Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Warri Koo Yeroo Hunda yoo Wal Falman Maal Gochuun Qaba?

Warri Koo Yeroo Hunda yoo Wal Falman Maal Gochuun Qaba?

BOQONNAA 24

Warri Koo Yeroo Hunda yoo Wal Falman Maal Gochuun Qaba?

Warri kee si duratti wal falmanii beekuu? Taanaan, wantoota tarreeffaman kana keessaa caalaatti kan walitti isaan buusu isa kami?

□ Maallaqa

□ Hojii mana keessaa

□ Firoota

□ Siʼi

Dhiibbaa haalli kun sirraan gaʼe ilaalchisee wanti warra keetti himuu barbaaddu maalidha? Yaada kee gaditti barreessi.

․․․․․

WARRI kee wal falmuun isaanii dhiibbaa sirratti gochuun isaa hin oolu. Kunis kan taʼe waan isaan jaallattuu fi gargaarsa isaaniitti amanamuu waan barbaadduufi. Kanaafuu, yeroo isaan wal falman dhagaʼuun baayʼee si dhiphisuu dandaʼa. Akkuma shamarree Maarii jedhamtuu sitti dhagaʼamuu dandaʼa; Maariin, “Warri koo erga wal hin kabajnee anis isaan kabajuun natti ulfaata” jetteetti.

Warri kee yeroo wal falman arguun dhugaa gaddisiisaa taʼe tokko, jechuunis warri kee hamma yaaddu caalaa dogoggora akka raawwatan hubachuuf si gargaara. Kana beekuun keemmoo sodaan akka sitti dhagaʼamu gochuu dandaʼa. Yeroo hunda kan wal falmanii fi falmiin isaanii cimaa yoo taʼe gaaʼelli isaanii diigamuuf akka jedhu yaaduudhaan sodaachuu dandeessa. Maariin akkana jetteetti: “Yeroo warri koo wal falman yommuun dhagaʼu akka wal hiikanii fi anis isaan keessaa tokko wajjin jiraachuuf filachuun akka na barbaachisun yaada. Obbolaa koorraa akkan gargar hin baanes nan sodaadha.”

Warri kan wal falman maaliifi? Falmiin maatii yeroo kaʼuhoo maal gochuu qabda?

Warri kan Wal Falman Maaliifi?

Warri kee akka walii galaatti ‘jaalalaan wal dandaʼanii’ kan jiraatan taʼuu dandaʼu. (Efesoon 4:2) Taʼus Kitaabni Qulqulluun, “Hundi isaanii cubbuu hojjetaniiru, ulfina Waaqayyoo calaqqisiisuus hin dandaʼan” jedha. (Roomaa 3:23) Warri kees mudaa qabu. Kanaafuu, darbee darbee aariin isaanii dabalee falmii keessa galuun isaanii si ajaaʼibsiisuu hin qabu.

‘Yeroo addaa baayʼee rakkisaa taʼe’ keessa akka jiraannus hin dagatin. (2 Ximotewos 3:1) Wanta jireenyaaf barbaachisu dhiheessuun, baasii garaagaraa kaffaluunii fi haala rakkisaa bakka hojiitti mudatu wajjin waldhaansoo gochuun gaaʼelarratti dhiibbaa guddaa gochuu dandaʼa. Lamaan isaaniiyyuu ni hojjetu taanaan hojii mana keessaa tokko tokko eenyu akka hojjetu murteessuun falmii kaasuu dandaʼa.

Warri kee walii galuu dadhabaniiru jechuun gaaʼelli isaanii diigameera jechuu akka hin taane mirkanaaʼaa taʼi. Warri kee dhimmoota tokko tokkorratti ilaalcha garaagaraa kan qaban taʼus ammayyuu wal jaallatu.

Fakkeenyaaf, hiriyoota kee wajjin fiilmii tokko erga ilaaltanii booda ilaalchi kee kan isaaniirraa adda akka taʼe hubattee beektaa? Kun wanta haaraa miti. Namoonni baayʼee walitti dhihaatanillee ilaalchi wanta tokkoof qaban garaagara taʼuu dandaʼa. Warra kee wajjin haala wal qabateenis akkasuma. Tarii lamaan isaaniiyyuu waaʼeen maallaqa maatichaaf barbaachisu argachuu isaan yaaddessa taʼa, garuu itti fayyadama maallaqaa ilaalchisee ilaalcha garaagaraa qabu; lamaan isaaniiyyuu maatichi akka bashannanu barbaadu, garuu bashannana ilaalchisee ilaalcha garaagaraa qabu; lamaan isaaniiyyuu barumsarratti milkaaʼina akka argattu barbaadu, taʼus karaan itti si jajjabeessan garaagara taʼuu dandaʼa.

