Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yaadachiisa Warraaf Kenname

Yaadachiisa Warraaf Kenname

Yaadachiisa Warraaf Kenname

Dargaggeessa tokkoof umurii saal-lammeessoo keessa darbuun akkuma wadaroo diriirfamerra deemuu taʼuu dandaʼa. Sadarkaan hundi kan hin amansiisne, darbees sodaachisaa fakkaachuu dandaʼa. Warra waan taataniif mucaan keessan jijjiirama kana keessa akka hin darbine gochuu utuu dandeessanii isinitti tola taʼa. Taʼus, akkas gochuu hin dandeessan; wanti gochuu dandeessan madaallii isaa akka eeggatu isa gargaaruudha. Daandii isaarra madaallii isaa eeggatee akka deemuu fi gaʼeessa itti gaafatamummaan itti dhagaʼamu akka taʼu isa gargaaruu kan dandeessan isini.

Haa taʼu malee, kana gochuun salphaa akka hin taane isinitti dhagaʼama taʼa. Akkas isinitti dhagaʼamuun isaa sirriidha. Yeroo itti mucaan keessan dadhabbii malee fiigaa fi wanta hundumaa isinitti himaa ture akkuma kaleessaatti yaadattu; amma garuu callisuu filata, isin wajjin haasaʼuu hin barbaadu. Intalli keessan yeroo muraasa dura iddoo hundumaa isin wajjin deemti turte; amma garuu isin wajjin bakka tokko dhaquun ishii qaanessa.

Haa taʼu malee, jijjiiramawwan kana yeroo argitan mucaa keessan gargaaruuf gaʼumsa akka hin qabne isinitti dhagaʼamuu hin qabu. Madda ogummaa isiniifis taʼe mucaa keessaniif qajeelfama amansiisaa kennu qabdu. Innis Dubbii Waaqayyoo kan taʼe Kitaaba Qulqulluudha.

Kitaabni Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 2​ffaan mucaa keessaniif gorsa gaarii Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼe kennuuf kan qophaaʼedha. Qabiyyeen fuula 4 fi 5 irra jiru mata dureewwan kitaaba kana keessatti ibsaman ilaaluuf isin gargaara. Haa taʼu malee, kitaabni kun dhugaa jiru ibsuu caalaa wantoota mucaa keessan gargaaran dabalataas qabateera. Mee muraasa isaanii haa ilaallu:

(1) Kitaabichi dubbistoota kan hirmaachisudha. Bakkawwan hedduutti mucaan keessan gaaffilee fi yaadawwan garaa garaatiif deebii isaa akka barreessu jajjabeeffameera. Fakkeenyaaf, mata dureen “Dhiibbaa Hiriyaa Dandamachuuf” jedhuu fi fuula 132 fi 133 irratti argamu mucaan keessan rakkoowwan isa mudachaa jiranii fi karaawwan dandamachuu itti dandaʼurratti akka yaadu isa gargaara. Kana malees, kutaaleen kitaaba kanaa saglanuu xumurarratti fuula “Yaadannoo Dhuunfaa” jedhu qabu; achirratti mucaan keessan yaada dhuunfaa fi miira isaa barreessuu dandaʼa.

(2) Kitaabichi marii gochuu jajjabeessa. Fakkeenyaaf, fuulli 63 fi 64 saanduqa “Warra Koo Wajjin Waaʼee Saalqunnamtii Haasaʼuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?” jedhu qabateera. Xumura boqonnaa hundumaarratti saanduqni “Maal Sitti Fakkaata?” jedhus jira. Saanduqa kana barumsicha irra deebiʼuuf qofa utuu hin taʼin, maatiidhaan irratti mariʼachuufis itti fayyadamuun ni dandaʼama. Kana malees, boqonnaan hundi kutaa “Wantan Gochuu Yaade” jedhu kan qabu yeroo taʼu, himni dhumaa kutaa kanaa inni, “Dhimma kana ilaalchisee wantan warra koo gaafachuu barbaadu” jedhu yaada isaa akka barreessu isa jajjabeessa. Kunis dargaggeessi tokko yeroo umurii saal-lammeessoo wadaroo diriirfamerra deemuu wajjin wal fakkeeffame keessa darbutti warra isaa gorsa akka gaafatu isa jajjabeessa.

Of eeggannoo: Mucaan keessan kitaaba isaarratti yaada isaa bilisummaadhaan ibsuu akka dandaʼuuf, kitaaba isaa nama kan biraatti argisiisuu dhiisuu akka dandaʼu itti himaa. Yeroo booda wanta barreeffate ilaalchisee isin mariisisuu barbaada taʼa.

Kitaaba kana kan dhuunfaa keessanii qabaadhaa, akkasumas akka gaariitti dubbisaa. Yeroo kitaaba kana dubbistanitti miira, burjaajaʼiinsaa fi dhiphina yeroo umurii saal-lammeessoorra turtanitti isinitti dhagaʼamaa ture yaadachuuf yaalaa. Yeroo barbaachisutti muuxannoo keessan mucaa keessanitti himaa. Akkas gochuun keessan mucaan keessan iccitii isaa akka isinitti himu isa kakaasa. Yeroo inni dubbatu, isa dhaggeeffadhaa. Carraaqqiin mucaa keessan haasofsiisuuf gootan milkaaʼina yoo argachuu baate abdii hin kutatinaa. Mucaan keessan gorsa isaaf kennitaniif iddoo akka hin kennine kan argisiisu taʼus, ijoolleen gorsa hiriyoota isaanii caalaa kan warra isaaniitiif iddoo guddaa akka kennan yaadadhaa.

Kitaaba isiniinis taʼe ijoollee keessan gargaaruu fi Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼe isiniif qopheessuu keenyatti baayʼee gammanna. Kitaabichi maatii keessaniif eebba akka argamsiisu ni kadhanna.

Qopheessitoota