Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA 65

Mootummichi Ni Qoqqoodame

Mootummichi Ni Qoqqoodame

NAMICHI kun wayyaasaa kan tatarsaasu maaliif akka ta’e beektaa? Yihowaatu akkas akka godhu itti hime. Namichi kun raajii Waaqayyoo kan ta’e Ahiiyaadha. Raajii jechuun maal akka ta’e beektaa? Nama, Waaqayyo wanta fuulduraatti ta’uuf jiru dursee itti himudha.

Asirratti Ahiiyaan Yerobi’aamii wajjin haasa’aa jira. Yerobi’aam nama Solomoon hojii ijaarsaarratti itti gaafatamaa isa godhedha. Ahiiyaan karaa kanarratti Yerobi’aamin yeroo argu, waan nama dinqu tokko godhe. Wayyaa haaraa uffate ofirraa fuudhee bakka 12⁠tti tatarsaase. Achiis, Yerobi’aamiin: ‘Isa tatarsa’e keessaa 10 ofii keetiif fudhadhu’ jedheen. Ahiiyaan kurnansaa Yerobi’aamiif kan kenne maaliif akka ta’e beektaa?

Ahiiyaan, Yihowaan mootummicha Solomoonirraa fudhachuuf akka jedhu dubbate. Yihowaan Yerobi’aamiif gosoota 10 ni kennaaf jedhe. Kana jechuun ilma Solomoon kan ta’e Rehobiyaam akka bulchu kan isaaf hafu gosa lama qofaa ta’a jechuudha.

Solomoon wanta Ahiiyaan Yerobi’aamitti hime yommuu dhaga’u baay’ee waan aareef, Yerobi’aamiin ajjeesuu barbaade. Yerobi’aam garuu gara Gibxiitti baqate. Yeroo xinnoo booda Solomoon ni du’e. Waggaa 40 bulche; amma garuu ilmisaa Rehobiyaam mootii ta’eera. Yerobi’aam biyya Gibxii utuu jiruu Solomoon du’uusaa waan dhaga’eef, Israa’elitti deebi’e.

Rehobiyaam mootii gaarii miti. Abbaasaa Solomoon caalaatti saba Israa’eliif baay’ee hamaa ta’e. Yerobi’aamiifi namoonni bakka guddaa qaban muraasni gara Rehobiyaam Mootichaa dhaqanii, saba Israa’eliif mootii gaarii akka ta’u isa gaafatan. Rehobiyaam garuu isaaniin hin dhageenye. Isa duraa caalaatti hammaate. Kanaaf, Yerobi’aam gosoota kurnanirratti akka bulchu mootii isa godhan. Gosti lamaan kan Beniyaaminiifi kan Yihudaa garuu mootiinsaanii Rehobiyaam ta’ee itti fufe.

Yerobi’aam sabnisaa waaqeffannaadhaaf gara mana qulqullummaa Yihowaa akka dhaqan hin barbaadu. Kanaafuu, jiboota lama warqeerraa tolchee, gosti kurnan sun akka isaan waaqeffatan godhe. Utuma baay’ee hin turin biyyattiin hammeenyaan guutamte.

Mootummaa gosoota lamaanii gidduus rakkinni jira ture. Rehobiyaam mootii ta’ee waggaa shan utuu hin guutin, mootiin Gibxii Yerusaalemiin loluu dhufe. Mana qulqullummaa Yihowaa keessaa qabeenya baay’ee fudhate. Kanaafuu, manni qulqullummaa sun akkuma yeroo ijaarame sanaatti kan ture yeroo gabaabaaf qofa.