Tokkummaa qabaachuu jechuun ilaalcha wal fakkaatu qabaachuu jechuu miti. Namoonni wal jaallatan lama yeroo tokko tokko ilaalcha garaagaraa qabaachuu dandaʼu. Taʼus, yeroo warri kee wal falman dhagaʼuun sitti ulfaachuu dandaʼa. Haala kana dandamachuuf maal gochuu ykn maal jechuu dandeessa?

Wanta Gochuu Dandeessu

Isaan kabaji. Warri kee yeroo hunda wal falmuun isaanii si aarsuu dandaʼa. Ijoollee isaaniitiif fakkeenya gaarii taʼuu kan qaban warra malee ijoollee miti. Haa taʼu malee, warra kee tuffachuun haalli isaa caalaatti akka hammaatu godha. Hunda caalaammoo, Yihowaan yeroo salphaa hin taanettillee warra kee akka kabajjuu fi akka isaaniif ajajamtu qajeelfama kenneera.—Baʼuu 20:12; Fakkeenya 30:17.

Garuu dhimmi warri kee irratti wal falman kallattiidhaan kan si ilaallatu yoo taʼehoo? Fakkeenyaaf, warra kee keessaa tokko Dhugaa Baatuu Yihowaati, inni tokkommoo Dhugaa Baatuu miti haa jennu. Isa Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼe wajjin waaqeffachuuf yoo filatte haalli rakkisaan amantaa wajjin wal qabate uumamuu dandaʼa. (Maatewos 10:34-37) Kanaafuu, ejjennoo kee ibsuu kan qabdu yeroo hunda “garraamummaa fi ulfina guddaadhaan” taʼuu qaba. Gama kanaan fakkeenya gaarii taʼuun kee abbaan kee ykn haati kee hin amannes gaaf tokko gara dhugaatti akka dhufan gochuu dandaʼa.—1 Pheexiros 3:15.

Hin loogin. Warri kee dhimmoota kallattiidhaan si hin ilaallannerratti gama tokko akka deeggartu dhiibbaa yoo sirratti godhan maal gochuu dandeessa? Loogiirraa fagaachuuf carraaqi. Tarii akkana jechuudhaan dhimmicha keessaa of baasuu dandeessa: “Harmee, Aabbaa, ani lamaan keessaniyyuu nan jaalladha. Garuu maaloo isin keessaa tokko akkan deeggaru na hin gaafatinaa. Kun wanta lamaan keessan furuu qabdanidha.”

Isaan haasofsiisi. Wal falmuun isaanii miira akkamii akka sitti uume isaanitti himi. Yeroo si dhaggeeffachuu dandaʼan filadhuutii wal loluun isaanii hammam akka si aarsu ykn si sodaachisu kabajaan isaanitti himi.—Fakkeenya 15:23; Qolosaayis 4:6.

Wanta Gochuu hin Qabne

Gorsaa gaaʼelaa taʼuuf hin yaalin. Dargaggeessa waan taateef wal dhabiinsa warra keetii furuuf gaʼumsa hin qabdu. Fakkeenyaaf, xiyyaara xinnoo tokkoon utuu deemtuu paayileetichii fi gargaaraan isaa yeroo wal falman dhageesse haa jennu. Kun akka si aarsu beekamaadha. Garuu paayileetichi akkamitti xiyyaara oofuu akka qabu itti himuuf, darbees isarraa fuutee balaliisuuf yoo yaalte maaltu uumama?

Haaluma wal fakkaatuun, gaaʼela warra keetii keessa seentee rakkina isaanii furuuf yaaluun haalli isaa caalaatti akka hammaatu gochuu dandaʼa. Kitaabni Qulqulluun, “Of tuulummaan gara lolaatti qofa nama geessa, ogummaan garuu kan warra gorsa barbaadanii ti” jedha. (Fakkeenya 13:10) Warri kee kophaatti dhimmicharratti waliin mariʼachuudhaan rakkina isaanii furuu dandaʼu.—Fakkeenya 25:9.

Falmii isaanii keessa hin galin. Namoonni lama yeroo wal falman dhagaʼuuniyyuu nama dhiphisa. Namni sadaffaan yeroo itti dabalamummoo haalli isaa caalaatti hammaata. Falmicha keessa galuuf hammamiyyuu yoo qoramte wal dhabiinsa isaanii furuun itti gaafatamummaa warra keetiiti malee kan kee miti. Kanaafuu, dhimmoota dhuunfaa akkasiirratti gorsa Kitaaba Qulqulluu, ‘Dhimma ofii keessanii qofarratti xiyyeeffadhaa’ jedhu hordofi. (1 Tasalonqee 4:11) Falmii isaanii keessa seenuurraa of qusadhu.

