Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA 2

Jannata Bareedduu

Jannata Bareedduu

ASIRRATTI lafti maal akka fakkaattu mee ilaali! Wanti hundinuu baay’ee bareeda! Mee marga, mukoota, abaaboofi bineensota hunda ilaali. Arbaafi leenca adda baastee argisiisuu dandeessaa?

Bakki ashaakiltii bareedaa ta’e kun eessaa dhufe? Waaqayyo lafattii kana akkamitti akka nuu qopheesse mee haa ilaallu.

Jalqabarratti, Waaqayyo marga biqilchuudhaan lafa uwwise. Achiis, akaakuu biqiltuuwwan xixiqqoo adda addaa, huxxii ykn mukoota biqilche. Biqiltuuwwan kun, lafti bareedduu akka taatu godhu. Haata’u malee, biqiltuuwwan kun faayidaa garabiraas qabu. Isaan keessaa baay’eensaanii, nyaata mi’aawu nuuf argamsiisu.

Booddees, Waaqayyo qurxummiiwwan bishaan keessa jiraatan, simbirroowwan samii keessa balali’an uume. Kana malees, Waaqayyo saroota, adurroota, fardeeniifi bineensota gurguddaafi xixiqqoo uume. Naannoo mana keessaniitti bineensota akkamiitu argama? Waaqayyo wantoota kana hundaa waan nuu uumeef gammaduu hin qabnuu?

Dhumarrattis, Waaqayyo kutaa lafaa keessaa bakka tokko erga filatee booda, iddoo kana bakka addaa godhee qopheesse. Iddoo kanas, iddoo dhaaba ashaakiltii Eeden jedhee waame. Iddoon kun iddoo baay’ee gaarii ture. Wanti achitti argamu hundinuu baay’ee kan miidhagu ture. Waaqayyos, guutummaan biyya lafaa akka iddoo dhaaba ashaakiltii kanaa akka ta’u barbaadee ture.

Mee amma fakkii dhaaba ashaakiltii kana irra deebi’ii ilaali. Waaqayyo wanti tokko akka hir’ate hubatee ture. Wanti hir’ate kun maal akka ta’e beektaa? Maal akka ta’e mee haa ilaallu.