Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA 37

Dunkaana Waaqeffannaadhaaf Tajaajilu

Dunkaana Waaqeffannaadhaaf Tajaajilu

MANNI kun maal akka ta’e beektaa? Dunkaana Yihowaan itti waaqeffatamudha. Mana qulqullummaa jedhamees ni waamama. Israa’eloonni Gibxii ba’anii waggaa tokko keessatti ijaarsasaa xumuran. Manni kun akka ijaaramu kan yaade eenyu akka ta’e beektaa?

Yihowaadha. Yommuu Museen gaara Siinaarra turetti, Yihowaan, manichi akkamitti akka ijaaramu itti himee ture. Salphumatti adda adda baafamuu akka danda’utti akka ijaaru itti hime. Karaa kanaan gartokkoonsaa kopha kophaa fudhatamee walitti ijaaramuu danda’a ture. Kanaafuu, Israa’eloonni lafa onaa sanatti bakka tokkoo gara bakka biraa yommuu deeman, dunkaanicha baatanii deemu turan.

Kutaa xinnoo dunkaanichaa isa dhumaa keessa yoo ilaalte saanduqa ni argita. Saanduqni kun saanduqa kakuu jedhama. Ergamoota ykn kirubeelota warqeerraa tolfaman lamatu asiifi achiin irra jira ture. Museen isa duraa sana waan caccabseef, Waaqayyo ammas gabatoota dhagaa lamarratti Seerawwansaa Kurnan barreessee itti kenne. Dhagaawwan kun gabatee kakuu keessa kaa’amu turan. Qodaan maannaa qabatus isuma keessa kaa’ama ture. Maannaan maal akka ta’e ni yaadattaa?

Yihowaan, Aaron, obboleessa Musee, hangafa lubootaa godhee filate. Aaron, Yihowaa akka waaqeffataniif saba Israa’el geggeessa ture. Ijoolleensaa warri dhiiraas luboota turan.

Ammammoo, dunkaanicha keessaa kutaa isa guddaa ilaali. Inni kun kutaa ishee xinnoo sana harka lamaan caala. Saanduqa aarri irraa aaru kana ni argitaa? Inni kunimmoo, iddoo aarsaa luboonni wanta urgaa’aa ixaana jedhamu itti aarsanidha. Baattuun ibsaa, ibsaa torba baatus jira. Wanti sadaffaan kutaa kana keessa jirummoo minjaaladha. Buddeenni 12 irra kaa’ameera.

Dallaa mana qulqullummaa keessa, gabatee guddaa bishaan itti guutame tokkotu jira. Luboonni dhiqachuuf itti gargaaramu turan. Iddoon aarsaa guddaan tokkos jira ture. Isarratti horiiwwan qalaman aarsaa godhamanii Yihowaadhaaf gubamu turan. Dunkaanichi bakka isaan qubatan qixxalamaan jira ture; Israa’eloonnimmoo dunkaanichatti marsanii jiraatu turan.