Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA 76

Yerusaalem Ni Balleeffamte

Yerusaalem Ni Balleeffamte

NEBUKADNEZAAR dargaggoota Israa’el keessaa kan barumsa guddaa qaban gara Baabilonitti erga fudhatee waggaa kudhanii ol ta’eera. Amma waan ta’aa jiru ni argitaa? Yerusaalem gubachaa jirti. Israa’eloonni hin ajjeefamnes mana hidhaa galfamuuf gara Baabilonitti geeffamaa jiru.

Raajonni Yihowaa, namoonni hammeenyasaaniirraa deebi’uu yoo baatan, wanti kun akka isaanirra ga’u akeekkachiisanii akka turan yaadadhu. Israa’eloonni garuu raajota sana hin dhaggeeffanne. Yihowaa dhiisanii waaqolii sobaa waaqeffachuusaanii ittuma fufan. Kanaafuu Israa’eloonni adabamuu qabu. Hisqi’el raajichi Waaqayyoo waan hamaa Israa’eloonni hojjetan waan nutti himeef, akkas jechuu ni dandeenya.

Hisqi’el eenyu akka ta’e beektaa? Badiisni guddaan kun Yerusaalemirratti dhufuusaa waggoota 10 dura, dargaggoota Nebukadnezaar booji’e keessaa tokkodha. Daani’eliifi hiriyootasaa sadan kan ta’an, Shaadraak, Meshaakiifi Abed-Neegoonis gara Baabilonitti kan fudhataman yeruma sana ture.

Hisqi’el Baabilon keessa utuu jiruu, Yihowaan hammeenya mana qulqullummaa Yerusaalem keessatti raawwatamaa jiru itti argisiise. Yihowaan dinqii hojjechuudhaan kana godhe. Hisqi’el ammayyuu kan jiru, Baabilon keessa; haata’u malee, Yihowaan waan mana qulqullummaa sana keessatti hojjetamaa jiru hundumaa akka argu isa godhe. Wanti Hisqi’el arge kan baay’ee nama naasisudha.

Yihowaan Hisqi’eliin: ‘Wanta jibbisiisaa sabni kun mana qulqullummaa keessatti raawwachaa jiru ilaali’ jedheen. Keenyan fakkiiwwan bofaafi horiiwwan kaaniitiin uwwifame kana ilaali. Israa’eloonni wantoota kana yommuu waaqeffatan ilaali!’ jedheen. Hisqi’el wantoota kana arguu danda’eera; waan godhame hundumaas barreesseera.

Yihowaan: ‘Geggeessitoonni Israa’el dhoksaatti maal gochaa akka jiran ni argitaa?’ jedhee Hisqi’elin gaafate. Eeyyee, Hisqi’el kanas arguu danda’eera. Namoota 70dha; hundisaanii waaqolii sobaa waaqeffatu. ‘Yihowaan nu hin argu. Inni biyyattii dhiiseera’ waliin jechaa jiru.

Achiis Yihowaan dubartoota balbala gara kaabaa mana qulqullummaa sana dura taa’an itti argisiise. Achi taa’anii waaqa sobaa kan ta’e Tamuziin waaqeffachaa jiru. Namoota balbala mana qulqullummaa Yihowaa dura jiran kanammoo ilaali! Namoonni kun 25 ta’u. Hisqi’el isaan ilaale. Gara ba’a biiftuutti gara galanii sagaduudhaan biiftuu waaqeffachaa jiru!

Yihowaan: ‘Namoonni kun na salphisaniiru; waan jibbisiisaa ta’e hojjechuusaaniirrayyuu mana qulqullummaa koo keessatti kana godhu!’ jedhe. Kanaaf, Yihowaan akkas jedhee kakate: ‘Humni aarii kootii isaanirratti ni dhufa. Yeroo balleeffamanis ani isaaniif hin gaddu.’

Israa’eloonni Nebukadnezaar mooticharratti yeroo hammaatan, Yihowaan wantoota kana Hisqi’elitti erga argisiisee waggaa sadi qofaatu darbe. Kanaaf isaan loluuf ka’e. Waggaa tokkoofi walakkaa booda, warri Baabilon masaraa Yerusaalem diiganii seenuudhaan magaalattii gubanii daaraa godhan. Israa’eloota baay’een ajjeefamaniiru, ykn gara Baabilonitti fudhatamanii hidhamaniiru.

Yihowaan, badiisni hamaan akkasii kun Israa’elootarra akka ga’u kan godhe maaliifi? Eeyyee, Yihowaa waan hin dhaggeeffanneefi seerasaatiif waan hin ajajamneefidha. Kun, yeroo hundumaa waan Waaqayyo jedhe gochuun baay’ee barbaachisaa ta’uusaa ibsa.

Jalqabarratti, biyya Israa’el keessa akka turan kan heyyamame namoota muraasa qofaafi. Nebukadnezaar mootichi nama Yihudaa Gedaaliyaa jedhamu ajajjuusaanii godhe. Haata’u malee, Israa’eloonni Gedaaliyaa ajjeesan. Amma, waan hamaa kana waan godhaniif, Baabilononni isaan balleessuuf waan dhufan waan itti fakkaateef Israa’eloonni baay’ee sodaataniiru. Kanaafuu, Ermiyaas isaanii wajjin akka deemu godhanii, gara biyya Gibxiitti baqatan.

Kanaan kan ka’e biyyi Israa’el nama tokko malee hafte. Waggaa 70f namni tokkoyyuu biyyattii keessa hin jiraanne. Guutummaatti ona taatee turte. Haata’u malee, Yihowaan waggoota 70 booda sabasaa biyyattiitti akka deebisu abdii kenneera. Sabni Israa’el gara Baabilonitti erga booji’amanii booda waggoota kana gidduutti maaltu isaanirra ga’e? Mee haa ilaallu.