Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Warri Koo Seera Kan Natti Baayʼisan Maaliifi?

Warri Koo Seera Kan Natti Baayʼisan Maaliifi?

BOQONNAA 22

Warri Koo Seera kan Natti Baayʼisan Maaliifi?

Seerota warri kee baasan tokko tokko barreessi. ․․․․․

Seeronni warri kee baasan yeroo hunda sirrii akka taʼan sitti dhagaʼamaa?

□ Eeyyee □ Lakki

Seerri caalaatti sitti ulfaatu isa kami? ․․․․․

WARRI kee wanta gochuu qabduu fi wanta gochuu hin qabne ilaalchisee seera baasaniiru taʼa. Seerri kun hoji manee mana barumsaa fi hojii mana keessaa hojjechuu, saʼaatii taʼe tokkotti manatti galuu, akkasumas itti fayyadama bilbilaa, televizyinii fi kompiitaraa daangessuu dabalachuu dandaʼa. Seerri tokko tokko amala mana barumsaatti argisiistuu fi hiriyoota filattu dabalatee wantoota manaa alatti raawwatamanis dabalachuu dandaʼa.

Seerota kanaan kan kaʼe kiyyoo keessa akka jirtu sitti dhagaʼamaa? Tarii akkuma dargaggoota armaan gadii sitti dhagaʼamee taʼuu dandaʼa:

“Saʼaatii murteeffame tokkotti manatti akkan deebiʼu narraa eegamuun isaa baayʼee na aarsa ture. Dargaggoonni kaan na caalaa turanii akka galan isaaniif heyyamama.”Alan.

“Bilbilaan eenyufaa wajjin akka haasofte yeroo si hordofan baayʼee si aarsa. Akkuma daaʼimaatti akka na ilaalan natti dhagaʼama.”Elizaabet.

“Warri koo jireenya hawaasummaa koo jeequuf yaalaa akka jiranii fi hiriyaa tokkollee akkan qabaadhu akka hin barbaanne natti dhagaʼama.”Niikool.

Yeroo baayʼee dargaggoonni seera warra isaanii kan cabsan taʼus, dargaggoonni hedduun maatii keessa nagaan akka jiraatu gochuuf seerri tokko tokko akka barbaachisu isaanitti dhagaʼama. Haa taʼu malee, mana keessatti seerri kan barbaachisu erga taʼee seerri tokko tokko kan nama aarsu maaliifi?

“Ani Daaʼima Miti!”

Tarii seerri warri kee baasan kan si aarsu akka daaʼimaatti akka si ilaalan waan sitti dhagaʼamuuf taʼuu dandaʼa. “Ani daaʼima miti” isaaniin jechuu barbaadda taʼa. Warri kee eegumsa siif gochuuf, akkasumas itti gaafatamummaa yeroo gaʼeessa taatutti si eeggatuuf si qopheessuuf seerri isaanii barbaachisaa akka taʼe isaanitti dhagaʼama taʼa.

Haa taʼu malee, seerri mana keessanii umuriin kee dabalaa yeroo deemus akka hin jijjiiramne sitti dhagaʼama taʼa. Akkuma shamarree Biriyeel jedhamtuu bilisummaan kee akka daangeffame sitti dhagaʼamuu dandaʼa; Biriyeel akkana jetteetti: “Warri koo ijoollee umurii koorra jiranitti maaltu akka dhagaʼamu guutummaatti dagataniiru. Ilaalcha mataa kootii akkan qabaadhu, filannaa akkan godhu ykn gaʼeessa akkan taʼu hin barbaadan.” Shamarreen Aliisan jedhamtus akkasuma ishiitti dhagaʼama. “Warri koo waggaa 10 utuu hin taʼin waggaa 18 akkan taʼe waan hubatan hin fakkaatu. Caalaatti na amanuu qabu” jetteetti.

Keessumaa obbolaan kee si caalaa bilisummaan kan isaaniif kenname yoo taʼe seera mana keessaa hordofuun sitti ulfaachuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, dargaggeessi Maatiwu jedhamu yeroo umurii waggoota kurnanii keessa turetti obboleettii isaa ishii quxusuu fi durbiiwwan isaa ilaalchisee, “Isaan akka fedhan taʼu” jedheera.

Seerri hin Barbaachisuu?