Warra kee gidduutti wal qoqqoodinsa hin uumin. Dargaggoonni tokko tokko warra isaanii walirratti kaasuudhaan akka wal falman godhu. Haati yeroo lakki jettu abbaa isaanii bira deemuudhaan tole akka isaaniin jedhu dhiibbaa irratti gochuuf yaalu. Malli kun yeroodhaaf hamma tokko bilisummaa siif argamsiisuu kan dandaʼu taʼus, yeroo booda garuu maaticha keessa wal dhabiinsi akka jiraatu godha.

Amalli isaanii dhiibbaa akka sirratti godhu hin heyyamin. Dargaggeessi Piitar jedhamu abbaa isaa isa maaticharratti miidhaa geessisaa turerratti haaloo baʼuu waan barbaadeef gochawwan gadhee taʼanirratti hirmaachuu jalqabe. Akkana jedheera: “Isa miidhuu barbaadeen ture. Akkaataa haadha koo, obboleettii koo fi ana itti qabaa tureen kan kaʼe haaloo isatti qabadheen ture.” Utuma baayʼee hin turin garuu Piitar miidhaa gochi isaa isarraan gaʼe arguu jalqabe. Kanarraa maal baranna? Amala gadhee argisiisuun rakkoowwan manatti si mudachaa jiran caalaatti akka hammaatan gochuu malee faayidaa hin qabu.—Galaatiyaa 6:7.

Qabxiilee boqonnaa kana keessatti ilaalle keessaa isa caalaatti irratti hojjechuu qabdu barreessi.․․․․․

Warri kee akka wal hin falmine gochuu akka hin dandeenye beekamaadha. Taʼus, Yihowaan yaaddoo sababa kanaatiin sitti dhagaʼamu dandamachuuf akka si gargaaru mirkanaaʼaa taʼi.—Filiphisiyus 4:6, 7; 1 Pheexiros 5:7.

Yaadawwan olitti kennaman hojiirra oolchuuf wanta dandeessu hunda godhi. Tarii warri kee yeroo booda dhimma kanaaf xiyyeeffannaa kennuudhaan rakkina isaanii furuuf kakaʼuu dandaʼu. Maaltu beeka, wal falmuu isaanii dhaabuuyyuu ni dandaʼu.

BOQONNAA ITTI AANURRATTI

Haalawwan rakkisoo abbaa ykn haadha qeenxeedhaan guddachuun fidu dandamachuu kan dandeessu akkamitti?

CAQASA IJOO

Dubbiin keessan yeroo hunda gurratti kan tolu . . . haa taʼu.Qolosaayis 4:6.

GORSA GAARII

Warri kee yeroo baayʼee kan wal lolanii fi falmiin isaanii cimaa yoo taʼe gargaarsa akka gaafatan kabajaan yaada dhiheessi.

KANA BEEKTAA?

Namoonni wal jaallatanis yeroo tokko tokko walii galuu dhiisuu dandaʼu.

WANTAN GOCHUU YAADE

Warri koo wal falmuu yeroo jalqaban akkanan godha ․․․․․

Warri koo isaan keessaa tokko akkan deeggaru yoo na gaafatan akkanan jedhaan ․․․․․

Dhimma kana ilaalchisee wantan warra koo gaafachuu barbaadu ․․․․․

MAAL SITTI FAKKAATA?

Warri tokko tokko kan wal lolan maaliifi?

Rakkina warra keetiif ati itti hin gaafatamtu kan jennu maaliifi?

Amala warra keetii ilaaluudhaan maal barachuu dandeessa?

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 201rra jiru]

“Warri koo mudaa akka qabanii fi akkuma koo rakkinni akka isaan mudatu beekuun koo yeroo isaan wal falman haala isaa dandamachuuf na gargaareera.”—Keetii

[Saanduqa/Fakkii fuula 206, 207rra jiru]

Warri Koo yoo Gargar Baʼanoo?

Warri kee gargar baʼaniiru yoo taʼe keessa keetti baayʼee aartus tarkaanfii ogummaarratti hundaaʼe fudhachuu kan dandeessu akkamitti? Yaadawwan armaan gadii hojiirra oolchuuf yaali:

Wanta taʼuu hin dandeenye hin eegin. Wanti jalqaba yaaddu warri kee akka araaraman gochuuf yaaluu taʼuu dandaʼa. Shamarreen Aan jedhamtu akkana jetteetti: “Warri koo erga gargar baʼanii boodas yeroo tokko tokko maatiidhaan bakka taʼe tokko deemnee akka bashannanu godhu turan. Anii fi obboleettiin koos, ‘Lamaan isaanii akka waliin taʼaniif kophaatti isaan dhiisnee haa deemnu’ waliin jenna turre. Garuu hin milkoofne. Matumaa hin araaramne.”

