Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA 74

Nama Ija Jabeessa Ta’e

Nama Ija Jabeessa Ta’e

JARRI kun dargaggeessa kanatti yeroo qoosan ilaali. Eenyu akka ta’e beektaa? Ermiyaas jedhama. Inni raajii Waaqayyooti.

Yosiyaas Mootichi waaqolii tolfaman biyyattii keessaa balleessuu erga jalqabee booda baay’ee utuu hin turin, Yihowaan Ermiyaas raajiisaa akka ta’u itti hime. Haata’u malee, Ermiyaas raajii ta’uuf ani mucaa xinnoodha jedhee yaada ture. Yihowaan garuu akka isa gargaaru itti hime.

Ermiyaas Israa’eloonni waan gadhee hojjechuusaanii akka dhiisan itti hime. ‘Waaqoliin namoonni biyya lafaa waaqeffatan kan sobaati’ jedhe. Haata’u malee, Israa’eloonni baay’een Waaqa dhugaa Yihowaa waaqeffachuu mannaa, waaqolii tolfaman waaqeffatu turan. Waan hamaa hojjetaniif Waaqayyo akka isaan adabu yommuu Ermiyaas isaanitti himu isatti kolfan.

Waggoonni baay’een ni darban. Yosiyaas du’ee ji’oota sadi booddee, ilmisaa Yehoyaaqiim mootii ta’e. Ermiyaas: ‘Hammeenya keessan yoo dhiisuu baattan Yerusaalem ni balleeffamti’ jedhee jarootatti himuusaa ittuma fufe. Luboonni biyya sanaas, Ermiyaasiin qabanii: ‘Waan kana dubbatteef ajjeefamuu qabda’ jedhanii iyyan. Achiis: ‘Biyyattii keenya kanarratti waan hamaa waan dubbateef ajjeefamuu qaba’ jedhanii abbootii firdii biyya Israa’elitti himan.

Amma Ermiyaas maal godha laata? Waan tokkoyyuu hin sodaanne! Hundasaaniitiin akkas jedheen: ‘Waan kana akkan isinitti himu Yihowaatu na erge. Akkaataa jireenya keessanii isa hamaa kanarraa yoo deebi’uu baattan, Yihowaan Yerusaalemiin ni balleessa. Yoo ana ajjeestan garuu, nama balleessaa hin qabne ajjeesuu keessan ta’uusaa beekaa.’

Abbootiin firdii biyya sanaa, Ermiyaasiin ni dhiisan; Israa’eloonni garuu hammeenyasaaniirraa hin deebine. Booddee, Nebukadnezaar, mootiin Baabilon dhufee Yerusaalemiin waraane. Dhumarratti, Nebukadnezaar Israa’eloota garbootasaa godhate. Kan kumaan lakkaa’aman gara Baabilonitti fudhate. Namoonni ati hin beekne mana keetii baasanii biyya hin beeknetti utuu si geessanii maaltu akka sitti dhaga’amu yaadi.