraa gargaarsa akkamiitu na barbaachisa? ․․․․․

Of beekuuf carraaqqii gochuun salphaa miti; gaaffileen kanneen akka armaan olii jiran kana jalqabuuf si gargaaru. Caalaatti yeroo of beektu nama dadhabina kee utuu hin taʼin cimina keerratti xiyyeeffatu argachuuf caalaatti gaʼumsa qabaatta. a Nama akkasii akka argatte yoo sitti dhagaʼame hoo?

Namni Kamiyyuu Naaf Taʼaa?

“Caalaatti utuu wal barree maal sitti fakkaata?” Gaaffiin akkasii baayʼee si dhiphisuu ykn baayʼee si gammachiisuu dandaʼa; kun nama si gaafaterratti hundaaʼa. Deebiin kee ‘ni taʼa’ kan jedhudha haa jennu. Maarree, sana booda jaalalleen kee nama siif taʼu taʼuu fi dhiisuu isaa beekuu kan dandeessu akkamitti?

Fakkeenyaaf, kophee bitachuu yaaddeetta haa jennu. Suuqii deemtee yeroo ilaaltu ijji kee kophee tokkorra buʼe. Kan nama gaddisiisu garuu kopheen sun baayʼee sitti dhiphate. Maarree, maal goota? Kopheen kun sii taʼuu baatus calluma jettee bittaa? Moo kophee kan biraa barbaaddatta? Yeroo kanatti murtoo sirriin kophee sana lafa keessee kan biraa barbaaddachuudha. Kophee nama qabu kaawwatanii deemuun gowwummaadha!

Hiriyaa gaaʼelaa filachuunis kana wajjin wal fakkaata. Yeroo garaa garaatti dhiironni adda addaa si hawwataniiru taʼa. Haa taʼu malee, namni kamiyyuu siif taʼa jechuu miti. Ati kan barbaaddu nama siif taʼu, jechuunis nama eenyummaa isaa jaallattuu fi galmi isaa kan kee wajjin wal fakkaatudha. (Uumama 2:18; Maatewos 19:4-6) Maarree, nama akkasii argatteettaa? Taanaan, nama siif taʼu taʼuu isaa akkamitti beekuu dandeessa?

Wantuma Alaan Mulʼaturratti hin Xiyyeeffatin

Gaaffii dhumarra jiruuf deebii kennuuf waaʼee nama si hawwatee yaadi. Garuu of eeggachuu qabda! Tarii wanta ilaaluu barbaaddu qofarratti xiyyeeffachuu dandeessa. Kanaafuu, hin ariifatin. Amala isaa isa dhugaa hubachuuf yaali. Kana beekuun garuu carraaqqii gochuu si gaafata. Taʼus, kun si dinqisiisuu hin qabu. Fakkeenyaaf, konkolaataa bitachuuf yaaddeetta haa jennu. Konkolaataa sana kan qorattu akkamitti? Bifa isaa alaan mulʼatu qofatu si yaaddessaa? Haala keessi isaa, tariimmoo motorri isaa irratti argamu caalaatti si yaaddessuu hin qabuu?

Nama hiriyaa gaaʼelaa siif taʼu filachuun konkolaataa bitattu filachuu caalaa murtoo baayʼee ulfaataa taʼedha. Haa taʼu malee, dargaggoonni hariiroo jaalalaa jalqaban hedduun wanta alaan mulʼaturratti xiyyeeffatu. Dafanii kan ilaalan wanta wal isaan fakkeessudha. ‘Filannaan muuziqaa keenya tokkodha. Filannaan bashannanaa keenya wal fakkaata. Waan hundumaarratti walii galla’ jedhu taʼa. Haa taʼu malee, akkuma olitti ilaalle umurii dargaggummaa fedhiin saalaa itti cimurra darbiteetta taanaan wanta alaan mulʼaturratti hin xiyyeeffattu. “Keessa namummaa [nama sanaa] isa dhokataa” hubachuun baayʼee barbaachisaa akka taʼe siif gala.—1 Pheexiros 3:4; Efesoon 3:16.

