Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA 78

Barreeffama Keenyanirratti Harkaan Barreeffame

Barreeffama Keenyanirratti Harkaan Barreeffame

ASIRRATTI maaltu ta’aa jira? Jarri kun afeerrii guddaarra jiru. Mootiin Baabilon namoota aboo qaban kuma tokko afeereera. Xoofoo warqeefi meetiirraa hojjetaman, akkasumas saanii golboo mana qulqullummaa Yihowaa isa Yerusaalem keessaa fudhatamaniin gargaaramaa jiru. Haata’u malee, qubni harka namaa fakkaatu tokko akka tasaa qilleensarraan achii as ba’ee keenyanirratti barreessuu jalqabe. Hundisaaniiyyuu baay’ee na’an.

Yeroo kanatti mootii ta’ee kan bulchaa ture Belshaazaar ilma ilma Nebukadnezaar ture. Beektotasaa akka ol galchaniif sagalee guddaadhaan ajaje. Achiis: ‘Namni barreeffama kana dubbisee hiikasaa natti himu, kennaa baay’eetu kennamaaf; mootummaa koo keessattis mootii sadaffaa ta’a’ jedhee dubbate. Haata’u malee, Beektota sana keessaa tokkoonsaaniiyyuu waan keenyanirratti barreeffame dubbisuus ta’e, hiiknisaa maal akka ta’e dubbachuu hin dandeenye.

Haati mootichaa sagalee wacaa dhageessee gara galma nyaataa isa guddichaatti lixxe. Mootichaanis akkas jette: ‘Hin sodaatin. Namni hafuurri waaqolii qulqulluu isa keessa jiru tokko mootummaa kee keessa jira; akaakayyuun kee Nebukadnezaar yeroo mootii turetti, beektota hundumaarratti ajajjuu isa godheera. Maqaansaa Daani’el jedhama. Ergii isa waamsisi; inni wanti kun hundumtuu maal akka ta’e sitti himaa.’

Kanaafuu, Daani’el yeruma sana waamamee dhufe. Daani’el kennaa kamiyyuu akka hin fudhanne erga ibsee booda, Yihowaan yeroo tokko akaakayyuu Belshaazaar Nebukadnezaariin mootummaasaarraa kan buuse maaliifi akka ta’e itti himuu jalqabe. Daani’el: ‘Inni nama baay’ee of tuulu waan tureef Yihowaan isa adabe’ jedhee dubbate.

Daani’el, Belshaazaariin: ‘Ati waan isarra ga’e hundumaa utuma beektuu akkumasaa of tuulte. Xoofoofi meeshaa mana qulqullummaa Yihowaa keessaa fiddee ittiin dhugde. Waaqolii mukaafi dhagaarraa tolfaman galateeffatte malee, Uumaa keenya Isa Guddaadhaaf ulfina hin kennine. Waaqayyo harkicha erguudhaan wanti kun akka barreeffamu kan godhes kanaafidha.’

Daani’el ‘Inni caafame’: ‘MENE, MENE, TEQEL, U-FAARSIIN’ jedha’ jedhee dubbate.

‘MENE jechuun, Waaqayyo bara mootummaa keetii lakkaa’ee, mootummaan kee akka dhumu godhe jechuudha. TEQEL jechuun, miijanarra kaa’amtee hir’uu taatee argamte jechuudha. FERES jechuunimmoo, mootummaan kee gargar cabee warra Medooniifi Faaresiif kenname jechuudha.’

Yeruma Daani’el dubbachaa ture sanattillee, Medoononniifi Faaresoonni Baabiloniin waraanuu jalqabanii turan. Isaanis magaalattii to’achuudhaan Belshaazaariin ajjeesan. Barreeffamni keenyanirratti barreeffame sun halkanuma sanatti dhugaa ta’ee argame! Haata’u malee, yeroo kanatti Israa’elootarra maaltu ga’a laata? Waa’eesaanii gara boodaatti ilaalla; dura garuu Daani’elirra maaltu akka ga’e haa ilaallu.