Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA 47

Hattuu Israa’el Keessa Ture

Hattuu Israa’el Keessa Ture

WANTA namichi kun dunkaanasaa keessa awwaalaa jiru ilaali! Uffata miidhagaa, warqeefi meetii awwaalaa jira. Wantoota kana magaalaa Yerikootii fudhate. Haata’u malee, wantoonni Yerikoodhaa argaman maal godhamuu qabu turan? Ni yaadattaa?

Balleeffamuu qabu turan; warqeefi meetiinimmoo mana qulqullummaa Yihowaatti galfamuu qabu turan. Kanaafuu, namoonni kun Waaqayyoof hin ajajamne. Wanta kan Waaqayyoo ta’e hataniiru. Maqaan namichaa Aakaan jedhama; warri isaa wajjin jiranimmoo maatiisaati. Wanta ta’e mee haa ilaallu.

Aakaan wantoota kana erga hatee booda, Iyaasuun magaalaa Aayi akka waraananiif namoota muraasa erge. Haata’u malee namoonni kun waraana sanarratti ni mo’amani. Isaan keessaa tokko tokko ni ajjeefaman; kaanimmoo ni baqatani. Iyaasuun baay’ee gadde. Fuulasaatiin lafatti gombifamee: ‘Maaliif wanti akkasii akka nurra ga’u goote?’ jedhee Yihowaa kadhate.

Yihowaanimmoo akkas jedhee deebiseef: ‘Ka’i! Sabni Israa’el cubbuu hojjetaniiru. Wantoota balleeffamuu ykn mana qulqullummaa kootiif kennamuu qaban ofiisaaniitiif fudhataniiru. Uffata miidhagaa hatanii dhoksaniiru. Mi’ichaafi namicha isa fudhate sana yoo balleessitan malee ani isin hin eebbisu.’ Yihowaan namichi hamaan kun eenyu ta’uusaa Iyaasuutti akka argisiisu dubbate.

Kanaafuu, Iyaasuun saba Israa’el hundumaa walitti yommuu qabu, Yihowaan namicha hamaa Aakaan jedhamu adda baase. Aakaan akkas jedhe: ‘Ani cubbuu hojjedheera. Uffata bareedaa, warqeefi meetii argee, baay’ee waanan hawweef nan fudhadhe. Dunkaana koo keessa awwaalamanii jiru.’

Wantoonni kun argamanii Iyaasuutti yommuu fidaman, Iyaasuun Aakaaniin akkas jedheen: ‘Maaliif rakkina kana hundumaa nutti fidde? Amma Yihowaan rakkina sitti fida!’ Achiis, Israa’eloonni hundinuu Aakaaniifi maatiisaa dhagaadhaan rukutanii ajjeesan. Kun, waan kan keenya hin taane tasumaa fudhachuun akka nurra hin jirre kan argisiisu mitii?

Kana booddas Israa’eloonni Aayi waraanuuf lammata ba’an. Yeroo sanatti Yihowaan sabasaa waan gargaareef mo’aniiru.