Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA 40

Museen Katticha Rukute

Museen Katticha Rukute

WAGGAAN waggaa dhalee, waggaan 10, waggaan 20⁠ni, waggaan 30⁠ni, waggaan 39 ni darbe! Israa’eloonni ammayyuu lafa onaa keessa jiru. Haata’u malee, waggoota kana hundaatti Yihowaan sabasaa kunuunseera. Maannaa isaan nyaachiseera. Guyyaa duumessaan, halkanimmoo ibiddaan isaan geggeessa ture. Waggoota kana hundaatti wayyaansaanii hin moofofne; miillisaaniis hin dhiitofne.

Amma erga Gibxii ba’anii waggaa 40⁠ffaa ji’a jalqabaa keessa jiru. Israa’eloonni ammas Qaadeshiin safaran. Qaadesh, waggaa 40 dura gaaddonni 12n biyya Kana’aan akka gaadan yommuu ergamanitti bakka Israa’eloonni keessa turanidha. Miiryaam obboleettiin Musee Qaadeshitti duute. Akkuma kanaan duraa ammas bakka kanatti rakkinni ni uumame.

Israa’eloonni bishaan argachuu hin dandeenye. Kanaafuu, akkas jechuudhaan Museetti dubbatan: ‘Utuu duunee nuuf wayya ture. Biyya Gibxii nu baastee bakka rakkinaa wanti tokkoyyuu itti hin margine kan nu fidde maaliifi? Midhaan hin jiru, harbuun, wayniiniifi rumaaniinis hin jiru. Bishaan dhugamullee hin jiru.’

Museeniifi Aaron kadhannaa dhiheessuuf gara mana qulqullummaa yommuu dhaqan, Yihowaan Museedhaan akkas jedheen: ‘Israa’eloota sassaabiitii bakka hundisaanii jiranitti kattaa iddoo sana jirutti dubbadhu. Isaaniifis ta’e horiiwwansaaniitiif bishaan baay’een isa keessaa ni ba’a.’

Kanaafuu, Museen sabicha walitti qabee akkas jedheen: ‘Isin warri Waaqayyotti hin amanamne, dhaggeeffadhaa! Aaroniifi ani kattaa kana keessaa bishaan isiniif ni baasnaa?’ Achiis Museen, uleesaatiin katticha al lama rukute; bishaan baay’een katticha keessaa yaa’e. Amma isaaniifis ta’e horiiwwansaaniitiif bishaan ga’aan jira.

Yihowaan garuu Museefi Aaronitti aaree ture. Maaliif akka ta’e beektaa? Museeniifi Aaron kattaa sana keessaa bishaan kan baasan Isaan akka ta’an dubbachuusaaniitiini. Bishaan kan baaseef garuu Yihowaa ture. Museeniifi Aaron waa’ee kanaa dhugaasaa waan hin dubbanneef, Yihowaan akka isaan adabu itti hime. ‘Saba koo biyya Kana’aanitti hin geessitan’ jedheen.

Baay’ee utuu hin turin Israa’eloonni Qaadeshii ba’an. Yeroo xinnoo booda Gaara Hoor bira ga’an. Aaron gaara kanarratti du’e. Yommuu du’u umuriinsaa waggaa 123 ture. Israa’eloonni baay’ee waan gaddaniif, guyyaa 30 guutuu Aaroniif boo’an. Isatti aanee ilmisaa Ele’azaar saba Israa’elirratti hangafa lubaa ta’e.