Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA 75

Ijoollee Dhiiraa Arfan Baabilon Keessa Turan

Ijoollee Dhiiraa Arfan Baabilon Keessa Turan

NEBUKADNEZAAR mootichi, Israa’el keessaa namoota barumsa guddaa qaban gara Baabilonitti fudhate. Booddees mootichi isaan keessaa dargaggoota baay’ee babbareedaniifi beektota ta’an filate. Isaan keessaa arfansaanii ijoollee dhiiraa asirratti argitu kanadha. Inni tokko Daani’eli; sadanimmoo Baabilononni, Shaadraak, Meshaakiifi Abed-Neegoo jedhanii maqaa kan baasaniifidha.

Nebukadnezaar, dargaggoonni kun mana mootummaasaa keessatti akka tajaajilan leenjisuuf yaade. Waggoota sadiif erga leenjifamanii booda, rakkoowwansaa hiikuutti akka isa gargaaran isaan keessaa beektota kan ta’an qofaa filata. Mootichi, ijoolleen sun yommuu leenjifaman jajjaboofi kan fayyaa guutuu qaban akka ta’an barbaada. Kanaafuu, nyaata gaariifi waynii inniifi maatiinsaa sooratanirraa hundasaaniitiif akka kennan tajaajiltootasaa ajaje.

Daani’el isa dargaggeessicha ilaali. Hangafa hojjettoota Nebukadnezaar kan ta’e Ashfenaaziin maal jechaanii akka jiru beektaa? Daani’el, nyaatawwan gaarii maaddii mootichaarraa isaaniif kennaman nyaachuu akka hin barbaadne itti himaa jira. Ashfenaaz garuu baay’ee dhiphate. ‘Mootichi waan isin nyaachuufi dhuguu qabdan murteesseera; isin akka dargaggoota kaaniitti bifa gaarii yoo qabaachuu baattan na ajjeesa’ jedheen.

Kanaafuu, Daani’el nama Ashfenaaz Daani’elifi hiriyootasaa sadan akka kunuunsu godhe bira dhaqe. Achiis: ‘Guyyaa 10f nu ilaali. Biqiltuufi bishaan qofaa nuu kenni. Dargaggoota maaddii mootichaarraa nyaataniin walbiratti nu qabiitii eenyu bifa gaarii akka qabu ilaali’ jedheen.

Kunuunsituun sunis tole jedheen. Guyyaa 10 yommuu ta’u, Daani’eliifi hiriyoonnisaa sadan dargaggoota kaanirraa bifa gaarii kan qaban ta’an. Kanaaf, kunuunsituunsaanii waan mootichi isaaniif qopheesse dhiisanii biqiltuu nyaachuusaanii akka itti fufan godhe.

Waggaa sadi booda, dargaggoonni hundinuu Nebukadnezaar biratti geeffaman. Mootichi hundasaanii erga haasofsiisee booda, Daani’eliifi hiriyoonnisaa sadan hunda caalaa beektota akka ta’an hubate. Kanaafuu, isa gargaaruuf mana mootummaasaa keessa akka jiraatan godhe. Mootichi, Daani’eliin, Shaadraak, Meshaakiifi Abed-Neegoo gaaffii isaan gaafatu ykn waan rakkisaa ta’e yeroo isaanitti dhiheessu, isaan luboota ykn beektotasaarra harka kudhan caalchisanii gaaffii sana deebisu turan.