Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA 91

Yesus Gaara Tokkorratti Barsiise

Yesus Gaara Tokkorratti Barsiise

YESUS yeroo taa’u ni argitaa? Gaara Galiilaarratti namoota kana hundaa barsiisaa jira. Garasaatti dhihaatanii kan taa’an bartootasaati. Isaan keessaa 12 ergamootasaa akka ta’aniif filateera. Ergamoonni, bartoota Yesus warra adda ta’anidha. Maqaasaanii beektaa?

Simoon Phexrosiifi obboleessasaa Indriiyaas. Obbolaa kan ta’an Yaaqoobiifi Yohannis. Yaaqoob kan jedhamu ergamaa garabiraanis jira. Inni kaanimmoo Simoon jedhama. Ergamoonni lamammoo maqaansaanii Yihudaadha. Isaan keessaa inni tokko Yihudaa isa biyya Keriyot yeroo ta’u, Yihudaa inni tokkommoo maqaa garabiraa Taadewos jedhamu qaba. Warri hafanimmoo, Filiphosiifi Naatnaa’el (Bartolomewosis ni jedhama), akkasumas Maatewosiifi Toomaasidha.

Erga Samaariyaadhaa deebi’anii booda, Yesus yeroo jalqabaatiif: ‘Mootummaan Waaqayyoo dhihaateera’ jedhee barsiisuu jalqabe. Mootummaan Waaqayyoo maal akka ta’e beektaa? Bulchiinsa Waaqayyooti. Mootiin Mootummaa kanaa Yesus yeroo ta’u, innis samiirra taa’ee bulchuudhaan lafarratti nagaa fida. Mootummaan Waaqayyoo lafti guutummaatti akka jannata bareedduu taatu godha.

Asirratti Yesus waa’ee mootummaa Waaqayyoo barsiisaa jira. ‘Akkas jedhaa kadhadhaa’ jedhee isaaniitti himaa jira. ‘Yaa Abbaa keenya isa samii keessa jiraattu, maqaan kee haa qulqullaa’u. Mootummaan kee haa dhufu. Jaalalli kee akkuma samiirratti ta’e lafarrattis haa ta’u.’ Namoonni baay’een, kadhannaa kana ‘Kadhannaa Gooftaa’ jedhanii waamu. Warri kaanimmoo ‘Yaa Abbaa Keenyaa’ jedhanii waamu. Kadhannaa kana utuu hin dubbisin irra deebi’uu dandeessaa?

Akkasumas Yesus, namoonni amala akkamii walitti argisiisuu akka qaban barsiisaa jira. ‘Waan namoonni akka isiniif godhan barbaaddan isinis akkasuma godhaafii’ jechaanii jira. Namoonni waan gaarii yommuu siif godhan hin gammadduu? Kanaafuu, Yesus nuyis namootaaf waan gaarii gochuu akka qabnu nutti himaa jira. Lafa jannata taaturratti namoonni hundinuu amala akkasii argisiisuunsaanii kan nama gammachiisu mitii?