Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA 27

Mootii Hamaan Tokko Biyya Gibxii Bulchuu Jalqabe

Mootii Hamaan Tokko Biyya Gibxii Bulchuu Jalqabe

JARRI asirratti argitu kun namoota kana dirqamaan hojjechiisaa jiru. Namicha hojjettoota keessaa isa tokko alangeedhaan rukutaa jiru kana ni argitaa? Hojjettoonni kun maatii Yaaqoobidha; Israa’eloota jedhamu. Namoonni dirqamaan isaan hojjechiisanis warra Gibxiiti. Israa’eloonni garboota warra Gibxii ta’aniiru. Kun kan ta’e akkamitti?

Maatiin Yaaqoob waggoota baay’eedhaaf biyya Gibxii keessa nagaadhaan jiraataniiru. Yoseef, inni Fara’oon mootichatti aanee biyya Gibxii keessatti baay’ee beekamaa ture, isaan kunuunsa ture. Booda Yoseef ni du’e. Fara’oon garabiraan warra Israa’eliin hin jaallanne mootii biyya Gibxii ta’e.

Kanaafuu, Fara’oon inni hamaan kun Israa’eloonni garbootasaa akka ta’an godhe. Namoonni hamoon akka isaan hojjechiisan godhe. Israa’eloonni Fara’ooniif magaalaa akka ijaaraniif, humnaan hojii cimaa isaan hojjechiisu turan. Haata’u malee, ammayyuu Israa’eloonni baay’achaa deeman. Yeroo booda, warri Gibxii Israa’eloonni nurratti baay’achaafi jabaachaa deemu jedhanii sodaachuu jalqaban.

Fara’oon maal akka godhe beektaa? Deessiftoota haadholii warra Israa’el deessisaniin: ‘Yommuu mucaan dhiiraa dhalatu ajjeesuu qabdu’ jedheen. Dubartoonni kun garuu baay’ee gaarii waan turaniif akka inni jedhe hin goone.

Kanaaf, Fara’oon warra Gibxii hundumaatiin: ‘Ijoollee dhiiraa warra Israa’el akkuma dhalataniin fuudhaatii ajjeesaa. Ijoolleen durbaa garuu akka guddataniif dhiisaa’ jedheen. Ajaja nama naasisu mitii? Ijoollee dhiiraa keessaa inni tokko akkamitti akka oole haa ilaallu.