Fakkeenyaaf, hammam akka walii galtan yaaduu mannaa, yeroo walii hin galletti wantoota taʼan irratti xiyyeeffachuun kee caalaatti isa beekuuf si gargaara. Karaa kan biraatiin, namni kun walitti buʼiinsa kan furu akkamitti? Tarii wanti hundi karaa inni barbaaduun akka raawwatamu dhiibbaa gochuuf jecha ‘aariidhaan ni finiinaa’ ykn nama ni ‘arrabsaa’? (Galaatiyaa 5:19, 20; Qolosaayis 3:8) Moo dhimmichi filannaadhaaf kan dhiifame yeroo taʼutti nagaadhaaf jedhee yaada isaa jijjiiruuf fedhii akka qabu argisiisa?—Yaaqoob 3:17.

Wanti irratti yaaduu qabdu kan biraanis jira: Wanta inni barbaadu akka raawwattu malaan dhiibbaa sirratti gochuuf ykn si toʼachuuf ni yaalaa? Ni hinaafaa? Wanta gootu hunda beekuu akka qabu isatti dhagaʼamaa? Niikool akkana jetteetti: “Namoonni hariiroo jaalalaa jalqaban tokko tokko sochii walii isaanii hunda beekuu akka qaban waan isaanitti dhagaʼamuuf akka walitti buʼan dhagaʼeera. Kun mallattoo rakkinni akka jiru argisiisu natti fakkaata.”—1 Qorontos 13:4.

Dhimmoonni kanneen akka olitti kaasnee jiran eenyummaa fi amala nama tokkoorratti xiyyeeffatu. Haa taʼu malee, jaalalleen kee maqaa akkamii akka qabu beekuun kees barbaachisaadha. Namoonni ilaalcha akkamii isaaf qabu? Namoota isa beekan, tarii namoota bilchaatoo gumii keessa jiran haasofsiisuun kee si fayyaduu dandaʼa. Akkas gochuudhaan “maqaa gaarii” kan qabu taʼuu fi dhiisuu isaa beekuu dandeessa.—Hojii Ergamootaa 16:1, 2.

Waaʼee jaalallee keetii wantoota hubatte barreeffachuudhaan ulaagaalee hanga ammaatti ilaalle kan guutu taʼuu fi dhiisuu isaa beekuu dandeessa.

Eenyummaa ․․․․․

Amala ․․․․․

Maqaa qabu ․․․․․

Saanduqa fuula 39 irratti argamuu fi “ Abbaa Manaa Gaarii Naaf Taʼaa?” jedhu ykn fuula 40 irratti argamuu fi “ Haadha Manaa Gaarii Naaf Taatii?” jedhu qoruun kees si fayyada. Gaaffileen achirratti argaman jaalalleen kee nama siif taʼu taʼuu fi dhiisuu isaa beekuuf si gargaaru.

Erga irratti yaaddee booda namni sun akka siif hin taane yoo hubatte hoo? Haala akkasii keessatti, gaaffii ulfaataatu sitti uumama:

Gargar Baʼuu Qabnaa?

Gargar baʼuun faayidaa qabaachuu dandaʼa. Mee muuxannoo Jiil haa ilaallu. Akkana jetteetti: “Jalqabarratti, jaalalleen koo naaf yaaduudhaan yeroo hunda eessa akkan jiru, maal gochaa akkan jiruu fi eenyu wajjin akkan jiru na gaafachuun isaa na gammachiisa ture. Booda garuu isaan alatti eenyuyyuu wajjin yeroo akkan dabarsu akka hin barbaannen hubadhe. Yeroon maatii koo wajjin yeroo dabarsuttillee, keessumaammoo yeroon abbaa koo wajjin taʼutti ni hinaafa ture. Yeroon isarraa gargar baʼetti akkuma waan baʼaa guddaan tokko gateettii koorraa buʼetti natti dhagaʼame!”

Saaraanis haalli akkasii ishii mudateera. Jaalalleen ishii Joon jedhamu dubbii nama miidhu akka dubbatu, salphaatti akka hin gammannee fi naamusa akka hin qabne hubachuu jalqabde. Saaraan akkana jetteetti: “Yeroo tokko saʼaatii sadii barfatee dhufe. Haati koo yeroo balbala isaaf bantu calluma jedhee seene; achiis, ‘Haa deemnu. Barfanneerra’ jedhe. ‘Barfadheera’ utuu hin taʼin, ‘Barfanneerra’ jedhe. Dhiifama gaafachuu ykn sababii itti barfate ibsuu qaba ture. Balleessan isaa inni guddaanimmoo haadha kootti kabaja argisiisuu dhiisuu isaati.” Dhugaadha, gochi ykn amalli nama aarsu tokko qofti gargar baʼuuf sababa hin taʼu. (Faarfannaa 130:3) Haa taʼu malee, Saaraan wanti Joon godhe waanuma akka tasaa taʼe utuu hin taʼin amaluma isaa akka taʼe waan hubatteef isarraa gargar baʼuuf murteessite.

