Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA 90

Dubartii Tokkoo Wajjin Boolla Bishaanii Biratti

Dubartii Tokkoo Wajjin Boolla Bishaanii Biratti

YESUS boqonnaa fudhachuuf boolla bishaanii biyya Samaariyaa tokko bira taa’e. Bartoonnisaa nyaata bituuf gara magaalaa dhaqanii turan. Dubartiin Yesus ishee haasofsiisaa jiru kun bishaan waraabbachuu dhufte. Innis: ‘Bishaan dhugaatii naa kenni’ jedheen.

Kunis dubartittii baay’ee dinqisiise. Maaliif akka ta’e beektaa? Yesus nama Yihudaa yommuu ta’u, isheenimmoo dubartii Samaariyaa waan taateefidha. Yihudoonni baay’eenimmoo namoota Samaariyaa hin jaallatan. Isaanii wajjinillee haasa’uu hin barbaadan! Yesus garuu namoota hundumaa ni jaallata ture. Kanaafuu: ‘Inni bishaan dhugaatii anaaf kenni jedhee si gaafatu eenyu akka ta’e utuu hubattee, silaa situ isa kadhata, innimmoo bishaan jireenya namaa kennu sii kenna ture’ jedheen.

Dubartittiinis: ‘Yaa gooftaa, boollichi gadi fagoodha, qodaa ittiin waraabbattullee hin qabdu. Egaa bishaan jireenya namaaf kennu eessaa fiddaree?’ jetteen.

Yesus deebisee: ‘Boolla kana keessaa bishaan yoo dhugde deebitee dheebotta; bishaan ani kennu garuu bara baraaf kan nama jiraachisudha’ jedheen.

Dubartittiinis: ‘Yaa gooftaa, deebi’ee akkan hin dheebonneef, bishaan waraabbachuufis deebi’ee akkan hin dhufneef bishaan kana naa kenni!’ jetteen.

Dubartittiin, Yesus kallattiidhumaan waa’ee bishaanii waan dubbatu isheetti fakkaatee ture. Inni garuu kan dubbate, waa’ee dhugaa Waaqayyoofi waa’ee mootummaasaa ture. Dhugaan kun, bishaan jireenya namaaf argamsiisudha. Jireenya bara baraa namaaf argamsiisuu danda’a.

Yesus amma dubartittiidhaan: ‘Dhaqiitii abbaa manaa kee waamii koottu’ jedheen.

Isheenis: ‘Ani abbaa manaa hin qabu’ jetteen.

Yesusis: ‘Dhuguma keeti; abbootii manaa shan qabda turte, inni amma sii wajjin jiru garuu abbaa manaa kee miti’ jedheen.

Wanti inni jedhe hundinuu dhugaa waan ta’eef dubartittiin baay’ee dinqisiifamte. Yesus kana hundumaa akkamitti beekuu danda’e? Eeyyee, Yesus akkuma dursee abdiin kennametti nama Waaqayyo erge waan ta’eef, Waaqayyo waan kana hundumaa akka beeku isa godheera. Yeroo kanatti bartoonni Yesus deebi’anii yommuu dhufan, dubartii Samaariyaa wajjin haasa’uusaatti baay’ee dinqisiifatan.

Kana hundumaarraa maal baranna? Kun, Yesus sanyii namootaa hunda kan jaallatu ta’uusaa argisiisa. Nuyis akkumasaa ta’uu qabna. Namoota sanyiisaaniitiin jibbuu hin qabnu. Yesus, namoonni hundinuu dhugaa jireenya barabaraatti geessu akka baratan barbaada. Nuyis namoonni dhugaa akka baratan gargaaruu qabna.