Fakkeenyi 13:12, “Abdiin turu garaa nama dhukkubsa” jedha. Wanta warri kee godhan toʼachuu akka hin dandeenye yaadachuun kee garmalee akka of hin dhiphisne si gargaara. Akka gargar baʼan kan godhe si miti; gaaʼela isaanii keessa galtee akka walitti deebiʼan gochuus hin dandeessu.—Fakkeenya 26:17.

Haaloo qabachuurraa of qusadhu. Warra keetti aaruunii fi haaloo qabachuun miidhaa guddaa sirraan gaʼuu dandaʼa. Toom miira yeroo waggaa 12 turetti isatti dhagaʼame yeroo yaadatu akkana jedheera: “Abbaa kootti baayʼee aaruun jalqabe. Isa jibbuu baadhus haaloo isatti qabadheen ture. Erga nu dhiisee deemee booda nuuf yaada jedhee amanuun natti ulfaatee ture.”

Yeroo baayʼee warri kan gargar baʼan isaan keessaa tokko qofti waan balleesseef miti. Warri kee waaʼee gaaʼela isaanii ykn sababa itti gargar baʼan hunda sitti hin himne taʼa; isaaniyyuu hubachuu dhiisuu dandaʼu. Kanaafuu, odeeffannoo guutuu utuu hin qabaatin isaanitti murteessuurraa of qusadhu. (Fakkeenya 18:13) Aarii kee toʼachuun sitti ulfaachuu akka dandaʼu ifadha; yeroodhaaf miirri akkasii sitti dhagaʼamuun isaas waanuma jirudha. Taʼus, aarii kee ukkaamsuunii fi haaloo qabachuun suutuma suuta si miidhuu dandaʼa. Kitaabni Qulqulluun, “Dheekkamsa irraa of dhowwi, aariis dhiisi” kan jedhu kanaafi.—Faarfannaa 37:8.

Madaallii kee eeggadhu. Dargaggoonni tokko tokko abbaa ykn haadha isaanirraa gargar baʼan jibbuu mannaa isaan jaallachuurra darbanii waaqeffachuu jala gaʼu. Fakkeenyaaf, dargaggeessi tokko abbaan isaa dhugduu fi gocha naamusaan ala taʼe kan raawwatu ture; yeroo baayʼee maatii isaa dhiisee erga deemee booda dhumarratti haadha isaa wajjin wal hiikan. Taʼus, dargaggeessi kun sababa isaa beekuu baatus abbaa isaa waaqeffachuu jala gaʼee akka ture dubbateera.

Jaalalli daangaa darbe akkasii wanta haaraa miti. Biyya tokko keessatti ijoolleen warri isaanii wal hiikanii fi gara dhibbeentaa 90 taʼan haadha isaanii wajjin jiraatu, abbaa isaaniis dhaqanii ni gaafatu. Kanaafuu, yeroo baayʼee ijoollee ishii adabuu dabalatee guyyaa guyyaadhaan isaan kunuunsuun itti gaafatamummaa haadhaati. Haati maallaqa ijoollee guddisuuf barbaachisu kan argattu taʼus, erga wal hiikanii booda maatichi karaa diinagdee baayʼee miidhama. Karaa biraatiinimmoo abbaan itti gaafatamummaan maatii waan isaaf hirʼatuuf qananiidhaan jiraata. Kanaan kan kaʼes, ijoolleen yeroo abbaa isaanii bira deeman kennaa fi bashannanatu isaan eeggata. Haadha isaanii wajjin yeroo jiraatan garuu maallaqa qusachuu fi seera mana keessaatiif ajajamuutu isaanirraa eegama. Kan nama gaddisiisu, dargaggoonni tokko tokko abbaa ykn haadha isaanii qabeenya qabuu fi akka barbaadan akka taʼan isaaniif heyyamu wajjin jiraachuuf jecha isa Kiristiyaana taʼe dhiisanii deemaniiru.—Fakkeenya 19:4.

Atis filannaa akkasii gochuuf yoo qoramte wanta dursa kennituuf qori. Qajeelfamni naamusaa fi adabni akka si barbaachisu hin dagatin. Wantoota warri kee siif kennuu dandaʼan keessaa kana caalaa wanti amala kee fi jireenya keerratti dhiibbaa godhu kan biraan hin jiru.—Fakkeenya 4:13.

[Fakkii fuula 202, 203rra jiru]

Dargaggeessi wal dhabiinsa akkamitti furuun akka dandaʼamu warra isaatti himu imalaa xiyyaarri akkamitti akka oofamu paayileetiitti himu wajjin wal fakkaata