Atis akkuma Jiilii fi Saaraa jaalalleen kee nama siif taʼu akka hin taane yoo sitti dhagaʼame maal goota? Akkas taanaan, miira sitti dhagaʼamu calluma jettee bira hin darbin. Kana amananii fudhachuun salphaa taʼuu baatus, haala akkasii keessatti wanti wayyu hariiroo keessan addaan kutuu taʼuu dandaʼa. Fakkeenyi 22:3, “Namni abshaalli balaa ni arga, jalaas ni dhokata” jedha. Fakkeenyaaf, jaalalleen kee mallattoo rakkinni akka jiru argisiisuu fi fuula 39 fi 40 irratti ibsame keessaa tokko ykn isaa ol yoo qabaate yoo xinnaate hanga rakkina isaa sana sirreessutti hariiroo keessan addaan kutuun keessan gaariidha. Dhugaadha, gargar baʼuun salphaa miti. Taʼus, gaaʼelli hariiroo dhaabbataa taʼedha. Umurii kee guutuu gaabbiidhaan miidhamuu mannaa yeroo gabaabaadhaaf dhiphachuu sii wayya.

Murtoo Kee Ibsuu

Murtoo isarraa gargar baʼuuf goote akkamitti ibsuufii qabda? Jalqaba, haala mijataa taʼe filadhu. Kun maal taʼuu dandaʼa? Utuu si taʼee akkamitti akka sitti himamu akka barbaaddu yaadi. (Maatewos 7:12) Namoota duratti akka sitti himamu ni barbaaddaa? Akka hin barbaanne ifadha. Haalli si dirqisiisu yoo jiraate malee, bilbilaan, ergaa barreeffamaatiin ykn iimeeliidhaan gargar baʼuu akka barbaaddu utuu ibsuu baattee gaariidha. Kanaa mannaa, dhimma iddoo guddaa qabu kanarratti mariʼachuuf yeroo fi bakka mijataa taʼe filadhu.

Yeroo yaada kee ibsitu maal jechuu qabda? Phaawulos ergamaan “dhugaa” akka walitti himan Kiristiyaanota gorseera. (Efesoon 4:25) Ejjennoo kee utuu hin laaffisin malaan dubbadhu. Hariiroon keessan akka itti fufu kan hin barbaanne maaliif akka taʼe ifatti dubbadhu. Dogoggora raawwatame tarreessuun ykn komii qabdu hunda dubbachuun si hin barbaachisu. ‘Akkana hin goone’ ykn ‘akkana gootee hin beektu’ jechuu mannaa miira sitti dhagaʼame ibsuurratti xiyyeeffadhu; fakkeenyaaf, “Ani kanan barbaadu nama . . . ” ykn “Sababii . . . gargar baʼuu akka qabnu natti dhagaʼame” jechuu dandeessa.

Yeroon kun yeroo itti mamtu ykn yaada kee itti jijjiirtu miti. Gargar baʼuuf kan filatte sababii cimaa taʼerratti hundooftee akka taʼe yaadadhu. Kanaafuu, jaalalleen kee malaan yaada kee akka si hin jijjiirsisne of eeggadhu. Shamarreen Loorii jedhamtu akkana jetteetti: “Jaalallee koorraa ergan gargar baʼee booda yeroo hunda baayʼee akka dhiphate natti argisiisuuf yaala ture. Amala akkasii kan argisiisu akkan isaaf gaddu barbaadee natti fakkaata. Baayʼee na gaddisiiseera. Taʼus, haalli isaa murtoo koo akka na jijjiirsisu hin heyyamne.” Atis akkuma Loorii wanta gochuu barbaaddu beeki. Achiis murtoo kee hin jijjiirin. Lakkiin kee lakkii haa taʼu.Yaaqoob 5:12.

