Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA 59

Daawit Baqachuu Kan Qabu Maaliifi

Daawit Baqachuu Kan Qabu Maaliifi

ERGA Daawit Goliyaadin ajjeesee booda, hangafa loltuu Israa’el kan ta’e Abneer gara Saa’olitti isa fide. Saa’ol Daawititti baay’ee gammade. Humna waraanaasaarratti ajajjuu isa godhee, mana mootichaa akka jiraatu isa fudhate.

Booddee, humni waraanichaa Filisxeemota waraanee yommuu deebi’u, dubartoonni: ‘Saa’ol kuma ajjeese, Daawit garuu kuma kudhan ajjeese’ jedhanii faarfatu turan. Saa’ol, Daawit isa caalaa ulfina argachuusaatti baay’ee hinaafe. Ilmi Saa’ol Yonaataan garuu hinaafaa hin turre. Yonaataaniifi Daawit baay’ee wal jaallatu turan. Kanaafuu lamaansaanii yeroo hundumaa michoota ta’uuf waadaa walii galan.

Daawit kiraara akka gaariitti waan taphatuuf, Saa’ol muuziqaa inni taphatu baay’isee jaallata ture. Haata’u malee, hinaaffaan Saa’ol gaaf tokko waan gadhee raawwachuuf isa kakaase. Daawit kiraara rukutaa utuu jiruu, Saa’ol: ‘Daawitiin keenyaanii wajjinan walittin isa maxxansa’ jedhee eeboo itti darbate. Haata’u malee, Daawit gadi jedhee waan jalaa miliqeef eeboon sun isa hin waraanne. Booddees Saa’ol eeboo darbatee Daawitiin utuu hin waraanin hafeera. Daawit amma of eeggannoo guddaa gochuu akka qabu hubate.

Waadaa Saa’ol gale ni yaadattaa? Nama Goliyaadiin ajjeese intalasaa akka fuusisu dubbatee ture. Dhumarratti Saa’ol, Daawit intalasaa Mikaaliin fudhachuusaa dura Filisxeemota 100 ajjeesuu akka qabu itti hime. Mee yaadi! Saa’ol Filisxeemonni Daawitiin ni ajjeesu jedhee abdatee ture. Isaan garuu isa hin ajjeesne; kanaafuu, Saa’ol intallisaa Daawitiif haadha manaa akka taatuuf kenneef.

Gaaf tokko Saa’ol Daawitiin ajjeesuu akka barbaadu Yonaataaniifi hojjettootasaa hundumaatti hime. Yonaataan garuu abbaasaatiin akkas jedheen: ‘Daawitirra miidhaa hin geessisin. Inni waan tokkoyyuu si hin goone. Kanaa mannaa, wanti inni godhe hundinuu gargaarsa guddaa siif ta’eera. Yeroo Goliyaadiin ajjeese sanatti lubbuusaa balaarra buuseera; atis yommuu isa argitu baay’ee gammaddee turte.’

Saa’ol waan ilmisaa jedheen dhaga’ee lammata Daawitirra rakkoo akka hin geessisne waadaa gale. Daawit deebi’ee gara mana Saa’olitti akka dhufu godhamee; akkuma kanaan duraa Saa’oliin tajaajiluu jalqabe. Haata’u malee, gaaf tokko Daawit muuziqaa taphachaa utuu jiruu, ammas Saa’ol eeboosaa Daawititti darbate. Daawit garuu waan jalaa sokkeef eebichi keenyaanitti suuqame. Kun al sadaffaadha! Daawit amma baqachuu akka qabu hubate!

Galgala sanatti Daawit gara manasaa dhaqe. Saa’ol garuu isa ajjeesuuf namoota erge. Mikaal abbaanshee maal gochuuf akka jiru beekti turte. Kanaafuu, abbaa manaasheetiin: ‘Halkan kanatti baqachuu baannaan bor ni duuta’ jetteen. Halkan sanatti Mikaal Daawit karaa foddaa miliqee akka baqatu isa gargaarte. Waggoota torbaaf Daawit akka Saa’ol isa argachuu hin dandeenyetti iddoo adda addaa dhokachuu qaba ture.