Aangoo warra keetii jalaa baatee bilisummaadhaan jiraachuuf hawwita taʼa. Garuu seera isaanii malee jiraachuun dhuguma faayidaa siif argamsiisaa? Dargaggoota hamma barbaadan galgaleessanii galan, wanta barbaadan uffatanii fi hiriyoota isaanii wajjin yeroo barbaadanitti bakka barbaadan deeman beekta taʼa. Tarii warri isaanii hojiin waan isaanitti baayʼatuuf wanta isaan gochaa jiran hin hubatan taʼa. Sababni isaa maaliyyuu yoo taʼe Kitaabni Qulqulluun haala kanaan ijoollee guddisuun milkaaʼina akka hin argamsiisne dubbata. (Fakkeenya 29:15) Addunyaarratti jaalalli kan bade namoonni baayʼeen ofittoo waan taʼaniifi; wanti kanaaf sababa taʼemmoo baayʼeen isaanii maatii seera hin qabne keessatti guddachuu isaaniiti.—2 Ximotewos 3:1-5.

Dargaggoota wanta barbaadan godhanitti hinaafuu mannaa, seerri warri kee baasan akka si jaallatanii fi akka siif yaadan kan argisiisu akka taʼetti ilaali. Warri kee seera baasuudhaan fakkeenya Yihowaa isa saba isaatiin akkana jedhee hordofu: “Ani hubannaa siifan kenna, karaa irra deemuu qabdu ilaalchisees qajeelfama siifan kenna. Ija koo si irra kaaʼee sin gorsa.”—Faarfannaa 32:8.

Yeroo tokko tokko garuu seerri warri kee baasan humna keetii ol akka taʼe sitti dhagaʼama taʼa. Maarree, miira akkasiirraa boqonnaa argachuu kan dandeessu akkamitti?

Haasaʼuun Buʼaa Argamsiisa

Bilisummaa dabalataa argachuufis taʼe aarii seera warri kee baasaniin kan kaʼe sitti dhagaʼamu hirʼisuuf isaan wajjin akka gaariitti haasaʼuun kee si fayyada. Tarii dargaggoonni tokko tokko, ‘Warra koo haasofsiisuuf yaaleera; garuu homaa gatii hin qabu’ jedhu taʼa. Atis akkas sitti dhagaʼama taanaan, ‘Dandeettiin namoota wajjin haasaʼuuf qabu fooyyeffachuu nan dandaʼaa?’ jedhii of gaafadhu. Dandeettiin haasaʼuu (1) warri kaan akka si hubatan ykn (2) wanta ati barbaaddu gochuu kan didan maaliif akka taʼe hubachuuf si gargaara. Mirgoota dabalataa argachuu yoo barbaadde akka nama gaʼeessaatti warra kaan wajjin haasaʼuu dandaʼuu qabda. Kana gochuu kan dandeessu akkamitti?

Miira kee toʼachuu baradhu. Namoota wajjin akka gaariitti haasaʼuuf of toʼachuun barbaachisaadha. Kitaabni Qulqulluun, “Namni gowwaan miira isaa hundumaa gad baasa, namni ogeessi garuu tasgabbiidhaan miira isaa qora” jedha. (Fakkeenya 29:11) Kanaafuu, gungumuu, nyaara guuruu fi akka daaʼimaatti dallanuurraa of qusadhu. Warri kee wanta barbaaddu tokko yoo si dhorkan balbala darbattee cufuuf ykn of daddarbachaa deemuuf qoramta taʼa. Amala akkasii argisiisuun kee garuu seerri dabalataa akka sirratti baʼu godha malee bilisummaa dabalataa siif hin argamsiisu.

Ilaalcha warra keetii hubachuuf yaali. Shamarreen Tireesii jedhamtuu fi haadha qeenxee taateen guddatte, “‘Haati koo seera kan baastu maal na barsiisuu barbaaddeeti?’ jedheen of gaafadha” jetteetti. Xumura akkamiirra geesseree? “Haati koo seera kan baastu nama gaarii akkan taʼu na gargaaruu waan barbaadduufi” jetteetti. (Fakkeenya 3:1, 2) Yaaddoo warra keetii hubachuun kee isaan wajjin akka gaariitti walii galuuf si gargaaruu dandaʼa.

Fakkeenyaaf, warri kee affeerrii tokkorratti akka argamtu dafanii siif hin heyyaman taʼa. Isaan falmuu mannaa, “Namni guddaan amanamaa taʼe tokko na wajjin yoo deemehoo?” jettee isaan gaafachuu dandeessa. Tarii warri kee ammayyuu siif hin heyyaman taʼa. Yaaddoon isaanii maal akka taʼe hubachuun kee garuu yaada akka siif heyyaman godhu dhiheessuuf si gargaara.