Erga Gargar Baatanii Booda

Erga gargar baatanii booda yeroo muraasaaf gaddi cimaan yoo sitti dhagaʼame kun si ajaaʼibsiisuu hin qabu. Akkuma faarfaticha isa, “Dhiphadheera, akka malees gaddeera; guyyaa guutuu gaddaan asii fi achi nan joora” jedhee sitti dhagaʼama taʼa. (Faarfannaa 38:6) Michoonni kee tokko tokko carraa kan biraa akka isaaf kennitu si jajjabeessuudhaan si gargaaruuf yaalu taʼa. Garuu of eeggadhu. Wanta facaaste sumatu haammata malee michoota kee miti. Kanaafuu, wanta taʼetti kan gaddite taʼus ejjennoo cimaa qabaachuun kee si sodaachisuu hin qabu.

Suutuma suuta miira dhiphinaa sitti dhagaʼamurraa akka bayyanattu mirkanaaʼaa taʼi. Haala isaa dandamachuuf akka si gargaaruuf tarkaanfiiwwan armaan gadii maaliif hin fudhattu?

Wanta sitti dhagaʼamu nama amantu tokkotti himi. b (Fakkeenya 15:22) Waaʼee dhimmichaa kadhannaadhaan Yihowaatti himi. (Faarfannaa 55:22) Hojiidhaan qabami. (1 Qorontos 15:58) Warra kaanirraa of hin fageessin. (Fakkeenya 18:1) Namoota si jajjabeessan wajjin gareedhaan yeroo dabarsi. Sammuun kee wantoota gaggaariirratti akka xiyyeeffatu gochuuf carraaqqii godhi.—Filiphisiyus 4:8.

Yeroo booda hiriyaa haaraa argachuu dandeessa. Yeroo sanatti caalaatti ilaalcha madaalamaa akka qabaattu hin shakkisiisu. Tarii yeroo sanatti deebiin gaaffii, “Namni kun nama naaf taʼudhaa?” jedhuuf kennitu eeyyee kan jedhu taʼuu dandaʼa.

WAAʼEE KANAA IBSA BALʼAA ARGACHUUF JILDII 1FFAARRAA, BOQONNAA 31 DUBBISI

BOQONNAA ITTI AANURRATTI

Hariiroo jaalalaa jalqabdeetta taanaan, jaalala waliif ibsuu wajjin haala wal qabateen daangaa kaaʼuu kan dandeessan akkamitti?

[Miiljaleewwan]

a Caalaatti of beekuuf akka si gargaaruuf Boqonnaa 1​ffaarraa gaaffilee mata duree xiqqaa, “Gaaʼela Dhaabbachuuf Qophoofteettaa?” jedhu jalatti argamanirratti yaadi.

b Warri kee ykn namoonni bilchina qaban kan biroon, fakkeenyaaf, jaarsoliin si gargaaruu dandaʼu. Tarii isaanis dargaggummaa isaanitti akkuma kee haalli dhiphisaan isaan mudatee akka ture sitti himu taʼa.

CAQASA IJOO

Mucaan tokko illee amalli isaa qulqulluu fi sirrii taʼuun isaa gocha isaatiin ni beekama.Fakkeenya 20:11.

GORSA GAARII

Sochiiwwan amala walii keessanii beekuuf isin gargaaranirratti hirmaadhaa:

● Dubbii Waaqayyoo waliin qoʼadhaa.

● Walgaʼii gumii fi tajaajilarratti yeroo hirmaattan xiyyeeffannaa waliif kennuudhaan caalaatti wal beekuuf yaalaa.

● Galma Walgaʼii qulqulleessuu fi hojii ijaarsaarratti hirmaadhaa.

KANA BEEKTAA?

Qorannoowwan hedduun akka argisiisanitti namoonni amantaa garaagaraa utuma hordofanii gaaʼela dhaabbatan yeroo baayʼee wal hiiku.

WANTAN GOCHUU YAADE

Namni hin amanne yoo na hawwate, akkanan godha ․․․․․

Jaalalleen koo maqaa akkamii akka qabu beekuuf, akkanan godha ․․․․․

Dhimma kana ilaalchisee wantan warra koo gaafachuu barbaadu ․․․․․

MAAL SITTI FAKKAATA?

