Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA 45

Laga Yordaanos Ce’uu

Laga Yordaanos Ce’uu

ISRAA’ELOONNI Laga Yordaanos yommuu ce’an ni argitaa? Bishaanichi meerreree? Waggaa sanatti bokkaa cimaan waan roobeef, daqiiqaa muraasa dura lagichi guutuu ture. Amma garuu bishaan tokkoyyuu hin jiru! Israa’eloonni akkuma Galaana Diimaa ce’anitti ammas lafa gogaarra ce’aa jiru! Bishaan sun hundi eessa seene? Mee haa ilaallu.

Laga Yordaanos yeroon itti ce’an yommuu dhihaatu, Yihowaan, Iyaasuun akkas jedhee akka isaanitti himu isa ajaje: ‘Luboonni saanduqa kakuu baatanii nu fuldura deemu. Yommuu isaan miillasaaniitiin Laga Yordaanos keessa dhaabatan bishaanichi yaa’uusaa ni dhaaba.’

Kanaafuu, luboonni sun saanduqa kakuu sana baatanii saba Israa’el dura deeman. Laga Yordaanos bira yeroo ga’an, luboonni sun miillasaanii bishaanicha keessa galchan. Bishaanichi humna guddaadhaan kan yaa’uufi gadi fagoo ture. Haata’u malee akkuma miillasaaniitiin tuqaniin bishaanichi yaa’uu dhiise! Kun dinqiidha! Yihowaan bishaanicha ittisee waan dhaabeef, yeruma sana bishaanichi lagicha keessaa goge!

Luboonni saanduqa kakuu baatan sun laga goge sana gidduu galan. Fakkii kanarratti isaan argitaa? Yommuu isaan lagicha gidduu dhaabatan, sabni Israa’el hundumtuu lafa gogaarra ce’an!

Hundisaanii erga ce’anii booda, Yihowaan, Iyaasuun namoota jajjaboo 12⁠tti akkas jedhee akka itti himu isa ajaje: ‘Lagicha keessaa bakka luboonni saanduqa kakuu baatanii dhaabatan sana dhaqaa dhagaa 12 fidaatii, bakka hundi keessan galgala kana bultanitti isaan tuulaa. Gara fulduraatti ijoolleen keessan dhagaawwan kun maal akka ta’an yommuu isin gaafatan, saanduqni kakuu Yihowaa Laga Yordaanos yerooce’u bishaanichi yaa’uu akka dhiise itti himuu qabdu. Dhagaawwan kun dinqii kana isin yaadachiisudha!’ Iyaasuunis dhagaawwan 12 lagicha keessa bakka luboonni dhaabatan sana dhaabe.

Dhumarratti Iyaasuun luboota saanduqa kakuu baatan sanaan: ‘Yordaanos keessaa ba’aa’ jedheen. Achiis, akkuma isaan ba’aniin bishaanichi guutee yaa’uu jalqabe.