Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA 66

Mootii Hamtuu Kan Taate Iizaabel

Mootii Hamtuu Kan Taate Iizaabel

YEROBI’AAM mootichi erga du’ee booda, mootonni Israa’el warri gosoota kurnan bulchan hundinuu hamoo turan. Mootiin Ahaab jedhamummoo caalaatti hamaa ture. Maaliif akka ta’e beektaa? Sababiin inni guddaan haadha manaasaa Iizaabel, ishee Mootittii hamtuudha.

Iizaabel dubartii Israa’el miti. Intala mootii Sidoonidha. Isheen waaqa sobaa kan ta’e Ba’aaliin waaqeffatti; Ahaabiifi Israa’eloonni baay’eenis Ba’aaliin akka waaqeffatan gooteetti. Iizaabel, Yihowaa waan jibbituuf raajotasaa keessaa baay’ee ajjeesteetti. Kaanimmoo akka isheen isaan hin ajjeesneef holqa keessa dhokataniiru. Iizaabel waan tokko argachuu yoo barbaadde nama ajjeestee waan sana fudhatti.

Gaaf tokko Ahaab mootichi baay’ee aare. Kanaaf, Iizaabel: ‘Har’a maaliif aarte?’ jettee isa gaafatte.

Ahaabis akkas jedheen: ‘Naabotitu na aarse; ani iddoo dhaabaa wayniisaa bituu barbaadeen ture; inni garuu na dide’ jedheen.

Iizaabelis: ‘Waan tokko hin rakkatin. Kan kee akka ta’u nan godha’ jetteen.

Achiis, Iizaabel xalayaa barreessitee jaarsolii mandara Naabot jiranitti ergitee akkas jetteen: ‘Namoota walitti qabaatii, Naabot Waaqayyoofi mooticha arrabseera jedhanii sobaan akka dubbatan godhaa. Achiis Naabotii mandarattiidhaa baasaatii dhagaadhaan rukutaa ajjeesaa.’

Iizaabel Naabot du’uusaa akkuma dhageesseen, Ahaabiin: ‘Amma dhaqiitii iddoo dhaabaa wayniisaa fudhadhu’ jetteen. Iizaabel wanta jibbisiisaa akkasii gochuusheetiin adabamuu kan qabdu sitti hin fakkaatuu?

Kanaafuu, yeroo booda, Yihowaan ishee adabuuf nama Yehuu jedhamu tokko erge. Iizaabel Yehuun dhufaa akka jiru yommuu dhageessu, ijashee kuullattee bareedduu fakkaachuuf yaalte. Haata’u malee, Yehuun dhufee karaa foddaa yommuu Iizaabeliin argu, namoota mana mootummaa keessa jiran waamee: ‘Gadi ishee darbadhaa!’ jedheen. Akkuma fakkii kanarratti argitu, jarri gadi ishee darbatan. Isheenis ni duute. Dhumni Iizaabel Mootittii hamtuu kana ta’ee hafe.