Amaloonni gaggaariin gaaʼela keessatti argisiisuu barbaaddu kamfaʼi?

Amaloonni barbaachisoon hiriyaan gaaʼelaa kee akka qabaatu barbaaddu kamfaʼi?

Nama amantaa kee hin hordofnetti yoo heerumte rakkoowwan ciccimoon akkamii si mudachuu dandaʼu?

Eenyummaa, amalootaa fi maqaa jaalalleen kee qabu beekuu kan dandeessu karaawwan kamiini?

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 37rra jiru]

“Akkaataan jaalalleen kee maatii ishii itti qabdu akkaataa itti si qabdu argisiisa.”—Toonii

[Saanduqa fuula 34​rra jiru]

“Gita Malee Walitti hin Camadaminaa”

“Warra hin amannee wajjin gita malee walitti hin camadaminaa.” Qajeelfamni Kitaaba Qulqulluu 2 Qorontos 6:14 irratti argamu kun gorsa ogummaarratti hundaaʼe akka taʼe siif gala. Haa taʼu malee, namni hin amanne si hawwachuu dandaʼa. Maaliif? Yeroo tokko tokko xiyyeeffannaa kee kan harkisu wanta alaan mulʼatudha. Dargaggeessi Maarki jedhamu akkana jedheera: “Shamarree takka mana jiimii keessatti yeroo hundan arga. Ofuma ishiitii dhuftee na haasofsiisuuf yaalti. Ishii wajjin hariiroo jalqabuun ulfaataa hin turre.”

Akka gaariitti kan of beektu yoo taʼee fi ulaagaalee hafuuraa hordofturratti amanannaa yoo qabaatte, akkasumas bilchina yoo qabaattee fi miiraan hin oofamtu taanaan maal gochuu akka qabdu beekta. Namni xiyyeeffannaa kee harkise sun baayʼee kan nama hawwatu, jaallatamaa ykn kabajamaa yoo taʼellee hariiroo Waaqayyo wajjin qabdu akka guddifattu si gargaaruu hin dandaʼu.—Yaaqoob 4:4.

Dhugaadha, keessumaa jaalalli si qabeera taanaan hariiroo keessan addaan kutuun baayʼee ulfaata. Haalli akkasii shamarree Siindii jedhamtu mudateera. Akkana jetteetti: “Guyyaa hundumaa nan booʼan ture. Yeroo hundumaa, walgaʼii gumiirrattillee waaʼee gurbaa sanaan yaada ture. Baayʼee waanan isa jaalladhuuf, isa dhabuurra duʼuun filadha ture.” Taʼus, Siindiin utuma baayʼee hin turin gorsi haati ishii nama hin amanne wajjin hariiroo jaalalaa jalqabuu ilaalchisee ishiidhaaf kennite ogummaarratti kan hundaaʼe akka taʼe hubatte. Akkana jetteetti: “Hariiroon isa wajjin qabu addaan kutuun gaarii akka taʼe nan hubadhe. Yihowaan wanta na barbaachisu akka naaf guutu amanannaan qabu caalaatti cimeera.”

Haalli Siindiin keessa turte wajjin wal fakkaatu si mudateeraa? Taanaan, kophaa kee waldhaansoo gochuun si hin barbaachisu. Warra kee haasofsiisuu dandeessa. Jiim yeroo mana barumsaatti intalli takka isa hawwattetti akkas godheera. Akkana jedheera: “Dhumarratti warra koo gargaarsan gaafadhe. Miira kana mooʼuuf kan na gargaare akkas gochuu kooti.” Jaarsoliin gumiis si gargaaruu dandaʼu. Haala keessa jirtu jaarsa tokkotti maaliif hin himtu?—Isaayyaas 32:1, 2.

[Saanduqa/Fakkii fuula 39​rra jiru]

 Gilgaala

Abbaa Manaa Gaarii Naaf Taʼaa?

Eenyummaa

◻ Aangoo isaatti kan fayyadamu akkamitti?—Maatewos 20:25, 26.

◻ Galmawwan akkamii qaba?—1 Ximotewos 4:15.

◻ Galmawwan sanarra gaʼuuf amma carraaqaa jiraa?—1 Qorontos 9:26, 27.

