Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA 89

Yesus Namoota Gadhee Mana Qulqullummaa Keessaa Ari’e

Yesus Namoota Gadhee Mana Qulqullummaa Keessaa Ari’e

ASIRRATTI Yesus waan baay’ee aare fakkaata. Hin fakkaatuu? Kan akkas aare maaliif akka ta’e beektaa? Namoonni mana qulqullummaa isa Yerusaalem jiru keessa turan kun baay’ee sassatoo waan ta’aniifidha. Namoota Waaqayyoon waaqeffachuu dhufanirraa qarshii baay’ee argachuuf yaalu turan.

Jiboota, hoolotaafi gugeewwan kana ni argitaa? Jarreen kun mana qulqullummaa kana keessatti horiiwwan kana gurguru turan. Maaliif akka ta’e beektaa? Israa’eloonni Waaqayyoof aarsaa dhiheessuuf horiiwwaniifi simbirroota waan barbaadaniifidha.

Seerri Waaqayyoo, Israa’eloota keessaa namni tokko yoo cubbuu hojjete Waaqayyoof aarsaa akka dhiheessu ajaja ture. Yeroon Israa’eloonni aarsaa itti dhiheessan gara biraanis jira ture. Haata’u malee, Israa’eloonni simbirrootaafi horii Waaqayyoof aarsaa godhanii dhiheessan eessaa argachuu danda’u?

Israa’eloonni tokko tokko simbirroofi horii mataasaanii qabu turan. Kanaafuu, isaan kana aarsaa godhanii dhiheessuu ni danda’u turan. Haata’u malee, Israa’eloonni baay’een horiis ta’e simbirroota kansaanii ta’an hin qaban turan. Kaanimmoo, Yerusaalemirraa baay’ee fagaatanii waan jiraataniif horii tokkoyyuu gara mana qulqullummaatti fiduu hin danda’an. Kanaafuu, namoonni kun as dhufanii horii ykn simbirroota barbaadan bitatu. Haata’u malee, jarri kun qarshii baay’ee isaan gaafatu turan. Akkasumas isaan gowwoomsu turan. Kana malees, mana qulqullummaa keessatti gurguruu hin qaban turan.

Yesus kan aare kanaaf ture. Kanaafuu, minjaalota maallaqichaa wajjin gadi galagalchuudhaan saantimasaanii facaase. Akkasumas qunceerraa qaccee dhahatee horiiwwan sana hundumaa mana qulqullummaa keessaa gadi yaase. Warra gugeewwan gurguraa turaniinis: ‘Asii gadi baasaa! Mana Abbaa kootiis mana nagadaa hin godhinaa!’ jedhee isaan ajaje.

Bartoota Yesus keessaa tokko tokko isaa wajjin mana qulqullummaa kana keessa turan. Wanta Yesus godhe yeroo argan baay’ee dinqisiifatan. Achiis, Macaafni Qulqulluun waa’ee Ilma Waaqayyoo: ‘Jaalalli inni mana Waaqayyootiif qabu akka abiddaa isa guba’ kan jedhu yaadatan.

Yesus Yerusaalemitti yommuu ayyaana Faasikaa kabaju dinqiiwwan baay’ee hojjeteera. Booddees, Yihudaadhaa ba’ee gara Galiilaatti deebi’e. Achumaanis, gara magaala Samaariyaatti gore. Achitti maal akka godhe mee haa ilaallu.