Warri kee amanannaa akka sirratti qabaatan godhi. Namni tokko maallaqa baankiidhaa liqeeffate haa jennu. Liqii isarra jiru yeroo isaatti kan kaffalu yoo taʼe baankichi isa amanuu fi gara fuulduraatti liqii dabalataa isaaf kennuu dandaʼa. Maatii keessattis akkasuma. Warra keetiif ajajamuu qabda. Wantoota xixinnoo taʼanirrattillee amanamaa taʼuu kee yoo argisiiste warri kee caalaatti si amanuun isaanii hin oolu. Yeroo baayʼee seera isaanii kan cabsitu yoo taʼe garuu amantii sirratti qaban dhabuun isaanii hin oolu; kunimmoo si dinqisiisuu hin qabu.

Yeroo Seerri Tokko Cabu

Oolee bulee hojii mana keessaa hojjechuu dhiisuudhaan, bilbilaan saʼaatii dheeraa haasaʼuudhaan ykn saʼaatii itti manatti galuu qabdu dabarsuudhaan seera warra keetii cabsuun kee hin oolu. (Faarfannaa 130:3) Taanaan sababa isaa warra keetiif ibsuun si barbaachisa. Maarree, haalli isaa akka hin hammaanne gochuu kan dandeessu akkamitti?

Dhugaa isaa dubbadhu. Waan hin fakkaanne hin dubbatin. Akkas gochuun warri kee amantii sirratti qaban akka dhaban godha. Kanaafuu, dhugaa isaa ifatti dubbadhu. (Fakkeenya 28:13) Sababa dhiheessuu ykn dogoggora kee salphistee dubbachuurraa of qusadhu. Yeroo hunda ‘deebii laafaan aarii akka qabbaneessu’ yaadadhu.—Fakkeenya 15:1.

Dhiifama gaafadhu. Warra kee gaddisiisuu keetti ykn hojii isaanitti dabaluu keetti akka gaabbite ibsuun kee sirriidha; akkas gochuun kee adaba sirra gaʼu siif hirʼisuu dandaʼa. Garuu garaadhaa gaabbuu qabda.

Adabbii siif kennamu fudhadhu. (Galaatiyaa 6:7) Keessumaa adabbiin siif kennamu sirrii akka hin taane yoo sitti dhagaʼame jalqabarratti isaan falmita taʼa. Haa taʼu malee, balleessaa kee amanuun mallattoo bilchinaati. Warri kee deebiʼanii akka si amanan carraaqqii gochuun furmaata gaarii taʼuu dandaʼa.

Qabxiilee sadan olitti ibsaman keessaa isa caalaatti irratti hojjechuu qabdu barreessi. ․․․․․

Warri kee wanta gootu hamma tokko toʼachuuf itti gaafatamummaa akka qaban yaadadhu. Kitaabni Qulqulluun, “ajaja abbaa keetii” fi “barumsa haadha teetii” kan jedhu kanaafi. (Fakkeenya 6:20) Taʼus, seerri warri kee baasan jireenya kee akka jeequ sitti dhagaʼamuu hin qabu. Faallaa kanaatiin, aangoo isaaniitiif kan bitamtu yoo taʼe yeroo booda “gaarii akka siif taʼu” Yihowaan waadaa galeera.—Efesoon 6:1-3.

WAAʼEE KANAA IBSA BALʼAA ARGACHUUF JILDII 1FFAARRAA BOQONNAA 3 DUBBISI

BOQONNAA ITTI AANURRATTI

Abbaan kee ykn haati kee qorichi sammuu hadoochu ykn dhugaatiin alkoolii araada isaanitti taʼeeraa? Haala isaa dandamachuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe dubbisi.

CAQASA IJOO

Abbaa kee fi haadha tee kabaji . . . kunis gaarii akka siif [taʼuufi].Efesoon 6:2, 3.

GORSA GAARII

Warri kee bilisummaa dabalataa akka siif kennan yoo barbaadde seera isaan baasaniif ajajamuudhaan maqaa gaarii horadhu. Ajajamuurratti maqaa gaarii yoo qabaatte warri kee wanta barbaaddu sii kennuuf caalaatti fedhii qabaachuun isaanii hin oolu.

KANA BEEKTAA?

Qorannoon akka argisiisutti dargaggoonni warri isaanii seera jaalalarratti hundaaʼe baasan caalaatti barumsarratti cimoo fi warra kaan wajjin sirriitti kan walii galan, akkasumas gammachuu kan qaban taʼu.