◻ Maatii isaa akkamitti qaba?—Baʼuu 20:12.

◻ Hiriyoonni isaa eenyufaʼi?—Fakkeenya 13:20.

◻ Waaʼee maalii haasaʼuu jaallata?—Luqaas 6:45.

◻ Maallaqaaf ilaalcha akkamii qaba?—Ibroota 13:5, 6.

◻ Bashannana akkamii jaallata?—Faarfannaa 97:10.

◻ Jaalala Yihowaadhaaf qabu kan argisiisu akkamitti?—1 Yohaannis 5:3.

Amaloota Barbaachisoo

◻ Jabaatee ni hojjetaa?—Fakkeenya 6:9-11.

◻ Maallaqa ogummaadhaan fayyadamaa?—Luqaas 14:28.

◻ Maqaa gaarii qabaa?—Hojii Ergamootaa 16:1, 2.

◻ Namaaf ni yaadaa?—Filiphisiyus 2:4.

Mallattoo Rakkinni Akka Jiru Argisiisu

◻ Dafee aaraa?—Fakkeenya 22:24.

◻ Halalummaa akka raawwattu si sossobuuf ni yaalaa?—Galaatiyaa 5:19.

◻ Warra kaanirratti miidhaa qaamaa ni geessisaa? Yookiin dubbii isaatiin nama miidhaa?—Efesoon 4:31.

◻ Dhugaatii alkoolii yoo dhuge malee akka bashannane isatti hin dhagaʼamuu?—Fakkeenya 20:1.

◻ Kan hinaafuu fi ofittoodhaa?—1 Qorontos 13:4, 5.

[Saanduqa/Fakkii fuula 40​rra jiru]

 Gilgaala

Haadha Manaa Gaarii Naaf Taatii?

Eenyummaa

◻ Maatii fi gumii keessatti aangoodhaaf akka bitamtu ni argisiistii?—Efesoon 5:21, 22.

◻ Maatii ishii akkamitti qabdi?—Baʼuu 20:12.

◻ Hiriyoonni ishii eenyufaʼi?—Fakkeenya 13:20.

◻ Waaʼee maalii haasaʼuu jaallatti?—Luqaas 6:45.

◻ Maallaqaaf ilaalcha akkamii qabdi?—1 Yohaannis 2:15-17.

◻ Galmawwan akkamii qabdi?—1 Ximotewos 4:15.

◻ Galmawwan sanarra gaʼuuf amma carraaqaa jirtii?—1 Qorontos 9:26, 27.

◻ Bashannana akkamii jaallatti?—Faarfannaa 97:10.

◻ Jaalala Yihowaadhaaf qabdu kan argisiistu akkamitti?—1 Yohaannis 5:3.

Amaloota Barbaachisoo

◻ Jabaattee ni hojjettii?—Fakkeenya 31:17, 19, 21, 22, 27.

◻ Maallaqa ogummaadhaan fayyadamtii?—Fakkeenya 31:16, 18.

◻ Maqaa gaarii qabdii?—Ruut 3:11.

◻ Namaaf ni yaaddii?—Fakkeenyaaf 31:20.

Mallattoo Rakkinni Akka Jiru Argisiisu

◻ Dubbii ni jaallattii?—Fakkeenya 21:19.

◻ Halalummaa akka raawwattu si sossobuuf ni yaaltii?—Galaatiyaa 5:19.

◻ Warra kaanirratti miidhaa qaamaa ni geessistii? Yookiin dubbii ishiitiin nama ni miitii?—Efesoon 4:31.

◻ Dhugaatii alkoolii yoo dhugde malee akka bashannante ishiitti hin dhagaʼamuu?—Fakkeenya 20:1.

◻ Kan hinaaftuu fi ofittoodhaa?—1 Qorontos 13:4, 5.

[Fakkii fuula 30​rra jiru]

Kan sitti taʼu kophee hunda miti; haaluma wal fakkaatuun, hiriyaa gaaʼelaa gaarii kan siif taʼu nama hunda miti

[Fakkii fuula 31​rra jiru]

Yommuu konkolaataa tokko bitachuu yaaddu bifa alaan mulʼatu caalaa wanti barbaachisaa taʼe akka jiru sitti dhagaʼamaa? Hiriyaa gaaʼelaa filachuun murtoo kanarra caaludha