Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA 79

Daani’el Boolla Leencaa Keessatti

Daani’el Boolla Leencaa Keessatti

ARGITEE! Daani’el rakkina guddaa keessa waan jiru fakkaata. Leenconni garuu isa hin miine! Maaliif akka ta’e beektaa? Daani’eliin iddoo leenconni kun hundaa jiran gidduu kan buuse eenyu? Mee haa ilaallu.

Yeroo kanatti mootii Baabilon kan ture maqaansaa Daariyos jedhama. Daani’el nama gaariifi ogeessa waan ta’eef Daariyos baay’isee isa jaallata ture. Daariyos, Daani’el mootummaasaa keessatti bulchaa akka ta’uuf aboo guddaa isaaf kenne. Kun ta’uunsaammoo namoonni mootummaa sana keessatti aboo qaban Daani’elitti akka hinaafan godhe. Kanaaf waan kanatti aanee jiru godhan.

Gara Daariyos dhaqanii akkas jedhaniin: ‘Yaa mootii, guyyaa 30 gara kee duwwaatti malee, gara Waaqayyo tokkootti yookiis gara namaatti kadhata tokkollee akka hin dhiheessine akka seera baastu walii galleerra. Namni ajajamuu dide boolla leencotaa keessa buufamuu qaba.’ Daariyos, jarreen kun seerri kun akka ba’u maaliif akka barbaadan hin barre. Kanaafuu, yaada gaarii waan itti fakkaateef seerichi akka barreeffamu godhe. Kana booda seerichi jijjiiramuu hin danda’u.

Daani’el seera ba’e yommuu dhaga’u, gara manasaa dhaqee akkuma amalasaa kadhachuusaatti fufe. Namoonni hamoon sun, Daani’el Yihowaa kadhachuusaa akka hin dhiisne beeku. Daani’eliin ajjeesisuuf jedhanii wanti godhan waan isaaniif mijaa’e waan isaanitti fakkaateef baay’ee gammadan.

Daariyos mootichi, jarreen kun seerri akkasii akka ba’u kan barbaadan maaliif akka ta’e yommuu hubatu baay’ee gadde. Haata’u malee, seericha jijjiiruu waan hin dandeenyeef, Daani’el boolla leencotaa keessa akka buufamu ajaje. Garuu mootichi Daani’eliin: ‘Waaqni kee inni ati ittuma fuftee tajaajiltu akka si oolchu nan amana’ jedheen.

Daariyos baay’ee waan gaddeef halkan sana utuu hin rafin bulle. Borumtaasaatti akkuma lafti bari’een gara boollichaatti fiige. Fakkicharratti isa ilaaluu dandeessa. ‘Yaa Daani’el, hojjetaa Waaqayyoo jiraataa! Waaqayyo kee inni ati waaqeffattu afaan leencotaa keessaa si oolchuu danda’eeraa?’ jedheen.

Daani’elis deebisee: ‘Waaqayyo ergamaasaa ergee afaan leencotaa waan cufeef isaan na hin miine’ jedheen.

Mootichi baay’ee gammade. Daani’eliin boollicha keessaa akka baasan ajaje. Achiis, namoota hamoo Daani’eliin ajjeesisuu yaalan sana leencotaaf akka kennaman godhe. Namoonni sun utuma lafa hin ga’in, leenconni sun qilleensumarratti isaan qabatanii lafeesaanii caccabsan.

Sanaan booda, Daariyos Mootichi namoota mootummaasaa keessa jiran hundaatti akkas jedhee barreesse: ‘Ani, namni guutummaa mootummaa koo keessa jiru Waaqayyo isa kan Daani’el akka sodaatu ajajeera. Inni dinqii guddaa hojjeta. Daani’el leencaan akka hin nyaatamne godheera.’