Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA 83

Masaraawwan Yerusaalem

Masaraawwan Yerusaalem

HOJII asirratti hojjetamaa jiru ilaali. Israa’eloonni masaraawwan Yerusaalem ijaaraa jiru. Nebukadnezaar mootichi, waggoota 152 dura Yerusaalemiin yeroo balleessetti, masaraawwanshee diigee karrawwan magaalattii gubee ture. Israa’eloonni yeroo jalqabaa Baabilonii yommuu dhufanitti masaraashee deebisanii hin ijaarre.

Israa’eloonni magaalaansaanii masaraa utuu hin qabaatin waggoota kana hundumaa yommuu jiraatan maaltu waan isaanitti dhaga’ame sitti fakkaata? Sodaatanii turan. Diinonnisaanii salphumatti seenanii isaan miidhuu danda’u turan. Amma garuu Nahimiiyaan masaricha deebisanii akka ijaaraniif isaan gargaaraa jira. Nahimiiyaan eenyu akka ta’e beektaa?

Nahimiiyaan nama Israa’el, isa magaalaa Susaan, iddoo Mordekaayiifi Asteer jiraatanii dhufedha. Nahimiiyaan mana mootummaa keessa hojjechaa waan tureef, Mordekaayiifi Asteer mootittii wajjin michuu ta’uu hin ooluu. Haata’u malee, Macaafni Qulqulluun Nahimiiyaan hojjetaa Ahashweros ta’uusaa waan nutti himu hin qabu. Garuu Artashaastaa mooticha itti aanuuf hojjetaa ture.

Artashaastaan mootii gaarii, Izraadhaaf qarshii kennee manni qulqullummaa Yihowaa Yerusaalemitti argamuu akka suphamu godhe ta’uusaa yaadadhu. Haata’u malee, Izraan masaraawwan magaalattii diigaman hin ijaarre. Hojii kana Nahimiiyaan hojjechuu kan danda’e akkamitti akka ta’e haa ilaallu.

Artashaastaan, Izraan mana qulqullummaa akka suphuuf qarshii erga itti kennee waggaa 13 ta’eera. Yeroo kanatti Nahimiiyaan warra mootichaaf dhugaatii dhiheessanirratti ajajjuu ture. Kana jechuun, mootichaaf daadhii dhiheessuufi, namni tokkoyyuu summiidhaan mooticha akka hin ajjeesne eeguu jechuudha. Kun hojii guddaadha.

Gaaf tokko obboleessi Nahimiiyaa Hanaaniiniifi namoonni kan biraan Nahimiiyaa ilaaluuf biyya Israa’elii dhufan. Achiis, rakkina Israa’elootarra ga’eefi masaraawwan Yerusaalem ammayyuu diigamanii akka jiran itti himan. Nahimiiyaan baay’ee gadde; waa’ee kanaas Yihowaa kadhate.

Gaaf tokko mootichi, Nahimiiyaan baay’ee gadduusaa argee: ‘Maaliif gaddite?’ jedhee isa gaafate. Nahimiiyaanis, Yerusaalem haala gaddisiisaa keessa akka jirtuufi masaraawwanshee akka diigaman itti hime. Mootichis: ‘Maal akkan sii godhu barbaaddaree?’ jedheen.

Nahimiiyaan: ‘Gara Yerusaalem dhaqee masaraawwanshee ijaaruun barbaada’ jedheen. Artashaastaan mootii gaarii waan ta’eef Nahimiiyaan akka deemu heyyameef; muka masaricha ijaaruuf ta’u akka argatus isa gargaare. Nahimiiyaan gara Yerusaalem akkuma dhaqeen maal gochuu akka yaade jarootatti hime. Isaanis yaadasaatti waan gammadaniif: ‘Kottaa, ijaaruu haa jalqabnu’ jedhan.

Diinonni Israa’el masaraan Yerusaalem ijaaramuusaa ennaa argan: ‘Kottaa, ol itti baanee isaan ajjeesna; isaanis ijaaruusaanii ni dhaabu’ jedhan. Haata’u malee, Nahimiiyaan yeroo kana dhaga’u, hojjettootasaatiif biillaafi eeboo kenne. Achiis: ‘Diinota keenya hin sodaatinaa! Obboloota keessaniif, ijoollee keessaniif, dubartoota keessaniifi mana keessaniif lolaa’ jedheen.

Sabni Israa’elis ija jabeeyyii turan. Halkaniifi guyyaa meeshaa waraanaasaanii baatanii ijaaruusaanii itti fufan. Kanaafuu, masarichi guyyaa 52 gidduutti ijaaramee dhume. Amma magaalattii keessa sodaa tokko malee jiraachuu danda’u. Nahimiiyaafi Izraan, seera Waaqayyoo yommuu isaan barsiisan sabni Israa’el baay’ee gammadu turan.

Haata’u malee, ammayyuu halli isaan keessa jiran, haala Israa’eloonni gara Baabilonitti booji’amuusaanii dura turanii wajjin kan walfakkaatu hin turre. Sabni Israa’el kan bulchaman mootii Faaresiin waan ta’eef, isaaf hojjechuu qabu. Haata’u malee, Yihowaan saba Israa’eliif mootii haaraa akka kaasuufi mootiin kunis nagaa akka fidu waadaa galeeraaf. Mootiin kun eenyudha? Lafa kanaaf nagaa kan fidu akkamitti? Gaaffiiwwan kun deebii utuu hin argatin waggoonni 450 darbaniiru. Mucaan iddoo guddaan kennamuuf tokko ni dhalate. Kun garuu seenaa mataasaa danda’edha.