Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA 23

Abjuu Fara’oon

Abjuu Fara’oon

WAGGAAN lama darbe; Yoseef garuu ammas manuma hidhaa jira. Eegduun warra dhugaatii dhiheessanii isa hin yaadanne. Achiis gaaf tokko halkan Fara’oon abjuu baay’ee adda ta’e lama abjootee, hiikasaa wallaale. Asirratti yommuu in rafuu ni argitaa? Borumtaasaatti Fara’oon beektota biyya sanaa waamee waan abjoote itti hime. Haata’u malee, hiika abjuusaa itti himuu hin dandeenye.

Dhumarratti, eegduun warra dhugaatii dhiheessanii Yoseefiin yaadate. Fara’ooniin: ‘Yeroon mana hidhaa keessa turetti, namni abjuu hiikuu danda’u tokko achi jira ture’ jedheen. Fara’oon yeruma sana Yoseefiin mana hidhaatii waamsise.

Achiis, Fara’oon akkas jedhee abjuusaa Yoseefitti hime: ‘Saawwan gabbatoofi babbareedoo ta’an torba nan arge. Achiimmoo, saawwan baay’ee huqqataniifi jibbisiisan torba nan arge. Achiis warri baay’ee huqqatan kun saawwan fufurdoo sana liqimsan.

‘Abjuu koo isa lammaffaattimmoo, mataa midhaanii ija gaarii qabu torba nan arge. Achiimmoo, mataa midhaanii goggogaa ta’e torba nan arge. Achiis, mataan midhaanii ija gaarii qaban torban sun mataa midhaanii goggogaa ta’an torban sanaan liqimsaman.’

Yoseef Fara’ooniin akkas jedheen: ‘Abjuun lamaanuu hiika walfakkaatu qabu. Saawwan fufurdoon torbaniifi mataan midhaanii ija gaarii qabu torban waggoota torbadha. Saawwan huuqqataniifi jibbisiisoo ta’an torbaniifi mataan midhaanii goggogaan torbanis waggoota gara biraa torba kan argisiisanidha. Biyya Gibxiitti midhaan baay’een kan itti biqilu waggoonni torba ni dhufu. Achiimmoo, waggoonni midhaan xiqqoon qofti itti biqilu torba ni dhufu.’

Kanaafuu, Yoseef Fara’ooniin akkas jedheen: ‘Waggoota quufaa torbanitti midhaan sassaabuu kan danda’u nama beekaa filadhu. Akkas yoo ta’e, waggoota torban midhaan baay’een itti hin biqille sanaatti namoonni hin beela’an.’

Yaadni kun Fara’ooniin ni gammachiise. Achiis, akka midhaan sassaabuufi kuusuuf Yoseefiin filate. Yoseef, biyya Gibxii keessatti Fara’oonitti aanee nama aangoo guddaa qabu ta’e.

Waggaa saddeet booda, yeroo beelaa sanatti, Yoseef jarri tokko yommuu dhufan arge. Eenyufaa akka ta’an beektaa? Obbolootasaa warra hangafaati! Abbaansaanii Yaaqoob, biyya Kana’aanitti midhaan manaa qaban dhumaa waan jiruuf, midhaan akka fidaniif gara Gibxiitti isaan ergee. Yoseef obbolootasaa bareera; isaan garuu isa hin barre. Maaliif akka ta’e beektaa? Yoseef waan guddateefi akkaataan uffannaasaas waan jijjiirameefidha.

Yoseef yeroo ijoollee turetti, obboloonnisaa garasaa dhufanii yommuu sagadaniif abjuu arge sana yaadate. Waa’ee kanaa dubbisuu kee ni yaadattaa? Kanaafuu, Yoseef waan gaariidhaaf jedhee gara biyya Gibxiitti kan isa erge Waaqayyo ta’uusaa hubate. Yoseef maal waan godhu sitti fakkaata? Mee haa ilaallu.