WANTAN GOCHUU YAADE

Seera warri koo baasan tokko yoon cabse akkanan jedha ․․․․․

Amanannaa warri koo narratti qaban guddifachuuf akkanan godha ․․․․․

Dhimma kana ilaalchisee wantan warra koo gaafachuu barbaadu ․․․․․

MAAL SITTI FAKKAATA?

Warri kee yeroo tokko tokko eegumsa akka sitti baayʼisan kan sitti dhagaʼamu maaliif taʼuu dandaʼa?

Yeroo tokko tokko seerri warri kee baasan kan si aarsu maaliifi?

Warra kee wajjin akka gaariitti walii galuu kan dandeessu akkamitti?

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 183rra jiru]

“Dargaggummaa keetti wanta hunda waan beektu sitti fakkaata. Kanaafuu, yeroo warri kee waa si dhoowwan daftee aarta. Taʼus, seerri isaan baasan si fayyada.”—Meegan

[Saanduqa fuula 186​rra jiru]

Dhuguma Loogiidhaa?

‘Warri yeroo hunda ijoollee isaanii walqixa kan hin ilaalle maaliifi?’ jettee gaafattee beektaa? Taanaan kana yaadi: Warri ijoollee isaanii hunda walqixa ilaaluun isaanii yeroo hunda gaarii taʼuu dhiisuu dandaʼa. Gaaffiin kaʼu, ‘Dhuguma wanta si barbaachisu dhabdeettaa?’ kan jedhudha. Fakkeenyaaf, warri kee gorsi ykn deeggarsi isaanii yeroo si barbaachisetti si gargaaruu? Akkas taanaan, jalʼinni haqaa narratti raawwatameera jechuu dandeessaa? Atii fi obbolaan kee namoota fedhii garaagaraa qabdan waan taataniif warri keessan yeroo hundumaa hunda keessan walqixa ilaaluu hin dandaʼan. Shamarreen waggaa 18 Beet jedhamtu yeroo booda kana hubatteetti. Akkana jetteetti: “Anii fi obboleessi koo namoota garaagaraa waan taaneef karaa garaagaraatiin qabamuu qabna. Duubatti deebiʼee yeroon yaadu ijoollummaa kootti kana hubachuu dadhabuun koo na ajaaʼiba.”

[Saanduqa/Fakkii fuula 189rra jiru]

Gilgaala

Warra Kee Haasofsiisi!

Boqonnaawwan lamaan darbanirratti komii warra keetii fi seera isaan baasan dandamachuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe ilaalleerra. Warri kee komii kan sitti baayʼisan ykn seera kan sitti cimsan yoo taʼehoo? Waaʼee kanaa isaan haasofsiisuu kan dandeessu akkamitti?

Yeroo itti tasgabbooftuu fi warri kee hojiin isaanitti hin baayʼanne filadhu.

Garaadhaa dubbadhu, taʼus miiraan hin oofamin. Warra keetiif kabaja isaaniif malu kenni.

Warri kee garmalee akka si komatan yoo sitti dhagaʼame akkana isaaniin jechuu dandeessa: “Wanta sirrii taʼe gochuuf carraaqaan jira; yeroo hunda yeroon komatamu garuu kana gochuun natti ulfaata. Waaʼee kanaa haasaʼuu dandeenyaa?”

Waaʼee dhimma kanaa warra kee wajjin marii jalqabuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe gaditti barreessi.

․․․․․

YAADA: Marii jalqabuuf Boqonnaa 21​tti fayyadami. Tarii warri kee boqonnaa kanarratti si wajjin mariʼachuuf fedhii qabaachuu dandaʼu taʼa.

Warri kee bilisummaa gaʼaa siif kennaa akka hin jirre yoo sitti dhagaʼame akkana jechuu dandeessa: “Yeroo booda bilisummaan dabalataa akka naaf kennamuuf caalaatti nama itti gaafatamummaan itti dhagaʼamu taʼuun barbaada. Wantan fooyyessuu qabu natti himaa.”

Waaʼee dhimma kanaa warra kee wajjin marii jalqabuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe gaditti barreessi.

․․․․․

YAADA: Jildii 1​ffaa, Boqonnaa 3 ilaali. Achiis wanta dubbiste ilaalchisee wanta gaaffii sitti taʼe hunda barreessi.

[Fakkii fuula 184, 185​rra jiru]

Seera warra keetii kabajuun liqii baankii kaffaluu wajjin walfakkaata; caalaatti amanamaa taʼuu kee yoo argisiiste amantiin warri kee sirratti qaban ni guddata