Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA 33

Galaana Diimaa Ce’uu

Galaana Diimaa Ce’uu

WANTA ta’aa jiru ni argitaa? Galaana Diimaarratti ulee diriirsee kan argitu kun Museedha. Namoonni isa bira dhaabatanii argitu Israa’elootadha. Fara’ooniifi namoonnisaa hundi garuu bishaanicha keessa lixaniiru. Mee kun maaliif akka ta’e haa ilaallu.

Dha’ichi kurnaffaan erga isaanirratti dhufee booda, Fara’oon Israa’eloonni biyyattii gadhiisanii akka ba’an itti himuusaa baranneerra. Kan ba’an dhiirota Israa’el 600,000 ta’an, akkasumas dubartootaafi ijoollee baay’eedha. Saba gara biraa keessas namoonni baay’een Yihowaatti waan amananiif Israa’elootaa wajjin ba’aniiru. Hundisaanii hoolota, re’ootaafi saawwansaanii fudhatanii ba’an.

Israa’eloonni biyyattiidhaa ba’uusaanii dura, warra Gibxiirraa uffataafi meeshaa bareedinaa warqeefi meetiirraa hojjetaman akka isaaniif kennan gaafatanii turan. Warri Gibxii dha’ichi kurnaffaan yommuu isaanirratti dhufu baay’ee sodaatan. Kanaafuu, waan warri Israa’el isaan gaafatan hundumaa kennaniif.

Guyyoota xiqqoo booda Israa’eloonni Galaana Diimaa bira ga’an. Achittis ni boqotan. Gidduma sanatti Fara’ooniifi namoonnisaa Israa’eloota gadhiisuusaaniitti gaabban. ‘Hojjettoota keenya gadhiisne mitii ree!’ waliin jedhan.

Kanaaf Fara’oon ammas yaadasaa jijjiire. Dafee konkolaataawwan fardaan harkifamaniifi humna waraanaasaa fudhatee ka’e. Achiis, konkolaataawwan adda ta’an 600fi konkolaataawwan biyya Gibxii keessa jiran hundumaa fudhatee Israa’eloota duubaan fiiguu jalqabe.

Israa’eloonni yommuu Fara’ooniifi waraanasaa of duubatti argan, baay’ee sodaatan. Karaan itti baqatan hin jiru ture. Fuldurasaaniitiin Galaana Diimaatu jira, duubasaaniitiinimmoo warri Gibxii dhufaa jiru. Haata’u malee, Yihowaan sabasaafi warra Gibxii gidduutti akka duumessaa’u godhe. Kanaan kan ka’e, warri Gibxii Israa’eloota waan hin argineef isaan miidhuu hin danda’an turan.

Achiis Yihowaan, Museen uleesaa Galaana Diimaarratti akka diriirsu itti hime. Ennaa akkas godhu, Yihowaan kallattii bahaatii bubbee cimaan akka ka’u godhe. Bishaanichi bakka lamatti hiramee karaa lamaan dhaabate.

Kana booda, Israa’eloonni galaanicha keessa lafa gogaarra deemanii ce’an. Namoonni miiliyoonaan lakkaa’aman horiiwwansaanii wajjin lagicha ce’uuf sa’aatii baay’ee itti fudhateera. Dhumarratti warri Gibxii Israa’eloota arguu danda’anii turan. Hojjettoonnisaanii jalaa ba’aniiru! Kanaafuu, isaanis Israa’elota duubaan lagicha ce’uuf itti nam’an.

Isaan duukaa bu’anii galaanicha keessa yeroo seenan, Waaqayyo gommaan konkolaataawwansaanii akka jalaa bubuqqa’u godhe. Warri Gibxii baay’ee waan sodaataniif: ‘Yihowaan Israa’elotaaf jedhee nu lolaa jira. Kottaa as keessaa haabaanu!’ jedhanii boo’uu jalqaban. Haata’u malee, yeroonsaa darbee ture.

Fakkii kanarratti akka ilaaltutti, Yihowaan Museen uleesaa Galaana Diimaarra akka qabu kan itti hime yeroo sanatti ture. Yemmuu Museen akkas godhu, bishaan hiramee dhaabatee ture sun walitti deebi’ee, warra Gibxiifi konkolaattotasaanii walitti qadaade. Waraannisaanii hundinuu Israa’eloota qaqqabuuf lagicha keessa seenanii turan. Kanaafuu, warra Gibxii keessaa kan oole tokkoyyuu hin jiru!

Sabni Waaqayyoo garuu ooluusaaniitiin akkam gammadanii turan laata! Warri dhiiraa: ‘Yihowaan injifannoo guddaa argateera. Fardeeniifi abbootii fardeenii galaana keessatti darbateera’ jedhanii faarfannaa galataa faarfatan. Miiryaam obboleettiin Musee dibbeeshee fudhattee ennaa kaatu dubartoonni hundi dibbeesaanii fudhatanii ishee duukaa bu’an. Isaanis gammachuudhaan faarfachaa akkuma warra dhiiraa: ‘Yihowaan injifannoo guddaa argateera. Fardeeniifi abbootii fardeenii galaana keessatti darbateera’ jedhanii faarfatan.