Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA 101

Yesus Ni Ajjeefame

Yesus Ni Ajjeefame

WANTA gaddisiisaa raawwatamaa jiru kana ni argitaa? Yesus ajjeefamuuf jedha. Mukarratti isa fannisaniiru. Mismaarri harkasaafi miillasaatti rukutameera. Wanta akkasii Yesusirratti kan geessisan maaliifi?

Kun kan ta’e warri Yesusiin jibban waan jiraniifidha. Eenyufaa akka ta’an beektaa? Isaan keessaa tokko, ergamaa isa hamaa, Diiyaabilos Seexanichadha. Inni Addaamiifi Hewwaan Yihowaadhaaf akka hin ajajamne isa godhedha. Ammas diinonni Yesus hammeenya nama gaddisiisu kana akka isarratti raawwatan gochaa jira.

Yesus mukarratti fannifamuusaa dura diinonnisaa rakkoo baay’ee isarra geessisaniiru. Akkamitti gara iddoo ashaakiltii Getesemaanee akka isa fuudhanii dhufan ni yaadatta mitii? Diinonnisaa sun eenyufaa turan? Eeyyee, geggeessitoota amantiiti. Isa booda waan raawwatame haa ilaallu.

Geggeessitoonni amantii ennaa Yesusiin qaban, bartoonnisaa waan sodaataniif kophaasaa diinotasaatti isa dhiisanii baqatan. Ergamootasaa keessaa Phexrosiifi Yohannis isarraa baay’ee hin fagaanne. Waan Yesusirra ga’u ilaaluuf fagootti isa hordofaa turan.

Luboonni Yesusiin mana maanguddoo Haannaas jedhamu tokkootti isa geessan. Namni kun kanaan dura hangafa lubootaa ture. Namoonni kun baay’ee as hin turre. Itti aansuudhaan, nama Qayyaafaa jedhamu isa yeroo sanatti hangafa lubootaa turetti isa geessan. Mana Qayyaafaa keessatti geggeessitoonni amantii baay’een sassaabamanii turan.

Mana Qayyaafaa kana keessatti firdiidhaaf Yesusiin dhiheessan. Namoota sobaan Yesusirratti dhugaa ba’an ol seensisan. Geggeessitoonni amantii hundumtuu: ‘Yesus ajjeefamuu qaba’ jedhan. Achiis, itti tufanii kaballaadhaan rukutan.

Kun hundumtuu yommuu ta’u Phexros dallaa sana keessa ture. Galgalli sun baay’ee waan qorruuf namoonni ibidda qabsiisanii qaqqaammatu turan. Ibiddichatti marsanii qaqqaammachaa utuu jiranii, hojjettuun tokko Phexrosiin argitee: ‘Namichi kunis Yesusii wajjin ture’ jette.

Phexros: ‘Lakki, ani isaa wajjin hin turre’ jedhe.

Namoonni al sadi Phexros Yesusii wajjin akka ture dubbatan. Ta’uyyuu, Phexros yeroo sadanuu Yesusii wajjin akka hin turre dubbate. Phexros yeroo sadaffaadhaaf yommuu akkas jedhu, Yesus gara galee isa ilaale. Phexros sobuusaatti baay’ee waan gaddeef, alatti ba’ee hirqinfatee boo’e.

Jimaata ganama yommuu biiftuun ba’uu jalqabdu, luboonni Yesusiin gara galma guddaa Saanhedrinitti geessan. Achittis, maal akka isa godhan mari’atan. Achiis, Philaaxos, bulchaa biyya Yihudaatti isa geessan.

Luboonni Philaaxosiin: ‘Namichi kun hamaa waan ta’eef ajjeefamuu qaba’ jedhaniin. Philaaxos Yesusiin gaaffii tokko tokko erga gaafatee booda: ‘Ani balleessaa tokkoyyuu isarratti hin arganne’ jedheen. Achiis, Philaaxos Yesusiin gara Herodisitti erge. Herodis bulchaa biyya Galiilaa ta’uyyuu kan jiraatu Yerusaalem keessa ture. Herodisis balleessaa waan irratti hin arganneef gara Philaaxositti isa deebise.

Philaaxos Yesusiin gadhiisuu barbaadee ture. Diinonni Yesus garuu bakkasaa namni mana hidhaa jiru kan biraan akka isaaniif hiikamu barbaadan. Namichi kun saamtuu maqaansaa Barabbaa jedhamudha. Philaaxos ennaa Yesusiin alatti gadi baasu, guyyaa keessaa gara sa’aatii ja’aa ta’eera. Philaaxos jarreeniin: ‘Mootiin keessan kunooti’ jedheen. Hangafoonni lubootaa garuu, ‘Fannisi! Ajjeesiin! Ajjeesiin!’ jedhanii iyyan. Kanaafuu, Philaaxos Barabbaan akka hiikamuufi Yesus akka ajjeefamu godhe.

Gaafa Jimaataa sa’aatii boodda, Yesus mismaaraan rukutame mukarratti fannifame. Fakkii kanarratti hin mul’atan malee, bitaafi mirga Yesusiin saamtonni lamas mukarratti fannifamanii ajjeefamaniiru. Yesus du’uusaa yeroo xinnoo dura, saamtuun inni tokko: ‘Mootummaa keetiin yeroo dhuftu na yaadadhu’ jedheenii ture. Yesusis deebisee: ‘Dhuguman sitti hima, anaa wajjin jannata keessa ni jiraatta’ jedheen.

Kun abdii nama gammachiisu mitii? Yesus waa’ee jannata isa kamii akka dubbatu beektaa? Jannatni Waaqayyo yeroo jalqabaa qopheesse eessa ture? Eeyyee, lafarra ture. Yesus mootii ta’ee samiirratti yeroo bulchu, namicha kana du’aa kaasuudhaan jannata haaraa lafarratti dhaabattu keessa isa jiraachisa. Kun nama hin gammachiisuu?