Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA 96

Yesus Warra Dhukkubsatan Fayyise

Yesus Warra Dhukkubsatan Fayyise

YESUS bakka dhaqe hundaatti dhukkubsattoota ni fayyisa ture. Oduun dinqii kanaa magaalaafi baadiyyaa hundumaatti dhaga’ameera. Kanaafuu, namoonni warra naafa, warra ijisaanii hin argine, warra gurrisaanii hin dhageenyeefi dhukkubsattoota kan biraas baay’ee isatti fidan. Yesusis hundasaaniyyuu ni fayyise.

Amma erga Yohannis Yesusiin cuuphee waggaa sadii darbeera. Yesus yeroo dhihootti gara Yerusaalem akka dhaqu, achitti akka ajjeefamuufi du’aa akka ka’u ergamootasaatti hime. Amma Yeroo sanaatti garuu Yesus dhukkubsattoota fayyisuusaa ittuma fufe.

Gaaf tokko Yesus guyyaa Sanbataatti barsiisaa ture. Guyyaan Sanbataa warra Yihudiitiif guyyaa boqonnaa ture. Dubartiin asirratti argitu kun baay’ee dhukkubsatteetti. Waggaa 18f goophattee waan turteef ol jettee adeemuu hin dandeessu turte. Kanaafuu, yommuu Yesus harkasaa isheerra kaa’u ol jettee dhaabachuu jalqabde; booddas ni fayyite!

Kunimmoo geggeessitoota amantii Yihudii ni aarse. Isaan keessaa inni tokko: ‘Guyyoota hojiin itti hojjetamuu qaban ja’atu jira. Guyyoota kanatti dhuftanii fayyifamuu qabdu malee guyyaa Sanbataa miti!’ jedhee jarootatti iyye.

Yesus garuu akkas jedhee deebiseef: ‘Isin warra hamoo nana, isin guyyaa sanbataa harree keessan hidhaarraa hiiktanii bishaan obaasuu ni dhaqxu. Egaa dubartiin waggaa 18f dhukkubsachaa turte kun guyyaa Sanbataatiin fayyifamuu hin qabduu?’ Dubbiin Yesus kun namoota hamoo kana ni qaanesse.

Booddas, Yesusiifi ergamoonnisaa gara Yerusaalem dhaqan. Akkuma magaalaa Yerikootii ba’aniin, namoonni ijisaanii hin argine lama karaarra taa’anii utuma kadhachaa jiranii, yerooYesus darbu sagaleesaa dhaga’anii: ‘Yesus, nu gargaari!’ jedhanii iyyan.

Yesus warra ijisaanii hin argine kana waamee: ‘Maal akkan isinii godhu barbaaddu?’ jedhee isaan gaafate. Isaanis: ‘Iji keenya akka nuuf argu godhi’ jedhaniin. Yesus, ijasaanii qaqqabe; isaanis yeruma sana arguu danda’an! Yesus dinqiiwwan kana hundumaa kan hojjete maaliif akka ta’e beektaa? Namoota waan jaallatuufi isatti akka amanan waan barbaaduufidha. Egaa, nuyis yeroo inni mootii ta’ee bulchutti namni lafarra jiru tokkoyyuu kan hin dhukkubsanne ta’uusaa amanuu dandeenya.