Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA 20

Dhineen Rakkoorra Buute

Dhineen Rakkoorra Buute

DHINEEN eenyuun ilaaluuf akka deemtu ni argitaa? Durboota biyya Kana’aan keessa jiraatan ilaaluu deemti. Abbaanshee Yaaqoob haala kanatti ni gammada turee? Gaaffii kana deebisuuf, Abrahaamiifi Yisihaq dubartoota Kana’aan ilaalchisee maal yaadanii akka turan yaadachuuf yaali.

Abrahaam, ilmisaa Yisihaq durboota Kana’aan keessaa akka fuudhu barbaadee turee? Lakkii, hin barbaadne. Yisihaqiifi Ribqaan, ilmisaanii Yaaqoob biyya Kana’aan keessaa akka fuudhu barbaadanii turanii? Isaanis hin barbaadne. Maaliif akka ta’e beektaa?

Sababiinsaa, namoonni biyya Kana’aan waaqolii sobaa kan waaqeffatan waan ta’eefi. Isaaniin fuudhuun, isaanitti heerumuuniifi isaaniin hiriyaa godhachuun gaarii hin turre. Kanaafuu, Yaaqoob intallisaa durboota Kana’aanii wajjin hiriyaa ta’uusheetti akka hin gammadne beekuu dandeenya.

Dhugumaanuu Dhineen rakkinarra buuteetti. Fakkii kanarratti, namichi Kana’aan kun akkamitti hubatee Dhinee akka ilaalu ni argitaa? Maqaansaa Sheekem jedhama. Gaaf tokko, Dhineen isaan ilaaluu yommuu dhaqxu, Sheekem Dhinee fudhatee akka isaa wajjin ciistu ishee dirqisiise. Kan wajjin ciisuu qabu haadha manaafi abbaa manaa qofaa waan ta’eef, kun dogoggora ture. Wanti hamaan Sheekem Dhineerra geessise kun rakkina guddaa geessiseera.

Obboloonni Dhinee wanta kana yeroo dhaga’an, baay’ee aaran. Isaan keessaa lama, Shimi’ooniifi Lewwiin baay’ee waan aaraniif, billaa fudhatanii gara magaalattii seenuudhaan utuma jarooti hin beekin isaan qabatan. Isaaniifi obboloonnisaanii warri kaan, Sheekemiifi dhiirota biyya sanaa hundumaa ajjeesan. Yaaqoob ijoolleensaa wanta hamaa kana waan godhaniif baay’ee aare.

Rakkoon kun hundi kan jalqabame akkamitti? Dhineen, namoota Waaqayyoof hin ajajamne hiriyaa godhachuusheetiini. Nuyi garuu namoota akkasii hiriyaa keenya godhachuu hin barbaadnu. Mitiiree?