Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

KUTAA 1

Uumamaa Hanga Bishaan Badiisaatti

Uumamaa Hanga Bishaan Badiisaatti

Laftiifi samiin eessaa dhufani? Aduun, addeessiifi urjiin, akkasumas wantoonni lafarratti argaman hundi eessaa dhufani? Macaafni Qulqulluun, Waaqayootu isaan uume jechuudhaan deebii sirrii ta’e kenna. Kanaafuu, kitaabni keenya seenaa Macaafa Qulqulluu waa’ee uumamaa dubbatanirraa jalqaba.

Amma waa’ee uumamawwan Waaqayyo jalqaba uumeefi qaamota hafuuraa isa fakkaatanii baranna. Isaanis ergamoota jedhamu. Haata’u malee, lafti kan uumamte namoota akka keenyaatiifidha. Kanaafuu, Waaqayyo dhiira Addaam jedhamuufi dubartii Hewwaan jedhamtu uumee, iddoo dhaaba ashaakiltii bareedaa ta’e keessa isaan kaa’e. Haata’u malee, Waaqayyoof abboomamuu diduusaaniitiin mirga bara baraan jiraachuuf qaban dhabaniiru.

Walumatti qabaatti, uumamuu Addaamii jalqabee hanga bishaan badiisaa isa guddaatti, waggoonni 1,656 darbaniiru. Waggoottan kana keessatti namoonni hamoo ta’an baay’een jiraataniiru. Samii keessas qaamonni ijaan hin argamne, jechuunis Seexanniifi ergamoonnisaa warri hamoo ta’an jiru turan. Lafarrammoo, Qaayiniifi namoota hamoo ta’an hedduu dabalatee, namoota humna adda ta’e qabantu jira ture. Haata’u malee, namoonni gaariin akka Abeel, Henokiifi Nohi lafarra jiru turan. Kutaa TOKKOFFAA keessatti, waa’ee namoota kanaafi wantoota yeroo sanatti raawwataman hundaa dubbisna.