Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

KUTAA 5

Boojuu Baabilonii Hanga Ijaarsa Masaraawwan Yerusaalemitti

Boojuu Baabilonii Hanga Ijaarsa Masaraawwan Yerusaalemitti

Israa’eloonni booji’amanii biyya Baabilon yeroo turanitti, wantoonni amantiisaanii qoran baay’een isaan mudataniiru. Shaadraak, Meshaakiifi Abed-Neegoon ibidda boba’u keessatti darbatamaniiru; haata’u malee, Waaqayyo isaan oolcheera. Yeroo booda Baabilononni warra Medooniifi Faaresiin erga mo’amanii booda, Daani’el boolla leencaa keessa buufame; Waaqayyo garuu afaan leencotaa cufuudhaan isa eegeera.

Dhumarratti, Qiiros mootiin Faares Israa’eloota walaba baase. Erga boojuudhaan Baabilonitti fudhatamanii waggaa 70 booda gara biyyasaaniitti deebi’an. Gara Yerusaalemitti akka deebi’anitti wanti isaan jalqaba raawwatan mana qulqullummaa Yihowaa ijaaruu ture. Haata’u malee, diinonnisaanii yeruma sana hojiisaanii isaan dhaabsisan. Kanaafuu, Manna qulqullummaa kana kan ijaaranii fixan, erga Yerusaalemitti deebi’anii waggaa 22 booda ture.

Itti aansinee, Izraan mana qulqullummaa miidhagsuuf gara Yerusaalem deemuusaa baranna. Kun kan ta’e manni qulqullummaa erga ijaaramee dhumee waggaa 47 boodadha. Izraan achi dhaqee waggaa 13 booda, Nahimiiyaan masaraan Yerusaalem inni diigame akka ijaaramu gargaareera. Kutaa SHANAFFAAN seenaawwan waggaa 152 jechuunis, seenaa amma bara Nahimiiyaan masaraa Yerusaalem isa diigame ijaaretti jiru kan qabatedha.