Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA 81

Gargaarsa Waaqayyootti Amanamuu

Gargaarsa Waaqayyootti Amanamuu

NAMOONNI kuma hedduudhaan lakkaaˈaman Baabilonii ka’anii Yerusaalem ga’an. Haata’u malee yommuu achi ga’an, Yerusaalem balleeffamteetti. Namni tokkoyyuu achi hin jiraatu. Israa’eloonni waan hundumaa akka haaraatti ijaaruu qabu turan.

Waan jalqaba ijaaruu qaban keessaa inni tokko iddoo aarsaati. Iddoon kun, iddoo Yihowaadhaaf aarsaa horii dhiheessaniifi kennaa itti kennanidha. Ji’oota muraasa booda Israa’eloonni mana qulqullummaa ijaaruu jalqaban. Haata’u malee, diinonnisaanii warri naannoosaanii turan, Israa’eloonni mana qulqullummaa sana akka ijaaran hin barbaadan ture. Kanaafuu, hojii kana akka dhaaban isaan sodaachisuu yaalan. Dhumarrattis, diinonni kun mootiin Faares inni haaraan hojii kana dhaabsisuuf seera akka baasu godhan.

Waggoonni baay’een darban. Israa’eloonni Baabilonii erga deebi’anii waggaa 17 ta’eera. Yihowaan ijaarsasaanii akka jalqaban, raajotasaa Haageefi Zakaariyaasiin itti erge. Israa’eloonni gargaarsa Waaqayyootti amanamuudhaan akkuma raajonni kun isaaniin jedhan godhaniiru. Seerichi akka hin ijaarre dhowwuyyuu, isaan ijaarsasaanii jalqaban.

Abbaan taayitaa biyya Faares Taatenaayi jedhamu tokko dhufee, Israa’eloonni eenyu heyyameefii ijaaraa akka jiran isaan gaafate. Isaanis, yeroo Baabilon turanitti Qiiros Mootichi: ‘Amma dhaqaatii, mana qulqullummaa Yihowaa Waaqa keessanii ijaaraa’ jedhee akka ture itti himan.

Taatenaayi, Qiiros du’uusaa dura ajaja kan baasee akka ture mirkaneessuuf gara Baabilonitti xalayaa erge. Yeruma sana, mootii Faares isa haaraarraa xalayaan deebi’ee dhufe. Qiiros dhugumaan ajaja akkasii baasee akka ture kan dubbatudha. Kanaafuu mootichi: ‘Israa’eloonni mana qulqullummaa Waaqasaanii haa ijaaran. Atis akka isaan gargaartu sin ajaja’ jedhee barreesse. Waggoota afur gidduutti manni qulqullummaa sun ijaaramee dhume; Israa’eloonnis baay’ee gammadan.

Erga manni qulqullummaa ijaaramee dhumee waggoonni 48 darbaniiru. Namoonni Yerusaalem keessa jiran hiyyeeyyii waan turaniif, magaalattiiniifi manni qulqullummaa Waaqayyoo baay’ee kan bareedan hin ture. Nama Israa’el kan ta’e Izraan, inni yeroo sanatti Baabilon keessa ture, mana qulqullummaa Waaqayyoo bareechuun barbaachisaa akka ta’e hubate. Maal akka godhe beektaa?

Izraan Artashaastaa mooticha Faares bira dhaqe; mootichi gaariin kun, kennaawwan baay’ee gara Yerusaalemitti akka geessu Izraatti kenne. Izraan kennaawwan kana gara Yerusaalem geessuutti akka isa gargaaraniif Israa’eloota Baabilon jiran gaafate. Namoonni 6,000 ta’an isaa wajjin deemuuf walii galan. Meetii, warqeefi wantoota gatii guddaa qaban baatanii isaa wajjin deeman.

Namoonni hamoon karaarra waan jiraniif, meetiifi warqeesaanii fudhachuu ykn isaan ajjeesuu danda’u jedhee Izraan baay’ee dhiphatee ture. Kanaafuu, akka fakkii kanarratti argitutti, Izraan namoota hundumaa walitti qabe. Karaa dheeraa kana deemanii gara Yerusaalem ennaa dhaqan Yihowaan akka isaan gargaaru kadhatan.

Yihowaanis isaan eegeera. Adeemsa ji’a afurii booda nagaadhaan Yerusaalem ga’an. Yihowaan namoota gargaarsaaf isatti amanaman kan eegu ta’uusaa kanarraa hin barannuu?